SEENAA JIREENYAA
Harki Koo Akka hin Laafne Murtoo Cimaa Godheen Ture
“ABAYYEE,” “PAAPAA,” “EESSUMAA.” Maqaawwan kun maqaa dargaggoonni Betʼel keessa jiran hedduun yeroo baayʼee ittiin na waamani dha. Maanguddoo umurii waggaa 89 waanan taʼeef, maqaa kanaan waamamuunkoo natti tola. Jaalalaan kakaʼanii maqaawwan kanaan na waamuun isaanii, eebba Yihowaan tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 72 dabarsuu kootiin naaf kenne akka taʼe natti dhagaʼama. Muuxannoo Waaqayyoon tajaajiluudhaan argadhe irratti hundaaʼuudhaan, ‘Isin garuu gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, harki keessan hin laafin’ jedhee afaan koo guutee dargaggootaaf mirkaneessuu nan dandaʼa.—2 Sen. 15:7, NW milj.
WARRA KOO FI OBBOLAA KOO
Warri koo Yukreenii godaananii Kaanaadaa jiraachuu jalqaban. Achiis magaalaa Roosbarni ishii bulchiinsa Maanatoobaa taate keessa jiraachuu jalqaban. Haati koo dhiira 8 fi durba 8 deesse; garuu lakkuu miti, ani immoo 14ffaan ture. Abbaan koo Kitaaba Qulqulluu kan jaallatu taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo hunda Dilbata ganama ganama nuuf dubbisa ture. Amantiin garuu tooftaa ittiin qarshii argatan akka taʼe godhee ilaala ture; yeroo baayʼees “Yesuus yeroo lallabaa fi barsiisaa turetti eenyuutu isaaf kaffalaa ture laata?’ jedhee qoosa ture.
Yeroo booda obbolaa koo keessaa saddeet, jechuunis dhiira afurii fi durbi afur dhugaa fudhataniiru. Obboleettiin koo Rooz hanga duutetti qajeelchituu taatee tajaajilaa turte. Yeroo duʼuu jala geessetti Dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannaa akka kennan namoota hunda jajjabeessuudhaan, “Addunyaa haaraa keessatti isin arguun barbaada” jechaa turte. Obboleessi koo hangafaa Teed immoo, jalqaba irratti nama waaʼee bara baraaf ibiddaan gubachuu lallabu ture. Yeroo hundaa Dilbata ganama raadiyoodhaan ni lallaba ture; cubbamoonni boolla ibiddi isaa hin dhaamne keessatti bara baraaf akka gubatan cimsee, akkasumas irra deddeebiʼee dubbachuudhaan dhaggeeffattoota isaa doorsisa ture. Yeroo booda garuu, nama amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu fi hinaaffaa qabu taʼeera.
TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU
Gaaf tokko, jechuunis Waxabajjii 1944 yeroon mana barumsaatii deebiʼu, buukleetii Za Kaamiingi Woorlid Riijanareshin * jedhamu minjaala nyaata irratti nyaannu irra taaʼeen arge. Kaaseen fuula isa jalqabaa dubbisuu eegale, fuula lammaffaas ittan fufe, achiis dubbisuu koo dhaabuu hin dandeenye. Guutummaa buukleetichaa dubbisee yommuun xumuru, akkuma Yesuus Yihowaa tajaajiluufan murteesse.
