Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 34

Gaarummaa Yihowaa “Dhandhamaa Ilaalaa”

Gaarummaa Yihowaa “Dhandhamaa Ilaalaa”

“Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu gammadaa dha.”—FAR. 34:8.

FAARFANNAA 117 Gaarummaa

QABIYYEE *

1-2. Faarfannaan 34:8, akka jedhutti, waaʼee gaarummaa Yihowaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

WANTA kanaan dura nyaattee hin beekne akka nyaattu utuu affeeramtee wanta sitti dhagaʼamu mee yaadi. Nyaata sana ilaaluudhaan, fuunfachuudhaan, maal irraa akka hojjetame ilaaluudhaan ykn kan jaallatan taʼuu isaa namoota kaan gaafachuudhaan waaʼee nyaata sanaa hamma tokko beekuu dandeessa. Haa taʼu malee, ati jaallachuu fi dhiisuu kee beekuu kan dandeessu nyaaticha dhandhamtee yoo ilaalte qofa dha.

2 Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya dubbisuudhaan, akkasumas yeroo warri kaan eebba Yihowaa irraa argatan dubbatan dhagaʼuudhaan hamma tokko waaʼee gaarummaa Yihowaa barachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Yihowaan hammam gaarii akka taʼe dhugumaan hubachuu kan dandeenyu ofii keenyaan gaarummaa isaa ‘dhandhamnee’ yoo ilaalle dha. (Faarfannaa 34:8 dubbisi.) Mee karaa kana gochuu itti dandeenyu tokko fakkeenyaan haa ilaallu. Tarii gosa tajaajila yeroo guutuu tokko irratti hirmaachuu barbaanna taʼa; galma keenya irra gaʼuuf garuu jireenya keenya salphisuun nu barbaachisa. Waadaa Yesuus Mootummichaaf dursa yoo kennine Yihowaan wantoota hundumaa akka nuuf guutu gale yeroo baayʼee ni dubbisna; taʼus, waadaan kun jireenya keenya keessatti yeroo raawwatamu arginee hin beeknu taʼa. (Mat. 6:33) Waadaa Yesuus gale kanatti waan amanneef, baasii keenyaa fi yeroo hojii keenya irratti dabarsinu hirʼisuudhaan tajaajila keenya irratti xiyyeeffanne. Akkana yoo goone Yihowaan wantoota nu barbaachisan akka nuuf guutu jireenyuma keenya irraa ni hubanna. Akka kanaan gaarummaa Yihowaa dhuunfaatti ‘dhandhamna.’

3. Faarfannaan 16:1, 2 akka jedhutti gaarummaa Yihowaa kan argatan eenyu faʼi?

3 Yihowaan warra isa hin beekne illee dabalatee namoota “hundumaatiif gaarii dha.” (Far. 145:9; Mat. 5:45) Keessumaa namoonni lubbuu guutuudhaan isa jaallatanii fi isa tajaajilan eebba hedduu isa biraa argatu. (Faarfannaa 16:1, 2 dubbisi.) Mee karaawwan gaarummaa Yihowaa irraa faayidaa itti argannu muraasa haa ilaallu.

4. Yihowaan warra isatti dhihaachuu jalqabanitti gaarummaa kan argisiisu akkamitti?

4 Yeroo wanta Yihowaa irraa baranne hojii irra oolchinu hundumaatti jireenya keenya keessatti buʼaa gaarii argina. Yeroo waaʼee isaa barannuu fi isa jaallannu, ilaalchaa fi gocha isa irraa nu fageessee ture mooʼuu akka dandeenyu nu gargaara. (Qol. 1:21) Yeroo Yihowaadhaaf of murteessinuu fi cuuphamnu immoo, qalbii gaarii nuu kennuudhaan, akkasumas caalaatti isatti akka dhihaannu ofitti nu harkisuudhaan gaarummaa nutti argisiisa.—1 Phe. 3:21.

