Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 34

Gumii Yihowaa Keessatti Iddoo Qabda!

Gumii Yihowaa Keessatti Iddoo Qabda!

“Akkuma qaamni utuu tokko taʼee jiruu kutaa qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa sunis hedduu yoo taʼan iyyuu qaama tokko taʼan, Kiristoosis akkasuma.”—1 QOR. 12:12.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

QABIYYEE *

1. Mirga akkamii arganneerra?

KUTAA gumii Yihowaa taʼuun keenya mirga guddaa dha! Jannata hafuuraa namoota naga qabeeyyii fi gammadoo taʼaniin guutame keessa jirra. Maarree gumii keessatti gaʼee akkamii qabda?

2. Phaawulos ergamaan xalayaawwan isaa tokko tokko keessatti fakkeenya akkamitti fayyadameera?

2 Fakkeenya Phaawulos ergamaan xalayaawwan isaa geggeessaa hafuuraatiin barreesse tokko tokko keessatti fayyadame irraa waaʼee dhimma kanaa waan hedduu barachuu dandeenya. Phaawulos tokkoon tokkoon xalayaawwan kanaa keessatti gumicha qaama namaa wajjin wal bira qabee ibseera. Tokkoon tokkoon nama gumii keessa jiruu immoo kutaawwan qaamaa wajjin wal bira qabee ibseera.—Rom. 12:4-8; 1 Qor. 12:12-27; Efe. 4:16.

3. Mata duree kana keessatti barumsawwan sadii kamfaa qorra?

3 Mata duree kana keessatti fakkeenya Phaawulos fayyadame irraa barumsa barbaachisaa argannu sadii ilaalla. Tokkoffaa, tokkoon tokkoon keenya gumii Yihowaa keessatti iddoo * akka qabnu baranna. Lammaffaa, iddoo gumii keessatti qabnu hubachuun yoo nu rakkise maal gochuu akka qabnu baranna. Sadaffaa, gaʼee gumii Waaqayyoo keessatti qabnu raawwachuu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliif akka taʼe mariʼanna.

TOKKOON TOKKOON KEENYA GUMII YIHOWAA KEESSATTI GAʼEE QABNA

4. Roomaa 12:4, 5 irraa maal baranna?

4 Fakkeenya Phaawulos irraa barumsi argannu inni tokkoffaan, tokkoon tokkoon keenya maatii Yihowaa keessatti iddoo barbaachisaa qabaachuu keenya dha. Phaawulos fakkeenya isaa akkas jedhee jalqabe: “Akkuma qaamni keenya utuu tokko taʼee jiruu, kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne, nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha; haa taʼu malee, hundi keenya dhuunfaatti kutaa qaama walii ti.” (Rom. 12:4, 5) Ergaan Phaawulos dabarsuu barbaade maal ture? Tokkoon tokkoon keenya gumii keessatti gaʼee gara garaa qabna, taʼus, hundi keenya iyyuu iddoo guddaa qabna.

Gumii keessatti gaʼee gara garaa qabna, taʼus hundi keenya iyyuu iddoo guddaa qabna (Keeyyata 5-12 ilaali) *

5. Yihowaan gumichaaf ‘kennaawwan’ akkamii kenneera?

5 Waaʼee warra gumii keessatti iddoo qabanii yommuu yaaddu, wanti jalqaba sammuu keetti dhufu warra geggeessitoota taʼan taʼuu dandaʼa. (1 Tas. 5:12; Ibr. 13:17) Yihowaan karaa Kiristoos gumii isaatiif ‘dhiirota kennaa’ taʼan akka kenne beekamaa dha. (Efe. 4:8) ‘Dhiironni kennaa’ taʼan kun, miseensota Qaama Ol Aanaa, gargaartota Qaama Ol Aanaa, miseensota Koree Waajjira Damee, ilaaltota ol aanaa aanaa, barsiistota manneen barumsaa tiʼookraasii, jaarsolii gumii fi tajaajiltoota gumii dabalatu. Obboloonni kun hundi, hoolota Yihowaa warra gatii guddaa qaban akka kunuunsanii fi gumicha akka jajjabeessaniif hafuura qulqulluudhaan muudamaniiru.—1 Phe. 5:2, 3.