Buukleetiin kun minjaala keenya irratti argamuu kan dandaʼe akkamitti? Obboleessi koo hangafaa Istiiv, “Namoonni kitaabotaa fi buukleetota gurguran lama mana keenya dhufanii turan” jedhe. “Saantima shan qofa waan taʼeefan buukleeticha bite” naan jedhe. Namoonni
sun Dilbata itti aanu deebiʼanii dhufan. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu isaanii fi gaaffii namoonni gaafataniif Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii deebii akka kennan nuti himan. Warri keenya Dubbii Waaqayyootiif kabaja akka qabaannu godhanii waan nu guddisaniif, wanti namoonni kun dubbatan nutti tole. Kana malees, namoonni sun lamaan Dhugaa Baatonni dhiheenyatti magaalaa Wiinpeeg bakka obboleettiin koo Eelsiin jiraattu keessatti walgaʼii naannoo akka qaban nutti himan. Anis walgaʼii naannoo sana irratti argamuufan murteesse.Wiinpeeg gaʼuuf daandii mijataa hin taane irra biskileetii kootiin kiiloo meetira 320 kanan deeme siʼa taʼu, magaalaa Kelwuud bakka Dhugaa Baatonni lamaan mana keenya dhufanii turanitti goreen ture. Yeroon achi turetti walgaʼii irratti kanan argame siʼa taʼu, gumii jechuun maal jechuu akka taʼe bareera. Kana malees, dhiira, dubartii, ijoollee utuu hin jedhin, namni hundi akkuma Yesuus manaa gara manaa deemee barsiisuu akka qabu hubadheera.
Wiinpeegitti obboleessa koo hangafaa Jaak jedhamuu fi walgaʼii naannoo sana irratti argamuuf kaaba Oontaariyootii dhufee turee wajjinan wal arge. Guyyaa jalqabaa walgaʼii naannoo sanaatti, obboleessi tokko sirni cuuphaa akka jiru beeksisa dubbate. Anii fi Jaak walgaʼii naannoo kana irratti cuuphamuuf murteessine. Lamaan keenya iyyuu erga cuuphamnee booda utuma baayʼee hin turin qajeelchitoota taanee tajaajiluuf murteessinee turre. Jaak akkuma walgaʼiin naannoo sun xumurameen qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Yeroo kanatti umuriin koo waggaa 16 waan tureef, gara mana barumsaatti deebiʼuun qaba ture; waggaa itti aanu garuu anis qajeelchaa yeroo hundaan taʼe.
QAJEELCHAA TAʼUUDHAAN WANTOOTA HEDDUU BARACHUU
Istan Nikolsanii wajjin magaalaa Sooriis ishii bulchiinsa Maanatoobaa taate keessatti qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun salphaa akka hin taane hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Qarshiin qabnu nu jalaa dhumaa kan jiru taʼus, lallabuu keenya itti fufneerra. Gaaf tokko, guyyaa guutuu lallabaa oollee gara manaatti yommuu deebinu baayʼee beelofnee turre; garuu qarshii tokko illee hin qabnu. Nyaanni hedduun balbala keenya irra kaaʼamee arguun keenya baayʼee nu dinqisiise! Hanga guyyaa harʼaatti, nama nyaata kana nuuf kaaʼe hin beeknu. Galgala sana akka gaariitti nyaanne. Kun badhaasa guddaa harki keenya akka laafu waan hin gooneef arganne dha! Dhuma jiʼa sanaatti, jireenya koo keessatti sana dura akka yeroo sanaa furdadhee hin beeku.
Jiʼoota muraasa booda, magaalaa Giilbarti Pileeyinsi ishii kaaba Soorisitti argamtuu fi kiiloo meetira 240 fagaattee jirtutti ramadamne. Yeroo sanatti, gumiiwwan hunda keessatti chaartii guddaan sochii tajaajila dirree jiʼa jiʼaan gumichi godhe argisiisu waltajjii irratti ni maxxanfama ture. Jiʼa sochiin gumichaa hirʼate tokkotti, gumichaaf haasaa cimaa obboloonni sochii dabalataa gochuun akka isaan barbaachisu isaan kakaasun kenne. Walgaʼii sana booda, obboleettii maanguddoon qajeelchituu taʼanii fi abbaan manaa isaanii Dhugaa Baatuu hin taane tokko iji isaanii imimmaaniin guutamee, “Carraaqqii guddaa godheera, garuu hamman hojjedhe caalaa hojjechuu hin dandeenye” naan jedhan. Anis dabaree koo nan booʼe, achiis dhiifaman isaan gaafadhe.
