Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Sanyiin Mootummichaa Inni Jalqabaa Poortugaal Keessatti kan Facaafame Akkamitti?

Sanyiin Mootummichaa Inni Jalqabaa Poortugaal Keessatti kan Facaafame Akkamitti?

DAMBALIIN garba Atilaantiikii doonii gara Awurooppaatti imalaa jiru tokkotti yommuu rukutamu imaltoota sana keessaa tokko kan taʼe Joorji Yaangi sanyii Mootummichaa Biraaziil keessatti facaasee dhufeen kan kaʼe gammachuu isatti dhagaʼame yaadaa ture. * Haa taʼu malee, obboleessi keenya Yaangi imala isaa yommuu itti fufu, ramaddii isaa isa haaraa, jechuunis naannoowwan Ispeen fi Poortugaal warra kanaan dura itti hin lallabamne irratti xiyyeeffate. Akkuma achi gaʼeen, obboleessi keenya Raazarfordi haasaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan akka dhiheessu qophii gochuu fi tiraaktota 300,000 taʼan raabsuuf yaadee ture!

Joorji Yaangi hojii lallabaatiif galaana hedduu qaxxaamureera

Obboleessi keenya Yaangi bara 1925⁠tti yeroo Liizban gaʼu magaalattiin jeequmsaan guutamtee turte. Warraaqsi riipabliikaanoonni bara 1910⁠tti kaasan bittaa moototaa kan hambise taʼu isaa irra iyyuu, Waldaan Kaatolikii aangoo akka dhabdu godhee ture. Uummatichi bilisummaa guddaa argatee kan ture taʼus, jeequmsi biyyattii keessatti kaʼee ture hin dhaabanne.

Obboleessi keenya Yaangi, obboleessi keenya Raazarfordi haasaa akka dhiheessu akkuma qophii godheen, yaalii mootummaa garagalchuuf godhameen kan kaʼe mootummaan labsii hatattamaa baase. Namichi barreessaa Waldaa Kitaaba Qulqulluu Biritaaniyaa fi Biyyoota Alaa taʼe tokko, mormii guddaan akka isa qunnamu obboleessa keenya Yaangi akeekkachiise. Taʼus, obboleessi keenya Yaangi walgaʼii qopheessuuf wiirtuu ispoortii Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Keemoonish kan gaafate yeroo taʼu, heyyamnis ni kennameef!

Achiis guyyaan obboleessi keenya Raazarfordi haasaa itti dhiheessu, jechuunis Caamsaan 13 ni gaʼe. Namoonni guyyaa kana hawwii guddaadhaan eeggachaa turan! Beeksisawwan gamoowwan irratti maxxanfamanii fi gaazexoota irratti baʼan, haasaa sabaa mata duree “Lafa Irra Bara Baraaf Jiraachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu beeksisanii turan. Mormitoonni amantii yeruma sana hordoftoonni isaanii “raajota sobaa” haaraa dhufan irraa akka of eeggatan akeekkachiisuuf mata duree tokko gaazexaa isaanii irratti baasan. Balbala wiirtuu ispoortii sana duratti, mormitoonni birooshura kumaan lakkaaʼamuu fi odeeffannoo barumsa obboleessa keenya Raazarfordi mormu qabatan namootaaf kennu turan.

Haa taʼu malee, namoonni gara 2,000 taʼan wiirtuu ispoortii sana kan guutan yeroo taʼu, namoonni hammasuma taʼan immoo iddoo waan hin arganneef gara mana isaaniitti deebiʼaniiru. Dhaggeeffattonni hawwii guddaa qaban tokko tokko yaabbannoo wadaroo irraa hojjetamanii fi wiirtuu sana maddiitti argaman irra yaabbatanii dhaggeeffatu turan; kaan immoo meeshaalee ispoortii irratti ol baʼanii dhaggeeffatu turan.

Haa taʼu malee, rakkinni tokko tokkos uumamee ture. Mormitoonni iyyuu fi teessoowwan caccabsuu jalqaban. Obboleessi keenya Raazarfordi garuu hin jeeqamne ture; akkasumas suuta jedhee namoonni achi jiran isa dhagaʼuu akka dandaʼaniif minjaala irra ol baʼee dubbachuu isaa itti fufe. Gara halkan walakkaa yeroo haasaa isaa xumuru, namoonni fedhii qabanii fi 1,200 ol taʼan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan argachuuf maqaa fi teessoo isaanii kennanii turan. Guyyaa itti aanutti, gaazexaan Usekuuluu jedhamu mata duree waaʼee haasaa obboleessa keenya Raazarfordi dubbatu baasee ture.

Fulbaana bara 1925⁠tti, Masaraan Eegumsaa Afaan Poortugaaliin qophaaʼu Poortugaal keessatti maxxanfamuu jalqabe. (Sana dura barreeffamni Afaan Poortugaaliin qophaaʼu kun Biraaziil keessatti maxxanfamuu jalqabee ture.) Yeroo kanatti, Barataa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Viirgiloo Farguusan, Biraaziilii kaʼee gara Poortugaal deemuudhaan hojii Mootummichaa hojjechuu irratti gargaarsa gochuuf karoorfachuu jalqabe. Sana dura, obboleessa keenya Yaangi wajjin waajjira damee xinnoo Barattoota Kitaaba Qulqulluu Biraaziil keessatti argamu keessa hojjechaa ture. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin Viirgiloo fi haati manaa isaa Lizeen deebiʼanii obboleessa keenya Yaangi wajjin hojjechuuf gara isaa dhufan. Obboleessi keenya Farguusan achi kan deeme yeroo barbaachisaa taʼetti ture; sababiin isaas obboleessi keenya Yaangi Tokkummaa Sooviyeet dabalatee iddoowwan kaanitti akka tajaajilu waan ramadameef Poortugaaliin gad dhiisee deemuuf ture.