6. Akka 1 Tasalonqee 2:6-8 jedhutti obboloonni hafuura qulqulluudhaan muudaman maal gochuuf carraaqu?

6 Obboloonni itti gaafatamummaa gara garaa akka raawwataniif hafuura qulqulluudhaan muudamu. Akkuma kutaawwan qaamaa garagaraa kan akka harkaa fi miilaa guutummaa qaamaa fayyaduuf hojjetan, obboloonni hafuura qulqulluudhaan muudamanis guutummaa gumii fayyaduuf jabaatanii hojjetu. Ofii isaaniitiif ulfina argachuu hin barbaadan. Kanaa mannaa, obbolootaa fi obboleettota isaanii ijaaruu fi jajjabeessuuf carraaqqii godhu. (1 Tasalonqee 2:6-8 dubbisi.) Dhiirota ofittoo hin taanee fi gaʼumsa hafuuraa qaban kanaaf Yihowaa ni galateeffanna!

7. Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran hedduun eebbawwan akkamii argachaa jiru?

7 Obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko misiyoonii, qajeelchaa addaa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii muudamuu dandaʼu. Obboloonnii fi obboleettonni addunyaa maratti argaman lallabuu fi barattoota gochuu hojii yeroo guutuu hojjetan godhataniiru. Akkas waan godhaniif, namoonni hedduun barattoota Kiristoos Yesuus akka taʼan gargaaraniiru. Labsitoonni wangeelaa yeroo guutuu kun, qabeenya muraasa kan qaban taʼus, Yihowaan jireenya isaanii eebbaan guutuudhaan isaan kiiseera. (Mar. 10:29, 30) Obbolootaa fi obboleettota kanaaf iddoo guddaa kennina, kutaa gumii taʼuu isaaniitiifis ni galateeffanna!

8. Babalʼistoonni misiraachichaa hundi Yihowaa biratti iddoo guddaa kan qaban maaliifi?

8 Gumii keessatti iddoo kan qaban obboloota muudamanii fi warra tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaatan qofadhaa? Matumaa! Babalʼistoonni misiraachoo labsan hundi Waaqayyoofis taʼe, gumichaaf ni barbaachisu. (Rom. 10:15; 1 Qor. 3:6-9) Kaayyoowwan barbaachisoo gumiin qabu keessaa inni tokko namoonni barattoota Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos akka taʼan gargaaru dha. (Mat. 28:19, 20; 1 Xim. 2:4) Babalʼistoonni cuuphamanis taʼan hin cuuphamne, warri gumii keessa jiran hundi hojii kanaaf dursa kennuuf yaalii godhu.—Mat. 24:14.

9. Obboleettota keenyaaf iddoo guddaa kan kenninu maaliifi?

9 Yihowaan obboleettotaaf gumii keessatti iddoo ulfina qabeessa kenneera. Inni obboleettota amanamummaadhaan isa tajaajilan, kan akka haadha manaa, haadha, kan abbaan manaa irraa duʼee fi qeentee taʼan kanaaf iddoo guddaa kenna. Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartoota Waaqayyoon gammachiisan hedduu dubbata. Dubartoonni kun ogummaa, amantii, hinaaffaa, ija jabina, arjummaa fi hojii gaariidhaan fakkeenya taʼuu isaaniitti galateeffamaniiru. (Luq. 8:2, 3; HoE. 16:14, 15; Rom. 16:3, 6; Filp. 4:3; Ibr. 11:11, 31, 35) Obboleettota gumii keenya keessa jiranii fi amalawwan gaggaarii akkasii qabaniif Yihowaa baayʼee galateeffanna!

10. Maanguddootaaf iddoo guddaa kan kenninu maaliifi?

10 Maanguddoota hedduu qabachuudhaanis eebbifamneerra. Gumiiwwan tokko tokko obbolootaa fi obboleettota maanguddoo umurii isaanii guutuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan qabu. Maanguddoonni kaan immoo dhugaa kan baratan dhiheenyatti taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, maanguddoonni kun dhibee fayyaa garagaraa umurii wajjin wal qabatee dhufuu waliin walʼaansoo gochaa jiru. Rakkoowwan kun wanta isaan gumii keessattii fi hojii lallabaa irratti raawwatan daangessuu dandaʼu. Taʼus, maanguddoonni kun hamma isaaniif dandaʼame tajaajila irratti ni hirmaatu akkasumas warra kaan jajjabeesuu fi leenjisuuf humna qaban hundatti ni fayyadamu! Muuxannoo isaanii irraas ni fayyadamna. Dhuguma iyyuu, Yihowaa birattis taʼe, nu biratti iddoo guddaa qabu.—Fak. 16:31.

