Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 35

Iddoo Warri Kaan Gumii Keessatti Qaban Kabajaa

Iddoo Warri Kaan Gumii Keessatti Qaban Kabajaa

“Iji harkaan, ‘Ati na hin barbaachistu’ yookiin mataan miillaan, ‘Ati na hin barbaachistu’ jechuu hin dandaʼu.”—1 QOR. 12:21.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

QABIYYEE *

1. Yihowaan tokkoon tokkoon tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif maal kenneera?

YIHOWAAN jaalalaan kakaʼee tokkoon tokkoon tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif gumii isaa keessatti iddoo kenneera. Gaʼee gara garaa kan qabnu taʼus, hundi keenya iyyuu gatii guddaa qabna akkasumas walii keenyaaf ni barbaachisna. Phaawulos ergamaan barumsa barbaachisaa kana akka hubannu nu gargaara. Akkamitti?

2. Akka Efesoon 4:16 jedhutti walii keenyaaf iddoo guddaa kennuu fi waliin hojjechuu kan qabnu maaliifi?

2 Akkuma caqasa ijoo mata duree kana irratti galmeeffamee jiru, Phaawulos nu keessaa namni kam iyyuu tajaajilaa Yihowaa isa kan biraatiin, “Ati na hin barbaachistu” akka hin jenne addeesseera. (1 Qor. 12:21) Gumichi nagaadhaan sochii akka godhu yoo barbaanne, walii keenyaaf iddoo guddaa kennuu fi waliin hojjechuu qabna. (Efesoon 4:16 dubbisi.) Tokkummaadhaan yommuu waliin hojjennu, gumichi ni dagaaga akkasumas jaalalaan ijaaramaa deema.

3. Mata duree kana keessatti maal qorra?

3 Karaawwan Kiristiyaanota gumii keessa jiran kaanitti kabaja argisiisuu dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? Mata duree kana keessatti jaarsoliin obboloota jaarsolii taʼan kan birootti akkamitti kabaja argisiisuu akka dandaʼan ilaalla. Itti aansinee immoo, hundi keenya obbolootaa fi obboleettota qeentee taʼaniif iddoo guddaa akka kenninu akkamitti argisiisuu akka dandeenyu mariʼanna. Dhuma irratti warra afaan keenya akka gaariitti dubbachuu hin dandeenye akka dinqisiifannu akkamitti argisiisuu akka dandeenyu baranna.

WARRA AKKUMA KEE JAARSOLII TAʼANITTI KABAJA ARGISIISI

4. Jaarsoliin gorsa Phaawulos Roomaa 12:10 irratti kenne isa kam hordofuu qabu?

4 Jaarsoliin gumii keessa jiran hundi hafuura Yihowaatiin muudamu. Taʼus, tokkoon tokkoon isaanii kennaa fi dandeettiin isaan qaban garaa gara dha. (1 Qor. 12:17, 18) Tokko tokko dhiheenyatti kan muudamanii fi hamma tokko muuxannoo kan hin qabne taʼuu dandaʼu. Warri kaan immoo sababa umurii fi fayyaa isaaniitiin waan hedduu hojjechuu hin dandaʼan. Taʼus, jaarsi tokko jaarsa kan biraa kamiin iyyuu, “Ati na hin barbaachistu” jechuu hin qabu. Kanaa mannaa tokkoon tokkoon jaarsaa gorsa Phaawulos isa Roomaa 12:10 irra jiru hordofuu qaba. (Dubbisi.)

Jaarsoliin warra akkuma isaanii jaarsolii taʼan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan akka isaan kabajan argisiisu (Keeyyata 5-6 ilaali)

5. Jaarsoliin obboloota jaarsolii taʼan kaan akka kabajan kan argisiisan akkamitti? Kana gochuun isaanii barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

5 Jaarsoliin warra akkuma isaanii jaarsolii taʼan akka gaariitti dhaggeeffachuudhaan akka isaan kabajan argisiisu. Keessumaa dhimmoota barbaachisoo taʼan mariʼachuuf yommuu walitti qabamanitti kana gochuun isaanii barbaachisaa dha. Maaliifi? Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1988 kana ilaalchisee wanta inni jedhe hubadhu: “Kiristoos qajeelfama Kitaaba Qulqulluu dhimma tokkoo wajjin wal qabate kennuuf ykn murtoo barbaachisaa kam iyyuu gochuuf hafuura qulqulluutiin sammuu jaarsa miseensa qaama jaarsolii taʼe kam iyyuu qajeelchuu akka dandaʼu jaarsoliin ni hubatu. (HoE. 15:6-15) Hafuurri qulqulluu jaarsa tokko qofa utuu hin taʼin, jaarsolii gumii keessa jiran hundumaa gargaara.”

