Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 33

Duʼaa Kaʼuun Jaalala, Ogummaa fi Obsa Waaqayyoo Mulʼisa

Duʼaa Kaʼuun Jaalala, Ogummaa fi Obsa Waaqayyoo Mulʼisa

‘Duʼaa kaʼuun [jira].’—HoE. 24:15.

FAARFANNAA 151 Isaan ni Waama

QABIYYEE *

1. Yihowaan jireenya kan uume maaliifi?

YIHOWAAN yeroo kophaa isaa itti ture qaba. Haa taʼu malee, kun kophummaan akka isatti dhagaʼamu hin goone. Inni karaa kamiin iyyuu hirʼina hin qabu. Taʼus, Waaqayyo warri kaan jireenyatti akka gammadan barbaade. Achiis Yihowaan jaalalaan kakaʼee uumuu jalqabe.—Far. 36:9; 1 Yoh. 4:19.

2. Yommuu Yihowaan wantoota kaan uume Yesuusii fi maleekotatti maaltu dhagaʼame?

2 Jalqaba, Yihowaan Ilma isaa Yesuusiin uume. Achiis, ilma isaa jalqabaa kanatti fayyadamee, uumamawwan hafuuraa yaaduu dandaʼan dabalatee ‘wantoota kaan hunda uume.’ (Qol. 1:16) Yesuus mirga Abbaa isaa wajjin hojjechuuf argatetti gammadeera. (Fak. 8:30) Maleekonni warri ilmaan Waaqayyoo taʼanis gammaduuf sababii qabu turan. Yihowaa fi Hojjetaan isaa inni dandeettii qabu,Yesuus yommuu samii fi lafa uuman ni ilaalu turan. Maarree maleekotatti maaltu dhagaʼame? Yommuu lafti uumamte ‘guddisanii sagalee gammachuu kan dhageessisan’ siʼa taʼu, uumama isaa isa dhumaa nama dabalatee, yeroo inni wantoota kaan hundumaa uumettis gammachuudhaan iyyanii akka turan hin shakkisiisu. (Iyo. 38:7; Fak. 8:31.) Uumamawwan kun hundi jaalalaa fi ogummaa Yihowaa mulʼisu.—Far. 104:24; Rom. 1:20.

3. Akkuma 1 Qorontos 15:21, 22 ibsutti aarsaan furii Yesuus maal argamsiise?

3 Yihowaan maatiin ilmaan namootaa lafa bareedduu inni uume irra bara baraaf akka jiraatan yaadee ture. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan Abbaa isaanii isa jaalala qabeessa irratti yeroo fincila kaasanitti cubbuu fi duuti nama hundumaa waliin gaʼe. (Rom. 5:12) Yihowaan yeroo kanatti maal godhe? Yeruma sanatti, ilmaan namootaa akkamitti akka oolchu ifa godhe. (Uma. 3:15) Yihowaan furii ijoollee Addaamii fi Hewaan cubbuu fi duʼa irraa bilisa baasu dhiheessuuf qophii godhe. Haala kanaan, Yihowaan tokkoon tokkoon namaa isa tajaajiluu fi jireenya bara baraa argachuuf akka filatu isaaf heyyamu dandaʼa.—Yoh. 3:16; Rom. 6:23; 1 Qorontos 15:21, 22 dubbisi.

4. Mata duree kana irratti gaaffiiwwan kamfaa qorra?

4 Abdii Waaqayyo warra duʼan duʼaa kaasuuf kenne ilaalchisee gaaffiiwwan hedduun kaʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, duʼaa kaʼuun kan raawwatamu akkamitti taʼuu dandaʼa? Namoonni jaallannu yommuu duʼaa kaʼan isaaniin adda baasnee ni beeknaa? Duʼaa kaʼuun gammachuu kan nuuf argamsiisu karaawwan kamiini? Kana malees, duʼaa kaʼuu irratti xiinxaluun keenya dinqisiifannaa jaalala, ogummaa fi obsa Yihowaatiif qabnu kan nuuf guddisu akkamitti? Mee gaaffiiwwan kana tokko tokkoon haa qorru.