5. Tajaajila keenya irratti gaarummaa Yihowaa kan argine akkamitti?

5 Tajaajila irratti yeroo hirmaannu gaarummaa Yihowaa arguu keenya itti fufna. Nama ija laafessa taate dhaa? Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun ija laafeyyii dha. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee dura, mana nama hin beeknee rurrukutuudhaan ergaa baramaa hin taane nan dubbadha jettee matumaa yaaddee hin beektu taʼa. Taʼus amma yeroo baayʼee manaa gara manaa ni tajaajilta. Gargaarsa Yihowaatiin hojii lallabaa jaallachuu illee dandeesseetta! Jireenya kee keessatti gargaarsa Yihowaan siif godhu karaawwan hedduudhaan argaa jirta. Inni yeroo namni si mormu si mudatu akka tasgabbooftu si gargaareera. Caqasa sirrii nama fedhii qabutti himtu akka yaadattus si gargaareera. Yeroo namoonni naannoo tajaajilaa kee keessa jiran si dhagaʼuu hin barbaannetti humna tajaajila kee itti fufuuf si gargaarus siif kenneera.—Er. 20:7-9.

6. Leenjiin Yihowaan nuu kennu gaarummaa isaa kan argisiisu akkamitti?

6 Yihowaan tajaajilaaf nu leenjisuudhaanis gaarummaa nutti argisiiseera. (Yoh. 6:45) Walgaʼii torban gidduutti geggeeffamu irratti maree fakkeenya taʼuu fi akka gaariitti qophaaʼe ni dhaggeeffanna, tajaajila irratti akka itti fayyadamnus ni jajjabeeffamna. Wanta haaraa yaaluun jalqaba irratti nu sodaachisuu dandaʼa; erga yaallee booda garuu namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran akka hawwatu hubanna. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irrattis malawwan tajaajilaa kanaan dura yaallee hin beekne akka yaallu jajjabeeffamna. Malawwan kana yaaluunis nu sodaachisa taʼa; taʼus yoo akkas goone eebba Yihowaa arganna. Mee amma haalawwan akkamii iyyuu keessatti Yihowaadhaaf wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu kennuuf jecha malawwan haaraatti fayyadamuun eebbawwan akkamii akka nuuf argamsiisu haa ilaallu. Sana booda immoo karaawwan tajaajila keenya itti balʼifachuu dandeenyu ilaalla.

YIHOWAAN WARRA ISATTI AMANAMAN NI EEBBISA

7. Tajaajila keenya balʼifachuuf carraaqqii yeroo goonu eebba akkamii arganna?

7 Caalaatti Yihowaatti dhihaachuu ni dandeenya. Mee fakkeenya jaarsa gumii Saamuʼel * jedhamuu fi haadha manaa isaa wajjin Kolombiyaatti tajaajiluu haa ilaallu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun gumii isaanii keessatti qajeelchitoota taʼanii gammachuudhaan tajaajilaa turan; taʼus gumii gargaarsi caalaatti barbaachisu gargaaruudhaan tajaajila isaanii balʼifachuu barbaadan. Galma isaanii kana irra gaʼuuf garuu, aarsaawwan tokko tokko kaffaluun isaan barbaachiseera. Saamuʼel akkana jedheera: “Yaada Maatewos 6:33 irra jiru hojii irra oolchuudhaan wantoota nu hin barbaachisne bitachuu dhiisne. Wanti baayʼee nutti ulfaate garuu mana keenya dhiisnee deemuu dha. Manichi kan ijaarame akkuma barbaannutti ture; liqiinis nu irra hin jiru.” Hiriyoonni gaaʼelaa kun bakka itti ramadamanitti maallaqa kanaan dura baasaa turan irra baayʼee xinnaatuun jiraachuu dandaʼaniiru. Saamuʼel, “Yihowaan tarkaanfii keenya akkamitti akka nuuf qajeelchuu fi kadhannaa keenyaaf akkamitti deebii akka kennu argineerra. Yihowaan akka nutti gammade nutti dhagaʼama; jaalala isaas karaa kanaan dura arginee hin beekneen argaa jirra” jedheera. Karaa taʼe tokkoon tajaajila kee balʼifachuu ni dandeessaa? Yoo akkas goote, caalaatti Yihowaatti akka dhihaattuu fi innis akka si kunuunsu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Far. 18:25.

