Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 36

Baʼaa Kee Baadhu, Kaanimmoo Ofirraa Gati

Baʼaa Kee Baadhu, Kaanimmoo Ofirraa Gati

Baʼaa hundumaa . . . of irraa gannee, dorgommii fiigichaa nu dura jiru jabinaan haa fiignu.”—IBR. 12:1.

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

QABIYYEE a

1. Ibroonni 12:1 akka jedhutti, fiigicha jireenyaa xumuruuf maal gochuu qabna?

 KITAABNI QULQULLUUN jireenya Kiristiyaanotaa fiigichatti fakkeessa. Fiigicha kanarratti warri sarara isa dhumaa qaxxaamuran jireenya bara baraa argatu. (2 Xim. 4:7, 8) Keessumaa yeroo kamiyyuu caalaa amma sarara dhumaatti baayʼee dhihaannee waan jirruuf, fiigicha keenya itti fufuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Phaawulos ergamaan inni fiigicha jireenyaa milkaaʼinaan xumure wanta fiigicha kanarratti injifannoo argachuuf nu gargaaru nutti himeera. “Baʼaa hundumaa . . . of irraa gannee, dorgommii fiigichaa nu dura jiru jabinaan [akka] fiignu” nu gorseera.—Ibroota 12:1 dubbisi.

2. ‘Baʼaa hundumaa ofirraa gatuu’ jechuun maal jechuudha?

2 Phaawulos ‘baʼaa hundumaa ofirraa gatuu’ akka qabnu yeroo dubbatu Kiristiyaanni tokko baʼaa baatu hin qabu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Kanaa mannaa, baʼaa hin barbaachisne hundumaa ofirraa gatuu akka qabnu dubbachuu isaati. Baʼaan akkasii nu qabuu fi nu dadhabsiisuu dandaʼa. Jabaannee dhaabbachuuf baʼaa barbaachisaa hin taanee fi saffisa keenya akka hirʼisnu godhu kamiyyuu dafnee adda baafachuu fi ofirraa gatuu qabna. Haa taʼu malee, baʼaa baachuu qabnu ofirraa gatuu hin barbaannu. Akkas yoo goone, dorgommii kanarratti itti fufuu hin dandeenyu. (2 Xim. 2:5) Maarree, baʼaawwan baachuu qabnu kamfaʼi?

3. (a) Galaatiyaan 6:5 akka jedhutti, wanti baachuu qabnu maalidha? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla? Maaliif?

3 Galaatiyaa 6:5 dubbisi. Phaawulos wanta baachuu qabnu tokko adda baasee ibseera. “Namni hundi baʼaa ofii isaa baata” jedhee barreesseera. Phaawulos asirratti dubbachaa kan jiru itti gaafatamummaa Waaqayyo dhuunfaatti akka baannu nurraa eegudha; baʼaa kana namni kan biraan nuuf baachuu hin dandaʼu. Mata duree kana keessatti, wantoonni “baʼaa ofii” jedhaman maalfaa akka taʼanii fi baʼaa kana baachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Baʼaawwan barbaachisoo hin taanee fi tarii baachaa jirru maalfaa akka taʼanii fi ofirraa gatuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla. Baʼaa ofii keenyaa baachuunis taʼe baʼaa barbaachisaa hin taane ofirraa gatuun fiigicha jireenyaa xumuruuf nu gargaara.

BAʼAA BAACHUU QABNU

Baʼaa ofii keenyaa baachuun waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti galle eeguu, itti gaafatamummaa maatii keenya keessatti qabnu raawwachuu, akkasumas miidhaa murtoon keenya nutti fidu amannee fudhachuu kan dabalatudha (Keeyyata 4-9 ilaali)

4. Waadaan yeroo of murteessinetti galle baʼaa ulfaataa miti kan jennu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

4 Waadaa yeroo of murteessinetti galle. Yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti isa waaqeffachuu fi fedhii isaa raawwachuuf waadaa galleerra. Waadaa kana eeguu qabna. Waadaan yeroo of murteessinetti galle itti gaafatamummaa guddaa taʼus baʼaa ulfaataa miti. Yihowaaniyyuu kan nu uume fedhii isaa akka raawwannu godheeti. (Mul. 4:11) Uumamaan fedhii hafuuraa qabna, Waaqayyos akka bifa isaatti nu uume. Kanaafuu, isatti dhihaachuus taʼe fedhii isaa raawwachuudhaan gammaduu ni dandeenya. (Far. 40:8) Hunda caalaammoo, fedhii Waaqayyoo yeroo raawwannuu fi Ilma isaa duukaa yeroo buunu ‘boqonnaa arganna.’—Mat. 11:28-30.

