Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Alaan Mulʼatu Irratti Hundooftanii hin Murteessinaa

Wanta Alaan Mulʼatu Irratti Hundooftanii hin Murteessinaa

“Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.”—YOH. 7:24.

FAARFANNAA: 142, 123

1. Isaayaas waaʼee Yesuus raajii akkamii dubbateera? Raajiin kun hoo kan nama jajjabeessu maaliifi?

ISAAYAAS raajii waaʼee Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos dubbatutti fayyadamee, wanta garaa keenya gammachiisuu fi nu jajjabeessu dubbateera. Isaayaas, “faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhagaʼuu isa hin barbaachisu” jechuudhaan waaʼee Yesuus raajii dubbateera. Inni “warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada.” (Isa. 11:3, 4) Kun kan nu jajjabeessu maaliifi? Addunyaa loogii fi halaalatti nama jibbuudhaan guutame keessa waan jiraannuufi. Hundi keenya iyyuu Abbaa Murtii mudaa hin qabnee fi wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼee hin murteessine qabaachuu barbaanna!

2. Yesuus maal akka goonu nu ajaje? Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

2 Guyyaa hundumaa namootaa wajjin haala wal qabateen murtoo goona. Taʼus namoota mudaa qabnu waan taaneef, akka Yesuusitti murtoo guutummaatti sirrii taʼe murteessuu hin dandeenyu. Wanti ijaan arginu dhiibbaa nu irratti godha. Taʼus, Yesuus yeroo lafa irra turetti ajaja akkana jedhu kenneera: “Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.” (Yoh. 7:24) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus fakkeenya isaa akka hordofnuu fi wanta alaan mulʼatu ilaallee namootatti akka hin murteessine barbaada. Mata duree kana keessatti, dhiibbaawwan yeroo baayʼee namoonni wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼanii akka murteessan taasisan sadii irratti mariʼanna; isaanis sanyii ykn qomoo, qabeenyaa fi umurii dha. Yeroo wantoota kana irratti mariʼannutti, ajaja Yesuus hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni qorra.

SANYII YOOKIIN QOMOO IRRATTI HUNDAAʼANII NAMATTI MURTEESSUU

3, 4. (a) Taʼeewwan kamfaatu Pheexiros ergamaan ilaalcha namoota Yihudoota hin taaneef qabu akka sirreessu isa kakaase? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Yihowaan, Pheexiros dhugaa haaraa isa kam akka hubatu isa gargaare?

3 Mee Pheexiros ergamaan yeroo gara mana Qorneelewos isa nama Yihudii hin turree fi Qisaariyaa keessa ture waamametti yaadawwan sammuu isaa keessatti deddeebiʼaa turan tilmaamuuf yaalaa. (HoE. 10:17-29) Akkuma Yihudoota bara isaatti turan kaanii, Pheexirosis namoota Yihudoota hin taʼin qulqulluu akka hin taane amana ture. Taʼus, taʼeewwan ilaalcha isaa kana akka sirreessu isa taasisan isa mudataniiru. Fakkeenyaaf, Pheexiros mulʼata dinqisiisaa taʼe tokko argee ture. (HoE. 10:9-16) Wanti Pheexiros arge maal ture? Wanta akka huccuu, bineensota xuraaʼoo taʼan qabate samii irraa gara lafaatti yommuu buʼu, sagaleen tokko samii irraa, “Pheexiros, kaʼiitii qalii nyaadhu!” yommuu isaan jedhu dhagaʼe. Pheexiros matumaa hin nyaadhu jedhee dide. Achiis sagaleen samii irraa dhufe sun, “Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu kee dhiisi” jedhee isatti dubbate. Mulʼaticha irraa yommuu dammaqu, Pheexiros wanta sagaleen sun isatti himuuf yaalii gochaa jiru hin hubannee ture. Yeruma sana, namoonni Qorneelewos biraa ergaman gara isaa dhufan. Pheexiros hafuura qulqulluu irraa qajeelfama erga fudhatee booda, namoota ergamanii dhufan sanaa wajjin gara mana Qorneelewos dhaqe.

