Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 30

Iddoo Maatii Yihowaa Keessatti Qabduuf Bakka Guddaa Kenni

Iddoo Maatii Yihowaa Keessatti Qabduuf Bakka Guddaa Kenni

“Ati maleekota irra xinnuma isa xiqqeessite, ulfinaa fi simboos isa gonfachiiste.”—FAR. 8:5, milj.

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

QABIYYEE *

1. Wantoota Yihowaan uume hunda irratti yeroo yaannu gaaffii akkamiitu gara sammuu keenyaatti dhufuu dandaʼa?

WANTOOTA Yihowaan uume hunda irratti yeroo yaannu akkuma Daawit faarfatichaa isa, “Samiiwwan warra hojii quba keetii taʼan, addeessaa fi urjiilee warra ati tolchite yommuun ilaalu, akka isa yaadattuuf namni duʼu maali dha? Akka isa kunuunsituufis ilmi namaa maali dha?” jedhee kadhatee nutti dhagaʼama taʼa. (Far. 8:3, 4) Tarii nutis akkuma Daawit iddoo xinnoo uumama cufa keessatti qabnu yeroo yaannu, Yihowaan nu yaadachuun isaa baayʼee nu ajaaʼibsiisa taʼa. Taʼus, akkuma beeknu Yihowaan Addaamii fi Hewaaniif xiyyeeffannaa kennuu qofa utuu hin taʼin, kutaa maatii isaa akka taʼanis isaaniif heyyamee ture.

2. Yihowaan Addaamii fi Hewaan maal akka godhan barbaada ture?

2 Addaamii fi Hewaan ijoollee Yihowaa lafa irra jiraatan keessaa warra jalqabaa turan; innis Abbaa jaalala qabeessa isaaniif taʼe. Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa kanaaf hojii hojjetan kenneefii ture. Waaqayyo, “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa” isaaniin jedhee ture. (Uma. 1:28) Yihowaan ijoollee akka godhatanii fi lafa ishii iddoo jireenyaa isaanii taate akka kunuunsan barbaada ture. Addaamii fi Hewaan ajajamuudhaan kaayyoo Yihowaan isaaniif qabu deggeraniiru utuu taʼee, isaanis taʼan sanyiiwwan isaanii bara baraaf miseensota maatii Waaqayyoo taʼanii itti fufu turan.

3. Addaamii fi Hewaan maatii Yihowaa keessatti iddoo ulfina qabeessa taʼe qabu turan kan jennu maaliifi?

3 Addaamii fi Hewaan maatii Yihowaa keessatti iddoo ulfina qabeessa taʼe qabu turan. Akka Faarfannaa 8:5 fi miiljalee isaa irratti galmaaʼetti Daawit ilmaan namootaa warra uumama Yihowaa taʼan ilaalchisee, “Ati maleekota irra xinnuma isa xiqqeessite, ulfinaa fi simboos isa gonfachiiste” jedheera. Ilmaan namootaa fi maleekotaaf humnii fi dandeettiin wal qixa taʼe akka hin kennamne beekamaa dha. (Far. 103:20) Taʼus, ilmaan namootaa uumamawwan humna guddaa qaban kana irra ‘xinnuma xiqqaatu.’ Kun wanta baayʼee nama ajaaʼibsiisu dha! Dhuguma iyyuu, Yihowaan maatii keenya jalqabaatiif jireenya baayʼee adda taʼe kenne.

4. Addaamii fi Hewaan Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaaniitiin maaltu isaan irra gaʼe? Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

 4 Kan nama gaddisiisu, Addaamii fi Hewaan iddoo maatii Yihowaa keessatti qaban dhabaniiru. Akkuma mata duree kana keessatti ilaalaa deemnu kun sanyiiwwan isaanii irratti miidhaa guddaa geessiseera. Haa taʼu malee, kaayyoon Yihowaa hin jijjiiramne. Namoonni ajajamoo taʼan bara baraaf ijoollee isaa akka taʼan barbaada. Mee jalqaba, Yihowaan hammam ulfina akka nuuf kenne haa ilaallu. Itti aansuudhaan, kutaa maatii Waaqayyoo taʼuu akka barbaannu argisiisuuf amma maal gochuu akka dandeenyu ilaalla. Dhuma irratti immoo, ijoolleen Yihowaa warri lafa irra jiraatan bara baraaf eebbawwan akkamii akka argatan ilaalla.

YIHOWAAN ILMAAN NAMOOTAATTI ULFINA KAN ARGISIISE AKKAMITTI?