6. Jaarsoliin tokkummaadhaan waliin hojjechuu kan dandaʼan akkamitti? Yommuu akkas godhan gumichi kan fayyadamu akkamitti?

6 Jaarsi obboloota akkuma isaa jaarsolii taʼan kabaju yommuu walgaʼii jaarsolii godhanitti yeroo hunda dursee yaada kennuuf yaalii hin godhu. Innumti qofti hin dubbatu akkasumas yaanni isaa yeroo hundumaa sirrii akka taʼe isatti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, ilaalcha isaa gad of qabuudhaan ibsa. Yaada warri kaan kennan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata. Hunda caalaa immoo qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuu fi gorsa “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” kennu hordofuuf fedhii cimaa qaba. (Mat. 24:45-47) Jaarsoliin haala jaalalaa fi kabaja qabu keessatti yommuu mariʼatan, hafuurri Waaqayyoo isaan gidduutti argama, murtoo gumicha cimsu akka godhanis isaan gargaara.—Yaq. 3:17, 18.

KIRISTIYAANOTA GAAʼELA HIN GODHANNETTI KABAJA ARGISIISAA

7. Yesuus qeenxee taʼuudhaaf ilaalcha akkamii qaba ture?

7 Gumiin yeroo harʼaa jiru hiriyoota gaaʼelaa fi maatiiwwan kan qabate dha. Haa taʼu malee, obbolootaa fi obboleettota gaaʼela hin godhanne hedduus ni dabalata. Warra gaaʼela hin godhanneef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Mee Yesuus warra gaaʼela hin godhanneef ilaalcha akkamii akka qabu haa ilaallu. Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti gaaʼela hin godhanne. Qeenxee taʼee jiraachuudhaan, yeroo fi xiyyeeffannaan isaa hojii isaaf kenname irratti akka taʼu godheera. Yesuus gaaʼela godhachuun ykn qeenxee taʼuun ulaagaa Kiristiyaana tokko irraa eegamu akka taʼe hin barsiisne. Taʼus, Kiristiyaanonni tokko tokko gaaʼela godhachuu dhiisuuf filachuu akka dandaʼan dubbateera. (Mat. 19:11, 12.) Yesuus warra gaaʼela hin godhanneef kabaja qaba ture. Namoonni qeenxee taʼan gad aanoo akka taʼan ykn wanti isaanitti hirʼate akka jirutti isaan hin ilaalle.

8. Akka 1 Qorontos 7:7-9 jedhutti Phaawulos Kiristiyaanonni waaʼee maalii akka yaadan jajjabeesseera?

8 Akkuma Yesuus, Phaawulos ergamaanis yeroo tajaajilaa turetti qeenxee ture. Phaawulos Kiristiyaanni tokko gaaʼela godhachuun isaa dogoggora akka taʼe matumaa barsiisee hin beeku. Phaawulos kun dhimma dhuunfaa akka taʼe beeka ture. Taʼus, Kiristiyaanonni qeenxee taʼanii tajaajiluu dandaʼuu yoo taʼe akka yaadan jajjabeesseera. (1 Qorontos 7:7-9 dubbisi.) Phaawulos Kiristiyaanota qeenxee akka gad aanootti ilaalee akka hin turre beekamaa dha. Kana malees, Ximotewos inni dargaggeessaa fi qeenxee taʼe hojii barbaachisaa akka hojjetu isa filateera. * (Filp. 2:19-22) Kanaafuu, obboleessi tokko gaaʼela godhachuu fi dhiisuu isaa irratti hundaaʼanii gaʼumsa guddaa ykn xinnoo qaba jedhanii yaaduun dogoggora dha.—1 Qor. 7:32-35, 38.

9. Waaʼee gaaʼela godhachuu fi qeenxee taʼuu maal jechuu dandeenya?

9 Yesuusis taʼe, Phaawulos Kiristiyaanonni gaaʼela godhachuu ykn qeenxee taʼanii jiraachuu akka qaban hin barsiisne.Kanaafuu, waaʼee gaaʼela godhachuu fi qeenxee taʼuu maal jechuu dandeenya ree? Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2012 (Amaariffa) gaaffii kanaaf deebii akkas jedhu kenneera: “Gaaʼellis taʼe qeenxee taʼuun kennaa Waaqayyoo biraa argamani dha jechuun ni dandaʼama. Yihowaan qeenxee taʼuun qaaniidhaaf ykn gaddaaf sababa akka taʼutti hin ilaalu.” Kana yaadatti qabachuudhaan, iddoo obboloonnii fi obboleettonni qeenxee taʼan gumii keessatti qaban kabajuu qabna.