Akkuma anaan na mudate, obboleessi dargaggeessi humna qabu tokko salphaatti dogoggora akkasii raawwachuu fi booda immoo ofitti aaruu dandaʼa. Dogoggora raawwanneen harki keenya akka laafu heyyamuu mannaa, dogoggora sana irraa barachuun gaarii akka taʼe hubadheera. Amanamummaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuun eebba argamsiisa.
QABSOO KUUBEEKII KEESSATTI TAASIFAME
Dargaggeessa umurii waggaa 21 taʼee, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 14ffaa isa Guraandhala 1950tti xumurame irratti hirmaachuun anaaf mirga guddaa dha! Barattoota naa wajjin baratan harka afur keessaa harka tokko kan taanu, bulchiinsa Kuubeek Kaanaadaa Afaan Faransaayii dubbatanii fi bakka Dhugaa Baatota irra ariʼatama cimaan gaʼaa turetti ergamne. Ani magaalaa Vaal Door ishii albuudni warqee keessaa baafamuttin ramadame. Gaaf tokko, gareedhaan taanee mandara nutti dhihoo jirtuu fi Vaal Senviil jedhamtutti lallabuu deemne. Qeesiin achi jiru tokko garuu, hatattamaan mandaricha gadhiisnee baʼuu baannaan akka nu reebsisu dubbachuudhaan nu doorsise. Doorsisa isaa kanaan kan kaʼe dhimmichi gara mana murtiitti kan geeffame siʼa taʼu, anis himata dhiheesseera. Qeesiin sunis qarshiidhaan akka adabamu godhameera. *
Haalli uumame kunii fi wantoonni kanaa wajjin wal fakkaatan hedduun “Qabsoo Kuubeek Keessatti Taasifaman” argisiisu. Bulchiinsi Kuubeek waggoota 300 oliif Waldaa Kaatolikii Roomaatiin hogganamaa ture.
Qeesonnii fi namoonni siyaasaa isaanii wajjin hariiroo qaban, Dhugaa Baatota Yihowaa irratti ariʼatama geessisaa turaniiru. Lakkoofsi keenya muraasa waan tureef yeroon isaa salphaa hin turre; taʼus harki keenya akka laafu hin heyyamne. Namoonni Kuubeek garaa qajeelaa qabanis deebii gaarii kennaniiru. Namoota dhugaa fudhatan gara garaa qoʼachiisuuf mirga argadheera. Namoota ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu keessaa tokko miseensota maatii kudhan qaba. Yeroo boodas guutummaan maatichaa Yihowaa tajaajiluu jalqabaniiru. Ija jabeeyyii taʼuun isaanii, warri kaanis Waldaa Kaatolikii gadhiisanii akka baʼaniif fakkeenya taʼeera. Lallabu keenya kan itti fufne siʼa taʼu, oolee bulees qabsoo sana irratti injifannoo arganneerra!QOOQA ISAANIITIIN OBBOLOOTA LEENJISUU
Bara 1956tti, Heeyitii keessatti akkan tajaajilun ramadame. Misiyoononni haaraan achi turan baayʼeen Afaan Faransaayi barachuuf walʼaansoo gochaa kan turan taʼanis, namoonni isaan dhaggeeffatu turan. Misiyooniin Istaanlii Boogas jedhamu, “Namoonni yaada keenya ibsuu akka dandeenyu nu gargaaruuf, wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuun isaanii baayʼee nu dinqisiisa ture” jedheera. Kuubeek keessatti Afaan Faransaayii waanan baradhee tureef, kun jalqaba irratti anaaf carraa gaarii ture. Utuma baayʼee hin turin garuu, obboloonni biyyichaa harki caalaan qooqa Heeyitii Kiriiʼol jedhamu qofa akka dubbatan hubanne. Kanaaf nuti misiyoononni buʼa qabeeyyii taʼuu yoo barbaanne, qooqa biyyichaa barachuu qabna turre. Qooqicha barachuuf carraaquu keenyaanis eebbaa arganneerra.