4 Pheexiros utuu wanta alaan mulʼatu irratti qofa hundaaʼee namoota irratti murteessa taʼee matumaa mana Qorneelewos hin seenu ture. Yihudoonni mana namoota Yihudoota hin taanee hin seenan turan. Utuma jibbi halaalaa guddaan akkasii jiruu Pheexiros gara mana Qorneelewos dhaquuf kan kakaʼe maaliifi? Pheexiros mulʼata argeen garaan isaa baayʼee waan tuqamee fi hafuura qulqulluu irraa jajjabina waan argateef ture. Wanta Qorneelewos jedhe erga dhaggeeffatee booda, Pheexiros, “Waaqayyo namoota akka wal hin caalchisne ani amma dhuguma hubadheera; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba” jedhee kan dubbate hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akka taʼe hin shakkisiisu. (HoE. 10:34, 35) Dhuguma iyyuu, Pheexiros hubannaa dinqisiisaa haaraa taʼee fi iddoo guddaa qabu argateera! Maarree dhugaan waaʼee wal caalchisuu dhiisuu kun Kiristiyaanota hundumaa kan ilaallatu akkamitti?

5. (a) Yihowaan Kiristiyaanonni hundi maal akka hubatan barbaada? (b) Dhugaa kan beekne taʼus, wanti akkamii nu keessatti hafuu dandaʼa?

5 Yihowaan Pheexirositti fayyadamee, Inni namoota akka wal hin caalchisne Kiristiyaanonni hundi akka hubatan gargaareera. Isa duratti sanyiin, qomoon, lammiin, gosni ykn garaa garummaan qooqaa jijjiirama hin fidu. Namni Waaqayyoon sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu kam iyyuu isa biratti fudhatama qaba. (Gal. 3:26-28; Mul. 7:9, 10) Atis kun dhugaa taʼuu isaa amantee akka fudhattu hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, biyya ykn mana jibbi halaalaa itti babalʼate keessatti guddatte yoo taʼe hoo? Namoota akka wal hin caalchisne kan sitti dhagaʼamu taʼus, jibbi halaalaa keessa keetii guutummaatti hin badne taʼa. Pheexiros inni Yihowaan namoota akka wal hin caalchisne ibsuuf mirga argate illee, yeroo booda amala halaalatti nama jibbuu akka qabu argisiisee ture. (Gal. 2:11-14) Yesuusiin dhaggeeffachuu fi wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namootatti murteessuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

6. (a) Jibba halaalaa garaa keenya keessa jiru buqqisnee gatuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (b) Gabaasni obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko dhiheessee ture maal argisiisa?

6 Yaadni ykn miirri jibbi halaalaa kam iyyuu nu keessa jiraachuu isaa beekuuf, Dubbii Waaqayyoo isa ibsaa taʼetti fayyadamnee of eeggannoodhaan of qoruun nu barbaachisa. (Far. 119:105) Kana malees, jibbi halaalaa akka nu keessa jiru beekuu baannus, namoota ilaalcha akkasii akka qabnu hubatan irraa gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe argachuun nu barbaachisa taʼa. (Gal. 2:11, 14) Ilaalchawwan akkasii nu keessatti hundee gadi fageeffachuu waan dandaʼaniif, nu keessa jiraachuu isaanii illee hin hubannu taʼa. Mee akka fakkeenyaatti gabaasa jaarsi gumii tokko hiriyoota gaaʼelaa gaarii taʼanii fi tajaajila yeroo guutuu keessa jiran ilaalchisee waajjira dameetiif dhiheessee ture tokko haa ilaallu. Abbaan manaa sun nama qomoo yeroo baayʼee namoonni kaan gadi aanaa akka taʼetti ilaalan keessaa kan dhufe ture. Taʼus, jaarsi gumii gabaasa kana dhiheesse ofuma isaatii iyyuu namoota qomoo kana taʼaniif jibba halaalaa akka qabu akka hin hubanne haala isaa irraa ifatti mulʼata ture. Gabaasa isaa irratti, waaʼee abbaa manaa sanaa wanta gaarii hedduu dubbateera; taʼus yommuu xumuru akkana jedheera: “Inni nama [lammii kanaa] keessaa kan dhufe taʼus, amalli isaa fi akkaataan jireenyaa isaa namoonni hedduun [gosa kana irraa] dhufan jechuun, dirqama akkuma namoota qomoo [sana] keessaa dhufan hedduu qulqullina hin qaban ykn jireenya gad aanaa jiraatu jechuu akka hin taane warri kaan akka hubatan godheera.” Haala ibsame kana hubattee? Itti gaafatamummaan qabnu maal iyyuu yoo taʼe, jibbi halaalaa xinnoon illee garaa keenya keessa jiraachuu isaa beekuuf of eeggannoodhaan of qoruu fi gargaarsa warra kaanii fudhachuuf fedhii qabaachuu qabna. Kan biraa hoo maal gochuu dandeenya?