Kabaja miira warra qeenxee taʼaniif qabnuun kan kaʼe, maal gochuu irraa fagaachuu qabna? (Keeyyata 10 ilaali)

10. Obbolootaa fi obboloota keenya qeenxee taʼanitti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Miiraa fi haala obbolootaa fi obboleettota keenya qeenxee taʼanii akka kabajnu akkamitti argisiisuu dandeenya. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan tokko tokko gaaʼela utuu hin godhatin kan jiraatan kaayyoodhaan akka taʼe yaadatti qabachuun keenya gaariidha. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan kaan garuu gaaʼela godhachuu kan barbaadan taʼus, nama isaaniif taʼu hin arganne. Warri kaan immoo hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhabaniiru. Kanas taʼe sana, warri gumii keessa jiran, Kirstiyaanonni qeenxeen maaliif akka gaaʼela hin godhanne isaan gaafachuu ykn hiriyaa gaaʼelaa argachuu irratti akka isaan gargaaran dubbachuu qabuu? Dhugaa dha, Kiristiyaanonni qeenxee taʼan tokko tokko gargaarsa akkasii gaafachuu dandaʼu taʼa. Haa taʼu malee, utuu isaan gargaarsa nu hin gaafatin, afeerraa akkasii yoo isaaniif dhiheessine, obbolootaa fi obboleettota keenya qeenxee taʼanitti maaltu dhagaʼama? (1 Tas. 4:11; 1 Xim. 5:13) Mee amma yaada obboloonnii fi obboleettonni qeenxeen tokko tokko kennan haa ilaallu.

11-12. Obboloota qeentee abdii kutachiisuu kan dandeenyu akkamitti taʼuu dandaʼa?

11 Ilaaltuun ol aanaa aanaa qeenxee taʼee fi hojii isaa irratti buʼa qabeessa taʼe tokko, qeenxee taʼuun faayidaa hedduu akka qabu itti dhagaʼama. Taʼus, obboloonnii fi obboleettonni namaaf yaadan, “Maaliif hin fuune?” jedhanii isa gaafachuun isaanii abdii isa kutachiisu akka dandaʼu hubateera. Obboleessi qeenxeen waajjira dameetti tajaajilu tokkos akkas jedheera: “Yeroo tokko tokko obboloonnii fi obboleettonni namoonni qeenxeen kan isaaniif gaddamu akka taʼan akka natti dhagaʼamu godhu. Kun immoo qeenxee taʼuun kennaa utuu hin taʼin, baʼaa fakkeessa.”

12 Obboleettii qeenxeen Betʼelitti tajaajiltu tokko akkas jetteetti: “Babalʼistoonni tokko tokko namoonni qeenxeen hundi hiriyaa gaaʼelaa akka barbaadan ykn qophii namoonni irratti argaman hunda carraa hiriyaa gaaʼelaa argachuuf isaan dandeessisu akka taʼetti ilaalu jedhanii yaadu. Guyyaa tokko hojiidhaaf kutaa biyyichaa kan biraa yeroon deemetti, galgala walgaʼiin godhamu tokkottan achi gaʼe. Obboleettiin na keessummeessite gumii keessa obboloonni umurii koo irratti argaman lama akka jiran natti himte. Achiis hiriyaa gaaʼelaa akkan argadhu na gargaaruu barbaaddee akka hin taane naaf mirkaneessite. Taʼus, akkuma Galma Walgaʼii geenyeen obboloota sana lamaanii wajjin akkan wal baru qabdee gara isaaniitti na geessite. Kun anaanis taʼe, obboloota lamaan sana baayʼee qaanessee akka ture beekamaa dha.”