Caalaatti obboloota gargaaruuf, Masaraa Eegumsaa fi barreeffamoota kaan qooqa Heeyitii Kiriiʼoliin hiikuuf Qaama Ol Aanaa irraa heyyama arganneerra. Kanaan kan kaʼes, guutummaa biyyichaa keessatti lakkoofsi namoota walgaʼii irratti argamanii saffisaan guddateera. Bara 1950tti lakkoofsi babalʼistoota Heeyitii keessa turanii 99 siʼa taʼu, lakkoofsi kun bara 1960tti gara babalʼistoota 800 olitti guddateera! Betʼel keessa akkan tajaajilu kanan ramadame yeroo kanatti ture. Bara 1961tti immoo, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa geggeessuu irratti hirmaachuun koo na gammachiiseera. Jaarsolii gumii fi qajeelchitoota addaa 40 taʼan leenjisuu dandeenyeerra. Walgaʼii naannoo Amajjii 1962 geggeeffame irrattis, obboloonni biyyichaa gaʼumsa qaban tajaajila isaanii akka balʼifatan kan jajjabeessine siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko qajeelchitoota addaa taʼanii muudamaniiru. Ariʼatamni baayʼee utuu hin turin waan kaʼeef, kun kan raawwatame yeroo gaariitti ture.
Walgaʼii naannoo sana booda Amajjii 23, 1962tti anii fi misiyooniin Aandirwu Daameekoo jedhamu waajjira damee keessatti kan qabamne siʼa taʼu, Dammaqaa! * Haa taʼu malee, obboloonni biyyichaa leenjiʼanii turan karaa dinqisiisaa taʼeen hojicha itti fufaniiru. Yeroo harʼaatti, jabaatanii waan dhaabatanii fi gama hafuuraatiin guddina waan godhaniif gammachuu guddaatu natti dhagaʼama. Yeroo ammaatti qooqa Heeyitii Kiriiʼol jedhamuun Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa argataniiru; kun yeroo sanatti waan dandaʼamu hin fakkaatu ture.
Amajjii 8, 1962 (Afaan Faransaayii) kuusaa keessaa fudhatame. Barruun Dammaqaa! gabaasa gaazexaa Afaan Faransaayii, gochawwan hafuurota xuraaʼoo (vuuduu) Heeyitii keessatti akka raawwatamu ibsu irraa caqasee ture. Namoonni tokko tokko wanta jedhame kana hin jaallanne turan; akkasumas yaadichi achuma waajjira damee keessatti kan barreessine isaanitti fakkaatee ture. Torban muraasa boodas, misiyoononni biyyicha keessaa ariʼaman.HOJII IJAARSAA GIDDU GALEESSA RIIPPABLIIKA AFRIIKAA KEESSATTI RAAWWATAME
Ergan Heeyitii keessa tajaajilaa turee booda, misiyoonii taʼee Gidduu Galeessa Riippabliika Afriikaa keessatti akkan tajaajilu ramadame. Boodas, achumatti daawwataa ol aanaa, achiis ilaaltuu ol aanaa waajjira damee taʼee tajaajiluuf mirga argadheera.