7. Garaa keenya balʼisnee akka banne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Garaa keenya balʼisnee yoo banne, halaalatti nama jibbuun jaalalaan akka bakka buʼu heyyamna. (2 Qor. 6:11-13) Namoota sanyii kee, qomoo kee, lammii kee fi gosa kee taʼan ykn qooqa kee dubbatanii wajjin qofa michoomuun barsiifata sitti taʼeera? Taanaan ilaalcha kee balʼifadhu. Namoota akkaataa guddinaa si irraa adda taʼe qabanii wajjin waliin tajaajiluuf maaliif isaan hin gaafattu? Nyaata isaan afeeruuf ykn isaanii wajjin taphachuuf maaliif mana keetti isaan hin afeertu? (HoE. 16:14, 15) Akkas kan gootu yoo taʼe, garaan kee jaalala guddaadhaan waan guutamuuf jibba halaalaatiif iddoo hin qabaatu. Haa taʼu malee, wantoonni wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee akka murteessinu dhiibbaa nu irratti godhan dabalataas jiru. Mee amma immoo waaʼee qabeenyaa haa ilaallu.

SOORUMMAA FI HIYYUMMAA IRRATTI HUNDAAʼANII NAMATTI MURTEESSUU

8. Akka Lewwoonni 19:15 jedhutti, soorummaan ykn hiyyummaan murtoo goonu irratti dhiibbaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti?

8 Sababni gara biraan ilaalcha namoota kaaniif qabnu irratti dhiibbaa godhu immoo qabeenya dha. Lewwoonni 19:15, “Namootaaf qajeeltootti firdii kennaa malee, hiyyeessa ilaaltanii gara isaa hin gorinaa yookiis isa guddaadhaaf [“sooressaaf,” NW] hin looginaa!” jedha. Haa taʼu malee, soorummaan ykn hiyyummaan nama tokkoo ilaalcha nama sanaaf qabnu irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

9. Solomoon dhugaa gaddisiisaa akkamii galmeesseera? Fakkeenyi kun hoo maal nu barsiisa?

9 Hafuurri qulqulluun Solomoon ilmaan namootaa mudaa qaban ilaalchisee dhugaa gaddisiisaa tokko akka galmeessu isa kakaaseera. Fakkeenyi 14:20, “Hiyyeessi ollaa isaa biratti iyyuu in jibbama, sooressi garuu firoota baayʼee qaba” jedha. Fakkeenyi kun maal nu barsiisa? Yoo of eeggachuu baanne, obboloota sooreyyii taʼanitti michoomuuf fedhii qabaachuu fi obboloota hiyyeeyyii taʼan irraa immoo fagaachuu dandeenya. Qabeenya isaanii irratti qofa hundoofne namoota kaan madaaluun balaa guddaa qaba kan jennu maaliifi?

10. Yaaqoob rakkoo akkamii adda baasee ibseera?

10 Qabeenya isaanii irratti hundoofne namoota kaan irratti kan murteessinu yoo taʼe, gumii keessatti namoota wal caalchisuun akka uumamu gochuu dandaʼa. Rakkinni kun gumiiwwan jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko qoqqoodee waan tureef Yaaqoob baratichi akeekkachiisa kennee ture. (Yaaqoob 2:1-4 dubbisi.) Yeroo harʼaattis ilaalchi akkasii gumii keenya keessatti dhiibbaa akka hin goone of eeggachuu qabna. Dhiibbaa wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼuudhaan akka murteessinu nu godhu akkasii wajjin qabsoo gochuu kan dandeenyu akkamitti?

11. Namni tokko sooressa ykn hiyyeessa taʼuun isaa hariiroo Yihowaa wajjin qabu irratti jijjiirama fidu qabaa? Ibsi.

11 Akkuma Yihowaan isaan ilaalutti obboloota keenya ilaaluun barbaachisaa dha. Namni tokko Yihowaa duratti bakka guddaa akka qabaatu kan godhu, sooressa ykn hiyyeessa taʼuu isaa miti. Hariiroon Yihowaa wajjin qabnu, qabeenya hedduu qabaachuu ykn qabeenya dhabuu keenya irratti kan hundaaʼe miti. Yesuus, “Mootummaa samiitti galuun sooressaaf rakkisaa dha” kan jedhe taʼus, Mootummaa samiitti galuu hin dandaʼan hin jenne. (Mat. 19:23) Karaa biraatiin immoo, Yesuus, “Isin warri hiyyeeyyii taatan gammadoo dha; sababiin isaas Mootummaan Waaqayyoo kan keessani” jedheera. (Luq. 6:20) Taʼus, akkas jechuun hiyyeessi hundi haala adda taʼeen eebbifama, akkasumas barumsa Yesuusiif deebii gaarii kenna jechuu miti. Hiyyeessonni hedduun barumsa Yesuusiif deebii hin kennine turan. Qabxiin isaa ifa dha: Qabeenya namni tokko qabu irratti qofa hundoofnee hariiroo inni Yihowaa wajjin qabu murteessuu hin dandeenyu.