13. Obboleettii qeenxee tokko fakkeenyota akkamiitu ishii jajjabeesse?

13 Obboleettii qeenxee kan biraan Betʼelitti tajaajiltus akkas jetteetti: “Qajeelchitoota qeenxee fi maanguddoota taʼan, akkasumas madaallii isaanii eeggatan, galma isaanii irratti xiyyeeffatan, fedhii isaanii aarsaa godhan, tajaajila isaanitti gammadanii fi gumichaaf gargaarsa guddaa godhan beeka. Qeenxee taʼuu isaaniitiif ilaalcha madaalamaa qabu, qeenxee taʼuu isaaniitti warra kaan akka caalan ykn hiriyaa gaaʼelaa fi maatii waan hin qabneef waan guddaa akka dhaban isaanitti hin dhagaʼamu.” Gumii tokkoon tokkoon namaa itti wal kabajuu fi iddoo guddaa waliif kennu keessatti argamuun kan nama gammachiisu kanaafi. Akka siif gaddamus taʼe akka sitti hinaafamu ykn akka dagatamtes taʼe warra kaan akka caaltu sitti hin dhagaʼamu. Akka si jaallatan qofa sitti dhagaʼama.

14. Warra qeenxee akka kabajnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

14 Obboloonnii fi obboleettonni keenya qeenxeen gaaʼela godhachuu isaanii irratti utuu hin taʼin, amala gaarii qaban irratti hundoofnee yoo iddoo isaaniif kennine ni galateeffatu. Isaaniif gadduu mannaa amanamummaa isaanii dinqisiifachuun keenya gaarii dha. Taanaan, obboloonnii fi obboleettonni keenya qeenxee taʼan, “Ati na hin barbaachistu” jechaa akka jirru matumaa isaanitti hin dhagaʼamu. (1 Qor. 12:21) Kanaa mannaa, akka isaan kabajnuu fi iddoo isaan gumii keessatti qabaniif iddoo guddaa akka kenninu ni beeku.

WARRA AFAAN KEENYA AKKA GAARIITTI HIN DUBBANNETTI KABAJA ARGISIISAA

15. Obboloonni tokko tokko tajaajila isaanii babalʼifachuuf sirreeffama akkamii godhaniiru?

15 Waggoottan dhihoodhaa asitti babalʼistoonni hedduun tajaajila isaanii balʼifachuuf jecha afaan kan biraa barachuuf galma baafataniiru. Akkas gochuun sirreeffama gochuu gaafata. Obboloonnii fi obboleettonni kun gumii afaan kan biraa itti dubbatamuu fi babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf gumii afaan isaaniitiin geggeeffamu dhiisaniiru. (HoE. 16:9) Kun murtoo dhuunfaa Kiristiyaanonni kun fedhii Mootummichaa babalʼisuuf godhani dha. Afaan haaraa akka gaariitti dubbachuun waggoota hedduu isaanitti fudhachuu kan dandaʼu taʼus, gumiidhaaf gargaarsa hedduu godhu. Amalli isaanii inni gaariinii fi muuxannoon isaanii gumicha ni jabeessa. Obbolootaa fi obboleettota fedhii isaanii aarsaa godhan kanaaf iddoo guddaa kennina!

16. Jaarsoliin obboleessi tokko jaarsa ykn tajaajilaa akka taʼu maal irratti hundaaʼanii madaalu?

16 Qaamni jaarsolii obboleessi tokko afaan gumichi ittiin geggeeffamu akka gaariitti dubbachuu waan hin dandeenyeef qofa jaarsa ykn tajaajilaa gumii akka taʼu yaada dhiheessuu irraa duubatti jechuu hin qabu. Jaarsoliin obboleessa tokko madaaluu kan qaban afaan gumichi ittiin geggeeffamu akka gaariitti dubbachuu isaa irratti hundaaʼanii utuu hin taʼin, ulaagaa Kitaaba Qulqulluu jaarsolii fi tajaajiltoota gumii ilaallatu irratti hundaaʼanii taʼuu qaba.—1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9.

17. Maatiiwwan yommuu biyya kan biraatti galan murtoo akkamii gochuu qabu?

17 Maatiiwwan Kiristiyaanaa tokko tokko koolu galtoota taʼuuf ykn hojii argachuuf biyya kan biraatti galaniiru. Haala akkasii keessatti ijoolleen isaanii afaan hojii biyya amma keessa jiraataniin baratu taʼa. Warris hojii argachuuf afaan kana barachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Gumiin ykn tuutni afaan isaaniitiin geggeeffamu jira yoo taʼe hoo? Maatiin kun gumii kam irratti hirmaachuu qabu? Gumii afaan biyya sanaa itti dubbatamu moo gumii afaan isaanii itti dubbatamu irratti hirmaachuu qabu?