(Keeyyata 4-5 ilaali)

5. Waadaa yeroo of murteessitetti galte eeguuf maaltu si gargaara? (1 Yohaannis 5:3)

5 Baʼaa kana baachuu kan dandeessu akkamitti? Wantoonni si gargaaran lama jiru. Tokkoffaa, jaalala Yihowaadhaaf qabdu cimsachuu kee itti fufi. Wantoota gaggaarii inni siif godherratti, akkasumas eebba gara fuulduraatti siif qopheesserratti xiinxaluun kee jaalala isaaf qabdu siif cimsa. Jaalalli Waaqayyoof qabdu guddachuun isaammoo isaaf ajajamuun akka sitti salphatu godha. (1 Yohaannis 5:3 dubbisi.) Lammaffaa, fakkeenya Yesuus hordofi. Yesuus kadhannaadhaan Yihowaa gargaarsa waan gaafateef, akkasumas badhaasa inni isaaf qopheesserratti xiyyeeffachuu isaa waan itti fufeef fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti milkaaʼina argateera. (Ibr. 5:7; 12:2) Atis akkuma Yesuus, jabina argachuuf Yihowaa kadhadhu, sammuun kees abdii jireenya bara baraarratti akka xiyyeeffatu godhi. Jaalala Waaqayyoof qabdu kan guddifattuu fi fakkeenya Ilma isaa kan hordoftu yoo taʼe, waadaa yeroo of murteessitetti galte eeguu ni dandeessa.

6. Itti gaafatamummaa maatii keenya keessatti qabnu raawwachuu kan qabnu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

6 Itti gaafatamummaa maatii keenya keessatti qabnu. Yeroo fiigicha jireenyaarratti hirmaannu firoota keenya caalaa Yihowaa fi Yesuusiin jaallachuu qabna. (Mat. 10:37) Akkas jechuun garuu itti gaafatamummaan maatii keenya keessatti qabnu Waaqayyoo fi Kiristoosiin gammachiisuu akka nu dhowwutti yaaduudhaan itti gaafatamummaa kana dagachuu ni dandeenya jechuu miti. Faallaa kanaatiin, Waaqayyoo fi Kiristoos duratti fudhatama kan argannu itti gaafatamummaa maatii keenya keessatti qabnu yoo raawwannedha. (1 Xim. 5:4, 8) Akkas gochuun keenya gammachuun keenya akka dabalu godha. Yihowaan maatii tokko keessatti abbaan manaa fi haati manaa yeroo wal jaallatanii fi wal kabajan, warri ijoollee isaanii yeroo jaallatanii fi yeroo leenjisan, ijoolleenimmoo warra isaaniitiif yeroo ajajaman maatichi gammachuu akka qabaatu beeka.—Efe. 5:33; 6:1, 4.

(Keeyyata 6-7 ilaali)

7. Itti gaafatamummaa maatii kee keessatti qabdu raawwachuu kan dandeessu akkamitti?

7 Baʼaa kana baachuu kan dandeessu akkamitti? Itti gaafatamummaan maatii kee keessatti qabdu maaliyyuu yoo taʼe miira kee, aadaa kee ykn gorsa namoonni hayyoota jedhaman kennanitti amanamuu mannaa, ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamutti amanami. (Fak. 24:3, 4) Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanittis akka gaariitti fayyadami. Barreeffamoonni kun yaadawwan qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuuf si gargaaran qabataniiru. Fakkeenyaaf, mata dureewwan kutaa, “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu” jedhu jalatti walitti aananii baʼan, haala rakkisaa yeroo harʼaatti hiriyoota gaaʼelaa, warraa fi dargaggoota mudatu tokko tokkoon kaasuudhaan yaada isaan fayyadu kennu. b Miseensonni maatichaa kaan akkas gochuu baatanis wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hojiirra oolchuuf murteessi. Akkas gochuun kee maatii kee ni fayyada, eebba Yihowaas siif argamsiisa.—1 Phe. 3:1, 2.