8. Yaada Iivaanii fi Viiktooriyaan dubbatan irraa maal baratta?

8 Tajaajila keenya irraa gammachuu arganna. Hiriyoonni gaaʼelaa Kirgistaanitti qajeelchitoota taʼanii tajaajilanii fi Iivaanii fi Viiktooriyaa jedhaman maal akka jedhan qalbeeffadhu. Hojii ijaarsaa dabalatee ramaddii kam irratti iyyuu hirmaachuu akka dandaʼaniif, jireenya isaanii salphisaniiru. Iivaan akkana jedheera: “Ramaddii kam irratti iyyuu hamma dandeenye hojjechuuf carraaqqii goona. Galgala galgala baayʼee kan dadhabnu taʼus, humna keenya hojii Mootummichaatiif akka oolchine waan beeknuuf, nagaa fi gammachuutu nutti dhagaʼama. Michoota haaraa fi muuxannoowwan gaggaarii hedduu argachuun keenyas gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera.”—Mar. 10:29, 30.

9. Obboleettiin haala rakkisaa keessa jirtu takka tajaajila ishii balʼifachuuf maal goote? Akkas gochuu ishiitti hoo buʼaa akkamii argatte?

9 Yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti illee tajaajilli Yihowaa gammachuu nuuf argamsiisa. Fakkeenyaaf, Miireen maanguddoo abbaan manaa irraa duʼe yeroo taatu, Afriikaa Dhihaa keessatti doktara taatee hojjetti turte; erga sooroma baatee booda immoo qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Miireen dhukkuba altiraaytasii (dhibee cimaa deemuun akka namatti ulfaatu godhu) waan qabduuf, takkaatti manaa gara manaa tajaajiluu kan dandeessu saʼaatii tokkoof qofa dha. Lallaba addabaabayii irratti garuu saʼaatii kana irra dheeratu dabarsuu dandeessi. Deddeebii gaaffii fi namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu baayʼees qabdi; muraasa isaanii immoo bilbilaan haasofsiisti. Miireen tajaajila ishii balʼifachuuf maaltu ishii kakaase? “Garaan koo jaalalan Yihowaa fi Yesuus Kiristoosiif qabuun guutameera. Hamman dandaʼu tajaajila isaa irratti hirmaachuuf akka na gargaaru yeroo baayʼeen Yihowaa kadhadha.”—Mat. 22:36, 37.

10. Akka 1 Pheexiros 5:10 jedhutti, namoonni tajaajila isaanii balʼifachuuf carraaqan Yihowaa biraa maal argatu?

10 Yihowaan leenjii dabalataa nuuf kenna. Keen inni Moriishees keessatti qajeelchaa taʼee tajaajilu kun dhugaa taʼuu isaa hubateera. Dhugaa yeroo baratu yunivarsiitii dhiisee baʼe; achiis cuuphamee tajaajila yeroo guutuu keessa seene. Keen, “Yaada Isaayyaas raajichi, ‘Kunoo ani jira! Ana ergi!’ jechuudhaan dubbatee wajjin karaa wal simuun jiraachuufan yaala” jedheera. (Isa. 6:8) Keen pirojeektii hojii ijaarsaa hedduu irratti hirmaateera; barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan gara afaan dhalootaa isaatti hiikuu irrattis gargaarsa godheera. Keen, “Leenjii hojii koo raawwachuuf na barbaachisu argadheera” jedheera. Garuu kan barate hojicha akkamitti akka hojjetu qofa miti. Keen itti dabaluudhaan, “Wantoonni hojjechuu hin dandeenye maalfaa akka taʼanii fi amalawwan tajaajilaa Yihowaa gaarii taʼuuf horachuun na barbaachisu maalfaa akka taʼan baradheera” jedheera. (1 Pheexiros 5:10 dubbisi.) Atis Yihowaan caalaatti akka si leenjisuuf haala kee irratti sirreeffama gochuu dandeessa taʼa.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jiru; obboleettiin dargaggeettii taate takka ijaarsa Galma Walgaʼii irratti gargaarsa gochaa jirti; hiriyoonni gaaʼelaa maanguddoo taʼan bilbilaan dhugaa baʼaa jiru. Hundi isaanii iyyuu tajaajila isaanii irraa gammachuu guddaa argataniiru (keeyyata 11 ilaali)