DUʼAA KAʼUUN KAN RAAWWATAMU AKKAMITTI TAʼUU DANDAʼA?

5. Namoonni karaa qindoomina qabuun suutuma suuta duʼaa kaafamu jedhanii amanuun sirrii kan taʼe maaliifi?

5 Yihowaan namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼaman karaa ilma isaa yommuu duʼaa kaasu, hundi isaanii al tokkotti gara jireenyatti hin deebiʼan jennee yaaduu dandeenya. Maaliif? Namoonni hedduun al tokkotti lafa irratti argamuun isaanii burjaajaʼiinsa uumuu waan dandaʼuufi. Kana malees, Yihowaan matumaa wanta kam iyyuu karaa qindoomina hin qabneen hin hojjetu. Inni nageenyi akka dagaaguuf qindoominni jiraachuu akka qabu beeka. (1 Qor. 14:33) Yihowaan nama uumuu isaa dura, yommuu Yesuusii wajjin hojjechuudhaan suutuma suuta namoonni akka irra jiraataniif lafa qopheessaa turetti ogummaa fi obsa argisiiseera. Yesuusis, yeroo Bulchiinsa Barkumeetti namoonni Armaagedoon irraa oolan warra duʼaa kaʼan simachuuf yeroo lafa qopheessanitti isaanii wajjin hojjechuudhaan amalawwan kana argisiisa.

Namoonni Armaagedoon irraa oolan, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi ulaagaawwan Yihowaa warra duʼaa kaafaman ni barsiisu (Keeyyata 6 ilaali) *

6. Akka Hojiin Ergamootaa 24:15 jedhutti namoonni Yihowaan duʼaa kaasu eenyufaa dabalata?

6 Hunda caalaa immoo warri Armaagedoon irraa oolan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi waaʼee ulaagaawwan Yihowaa namoota duʼaa kaʼan barsiisuun isaan barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaas namoota duʼaa kaafaman keessaa baayʼeen isaanii ‘jalʼoota’ dha. (Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.) Furii Kiristoos irraa fayyadamuuf jijjiirama hedduu gochuun isaan barbaachisa. Namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi waaʼee Yihowaa homaa hin beekne dhugaa waaʼee Waaqayyoo barsiisuun hojii guddaa hangamii akka gaafatu mee yaadi. Akkuma yeroo harʼaa yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu goonu, tokkoon tokkoon namaatiif barumsa wal fakkaatu kenninaa? Namoonni duʼaa kaʼan kun warra isaan booda duʼaa kaʼan akka barsiisaniif gumiiwwanitti ramadamanii leenjii akka argatan ni godhamaa? Kana yommuu yeroon isaa gaʼu argina. Taʼus, dhuma Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti ‘lafti beekumsa Waaqayyootiin akka guutamtu’ ni beekna. (Isa. 11:9) Dhuguma iyyuu waggaan kumni kun yeroo baayʼee gammachiisaa hojii hedduu itti hojjennu dha!

7. Sabni Waaqayyoo yeroo namoota duʼaa kaʼan barsiisanitti miira isaanii hubachuu kan qaban maaliifi?

7 Yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti ijoolleen Yihowaa warri lafa irraa hundi isa gammachiisuuf jijjiirama gochuu qabu. Kanaaf, isaan namoonni duʼaa kaʼan, fedha cubbuu raawwachuu akka dandamatanii fi akka ulaagaa Yihowaatti jiraachuu akka dandaʼan yommuu gargaaranitti hundi isaanii miira namaa akka hubatan ni argisiisu. (1 Phe. 3:8) Namoonni duʼaa kaʼan kunis, saba Yihowaa warra gad of qabanii fi akkuma isaanii ‘fayyina isaanii mirkaneessuuf carraaqqii cimaa godhanitti’ akka dhihaatan hin shakkisiisu.—Filp. 2:12.