8. Murtoon keenya dhiibbaa kan nurratti godhu akkamitti?

8 Itti gaafatamummaa murtoon keenya nutti fidu fudhachuu. Yihowaan mirga filannaa nuuf kenneera; murtoo gaarii gochuudhaan faayidaa akka argannu barbaada. Taʼus, miidhaa murtoo gaarii hin taane gochuu keenyaan nutti dhufurraa nu hin eegu. (Gal. 6:7, 8) Kanaafuu, baʼaa filannaa dogoggoraa gochuu keenyaan ykn wanta sirrii hin taane dubbachuu ykn raawwachuu keenyaan nutti dhufe baachuu qabna. Wanta raawwanneen kan kaʼe qalbiin keenya nu ceephaʼa taʼa. Haa taʼu malee, murtoo gooneef akka itti gaafatamnu beekuun keenya cubbuu keenya himachuuf, dogoggora keenya sirreessuuf, akkasumas deebinee dogoggora akkasii akka hin raawwanne of eeguuf nu kakaasuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan akkasii fudhachuun keenya fiigicha jireenyaarratti hirmaachuu keenya itti fufuuf nu gargaara.

(Keeyyata 8-9 ilaali)

9. Miidhaa murtoo gaarii hin taane gochuu keetiin sitti dhufe dandamachuuf maaltu si gargaara? (Fakkichas ilaali.)

9 Baʼaa kana baachuu kan dandeessu akkamitti? Murtoo dogoggoraa goote sirreessuu hin dandeessu taanaan haala amma keessa jirtu amanii fudhadhu. Wanta darbe jijjiiruu akka hin dandeenye hubadhu. Dogoggora raawwatteef sababii dhiheessuudhaan ykn ofis taʼe warra kaan komachuudhaan yeroo fi humna kee hin fixin. Kanaa mannaa, dogoggora raawwatte amanii fudhadhu, akkasumas haala amma keessa jirtutti akka gaariitti fayyadamuuf carraaqqii godhi. Dogoggora raawwatte tokkoon kan kaʼe miirri balleessaa sitti dhagaʼamaa jira taanaan, gad of qabuudhaan kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, balleessaa kee amanii fudhadhu, dhiifama akka siif godhus isa kadhadhu. (Far. 25:11; 51:3, 4) Namoota balleessaa irratti raawwatte dhiifama gaafadhu; barbaachisaa taanaan, jaarsolii gargaarsa gaafadhu. (Yaq. 5:14, 15) Balleessaa keerraa baradhu, dogoggora sana akka irra hin deebines of eeggadhu. Akkas yoo goote Yihowaan araara akka sitti argisiisuu fi deggersa si barbaachisu akka siif godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Far. 103:8-13.

BAʼAAWWAN ‘OFIRRAA GATUU’ QABNU

10. Wanta humna keenyaa ol taʼe ofirraa eeguun baʼaa ulfaataa kan taʼe maaliifi? (Galaatiyaa 6:4)

10 Wanta humna keenyaa ol taʼe ofirraa eeguu. Warra kaan wajjin walbira of qabuudhaan yeroo wanta humna keenyaa ol taʼe ofirraa eegnu baʼaa ulfaataa taʼe ofirratti feena. (Galaatiyaa 6:4 dubbisi.) Yeroo hunda warra kaan wajjin walbira kan of qabnu yoo taʼe, hinaaffaa fi dorgommii keessa galuu dandeenya. (Gal. 5:26) Bakka namoonni kaan gaʼanirra gaʼuuf yeroo carraaqqii goonu, wanta humna keenyaa ol taʼee fi haalli keenya nuuf hin heyyamne akka raawwannu of dirqisiisna. “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa,” wanta matumaa gochuu hin dandeenye ofirraa eeguunimmoo kana caalaa nama miidha! (Fak. 13:12) Akkas gochuun humna keenya nu jalaa waan fixuuf, fiigicha jireenyaarratti saffisni keenya akka hirʼatu godha.—Fak. 24:10.

11. Wanta humna keetii ol taʼe ofirraa eeguurraa fagaachuuf maaltu si gargaara?

11 Baʼaa kana ofirraa gatuu kan dandeessu akkamitti? Wanta Yihowaan sirraa eegu caalaa ofirraa hin eegin. Inni wanta ati hin qabne akka kennitu matumaa sirraa hin eegu. (2 Qor. 8:12) Yihowaan wanta ati raawwattu wanta warri kaan raawwatan wajjin wal bira akka hin qabne mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Mat. 25:20-23) Lubbuu guutuudhaan isa tajaajiluu kee, amanamummaa kee fi jabaattee dhaabbachuu keetiif iddoo guddaa kenna. Umuriin kee, fayyaan kee fi haalli keessa jirtu wanta amma gochuu dandeessu akka si jalaa daangessu gad of qabuudhaan amanii fudhadhu. Akkuma Baarzilaay fayyaan kee ykn umuriin kee itti gaafatamummaa tokko raawwachuun akka sitti ulfaatu kan godhu yoo taʼe, itti gaafatamummaa sana fudhachuu dhiisuuf murteessi. (2 Sam. 19:35, 36) Akkuma Musee barbaachisaa taanaan gargaarsa warra kaanii fudhadhu ykn itti gaafatamummaa tokko tokko warra kaaniif kenni. (Bau. 18:21, 22) Kan gad of qabdu yoo taʼe, wanta humna keetii ol taʼee fi fiigicha jireenyaarratti humna kee si jalaa fixu ofirraa hin eegdu.