11-12. Dargaggoota gumii keessa jiraniin kan jajjabaatte akkamitti?

11 Mee waaʼee dargaggoota gumii keenya keessa jiraniis yaadaa. Dargaggoonni kun addunyaa Seexanni toʼatuu fi falaasama isaa isa hamaadhaan guutame keessatti yommuu guddatan haalawwan rakkisoo hedduun isaan mudatu. (1 Yoh. 5:19) Taʼus, dargaggoonni keenya walgaʼii irratti yommuu yaada kennan, tajaajila irratti yommuu hirmaatanii fi ija jabinaan amantii isaaniitiif yommuu falman hundi keenya ni jajjabaanna. Eeyyee, isin dargaggoonni gumii Yihowaa keessatti iddoo guddaa qabdu!—Far. 8:2.

12 Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko gumii keessatti iddoo guddaa akka qaban amanuun isaanitti ulfaata. Tokkoon tokkoon keenya gumii keessatti iddoo akka qabnu akka nutti dhagaʼamu maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Mee haa ilaallu.

IDDOO GUMII KEESSATTI QABDU HUBADHU

13-14. Obboloonni tokko tokko gumiidhaaf akka hin barbaachisne kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi?

13 Barumsa lammaffaa fakkeenya Phaawulos dubbate irraa argannu hubadhu. Phaawulos rakkina yeroo harʼaa namoota baayʼee mudatu irratti xiyyeeffateera; namoonni kun gumii keessatti iddoo guddaa akka qaban amanuun isaanitti ulfaata. Akkas jedhee barreesseera: “Miilli, ‘Ani harka waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti’ yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu. Gurri, ‘Ani ija waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti’ yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu.” (1 Qor. 12:15, 16) Ergaan Phaawulos dabarsuu barbaade maal ture?

14 Namoota gumii keessa jiran kaanii wajjin wal bira kan of qabdu yoo taʼe, faayidaan gumichaaf qabdu sitti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Warri gumii keessa jiran tokko tokko barsiisuu irratti kennaa kan qaban, akka gaariitti kan qindeessan ykn tiksitoota ogeeyyii taʼuu dandaʼu. Tarii ati kennaawwan kana hamma isaanii akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun nama gad of qabduu fi iddoo kee beektu akka taate argisiisa. (Filp. 2:3) Haa taʼu malee, of eeggadhu. Yeroo hunda namoota dandeettii guddaa qabanii wajjin wal bira kan of qabdu yoo taʼe, ofitti abdii kutachuu dandeessa. Akkuma Phaawulos dubbate gumii keessatti matumaa iddoo akka hin qabne sitti dhagaʼamuu illee ni dandaʼa. Miira akkasii akka dandamattu maaltu si gargaaruu dandaʼa?

15. Akka 1 Qorontos 12:4-11 jedhutti kennaa qabaachuu dandeenyu ilaalchisee maal hubachuu qabna?

15 Yihowaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan tokko tokkoof kennaa hafuura qulqulluu dinqiidhaan kennee kan ture taʼus, Kiristiyaanonni hundi kennaa wal fakkaatu hin arganne turan. (1 Qorontos 12:4-11 dubbisi.) Yihowaan kennaa fi dandeettii garagaraa isaaniif kennee kan ture taʼus, tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa gatii guddaa qaba ture. Yeroo harʼaa kennaa hafuura qulqulluu dinqiidhaan hin argannu. Taʼus dhugaan buʼuuraa kun harʼas ni hojjeta; hundi keenya dandeettii wal fakkaatu qabaachuu dhiisuu dandeenya, taʼus, hundi keenya Yihowaa biratti iddoo guddaa qabna.

16. Gorsa Phaawulos ergamaan kenne isa kam hojii irra oolchuu qabna?

16 Kiristiyaana kan biraa wajjin wal bira of qabuu mannaa, gorsa Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kaanii wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata” jechuudhaan barreesse hojii irra oolchuu qabna.—Gal. 6:4.