NAMOOTA DUʼAA KAʼAN ADDA BAASNEE BEEKUU NI DANDEENYAA?

8. Namoonni warra duʼaa kaʼan simatan namoota jaallatan ni hubatu jennee yaaduuf sababa qabna kan jennu maaliifi?

8 Sababiiwwan hedduudhaan kan kaʼe, namoonni warra duʼaa kaʼan simatan, namoota jaallatan adda baasanii beekuu ni dandaʼu jennee yaaduu dandeenya. Fakkeenyaaf, duʼaa kaʼuu kanaan dura raawwatame irraa kaʼuudhaan, Yihowaan deebisee kan isaan uumu, namoonni duʼuu isaanii yeroo muraasa dura, bifa qaban, akkaataa itti dubbatanii fi akkaataa itti yaadan deebisanii akka qabaatan godhee ti. Yesuus duʼa hirribaa wajjin duʼaa kaʼuu immoo hirribaa kaʼuu wajjin akka wal fakkeesse yaadadhu. (Mat. 9:18, 24; Yoh. 11:11-13) Namoonni yeroo hirribaa kaʼan bifti isaanii fi akkaataan itti dubbatan isuma rafuu isaanii dura ture siʼa taʼu, wanti sammuu isaanii keessa jirus isuma duraanii ti. Mee fakkeenya Alaazaar haa ilaallu. Guyyaa afuriif duʼee waan tureef, qaamni isaa tortoruu jalqabee ture. Taʼus, yeroo Yesuus duʼaa isa kaasetti, obboleettonni isaa yeruma sana isa beekanii kan turan siʼa taʼu, Alaazaaris isaan yaadatee akka ture hin shakkisiisu.—Yoh. 11:38-44; 12:1, 2.

9. Namoonni duʼaa kaʼan sammuu fi qaama mudaa hin qabne qabaatanii duʼaa kan hin kaane maaliif?

9 Yihowaan bulchiinsa Kiristoos jalatti namni “na dhukkuba” jedhu tokko illee akka hin jiraanne waadaa galeera. (Isa. 33:24; Rom. 6:7) Kanaaf, warri duʼaa kaʼan qaama fayyaa qabaatanii kaʼu. Haa taʼu malee, yeruma sanatti mudaa kan hin qabne hin taʼan. Yoo akkas taʼan garuu, namoonni isaan jaallatan isaan waan wallaalan fakkaata. Ilmaan namootaa hundi, Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti mudaa kan hin qabne kan taʼan irraa jalaan taʼuu hin oolu. Yesuus Mootummicha deebisee Abbaa isaatti kan kennu xumura waggaa kumaatti qofa dha. Yeroo sanatti Mootummichi ilmaan namootaa gonka qabeeyyii gochuu dabalatee, hojii isaa guutummaatti xumura.—1 Qor. 15:24-28; Mul. 20:1-3.

DUʼAA KAʼUUN GAMMACHUU KAN NUUF ARGAMSIISU KARAA KAMIINI?

10. Duʼaa kaʼuun maaltu akka sitti dhagaʼamu taasisa?

10 Namoota jaallattu deebistee simachuun maal fakkaachuu akka dandaʼu mee yaadi. Gammachuun sitti dhagaʼamu akka boossu moo akka kolfitu si taasisa? Yihowaadhaaf faarfannaa jajannaa faarfachuuf kakaataa? Wanta tokko beekna; Abbaan keenya inni jaalala qabeessii fi Ilmi isaa inni ofittummaa irraa bilisa taʼe duʼaa kaʼuun akka jiraatu waan godhaniif, jaalala guddaa isaaniif qabaanna.