12. Kitaabni Qulqulluun sooressaafis taʼe hiyyeessaaf qajeelfama akkamii kenna?

12 Obbolootaa fi obboleettota sooreyyii fi hiyyeeyyii taʼan hedduu, Yihowaa jaallatanii fi garaa guutuudhaan tajaajilan qabaachuu keenyaan eebbifamneerra. Kitaabni Qulqulluun warra sooreyyii taʼan, “abdii isaanii badhaadhina hin amansiisne irra utuu hin taʼin, Waaqayyo . . . irra akka kaaʼatan” isaan ajaja. (1 Ximotewos 6:17-19 dubbisi.) Karaa biraatiin immoo, Dubbiin Waaqayyoo saba Waaqayyoo hunda, jechuunis sooreyyiis taʼan hiyyeeyyii, qarshii jaallachuu irraa akka of eeggatan isaan gorsa. (1 Xim. 6:9, 10) Dhuguma iyyuu, obboloota keenyaaf ilaalcha akka Yihowaa kan qabnu yoo taʼe, qabeenya qabachuu ykn dhabuu isaanii irratti qofa hundoofnee isaan irratti murteessuuf hin qoramnu. Umurii nama tokkoo ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Namoota kaanitti murteessuuf sababii gaʼaa taʼuu dandaʼaa? Mee haa ilaallu.

UMURII IRRATTI HUNDAAʼANII NAMATTI MURTEESSUU

13. Kitaabni Qulqulluun namoota maanguddoo taʼaniif ulfina kennuu ilaalchisee maal nu barsiisa?

13 Kitaabni Qulqulluun maanguddootaaf ulfina isaaniif malu akka kenninu irra deddeebiʼee nu ajaja. Lewwoonni 19:32, “Ati nama mataa harrii yommuu argitu kaʼiif! Nama dulloomaaf ulfina kenni! Ana Waaqayyo kees sodaadhu!” jedha. Haaluma wal fakkaatuun Fakkeenyi 16:31, “Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti” jedha. Phaawulosis, Ximotewos namoota maanguddoo taʼanitti dubbii jabaa akka hin dubbanne, kanaa mannaa akka abbaatti akka isaan ilaalu isa gorsee ture. (1 Xim. 5:1, 2) Ximotewos obboloota maanguddoo taʼan akkasii irratti hamma tokko aangoo qabaatus, gara laafinaa fi kabajaan isaan qabu qaba ture.

14. Haalli sirriin nama umuriidhaan nu caaluuf gorsaa fi sirreeffama barbaachisu kennuu itti dandeenyu yoom taʼuu dandaʼa?

14 Haa taʼu malee, qajeelfama kana kan hordofnu hamma maaliitti dha? Fakkeenyaaf, maanguddoon tokko taʼe jedhee cubbuu kan hojjetu ykn wanta Yihowaan itti hin gammadne kan raawwatu yoo taʼe, calluma jennee dhiisuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu qabaa? Yihowaan waan alaan mulʼatu irratti hundaaʼee hin murteessu, akkasumas namni taʼe jedhee cubbuu raawwatuu sun maanguddoo waan taʼee qofa callisee bira hin darbu. Dhugaa buʼuuraa Isaayaas 65:20 [NW] irra jiru qalbeeffadhaa: “Namni cubbamaan waggaa dhibba kan guutee yoo taʼe illee ni abaarama.” Dhugaan buʼuuraa kanaa wajjin wal fakkaatu mulʼata Hisqiʼel arge tokko irrattis ibsameera. (His. 9:5-7) Kanaaf, yeroo hunda wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu, Yihowaa isa bara baayʼee dheeraa jiraateef ulfina kennuu keenya taʼuu qaba. (Dan. 7:9, 10, 13, 14) Akkana kan goonu yoo taʼe, umuriin isaa hammam iyyuu yoo taʼe nama gorsi isa barbaachisu qajeelchuun nu hin sodaachisu.—Gal. 6:1.