Yihowaan ulfina kan nuuf kenne karaawwan kamiini? (Keeyyata 5-11 ilaali) *

5. Waaqayyo akka bifa isaatti waan nu uumeef ulfina isaaf kennuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Yihowaan akka bifa isaatti nu uumuudhaan nu kabajeera. (Uma. 1:26, 27) Kan uumamne bifa Waaqayyootiin waan taʼeef, amalawwan isaa warra dinqisiisoo hedduu kan akka jaalalaa, gara laafinaa, amanamummaa fi qajeelummaa jiran horachuu fi argisiisuu ni dandeenya. (Far. 86:15; 145:17) Amalawwan akkasii yeroo horannu Yihowaadhaaf ulfina finna, akkasumas akka isa galateeffannu argisiisna. (1 Phe. 1:14-16) Karaa Abbaa keenya isa samii gammachiisuun yommuu jiraannu gammachuu arganna. Kan uumamne bifa Yihowaatiin waan taʼeef, namoota inni miseensota maatii isaa akka taʼan barbaadu taʼuu ni dandeenya.

6. Yihowaan yeroo lafa uumetti ilmaan namootaa akka kabaju kan argisiise akkamitti?

6 Yihowaan bakka jireenyaa adda taʼe nuuf qopheesseera. Yihowaan ilmaan namootaatiif lafa kan qopheesse nama uumuu isaa yeroo dheeraa dura dha. (Iyo. 38:4-6; Er. 10:12) Inni gara laafessaa fi arjaa waan taʼeef, wanta itti gammannu hedduu nuuf qopheesseera. (Far. 104:14, 15, 24) Yeroo fudhatee wanta uume irratti yaaduudhaan “gaarii taʼuu isaa [argeera].” (Uma. 1:10, 12, 31) Yihowaan ilmaan namootaa wantoota ajaaʼibsiisoo inni lafa irratti uume hundumaa “irratti ol aantummaa” akka qabaatan gochuudhaan isaan kabajeera. (Far. 8:6) Kaayyoon Waaqayyoo, ilmaan namootaa mudaa hin qabne bara baraaf uumamawwan dinqisiisoo taʼan kana kunuunsuudhaan gammachuu akka argatani dha. Abdii dinqisiisaa taʼe kanaaf yeroo hundumaa Yihowaa ni galateeffattaa?

7. Iyyaasuun 24:15 namni mirga filannaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?

7 Yihowaan mirga filannaa nuuf kenneera. Jireenya keenya keessatti wanta hojjechuu barbaannu filachuu dandeenya. (Iyyaasuu 24:15 dubbisi.) Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe yeroo isa tajaajiluu filannu ni gammada. (Far. 84:11; Fak. 27:11) Mirga filannaa keenyatti fayyadamnee murtoowwan gaggaarii taʼan hedduu gochuu ni dandeenya. Mee Yesuus gama kanaan fakkeenya akkamii akka nuuf taʼu haa ilaallu.

8. Fakkeenya Yesuus mirga filannaa isaa akkamitti akka itti fayyadame argisiisu tokko caqasi.

8 Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, fedhii keenya caalaa fedhii warra kaaniitiif dursa kennuu filachuu dandeenya. Yeroo tokko Yesuusii fi ergamoonni isaa baayʼee dadhabanii waan turaniif, iddoo tasgabbii qabu dhaqanii xiqqoo boqochuu barbaadanii turan. Haa taʼu malee, boqochuu hin dandeenye. Namoonni Yesuus irraa barachuu barbaadan hedduun gara isaanii dhufan. Taʼus, Yesuus isaanitti hin aarre. Kanaa mannaa, baayʼee isaaniif gadde. Maarree, Yesuus maal godhe? “Wanta [hedduu] isaan barsiisuu jalqabe.” (Mar. 6:30-34) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan warra kaan gargaaruuf yeroo fi humna keenya yommuu aarsaa goonu Abbaa keenya isa samiitiif ulfina finna. (Mat. 5:14-16) Akkasumas, kutaa maatii isaa taʼuu akka barbaannu Yihowaatti argisiisna.