11. Akkuma Yesuus Yohaannis 5:28, 29, irratti dubbate warri akka ulaagaa Waaqayyootti jiraatan maal argatu?

11 Namoonni duʼaa kaʼan, namummaa moofaa of irraa baasanii, ulaagaa Waaqayyoo warra qajeeloo wajjin yommuu wal simanii jiraatan gammachuun hangamii akka isaanitti dhagaʼamu mee yaadi. Warri jijjiirama akkasii godhan Jannata keessa bara baraaf akka jiraatan isaaniif heyyamama. Gama biraatiin immoo, warri Waaqayyo irratti fincilan nageenya Jannataa akka jeeqan isaaniif hin heyyamamu.—Isa. 65:20; Yohaannis 5:28, 29 dubbisi.

12. Namoonni lafa irra jiraatan hundi eebba Yihowaa kan argatan akkamitti?

12 Bulchiinsa Mootummichaa jalatti sabni Waaqayyoo hundi yaadni, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedhuu fi Fakkeenya 10:22 irra jiru dhugaa taʼuu isaa ni hubatu. Gargaarsa hafuura Yihowaatiin, sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa badhaadhota taʼu, jechuunis caalaatti Kiristoosiin fakkaachaa deemu, akkasumas mudaa kan hin qabne taʼu. (Yoh. 13:15-17; Efe. 4:23, 24) Guyyuma guyyaadhaan qaamni isaanii cimaa fi nama gaarii taʼaa deemu. Jireenyi yeroo sanaa hangam gammachiisaa taʼa. (Iyo. 33:25) Taʼus, yeroo ammaatti abdii duʼaa kaʼuu irratti xiinxaluun kan si gargaaru akkamitti?

JAALALA YIHOWAA DINQISIIFADHAA

13. Faarfannaa 139:1-4 wajjin haala wal simuun, duʼaa kaʼuun Yihowaan waaʼee keenya hangam akka beeku kan argisiisu akkamitti?

13 Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan namoota yommuu duʼaa kaasu, yaadannoo isaanii fi amala eenyummaa isaanii adda baasee beeksisu deebisee isaaniif kenna. Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Yihowaan baayʼee waan si jaallatuuf, wanta ati yaaddu, wanta sitti dhagaʼamu, wanta dubbattuu fi wanta gootu hunda ni hubata, akkasumas hin irraanfatu. Kanaafuu, yommuu duʼaa si kaasu, yaadannoo kee, ilaalchaa kee fi amala eenyummaa kee adda baasu salphaatti siif deebisuu dandaʼa. Daawit Mootichi Yihowaan hunda keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennu hubatee ture. (Faarfannaa 139:1-4 dubbisi.) Yihowaan hangam akka nu beeku hubachuun keenya dhiibbaa kan nu irratti godhu akkamitti?

14. Yihowaan hangam akka nu beeku xiinxaluun keenya maaltu akka nutti dhagaʼamuu gochuu qaba?

14 Yihowaan hangam akka nu beeku yommuu xiinxallu, sodaan nutti dhagaʼamuu hin qabu. Maaliifi? Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu yaadadhu. Amalawwan tokkoon tokkoon keenya adda baasanii beeksisaniif iddoo guddaa kenna. Wantoota jireenya keenya keessatti dabarsinee fi eenyummaa keenya irratti dhiibbaa godhan sirriitti ni hubata. Kun yaada baayʼee nama jajjabeessudha! Kophaa akka taane matumaa nutti dhagaʼamuu hin qabu. Yihowaan yeroo hundumaa nu wajjin jira akkasumas nu gargaaruu ni barbaada.—2 Sen. 16:9.