11. Obboleettonni Kooriyaa Kibbaatti argaman sadii tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii akkamii godhan? Buʼaa akkamii argatan? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

11 Obboloonni muuxannoo qaban illee mala tajaajilaa haaraa irratti hirmaachuuf leenjiin isaan barbaachisa. Yeroo weerara dhibee Kooviid 19⁠tti, jaarsoliin gumii gumii Kooriyaa Kibbaatti argamu tokko keessatti tajaajilan akkana jedhanii barreessaniiru: “Obboloonni haala fayyaa isaaniitiin kan kaʼe tajaajila dirree irratti hirmaachuu hin dandeenye tokko tokko amma viidiyoo konfiransiidhaan tajaajilaa jiru. Obboleettonni umurii waggoota 80mmanii keessatti argaman sadii teknooloojii haaraatti fayyadamuu waan baraniif guyyaa guyyaadhaan tajaajila irratti hirmaatu.” (Far. 92:14, 15) Tajaajila kee balʼifachuudhaan gaarummaa Yihowaa caalaatti dhandhamuu barbaaddaa? Mee tarkaanfiiwwan galma kana irra gaʼuuf si gargaaran muraasa haa ilaallu.

CARRAAQQII GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

12. Yihowaan namoota isatti amanamaniif waadaa akkamii gale?

12 Yihowaatti amanamuu baradhu. Yihowaan kan isatti amanamnuu fi wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu kan isaaf kenninu yoo taʼe akka nu eebbisu waadaa galeera. (Mil. 3:10) Obboleettiin Faabiʼolaa jedhamtuu fi Kolombiyaa jiraattu, Yihowaan waadaa gale kana yeroo raawwatu jireenya ishii keessatti argiteetti. Faabiʼolaan akkuma cuuphamteen qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiluu barbaaddi turte. Taʼus, abbaan manaa ishii fi ijoolleen ishii sadan kan jiraatan galii ishiitiin ture. Kanaafuu, yeroo sooroma baʼuu barbaaddetti akka ishii gargaaruuf cimsitee Yihowaa kadhatteetti. “Miindaa sooroma booda kaffalamu fudhachuun yeroo kan gaafatu taʼus, kan koo garuu jiʼa tokko booda naaf kaffalamuu jalqabe. Kun dinqii dha!” jetteetti. Jiʼa lama booda qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Amma umurii waggoota 70mmanii keessatti kan argamtu yeroo taʼu, waggaa 20f qajeelchituu taatee tajaajilteetti. Waggoottan kanattis namoonni saddeet akka cuuphaman gargaarteetti. Faabiʼolaan, “Darbee darbee dadhabbiin kan natti dhagaʼamu taʼus, Yihowaan qajeelchituu taʼee akkan itti fufu guyyaa hundumaa na gargaara” jetteetti.

Abrahaam, Saaraan, Yaaqoobii fi luboonni Laga Yordaanos ceʼan Yihowaatti akka amanaman kan argisiisan akkamitti? (Keeyyata 13 ilaali)

13-14. Fakkeenyawwan Yihowaatti amanamuu fi carraaqqii gochuuf nu gargaaran kam faʼi?

13 Namoota Yihowaatti amanaman irraa baradhu. Kitaabni Qulqulluun fakkeenya namoota tajaajila Yihowaa keessatti jabaatanii hojjetaniin kan guutamedha. Yeroo baayʼee tajaajiltoonni Yihowaa eebba addaa kan argatan tarkaanfii erga fudhatanii booda dha. Fakkeenyaaf, Abrahaam Yihowaan kan isa eebbise “eessa akka dhaqu kan hin beekne” taʼus, mana isaa dhiisee erga baʼee booda dha. (Ibr. 11:8) Yaaqoob eebba addaa kan argate maleekaa wajjin waldhaansoo erga wal qabanii booda dha. (Uma. 32:24-30) Sabni Israaʼel yommuu Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhanitti, uummatichi Laga Yordaanos ceʼuu kan dandaʼe, luboonni bishaan yaaʼu sana keessa miila isaanii erga galchanii booda dha.—Iya. 3:14-16.