Yeroo sanatti, Galmawwan Walgaʼii hedduun sadarkaa gad aanaa irra jiru turan. Bosona keessaa citaa haamuu fi akkamitti akka baaxii manaatti uwwisan baradheera. Hojii haaraa kana hojjechuuf qabsoo gochuun koo, namoonni karaa irra darban akka dinqisiifaman godheera. Kana malees, obboloonni Galmawwan Walgaʼii isaanii ijaaruu fi suphuu irratti caalaatti akka hirmaatanii isaan kakaaseera. Geggeessitoonni amantii waldaaleen isaanii baaxii qorqorroo kan qabu, kan keenya garuu citaa taʼuu isaatiin nutti qoosu turan. Nuti garuu kanaan utuu abdii hin kutatin, Galmawwan Walgaʼii baaxii citaa qaban keessatti walgaʼuu keenya itti fufneerra. Qoosaan isaanii kun, yommuu obomboleettii cimaan magaalaa guddittii Baanguwii rukutetti dhaabateera. Baaxii qorqorroo waldaa isaanii irraa kaasee, daandii guddaa irra buuse. Galmi Walgaʼii keenya inni citaadhaan hojjetame garuu homaa hin taane. Hojii Mootummichaa caalaatti toʼachuuf akka gargaaruuf, jiʼa shan gidduutti waajjira damee haaraa fi mana misiyoonotaa ijaaruu dandeenyeerra. *
GAAʼELA DHAABBACHUUDHAAN, HAADHA MANAA HINAAFFAA QABDUU WAJJIN TAJAAJILUU
Bara 1976tti hojiin Mootummichaa Gidduu Galeessa Riippabliika Afriikaa keessatti waan dhorkameef, biyya ollaa magaalaa guddittii Chaad, Anjaameenaa keessatti akkan tajaajilun ramadame. Kan nama gammachiisu immoo, qajeelchituu addaa hinaaffaa qabduu fi Haappii jedhamtu ishii lammii Kaameruun taatee wajjin wal barre. Achiis Ebla 1, 1978tti gaaʼela godhanne. Jiʼuma sana keessa waraanni waliinii kan jalqabe siʼa taʼu, nutis akkuma namoota kaanii gara kibba biyyichaatti baqanne. Waraanichi erga darbee booda gara mana keenyaatti yommuu deebinu, manni keenya dhaabata garee hidhattootaa taʼee ture. Kan nu jalaa bade barreeffama qofa utuu hin taʼin, uffata misirroo (veelloo) Haappii fi kennaawwan yommuu gaaʼela godhannetti nuuf kennaman turan. Haa taʼu malee, harki keenya akka laafu hin heyyamne. Nuti gargar waan hin baaneef hojiiwwan dabalataa hojjechuuf qophaaʼoo turre.
Gara waggaa lamaa booda, hojiin Mootummichaa Gidduu Galeessa Riippabliika Afriikaa keessatti dhorkamee ture ni kaafame. Kanaaf, achitti deebinee hojii daawwannaa irratti hirmaachuu jalqabne. Kan jiraannu konkolaataa siree dachaʼu qabu keessa siʼa taʼu, barmeela bishaan liitrii 200 baatu, firiijii bobaʼaadhaan hojjetuu fi buttaa gaazii qaba ture. Iddoodhaa iddootti deemuun rakkisaa ture. Yeroo tokko iddoo tokko gaʼuuf, kellaa poolisotaa 117tti sakattaʼaamnee turre.
Hoʼi isaa yeroo baayʼee gara digirii seenti gireedii 50aatti ol kaʼa ture. Walgaʼiiwwan guguddaa irratti bishaan cuuphaadhaaf gaʼu argachuun yeroo tokko tokko rakkisaa dha. Kanaaf obboloonni qarqara lagaa bishaan isaa goge qotanii, suutuma suuta waraabanii bishaan cuuphaadhaaf gaʼu kan walitti kuusan siʼa taʼu, sirni cuuphaas yeroo baayʼee barmeela keessatti raawwatama ture.