OGUMMAA YIHOWAA DINQISIIFADHAA

15. Abdiin duʼaa kaʼuu ogummaa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?

15 Sodaan duʼaa meeshaa waraanaa humna guddaa qabu dha. Warri toʼannaa Seexanaa jala jiran namoonni michoota isaanii akka ganan ykn ejjennoo isaanii akka laaffisan gochuuf meeshaa kanatti fayyadamu. Taʼus, doorsisni akkasii nu irratti humna hin qabu. Diinonni yoo nu ajjeesan, Yihowaan jireenya keenya deebisee akka nuuf kennu beekna. (Mul. 2:10) Wanti isaan godhan kam iyyuu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu addaan kutuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo dha. (Rom. 8:35-39) Yihowaan abdii duʼaa kaʼuu nuu kennuudhaan ogummaa guddaa akka qabu argisiiseera! Akkasumas abdii kanaan meeshaa Seexanaa isa cimaa taʼe isa hiikkachiiseera, nuun immoo ija jabina laafuu hin dandeenye nu hidhachiiseera.

Murtoon keenya Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuu guutuuf waadaa gale irratti amanannaa akka qabnu ni argisiisaa? (Keeyyata 16 ilaali) *

16. Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabda? Deebiin ati kennitu Yihowaa hangam akka amanattu kan argisiisu akkamitti?

16 Diinonni akka si ajjeesan yoo si doorsisan, Yihowaan duʼaa akka si kaasu amanannaa qabdaa? Yeroo sanatti isatti amanamuu fi dhiisuu kee akkamitti beekta? Karaan kana itti beektu tokko, ‘Murtoo xixinnoon ani guyyaa guyyaatti godhu, Yihowaatti akkan amanamu argisiisaa?’ jettee of gaafachuu dha. (Luq. 16:10) Gaaffiin kan biraan immoo, ‘Akkaataan yeroo fi qarshii koo itti fayyadamu, Mootummaa Yihowaatiif dursa yoon kenne, inni wanta jireenyaaf na barbaachisu akka naaf guutu abdii inni kennetti akkan amanamu ni argisiisaa?’ kan jedhu taʼuu dandaʼa. (Mat. 6:31-33) Deebiin gaaffiiwwan kanaa eeyyee taanaan, Yihowaatti akka amanamtu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa akkasumas qorumsa fuulduratti si mudatu kam iyyuu moʼuuf qophaaʼaa taata.—Fak. 3:5, 6.

OBSA YIHOWAA DINQISIIFACHUU

17. (a) Duʼaa kaʼuun Yihowaan obsa qabeessa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti? (b) Obsa Yihowaa akka dinqisiifannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

17 Yihowaan guyyaa fi saʼaatii sirna moofaa kana itti balleessu murteesseera. (Mat. 24:36) Inni obsa dhabee yeroon isaa utuu hin gaʼin tarkaanfii hin fudhatu. Warra duʼan duʼaa kaasuuf hawwii guddaa kan qabu taʼus, obsaan eega. (Iyo. 14:14, 15) Gara jireenyaatti isaan deebisuuf, hanga yeroo sirriin gaʼutti eegaa jira. (Yoh. 5:28) Obsa Yihowaa dinqisiifachuuf sababii gaʼaa qabna. Mee yaadi: Yihowaan obsa argisiisuu isaatiin kan kaʼe, nuun dabalatee namoonni hedduun ‘yaada geddarachuuf’ yeroo argachuu dandaʼaniiru. (2 Phe. 3:9) Yihowaan hamma dandaʼametti namoonni hedduun carraa jireenya bara baraa akka argatan barbaada. Kanaafuu, obsa isaa akka dinqisiifannu haa argisiisnu. Akkamitti? Namoota, “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” dhimminee barbaaduudhaan akkasumas Yihowaa akka jaallatanii fi akka isa tajaajilan gargaaruudhaani. (HoE. 13:48) Taanaan, isaanis akkuma keenya obsa Yihowaa irraa ni fayyadamu.