14 Fakkeenya Dhugaa Baatota Yihowaa bara keenyatti argamanii fi Yihowaatti amanamuudhaan carraaqqii godhan irraa barumsa argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, obboleessi Paayitanii fi haati manaa isaa Diyaanaan waaʼee obboloota tajaajila isaanii balʼifatanii jechuunis, muuxannoowwan mata duree walitti aananii baʼan kan akka, “Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru” jedhanii dubbisuun isaan gammachiisa. * Paayitan akkana jedheera: “Muuxannoo isaanii yeroo dubbisnu akkuma nama nyaata miʼaawaa nyaachaa jiru ilaalaa jirruutti nutti dhagaʼama. Yommuu isaan ilaaluu keenya itti fufnu, ‘Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamnee ilaaluuf’ caalaatti kakaana.” Yeroo boodas Paayitanii fi Diyaanaan iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemaniiru. Mata dureewwan walitti aananii baʼan kana dubbisteettaa? Viidiyoo Naannoo Fagoo Deemanii Tajaajiluu—Awustiraaliyaa jedhuu fi Naannoo Fagoo Deemanii Tajaajiluu—Aayerlaandi jedhu jw.org irraa ilaaltee beektaa? Mata dureewwanii fi viidiyoowwan kun karaa tajaajila kee balʼifachuu itti dandeessu beekuuf si gargaaru.

15. Michoonni gaariin kan nu gargaaran akkamitti?

15 Hiriyoota gaarii filadhu. Nyaata haaraa yaaluun kan nutti salphatu, namoota nyaata sana jaallatanii wajjin yeroo yoo dabarsine dha. Haaluma wal fakkaatuun, namoota tajaajila isaanii keessatti Yihowaadhaaf dursa kennanitti kan michoomnu yoo taʼe, nutis caalaatti tajaajila keenya balʼifachuuf kakaana. Hiriyoonni gaaʼelaa Keentii fi Veeroonikaa jedhaman kun dhugaa taʼuu isaa hubataniiru. Keenti, “Michoonni keenyaa fi maatiin keenya mala tajaajilaa haaraa akka yaallu nu jajjabeessan. Namoota Mootummichaaf dursa kennanitti michoomuun keenya, wanta haaraa jalqabuuf akka nu gargaare hubanneerra” jedheera. Keentii fi Veeroonikaan yeroo ammaatti qajeelchitoota addaa taʼanii Sarbiyaatti tajaajilaa jiru.

16. Akkuma Yesuus Luqaas 12:16-21 irratti dubbatetti aarsaa kaffaluuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi?

16 Yihowaadhaaf aarsaa kaffali. Yihowaa gammachiisuuf dirqama wantoota nu gammachiisan hunda dhiisuun nu hin barbaachisu. (Lal. 5:19, 20) Haa taʼu malee, fedhii keenya aarsaa gochuu waan hin barbaanneef caalaatti tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuu irraa duubatti yoo jenne, dogoggora namicha fakkeenya Yesuus keessatti ibsamee fi jireenya mijataa jiraachuuf jedhee Waaqayyoon dhiisee wajjin wal fakkaatu raawwachuu dandeenya. (Luqaas 12:16-21 dubbisi.) Obboleessi Kiristiyaan jedhamuu fi Faransaayi keessa jiraatu, “Yeroo koo fi humna koo Yihowaa fi maatii koof kennaa hin turre” jedheera. Innii fi haati manaa isaa qajeelchitoota taʼuuf murteessan. Galma isaanii kana irra gaʼuuf garuu hojii isaanii dhiisuun isaan barbaachiseera. Wanta isaan barbaachisu guuttachuuf hojii qulqullinaa jalqaban; maallaqa xiqqoo argatanitti gammadanii jiraachuus barataniiru. Aarsaa kana kaffaluun isaanii isaan kiiseeraa? Kiristiyaan, “Caalaatti tajaajila keenyatti gammaduu dandeenyeerra; namoonni deddeebii gaaffii goonuuf waaʼee Yihowaa yommuu baratan arguunis nu gammachiiseera” jedheera.