Waraqaa heyyama jireenyaa Lizee fi Viirgiloo Farguusan, bara 1928

Poortugaal keessatti loltoonni humnaan aangoo fudhatanii yommuu mootummaa abbaa irree hundeessanitti, mormiin hojii keenya irratti gaʼus dabalaa dhufe. Obboleessi keenya Farguusan garee Barattoota Kitaaba Qulqulluu xinnoo taʼe sanaaf eegumsa gochuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhateera; akkasumas hojichi akka itti fufu godheera. Achiis mana isaatti walgaʼiin dhaabbataa taʼe akka godhamu heyyama gaafatee ture. Onkoloolessa bara 1927⁠tti, heyyamni kun isaaniif kenname.

Waggaa jalqabaa yeroo mootummaan abbaa irree biyyattii bulchuu eegaletti, namoonni Poortugaal gara 450 taʼan Masaraa Eegumsaa argachuuf kontiraata galanii turan. Kana malees, tiraaktonnii fi buukleetonni iddoowwan kolonii Poortugaal taʼan kanneen akka Angoolaa, Azooras, Keep Vardee, Timoor Dhihaa, Gooʼaa, Maaddiraa fi Moozaambiik keessatti dubbii dhugaa taʼe kana babalʼisanii turan.

Dhuma bara 1920⁠tti, namni gad of qabaan Maanuweel Daa Siilvaa Joordaaʼo jedhamuu fi hojiin isaa biqiltoota kunuunsuu taʼe gara magaalaa Liizban dhufe. Yeroo Biraaziil keessa jiraachaa tureetti, haasaa sabaa obboleessi keenya Yaangi kenne dhaggeeffatee ture. Wanti barate dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffatee ture; akkasumas hojii lallabaa babalʼisuu irratti obboleessa keenya Farguusan wajjin hojjechuuf hawwii guddaa qaba ture. Kana galmaan gaʼuuf, Maanuweel kolportara taʼee tajaajiluu jalqabe (yeroo booda isa qajeelchaa jedhamee dha). Hojiin barreeffamoota maxxansuu fi raabsuu akka gaariitti gurmaaʼee waan tureef, gumiin haaraa Liizban keessatti hundeeffame guddachuu jalqabe!

Bara 1934⁠tti, obboleessi keenya Farguusanii fi haati manaa isaa gara Biraaziilitti deebiʼuu qabu turan. Haa taʼu malee, sanyiin dhugaa facaafamee ture. Yeroo Awurooppaa keessatti Waraanni Waliin Ispeenii fi Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaa kaʼee tureetti, obboloonni Poortugaal lakkoofsaan muraasa turanii fi amanamoo taʼan Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf kutatanii turan. Obboloonni kun yeroodhaaf akka barbadaa dibamee taʼanii kan turan taʼus, bara 1947⁠tti misiyooniin Mana Barumsaa Giilʼaadii leenjiʼee baʼee jalqabaa Joon Kuuk yeroo dhufeetti garuu ibiddi isaanii bobaʼuu jalqabe jechuun ni dandaʼama. Sana booda, lakkoofsi labsitoota Mootummichaa saffisaan guddachuu jalqabe. Bara 1962⁠tti yeroo hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkamee tureetti illee, guddinni kun itti fufee ture. Muddee bara 1974⁠tti, yeroo Dhugaa Baatonni Yihowaa seera biratti beekamtii argatanitti lakkoofsi babalʼistoota biyyichaa 13,000 ol ture.

Yeroo harʼaatti, babalʼistoonni Mootummichaa 50,000 ol taʼan, Poortugaal keessattii fi naannoowwan Afaan Poortugaal itti dubbataman kan akka Azoorasii fi Maaddiraa dabalatee, odoolawwan hedduu keessatti ergaa Mootummichaa lallabaa jiru. Babalʼistoota yeroo harʼaa jiran keessaa tokko tokko ijoollee ijoollee obboloota haasaa seena qabeessa Raazarfordi bara 1925⁠tti kenne dhaggeeffatanii ti.

Yihowaa, akkasumas obboloota amanamoo jalqaba irratti dursa fudhatanii ija jabinaan hojicha babalʼisuu irratti ‘Kiristoos Yesuusiif jedhanii sabootaaf tajaajilaa uummataa’ taʼan guddaa galateeffanna.—Rom. 15:15, 16.—Kuusaa keenya Poortugaalitti argamu keessaa.

^ key. 3 Mata duree “Hojiin Midhaan Sassaabuu Hedduun Hojjetamuu Qaba” jedhamuu fi Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 15, 2014, fuula 31-32 irratti baʼe ilaali.