17. Gorsa Phaawulos hordofuun kan nu fayyadu akkamitti?

17 Gorsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesse hordofuudhaan gocha keenya yoo qorre, kennaa fi dandeettii addaa akka qabnu hubachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, jaarsi tokko waltajjii irraa akka gaariitti haasaa kennuu hin dandaʼu taʼa, hojii barattoota gochuu irratti garuu buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa. Yookiin akka jaarsolii gumii isaa keessa jiran tokko tokkoo akka gaariitti kan gurmaaʼe taʼuu dhiisuu dandaʼa, haa taʼu malee, tiksee jaalala qabeessa babalʼistoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu argachuuf bilisaan itti dhihaatan taʼuu dandaʼa. Yookiin keessummaa simachuudhaan kan beekamu taʼuu dandaʼa. (Ibr. 13:2, 16) Jabinaa fi kennaa keenya sirriitti yommuu hubannu, wanta gumichaaf gumaacha goonu akka qabnu waan beeknuuf, miirri gaariin nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkasumas carraan obboloota kennaa nuti qabnu irraa adda taʼe qabanitti hinaafuuf qabnu ni hirʼata.

18. Dandeettii keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Iddoon gumii keessatti qabnu maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya tajaajila keenya fooyyeffachuu fi dandeettii keenya guddifachuuf fedhii qabaachuu qabna. Kanaaf akka nu gargaaruufis, Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa leenjiiwwan dinqisiisoo nuuf kenna jira. Fakkeenyaaf, walgaʼii torban gidduutti goonu irratti tajaajila keenya irratti akkamitti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu qajeelfamni nuuf kennama. Maarree qophii leenjii kana irraa guutummaatti fayyadamaa jirtaa?

19. Galma Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti hirmaachuu bira gaʼuu kan dandeessu akkamitti?

19 Qophiin dinqisiisaa leenjii itti fudhannu kan biraan immoo Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa ti. Manni barumsaa kun obbolootaa fi obboleettota tajaajila yeroo guutuu keessa jiranii fi umuriin isaanii 23 hanga 65 gidduutti argamuuf kan qophaaʼe dha. Galma kana irra matumaa gaʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, sababiiwwan mana barumsaa kana irratti akka hin hirmaanne si taasisan tarreessuu mannaa, sababii hirmaachuu itti barbaaddu barreessi. Achiis karoora mana barumsaa kana irratti hirmaachuuf gaʼumsa akka qabaattu si dandeessisu baafadhu. Gargaarsa Yihowaa fi carraaqqii cimaa gama keetiin gootuun, wanta waan hin dandaʼamne fakkaatu raawwachuu dandeessa.

DANDEETTII KEE GUMICHA IJAARUUF ITTI FAYYADAMI

20. Roomaa 12:6-8 irraa maal barachuu dandeenya?

20 Barumsi sadaffaan fakkeenya Phaawulos irraa barannu Roomaa 12:6-8 irratti argama. (Dubbisi.) Phaawulos ammas irra deebiʼee tokkoon tokkoon nama gumii keessa jiruu kennaawwan garaagaraa akka qabu argisiiseera. Amma garuu kennaan nuti qabnu maal iyyuu yoo taʼe, gumicha ijaaruu fi jajjabeessuuf itti fayyadamuu akka qabnu ibsaa jira.

21-22. Roobartii fi Filiichee irraa barumsa akkamii arganna?

21 Mee fakkeenya obboleessa keenya Roobart * haa ilaallu. Biyya kan biraatti tajaajilaa erga turee booda, biyya isaatti Betʼel keessa akka tajaajilu ramadame. Ramaddii haaraan kan isaaf kenname gama isaatiin gaʼumsa waan hin qabneef akka hin taane obboloonni isaaf mirkaneessanii kan turan taʼanis, inni garuu, “Ilaalchi dogoggoraa ani ofii kootiif qabu, jechuunis miirri gatii akka hin qabne natti dhagaʼamu jiʼoota hedduudhaaf na dhiphisaa tureera. Yeroon tajaajila Betʼel dhaabuuf itti yaade illee jira ture” jedheera. Maarree, gammachuu isaa deebisee kan argate akkamitti? Jaarsi gumii isaa wajjin jiru tokko Yihowaan ramaddii keenya isa duraa irratti kan nu leenjisu, ramaddii keenya isa ammaa irratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanuuf taʼuu isaa isa yaadachiise. Roobarti wanta darbe yaaduu dhaabuun akka isa barbaachisuu fi wanta amma gochuu dandaʼuu irratti xiyyeeffachuu jalqabuu akka qabu hubate.