18. Akkuma Galaatiyaan 6:5 jedhu, murtoo mataan maatichaa godhu akka kabajnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

18 Mataan maatii maatiin isaa gumii isa kam irratti hirmaachuu akka qabu murteessuu qaba. Kun dhimma dhuunfaa waan taʼeef, wanta maatii isaatiif caalaatti gaarii taʼe tilmaama keessa galchuu qaba. (Galaatiyaa 6:5 dubbisi.) Murtoo mataan maatichaa godhu kabajuu nu barbaachisa. Murtoo akkamii iyyuu yoo godhe, murtoo isaa fudhannee maaticha simachuu fi jaalala isaanitti argisiisuu qabna.—Rom. 15:7.

19. Mataan maatii kadhannaadhaan maal irratti yaaduu qaba?

19 Karaa biraatiin immoo haatii fi abbaan gumii afaan isaaniitiin geggeeffamutti kan tajaajilan taʼus, ijoolleen afaan sana akka gaariitti hin dandaʼan taʼa. Gumiin sun naannoo afaan biyyichaa dubbatamutti kan argamu yoo taʼe, ijoolleen barumsa walgaʼii irratti darbu hubachuun isaanitti ulfaachuu waan dandaʼuuf, guddina hafuuraa gochuu dhiisuu dandaʼu. Maaliif? Sababiin isaas ijoolleen mana barumsaa afaan maatii isaanii fayyadamutti utuu hin taʼin, afaan biyyichaatiin geggeeffamutti baratu taʼa. Yeroo akkasiitti, mataan maatii ijoolleen isaa Yihowaa fi saba isaatti akka dhihaatan gargaaruuf, kadhannaadhaan itti yaaduu qaba. Ijoolleen afaan warra isaanii akka gaariitti akka dubbatan gargaaruu ykn gumii afaan ijoolleen isaanii akka gaariitti hubatan fayyadamutti jijjiiramuuf itti yaaduun isaan barbaachisuu dandaʼa. Mataan maatii maal iyyuu yoo murteesse, gumiin inni keessa tajaajiluuf filate, isaa fi maatii isaa kabajuu fi iddoo guddaa kennuufii qaba.

Warra afaan haaraa barachaa jiraniif iddoo guddaa akka kenninu akkamitti argisiisuu dandeenya? (Keeyyata 20 ilaali)

20. Obbolootaa fi obboleettota keenya afaan haaraa barachaa jiran akka kabajnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

20 Sababiiwwan olitti ilaalleen kan kaʼe, gumiiwwan hedduu keessa obboloonnii fi obboleettonni afaan haaraa barachuuf qabsaaʼan jiru. Obboloonni kun yaada isaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, dandeettii isaan afaan kana dubbachuu irratti qaban irra darbinee yoo yaadne, jaalala isaan Yihowaaf qabanii fi fedhii isa tajaajiluuf qaban hubachuu ni dandeenya. Amalawwan gaggaarii qaban kana yoo hubanne, obbolootaa fi obboleettota kanaaf iddoo guddaa kennina, akkasumas ni kabajna. Afaan keenya akka gaariitti waan hin dubbanneef qofa, “Ati na hin barbaachistu” hin jennu.

YIHOWAA BIRATTI IDDOO GUDDAA QABNA

21-22. Mirga dinqisiisaa akkamii qabna?

21 Yihowaan gumii isaa keessatti iddoo nuuf kennuudhaan mirga guddaa nuuf kenneera. Dhiiras taane dubartii, qeenxees taane gaaʼela kan godhanne, maanguddootas taane dargaggoota, afaan tokko akka gaariitti kan dubbannu taanus taʼuu baannus, Yihowaa birattis taʼe walii keenya biratti iddoo guddaa qabna.—Rom. 12:4, 5; Qol. 3:10, 11.

22 Barumsa hedduu Phaawulos fakkeenya qaama namaa fayyadamee barsiise irraa arganne hojii irra oolchuu keenya itti haa fufnu. Kun obbolootaa fi obboleettota keenya jajjabeessuuf maal gochuu akka dandeenyu nu hubachiisa. Kana malees, yeroo hunda isaan jaallachuu fi kabajuuf nu gargaara.

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

^ key. 5 Sabni Yihowaa akkaataa guddinaa gara garaa kan qaban siʼa taʼu, gumii keessatti gaʼee gara garaa raawwatu. Mata dureen kun tokkoon tokkoon miseensa maatii Yihowaa kabajuun maaliif barbaachisaa akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

^ key. 8 Ximotewos matumaa gaaʼela akka hin godhanne mirkanaaʼaa taanee dubbachuu hin dandeenyu.