9. Warri maal yaadachuu qabu?

9 Yihowaan ilmaan namootaatiif dandeettii ijoollee godhachuu kenneera, akka isa jaallatanii fi akka isa tajaajilan akka isaan barsiisaniifis itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. Warra yoo taatan kennaa adda taʼe kana ni dinqisiifattuu? Maleekonni Yihowaa irraa eebba guddaa kan argatan taʼus, mirgi kun isaaniif hin kennamne. Namoonni ijoollee guddisan kana sammuutti qabachuudhaan, mirga isaanii kanaaf iddoo guddaa akka kennan argisiisuu qabu. Warri ijoollee isaanii “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” akka guddisaniif adaraan isaanitti kennameera. (Efe. 6:4; Kes. 6:5-7; Far. 127:3) Jaarmiyaan Waaqayyoo warra gargaaruuf jecha, meeshaalee Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, kan akka barreeffamoota, viidiyoowwan, muuziqaa fi mata dureewwan intarneetii irratti baʼanii jiran hedduu qopheesseera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Abbaan keenya inni samiis taʼe Ilmi isaa ijoollee keenya baayʼee jaallatu. (Luq. 18:15-17) Yihowaan yommuu warri isatti amanamanii fi ijoollee isaanii jaallatamoo taʼan kunuunsuuf wanta dandaʼan hundumaa godhan baayʼee gammada. Warri akkas godhan ijoolleen isaanii abdii bara baraaf kutaa maatii Yihowaa taʼanii jiraachuu akka qabaatan isaan gargaaru.

10-11. Yihowaan furichatti fayyadamuudhaan qophii akkamii nuuf godheera?

10 Yihowaan deebinee kutaa maatii isaa taʼuu akka dandeenyuuf, Ilma isaa isa baayʼee jaallatu nuuf kenneera. Akkuma  keeyyata 4⁠ffaa irratti ilaalle, Addaamii fi Hewaan iddoo maatii Yihowaa keessatti qaban dhabaniiru; mirga kana ijoollee isaaniis dhabsiisaniiru. (Rom. 5:12) Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu kan didan taʼe jedhanii waan taʼeef, miseensota maatii isaa keessaa isaan baasuun isaa sirrii ture. Ijoollee isaanii irra hoo maaltu gaʼa? Yihowaan jaalalaan kakaʼee ijoolleen isaanii jaallatamoon miseensota maatii isaa akka taʼan qophii godheera. Kanas kan godhe aarsaa Ilmi isaa tokkichi dhiheessetti fayyadamee ti. (Yoh. 3:16; Rom. 5:19) Aarsaa Yesuusiin kan kaʼe, namoonni amanamoon 144,000 taʼan ijoollee Waaqayyoo taʼuu dandaʼaniiru.—Rom. 8:15-17; Mul. 14:1.

11 Namoonni amanamoon kan biroon miliyoonaan lakkaaʼamanis, Waaqayyoof ajajamuudhaan fedhii isaa raawwachaa jiru. Qorumsi dhumaa Barkumee booda dhufu erga xumuramee booda, miseensota maatii Waaqayyoo akka taʼan ni abdatu. (Far. 25:14; Rom. 8:20, 21) Abdii kana waan qabaniif, amma iyyuu Yihowaa isa Uumaa isaanii taʼe “Abbaa” keenya jedhanii waamu. (Mat. 6:9) Namoonni duʼaa kaʼanis wanta Yihowaan isaan irraa barbaadu barachuuf carraa ni argatu. Namoonni qajeelfama isaatiif ajajamuu filatan immoo, yeroo booda miseensota maatii isaa taʼu.

12. Gaaffii kamiif deebii arganna?

12 Akkuma olitti ilaalle Yihowaan ilmaan namootaa akka kabaju argisiisuuf, wanta hedduu godheera. Yihowaan amma iyyuu dibamtoota akka ijoollee isaatti ilaala; warra kutaa ‘tuuta uummataa guddaa’ taʼaniif immoo addunyaa haaraa keessatti ijoollee isaa akka taʼan abdii kenneera. (Mul. 7:9) Bara baraaf kutaa maatii isaa taʼuu akka barbaannu Yihowaatti argisiisuuf, amma maal gochuu dandeenya?

KUTAA MAATII ISAA TAʼUU AKKA BARBAADDU YIHOWAATTI ARGISIISI

13. Kutaa maatii Waaqayyoo taʼuuf maal gochuu dandeenya? (Maarqos 12:30)

13 Garaa kee guutuudhaan Yihowaa tajaajiluudhaan akka isa jaallattu argisiisi. (Maarqos 12:30 dubbisi.) Waaqayyo gaarummaadhaan wantoota hedduu nuuf kenneera, wantoota guguddaa inni nuuf kenne keessaa tokko dandeettii isa waaqeffachuuf qabnu dha. ‘Ajajawwan isaa eeguudhaan’ akka isa jaallannu argisiisna. (1 Yoh. 5:3) Ajajawwan Yihowaan akka eegnu barbaadu keessaa tokko, ajaja Yesuus namoota cuuphuudhaan barattoota akka goonu nuuf kenne dha. (Mat. 28:19) Yesuus akka wal jaallannus nu ajajeera. (Yoh. 13:35) Yihowaan namoota ajajamoo taʼan maatii waaqeffattoota isaa addunyaa maratti argamutti ni simata.—Far. 15:1, 2.