18. Warra kaanitti obsa argisiisuu kan qabnu maaliifi?

18 Yihowaan hanga xumura waggaa kumaa yeroo nuti mudaa kan hin qabne taanutti obsaan eega. Hanga yeroo sanaatti Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf gochuuf fedhii qaba. Kanaafuu, nutis wanta gaarii warri kaan qaban irratti xiyyeeffachuu fi obsa isaanitti argisiisuuf sababii gaʼaa qabna. Mee fakkeenya obboleettii abbaan manaa ishii dhiphina guddaadhaan qabamee walgaʼii irratti argamuu dhaabe tokkoo haa ilaallu. Obboleettiin kun, “Haalli kun naaf baayʼee ulfaataa ture” jetteetti. “Maatii keenya ilaalchisee karoorri nuti baafanne tasa jijjiirame.” Taʼus, haati manaa jaalala qabeettii taate kun yeroo kana hundatti abbaa manaa ishiitti obsa argisiisteetti. Yihowaatti amanamteetti akkasumas matumaa abdii hin kutanne. Ishiinis rakkinicha dandamachuudhaan akkuma Yihowaa wanta gaarii abbaan manaa ishii qabu irratti xiyyeeffatteetti. Akkas jetteetti: “Abbaan manaa koo amalawwan gaggaarii qaba akkasumas suutuma suuta fooyyaʼuuf wanta dandaʼu hunda gochaa jira.” Maatii ykn gumii keenya keessatti namoota haala rakkisaa moʼuuf carraaqanitti obsa argisiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!

19. Maal gochuuf murteessuu qabna?

19 Yesuusii fi maleekonni yeroo lafti jalqaba uumamtetti baayʼee gammadanii turan. Taʼus, lafti namoota mudaa hin qabne, Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilaniin guutamuu ishii arguun hammam akka isaan gammachiisu mee yaadi. Namoonni Kiristoosii wajjin akka bulchaniif lafa irraa gara samii dhaqan, ilmaan namootaa hojii isaanii irraa fayyadamaa akka jiran arguun hammam akka isaan gammachiisu mee yaadi. (Mul. 4:4, 9-11; 5:9, 10) Akkasumas yeroo imimmaan dhiphinaa imimmaan gammachuutiin bakka buʼu, dhukkubni, gaddii fi duuti bara baraaf badu jiraachuun maal akka fakkaatu mee yaadi. (Mul. 21:4) Hamma yeroo sanaatti fakkeenya Abbaa kee isa jaalala qabeessa, ogeessaa fi obsa qabeessa taʼee hordofuuf murtoo godhi. Taanaan, qorumsi si mudatu maal iyyuu yoo taʼe, gammachuu kee eegdee jiraachuu ni dandeessa. (Yaq. 1:2-4) Eeyyee, waadaa Yihowaan ‘duʼaa kaʼuun [jira]’ jechuudhaan galeef baayʼee isa galateeffanna!—HoE. 24:15.

FAARFANNAA 141 Jireenyi Ajaaʼiba

^ key. 5 Yihowaan Abbaa jaalala, ogummaa fi obsa qabu dha. Amalawwan kana akkaataa inni wantoota hundumaa itti uumee fi waadaa inni warra duʼan gara jireenyaatti deebisuuf gale irraa hubachuu dandeenya. Mata dureen kun waaʼee duʼaa kaʼuu gaaffiiwwan qabaachuu dandeenyu tokko tokko ibsa, akkasumas jaalala, ogummaa fi obsa Yihowaa dinqisiifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Namni waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura duʼe tokko yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti duʼaa kaafamee jira. Obboleessi Armaagedoon irraa oole tokko, namni duʼaa kaafame kun furii Kiristoos irraa fayyadamuuf maal gochuu akka qabu gammachuudhaan barsiisaa jira.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko guyyoota hojii torban gidduutti yeroo baayʼee saʼaatii dabalataa hojjechuu akka hin dandeenye hojjechiisaa isaatti himaa jira. Guyyoota sana galgala sochiiwwan waaqeffannaa Yihowaa wajjin wal qabataniif akka itti fayyadamu ibsaafii jira. Taʼus, guyyoota kan biraatti yeroo baayʼee barbaadamu hojii dabalataa hojjechuuf fedhii akka qabu ibsaaf.