22 Obboleessi keenya Filiichee Epiiskoppoonis haalli rakkisaan wal fakkaatu isa mudateera. Innii fi haati manaa isaa bara 1956⁠tti mana barumsaa Giilʼaad irraa erga eebbifamanii booda Booliiviyaatti hojii daawwannaa irratti hirmaataniiru. Taʼus, bara 1964⁠tti ilma godhatan. Filiicheen akkana jedheera: “Ramaddii baayʼee jaallannu kana dhaabuun baayʼee nutti ulfaatee ture. Dhugaa isaa dubbachuuf, wanta na mudatetti gaddaa gara waggaa tokkootiif yeroo koo gubeera. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin ilaalcha koo sirreessuu fi itti gaafatamummaa haaraa abbaa taʼuudhaaf argadhe irratti xiyyeeffachuu dandaʼeera.” Atoo akka Roobarti ykn akka Filiichee sitti dhagaʼamaa? Yeroo ammaatti mirga tajaajilaa kana dura qabdu waan hin qabneef abdii kutatteettaa? Taanaan, xiyyeeffannaa kee yoo jijjiirtee fi wanta Yihowaa fi obboloota kee tajaajiluuf amma gochaa jirtu irratti yoo xiyyeeffatte caalaatti gammachuu argachuu dandeessa. Kennaa fi dandeettii kee warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuu irratti xiyyeeffadhu, yeroo gumicha jajjabeessituttis gammachuu argatta.

23. Maal gochuuf yeroo ramaduu qabna? Mata duree itti aanu irratti hoo waaʼee maalii mariʼanna?

23 Tokkoon tokkoo keenya Yihowaa biratti gatii guddaa qabna. Inni kutaa maatii isaa akka taanu barbaada. Wanta obbolootaa fi obboleettota keenya ijaaruuf gochuu dandeenyu irratti yeroo fudhannee yoo xiinxallee fi gaʼee kana raawwachuuf carraaqqii cimaa yoo goone, miira kutaa gumicha akka hin taane nutti dhagaʼamu hambisuu ni dandeenya! Haa taʼu malee, obboloota keenya gumii keessa jiraniif ilaalcha akkamii qabna? Akka isaan dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree itti aanu irratti, dhimma barbaachisaa kana irratti mariʼanna.

FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

^ key. 5 Hundi keenya iyyuu Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabnu beekuu barbaanna. Taʼus, yeroo tokko tokko faayidaa qabaachuu keenya shakkuu dandeenya. Mata dureen kun tokkoon tokkoon keenya gumii keessatti iddoo guddaa akka qabnu beekuuf nu gargaara.

^ key. 3 IBSA JECHAA: Iddoon nuti gumii Yihowaa keessatti qabnu gaʼee nuti gumicha ijaaruu fi jajjabeessuu irratti qabnu argisiisa. Gaʼeen kun sanyii, gosa, haala dinagdee, iddoo hawaasa keessatti qabnu, aadaa ykn barumsa keenya irratti kan hundaaʼe miti.

^ key. 21 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Fakkiiwwan sadan kun wantoota walgaʼii dura, yeroo walgaʼiin geggeeffamuttii fi walgaʼii booda taʼu kan argisiisani dha. Fakkii 1: Jaarsi gumii miira hoʼaadhaan keessummaa yommuu simatu, obboleessi dargaggeessi tokko immoo meeshaa sagalee sirreessuuf yommuu deemu, akkasumas obboleettiin tokko obboleettii maanguddoo tokkoo wajjin yommuu haasoftu. Fakkii 2: Dargaggoonnii fi maanguddoonni Qoʼannaan Masaraa Eegumsaa yommuu geggeeffamutti yaada kennuuf yommuu carraaqqii godhan. Fakkii 3: Hiriyoonni gaaʼelaa Galma Walgaʼii qulqulleessuu irratti gargaarsa gochaa jiru. Haati tokko intalli ishii saanduqa buusii keessa qarshii akka buustu gargaaraa jirti. Obboleessi dargaggeessi tokko kutaa barreeffamaatti hojjechaa jira, obboleessi tokko immoo obboleettii maanguddoo tokko jajjabeessaa jira.