14. Warra kaanitti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Maatewos 9:36-38; Roomaa 12:10)

14 Warra kaanitti jaalala argisiisi. Amalli Yihowaa inni guddaan jaalala dha. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan jaalala kan nutti argisiise isa beekuu keenya dura dha. (1 Yoh. 4:9, 10) Yommuu jaalala warra kaanitti argisiisnu fakkeenya isaa hordofna. (Efe. 5:1) Karaan namootatti jaalala argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan, utuu yeroon hin darbin waaʼee Yihowaa akka baratan isaan gargaaruu dha. (Maatewos 9:36-38 dubbisi.) Yommuu isaan gargaarru immoo, wanta maatii Waaqayyoo taʼuuf isaan barbaachisu ni beeku. Namni tokko erga cuuphamee boodas jaalalaa fi kabaja isatti argisiisuu keenya itti fufuu qabna. (1 Yoh. 4:20, 21) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, kakaʼumsa sirrii akka qabu amanuu qabna. Wanta tokko kan raawwate maaliif akka taʼe yeroo hin hubannetti illee, ofittummaadhaan kakaʼee wanta sana raawwate jennee hin yaannu. Kanaa mannaa, obboleessi keenya nu irra akka caalu yaaduudhaan akka isa kabajnu argisiisna.Roomaa 12:10 dubbisi; Filp. 2:3.

15. Gara laafinaa fi gaarummaa argisiisuu kan qabnu eenyu faʼitti?

15 Namoota hundumaatti gara laafinaa fi gaarummaa argisiisi. Bara baraaf miseensa maatii Waaqayyoo taʼuu yoo barbaanne, jireenya keenya keessatti Dubbii isaa hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, diinota keenya dabalatee, namoota hundumaatti gara laafinaa fi gaarummaa akka argisiisnu nu barsiiseera. (Luq. 6:32-36) Yeroo tokko tokko garuu akkas gochuun nutti ulfaata taʼa. Taanaan, ilaalchaa fi gocha Yesuus barachuu qabna. Yihowaaf ajajamuu fi fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta dandeenyu hunda yeroo goonu, bara baraaf kutaa maatii isaa taʼuu akka barbaannu Abbaa keenya isa samiitti argisiisna.

16. Maqaa maatii Yihowaa akka hin arrabsiisne of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Maqaa maatii Yihowaa akka hin arrabsiisne of eeggannoo godhi. Yeroo baayʼee maatii tokko keessatti, mucaa xinnoon fakkeenya angafa isaa hordofa. Obboleessi angafaa sun jireenya isaa keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra kan oolchu yoo taʼe, quxusuu isaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Mucaan angafaa kun wanta gadhee raawwachuu yoo jalqabe garuu, quxusuun isaas fakkeenya isaa isa gadhee hordofuu dandaʼa. Haalli maatii Yihowaas akkasuma. Kiristiyaanni amanamaa ture tokko gantuu yoo taʼe ykn gocha halalummaa ykn wanta gaarii hin taane raawwachuu yoo jalqabe, warri kaanis fakkeenya isaa kana hordofuudhaan, wanta gadhee raawwachuu dandaʼu. Namoonni akkas godhan maqaa maatii Yihowaa irratti arrabsoo fidu. (1 Tas. 4: 3-8) Namoota fakkeenya gadhee taʼan hordofuu irraa fagaachuu qabna; wanti akkamii iyyuu Abbaa keenya isa samii jaalalaa qabeessa taʼe irraa akka nu fageessu heyyamuu hin qabnu.