12. Murtoo dogoggoraa warri kaan godhaniif itti gaafatamummaan nurra jiraa? Ibsi.

12 Murtoo dogoggoraa warri kaan godhaniif itti gaafatamummaan akka nurra jiru yaaduu. Warra kaaniif murtoo gochuu hin dandeenyu; miidhaa filannaa dogoggoraa gochuu isaaniitiin kan kaʼe isaanitti dhufurraas yeroo hunda isaan eeguu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, mucaan tokko yeroo booda Yihowaa tajaajiluu isaa dhiisuuf murteessa taʼa. Murtoon akkasii warrarratti gadda guddaa fiduu dandaʼa. Haa taʼu malee, warri murtoo dogoggoraa mucaan isaanii godheen of ceephaʼan baʼaa barbaachisaa hin taane ofirratti feʼu. Baʼaan akkasii baʼaa Yihowaan akka baatan isaanirraa eegu miti.—Rom. 14:12.

13. Warri mucaan isaanii murtoo dogoggoraa yoo godhe haala isaa dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Baʼaa kana ofirraa gatuu kan dandeessu akkamitti? Yihowaan hunda keenyaafiyyuu mirga filannaa akka kenne yaadadhu. Inni namni hundi filannaa mataa isaa akka godhu heyyameera. Kunis isa tajaajiluuf ykn dhiisuuf murteessuu dabalata. Yihowaan mudaa akka qabdu beeka; kanaafuu, wantuma gochuu dandeessu akka gootu sirraa eega. Filannaan mucaan kee godhe itti gaafatamummaa isaati malee kan kee miti. (Fak. 20:11) Taʼus, dogoggorri yeroo isa guddisaa turtetti raawwatte si yaaddessa taʼa. Taanaan, miira sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi, akkasumas dhiifama isa gaafadhu. Inni wanta darbe duubatti deebitee jijjiiruu akka hin dandeenye beeka. Haa taʼu malee, mucaan kee wanta facaase akka hin haammanne eegumsa akka isaaf gootu sirraa hin eegu. Yihowaan mucaan kee gara isaatti deebiʼuuf carraaqqii yoo godhe gammachuudhaan akka isa simatus mirkanaaʼaa taʼi.—Luq. 15:18-20.

14. Garmalee of ceephaʼuun baʼaa ofirraa gatuu qabnudha kan jennu maaliifi?

14 Garmalee of ceephaʼuu. Yeroo cubbuu raawwannutti of ceephaʼuun keenya sirriidha. Haa taʼu malee, Yihowaan garmalee akka of ceephaanu hin barbaadu. Kun baʼaa ofirraa gatuu qabnudha. Maarree, garmalee of ceephaʼaa akka jirru kan beeknu akkamitti? Cubbuu keenya yoo himanne, yaada yoo geddarannee fi cubbuu sana akka irra hin deebineef tarkaanfiiwwan barbaachisan yoo fudhanne, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu amanuu ni dandeenya. (HoE. 3:19) Yihowaan tarkaanfiiwwan kana erga fudhannee booda of ceephaʼuu keenya akka itti fufnu hin barbaadu. Akkas gochuun miidhaa guddaa akka qabu beeka. (Far. 31:10) Gaddaan yoo liqimfamne abdii kutannee fiigicha jireenyaa addaan kutuu dandeenya.—2 Qor. 2:7.