17. Mala tajaajilaa haaraa yaaluu irraa duubatti akka jennu kan nu godhu maal taʼuu dandaʼa?

17 Mala tajaajilaa haaraa yaaluuf fedhii qabaadhu. (HoE. 17:16, 17; 20:20, 21) Shirleey ishiin qajeelchituu taatee fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu yeroo weerara dhibee Kooviid 19⁠tti tajaajila ishii irratti sirreeffama gochuun ishii barbaachiseera. Bilbilaan tajaajiluun jalqaba irratti ishiitti ulfaatee ture. Yeroo daawwataan ol aanaa aanaa isaan daawwateetti leenjii erga argattee booda garuu mala tajaajilaa kana irratti yeroo baayʼee hirmaachuu jalqabde. Akkana jetteetti: “Jalqaba irratti sodaadheen ture; amma garuu baayʼee jaalladheera. Yeroo manaa gara manaatti tajaajillu caalaa amma namoota hedduu argachuu dandeenyeerra!”

18. Tajaajila keenya balʼifachuuf yeroo yaalii goonu rakkina nu mudatu dandamachuuf maaltu nu gargaara?

18 Karoora baafadhu, tarkaanfiis fudhadhu. Yommuu rakkinni nu mudatutti gargaarsa argachuuf kadhachuu fi wanta gochuu dandeenyu irratti yaaduun keenya barbaachisaa dha. (Fak. 3:21) Sooniyaa ishiin Awurooppaa jiraattuu fi tuuta Afaan Roomaaniitiin geggeeffamu keessatti qajeelchituu taatee tajaajiltu akkana jetteetti: “Karoora baafadhee waraqaa irratti ergan barreessee booda iddoo mulʼatuttan maxxansa. Minjaala koo irraa fakkii karaa kallattii lamatti geessu argisiisu qaba. Yommuun murtoo tokko godhu fakkii sana ilaaluudhaan murtoon koo garamitti akka na geessun yaada.” Sooniyaan rakkina ishii mudatuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf yaalii gooti. “Haalli na mudatu kam iyyuu akka gufuu kan na daangessu ykn akka riqichaa kan na ceesisu taʼuu dandaʼa; kun garuu ilaalcha koo irratti hundaaʼa” jetteetti.

19. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

19 Yihowaan karaa hedduudhaan nu eebbisa. Isa jajachuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan eebbawwan isaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. (Ibr. 13:15) Kana gochuun immoo tajaajila keenya balʼifachuuf malawwan haaraatti fayyadamuu dabalata; akkas gochuun eebba dabalataa nuuf argamsiisa. Guyyaa hundumaa carraa ‘Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamnee itti ilaallu’ haa barbaaddannu. Taanaan akkuma Yesuus, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu fi hojii isaa xumuruu dha” jenna.—Yoh. 4:34.

FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’

^ key. 5 Wanti gaariin hundi Yihowaa biraa argama. Inni hamoota dabalatee nama hundumaatti gaarummaa argisiisa. Keessumaa waaqeffattoota isaa warra amanamoo taʼaniif wanta gaarii gochuun isa gammachiisa. Mata duree kana keessatti Yihowaan tajaajiltoota isaatti gaarummaa kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaalla. Akkasumas, obboloonni tajaajila isaanii balʼifatan karaa adda taʼeen, Yihowaan gaarummaa kan isaanitti argisiise akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 7 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 14 Mata dureewwan walitti aananii baʼan kun kanaan dura Masaraa Eegumsaa irratti baʼaa kan turan yeroo taʼu, amma garuu jw.org irratti argamu. WAAʼEE KEENYA > MUUXANNOOWWAN > GALMAWWAN HAFUURAA IRRA GAʼUU jedhu jalaa ilaali.