BIYYOOTA AFRIIKAA KAANITTIS HOJII DABALATAA HOJJECHUU
Bara 1980tti gara Naayijeeriyaatti jijjiiramne. Achittis waggaa lamaa fi walakkaadhaaf qophii ijaarsaa waajjira damee haaraa ijaaruuf godhamu irratti gargaarsa gooneerra. Obboloonni mana kuusaa fooqii lama qabu bitan diiganii akka haaraatti ijaaruuf qophii gochaa turan. Gaaf tokko ganama, manicha diiguu irratti gargaaruuf gamoo baayʼee ol dheeraa taʼe sana irran ol baʼe. Gara saʼaatii laaqanaatti, akkuman ol baʼe sanaan gad buʼuun jalqabe. Wantoonni baayʼeen diigamanii waan turaniif,
gamoo dheeraa sana irraa kufeen lafa dhaʼe. Miidhaa guddaan kan na irra gaʼe fakkaata ture; raajii (X-rays) ergan kaʼee fi qorannaa yaalii fayyaa ergan godhee booda garuu, doktoorri tokko Haappiidhaan, “Hin yaaddaʼin. Ribuuwwan naannoo qoma isaa jiran muraasa qofatu wal gadhiise; torban tokko gidduutti fayyuu dandaʼa” jedhe.Bara 1986tti gara Koot Diivuwaar kan dhaqne siʼa taʼu, achittis hojii daawwannaa hojjechuu jalqabne. Hojiin kun hanga Burkiinaa Faasoo ishii biyya ollaa taatetti kan nu geessu ture. Waggoota muraasa booda yeroodhaaf Burkiinaa Faasoo keessa jiraanna jennee matumaa yaannee hin beeknu.
Bara 1956tti Kaanaadaatii kanan baʼe siʼa taʼu, waggaa 47 booda jechuunis bara 2003tti Haappii wajjin gara Kaanaadaatti deebine; achiis Betʼel keessa tajaajiluu jalqabne. Waraqaan eenyummaa keenya lammiilee Kaanaadaa akka taane kan ibsu taʼus, nuti garuu lammiilee Afriikaa akka taane nutti dhagaʼama.
Sana booda bara 2007 umurii koo waggaa 79tti gara Afriikaatti deebine! Achiis Burkiinaa Faasoo bakka ani miseensa Koree Biyyaa taʼee itti tajaajilee turettin ramadamne. Boodas waajjirri damee sun waajjira damee Beeniin jala taʼuudhaan waajjira hiikkaa fagoo kan taʼe siʼa taʼu, nutis Hagayya 2013tti Betʼel isa Beeniin keessa jirutti ramadamne.
Haalli koo kan na daangessu taʼus, amma iyyuu tajaajiluu nan jaalladha. Waggoottan darban sadii keessatti gargaarsa jaarsolii fi haadha manaa kootiin, namootan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu lamaan jechuunis Zhadiyanii fi Fireezyas cuuphamaniiru. Isaan yeroo ammaatti hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru.
Yeroodhaaf anii fi haati manaa koo gara waajjira damee Afriikaa Kibbaa, bakka miseensonni maatii Betʼel haala fayyaa kootiif kunuunsa itti naaf godhanitti jijjiiramneerra. Afriikaan Kibbaa biyya Afriikaa torbaffaa ani keessa tajaajiluuf mirga argadhe dha. Achiis Onkoloolessa 2017tti mirga guddaa tokko arganne. Yeroo waajjirri muummee Waarwiik, Niwuu Yoorki jiru murteeffamutti achitti argamuu dandeenyeerra. Yeroo matumaa hin irraanfatamne ture!
Kitaaba Waggaa 1994 fuula 255 irratti akkana jedhamee ture: “Obboloota waggoota hedduudhaaf hojicha irratti dabarsitan akkana jennee isin gorsina: ‘Isin garuu gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa, harki keessan hin laafin.’—2 Sen. 15:7, NW.” Anii fi Haappiin gorsa kana hordofuuf, akkasumas warri kaan akkasuma akka godhan jajjabeessuuf murteessineerra.
^ key. 9 Bara 1944tti Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe. Amma maxxanfamaa hin jiru.
^ key. 18 Mata duree “Qeesiin Tokko Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Miidhaa Waan Geessiseef Itti Murteeffame” jedhuu fi Dammaqaa! Sadaasa 8, 1953, ful. 3-5 irra jiru ilaali. (Ingiliffa)
^ key. 23 Waaʼeen kanaa Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1994 ful. 148-150 irratti balʼinaan ibsameera.
^ key. 26 Mata duree “Hundee Jabaa Irratti Ijaaruu” jedhuu fi Dammaqaa! Caamsaa 8, 1966, ful. 27 irra jiru ilaali. (Ingiliffa)