Garaadhaa yaada erga geddarattee booda Yihowaan waaʼee cubbuu keetii yaaduu isaa itti hin fufu, atis yaaduu kee dhiisuu qabda (Keeyyata 15 ilaali)

15. Garmalee of ceephaʼuu dhiisuuf maaltu si gargaara? (1 Yohaannis 3:19, 20) (Fakkichas ilaali.)

15 Baʼaa kana ofirraa gatuu kan dandeessu akkamitti? Yeroo garmalee of ceephaatutti ‘dhiifama dhugaa’ Waaqayyorraa argamurratti xiyyeeffadhu. (Far. 130:4) Yihowaan namoota garaadhaa yaada geddarataniif dhiifama erga godhee booda ‘cubbuu isaanii sana booda akka hin yaadanne’ waadaa galeera. (Er. 31:34) Kana jechuun Yihowaan sana booda cubbuu raawwatte sanaaf si hin gaafatu jechuudha. Kanaafuu, miidhaan cubbuu raawwatteen kan kaʼe sirra gaʼaa jiru ragaa dhiifama akka hin arganne argisiisu akka taʼe gootee hin yaadin. Dogoggorri kanaan dura raawwatte wanta yeroo ammaatti tajaajila isaa keessatti raawwachuu dandeessu waan si jalaa daangesseef of hin adabin. Yihowaan waaʼee cubbuu kanaan dura raawwattee hin yaadu, atis yaaduu kee dhiisuu qabda.—1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi.

BADHAASICHA ARGACHUUF FIIGI

16. Dorgommii fiigichaarratti hirmaachaa waan jirruuf maal yaadachuu qabna?

16 Fiigicha jireenyaarratti yeroo hirmaannu ‘badhaasicha akka argannuuf fiiguu’ qabna. (1 Qor. 9:24) Akkas gochuuf garuu garaa garummaa baʼaa baachuu qabnuu fi baʼaa ofirraa gatuu qabnu gidduu jiru hubachuu qabna. Mata duree kana keessatti wanta baachuu qabnuu fi wanta ofirraa gatuu qabnu ilaalchisee fakkeenyota muraasa qofa ilaalle. Garuu wantoota kan biroos kaasuu ni dandeenya. Yesuus ‘garmalee nyaachuu, garmalee dhuguu fi yaaddoo jireenyaatiin baʼaan akka nutti ulfaatu’ gochuu akka dandeenyu dubbateera. (Luq. 21:34) Caqasni kunii fi caqasoonni kan biroon yeroo fiigicha jireenyaarratti hirmaattutti sirreeffama gochuun si barbaachisu tokko tokko adda baafachuuf si gargaaruu dandaʼu.

17. Fiigicha jireenyaarratti injifannoo akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Yihowaan jabina nu barbaachisu waan nuu kennuuf, fiigicha jireenyaarratti injifannoo akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Isa. 40:29-31) Kanaafuu, saffisa kee hin hirʼisin. Fakkeenya Phaawulos ergamaa isa badhaasa isa dura jiru argachuuf wanta dandaʼu hunda godhee hordofi. (Filp. 3:13, 14) Fiigicha kana eenyuyyuu siif fiiguu hin dandaʼu; taʼus, gargaarsa Yihowaatiin milkaaʼina argachuu ni dandeessa. Yihowaan baʼaa kee akka baattuu fi baʼaa barbaachisaa hin taane akka ofirraa gattu si gargaara. (Far. 68:19) Inni si wajjin waan jiruuf, fiigicha jireenyaarratti jabinaan fiiguu fi injifannoo argachuu ni dandeessa!

FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!

a Mata dureen kun fiigicha jireenyaa fiiguu keenya itti fufuuf nu gargaara. Yeroo fiignutti baʼaa baannu tokko tokko qabna. Baʼaan kunis waadaa yeroo of murteessinetti galle, itti gaafatamummaa maatii keenya keessatti qabnuu fi itti gaafatamummaa murtoon keenya nutti fidu kan dabalatudha. Baʼaa hin barbaachisnee fi saffisa keenya akka hirʼisnu godhu kamiyyuu garuu ofirraa gatuu qabna. Kun maalfaa dabalata? Mata duree kana keessatti deebii gaaffii kanaa ilaalla.

b Mata dureewwan jw.org irratti kutaa “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu” jedhu jalatti walitti aananii baʼan argachuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, mata dureewwan armaan gadii ilaaluu dandeessa; hiriyoota gaaʼelaatiif, “Kabaja Argisiisuu—Akkamitti?” fi “Dinqisiifannaa Ibsuu—Akkamitti?”; warraaf, “Mucaan Koo Moobaayilii Akka Qabaatu Heyyamuun Qabaa?” fi “Mucaa Keessan Isa Dargaggeessa Taʼee Wajjin Haasaʼuu Kan Dandeessan Akkamitti?”; dargaggootaafimmoo, “Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” fi “Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?