Obboloota dargaggoota taʼaniif ulfina ni kennitaa? (Keeyyata 15 ilaali)

15. Dargaggootaaf ulfina kennu ilaalchisee Phaawulos ergamaa irraa maal baranna?

15 Waaʼee dargaggoota gumii keessa jiranii hoo maal jechuutu dandaʼama? Akkamitti isaan ilaaluu qabdu? Phaawulos ergamaan, Ximotewos isa dargaggeessa tureef akkana jedhee barreessee ture: “Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi.” (1 Xim. 4:12) Phaawulos ergaa kana yommuu isaaf barreessu, umuriin Ximotewos jalqaba waggoota 30mmanii keessa taʼuu hin oolu. Taʼus, Phaawulos itti gaafatamummaa guguddaa akka raawwatu isaaf kennee ture. Sababiin gorsa kana kennuuf isa kakaase maal iyyuu yoo taʼe, qabxiin isaa ifa dha. Obboloota dargaggoota taʼan umurii isaanii irratti qofa hundoofnee isaanitti murteessuu hin qabnu. Gooftaan keenya Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa guutummaatti kan raawwate, jalqaba umurii waggoota 30mmanii keessa utuu jiruu taʼuu isaa yaadachuun keenya gaarii dha.

16, 17. (a) Jaarsoliin obboleessi tokko tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼuuf gaʼumsa qabaachuu isaa murteessuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Aadaa fi ilaalchi dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessuu kan dandaʼu akkamitti?

16 Tarii aadaa dhiirota dargaggoota taʼaniif iddoo gadi aanaa kennu keessa jiraanna taʼa. Taanaan, jaarsoliin gumii keessa jiran, dargaggoota gaʼumsa qabanii fi tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼanii tajaajiluu dandaʼan akka muudaman yaada kennuu irraa of qusachuu dandaʼu taʼa. Jaarsoliin hundi Kitaabni Qulqulluun obboleessi tokko tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼuuf umuriin isaa hammana taʼuu qaba jedhee akka hin daangessine yaadachuun isaanii gaarii dha. (1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9) Jaarsi tokko aadaa isaa irratti hundaaʼee seera kan baasu yoo taʼe, akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti deddeebiʼaa hin jiru jechuu dha. Obboloonni dargaggoota taʼan ilaalcha dhuunfaa ykn aadaa tokkoon utuu hin taʼin, ulaagaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruun madaalamuu qabu.—2 Xim. 3:16, 17.

17 Ilaalchi aadaa Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne akkasii, obboloonni gaʼumsa qaban akka hin muudamne gufuu taʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Biyya tokko keessatti, tajaajilaan gumii gaʼumsa gaarii qabu tokko itti gaafatamummaa guguddaan isaaf kennamee ture. Jaarsoliin gumii isaa keessa jiran obboleessi dargaggeessa taʼe kun ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu jaarsa gumii tokko irraa barbaadaman guutuu isaa irratti hamma tokko kan irratti walii galan taʼus, jaarsa taʼee akka muudamu yaada hin dhiheessine turan. Jaarsoliin gumii maanguddoo taʼan muraasni, obboleessi kun yeroo ilaalamu baayʼee ijoollee waan fakkaatuuf akka jaarsa gumii tokkootti ilaalamuu akka hin dandeenye cimsanii dubbatan. Kana nama gaddisiisu, obboleessi kun yeroo ilaalamu ijoollee waan fakkaatuuf qofa utuu hin muudamin hafeera. Kana akka fakkeenya tokkootti caqasne malee, gabaasawwan akka argisiisanitti ilaalchi akkasii obboloota hedduu biyyoota gara garaa keessa jiran irratti dhiibbaa geessiseera. Kanaaf, aadaa fi ilaalcha dhuunfaa keenya irratti utuu hin taʼin, Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Yesuusiif ajajamuu fi wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namatti murteessuu dhiisuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha.

MURTII QAJEELAA MURTEESSAA

18, 19. Akka Yihowaan isaan ilaalutti warra kaan ilaaluuf maal gochuutu nu irraa eegama?

18 Mudaa kan qabnu taanus, Yihowaa irraa namoota wal caalchisuu dhiisuu barachuu dandeenya. (HoE. 10:34, 35) Haa taʼu malee, akkas gochuuf gama keenyaan carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu fi yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irraa yaadachiisa argachuun nu barbaachisa. Yaadachiisawwan kana hojii irra oolchuudhaan, ajaja Yesuus wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namootatti akka hin murteessine nuu kenneef ajajamuu irratti fooyyaʼiinsa gochuu dandeenya.—Yoh. 7:24.

19 Dhiheenyatti Mootiin keenya Yesuus Kiristoos, wanta ijaan arguu fi wanta gurraan dhagaʼu irratti hundaaʼee utuu hin taʼin, murtoo qajeelinaatiin ilmaan namootaa hundaaf murtoo kenna. (Isa. 11:3, 4) Kun baayʼee kana nama gammachiisu taʼa!