17. Ilaalcha akkamii irraa fagaachuu qabna? Maaliif?

17 Qabeenyatti utuu hin taʼin Yihowaatti amanami. Yihowaan Mootummaa isaatiif dursa yoo kenninee fi jireenya keenya keessatti ulaagaalee qajeelummaadhaaf baase yoo eegne nyaata, uffataa fi iddoo jireenyaa akka nuuf kennu waadaa galeera. (Far. 55:22; Mat. 6:33) Kanaafuu, wantoonni addunyaan kun dhiheessu eegumsaa fi gammachuu itti fufiinsa qabu akka nuuf argamsiisan yaaduu irraa of qusanna. Wanti dhugumaan nagaa sammuu nuuf argamsiisu, fedhii Yihowaa raawwachuu qofa akka taʼe beekna. (Filp. 4:6, 7) Maallaqa wantoota hedduu bituuf nu dandeessisu yoo qabaanne illee, ‘Dhugumaan yeroo fi humna wantoota kana kunuunsuuf na barbaachisu qabaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Tarii immoo qabeenya keenya baayʼee jaallachaa jirraa laata? Waaqayyo maatii isaa keessatti hojii hojjennu akka nuuf kenne yaadachuu qabna. Kanaafuu, xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramu heyyamuu hin qabnu. Nuti akka dargaggeessa qabeenya lafa irratti qabu muraasa baayʼee waan jaallatuuf carraa Yihowaa tajaajiluu fi ilma isaa taʼuuf qabu of irra dabarsee taʼuu akka hin barbaanne beekamaa dha!—Mar. 10:17-22.

WANTA IJOOLLEEN YIHOWAA BARA BARAAF QABAATAN

18. Ilmaan namootaa ajajamoo taʼan, bara baraaf ulfinaa fi eebba akkamii argatu?

18 Ilmaan namootaa ajajamoo taʼan ulfina hunda irra caalu, jechuunis mirga bara baraaf Yihowaa jaallachuu fi isa waaqeffachuu argatu. Warri abdii lafa irra jiraachuu qaban immoo, lafa Yihowaan iddoo jireenyaa isaanii akka taatuuf bareechee qopheesse kunuunsuufis mirga argatu. Dhiheenyatti bulchiinsa Mootummichaa jalatti laftii fi uumamawwan ishii irra jiran ni haareffamu. Yesuus rakkoowwan Addaamii fi Hewaan maatii Waaqayyoo irraa adda baʼuuf murteessuu isaaniitiin kan kaʼe dhufan hundumaa ni balleessa. Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa kaasuudhaan lafa gara jannataatti jijjiiramte irra fayya buleeyyii taʼanii bara baraaf akka irra jiraatan carraa isaaniif kenna. (Luq. 23:42, 43) Kutaan maatii Waaqayyoo warri lafa irra jiraatan, yeroo cubbuu irra walaba taʼan akka Daawit barreessetti, “ulfinaa fi simboo” ni qabaatu.—Far. 8:5.

19. Maal dagachuu hin qabnu?

19 Kutaa ‘tuuta uummataa guddaa’ yoo taate eebba dinqisiisaatu si eeggata. Waaqayyo si jaallata; miseensa maatii isaa akka taatus ni barbaada. Kanaafuu, isa gammachiisuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Guyyaa hundumaa waadaa Waaqayyo siif gale irratti yaadi. Mirga Abbaa keenya isa samii waaqeffachuu fi bara baraaf isa jajachuuf argatte dinqisiifadhu!

FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa

^ key. 5 Maatiin tokko gammachuu akka qabaatuuf, miseensonni maatichaa hundi wanta isaan irraa eegamu beekuu fi miseensota maatii isaanii deggeruu qabu. Abbaan jaalalaan maaticha geggeessa, haati isa deggerti, ijoolleen immoo warra isaaniitiif ajajamu. Haalli maatii Yihowaas akkasuma. Waaqni keenya nuufis kaayyoo qaba; kaayyoo isaa wajjin wal simnee yoo jiraanne immoo bara baraaf maatii isaa taanee itti fufuu dandeenya.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Yihowaan ilmaan namootaa kan uume, amalawwan isaa calaqqisiisuu akka dandaʼan godhee ti; hiriyoonni gaaʼelaa tokko walii isaanii fi ijoollee isaaniitti jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo hordofaa jiru. Hiriyoonni gaaʼelaa kun Yihowaa ni jaallatu. Kennaan ijoollee godhachuuf qaban, ijoolleen isaanii Yihowaa akka jaallatanii fi akka isa tajaajilan barsiisuuf carraa isaaniif bana. Warri kun viidiyootti fayyadamuudhaan Yihowaan Yesuusiin aarsaa godhee kan kenne maaliif akka taʼe ijoollee isaaniitiif ibsaa jiru. Jannata gara fuulduraatti dhufu keessatti bara baraaf lafaa fi bineensota akka kunuunsinus isaan barsiisaa jiru.