Hiriyaan Gaaʼelaa Kee Poornoogiraafii yoo Ilaale Maal Gochuu Dandeessa?
-
“Akka waan abbaan manaa koo irra deddeebiʼee ejja raawwatetti natti dhagaʼame.”
-
“Akkan salphadhe, akkan nama hin hawwannee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼame.”
-
“Eenyuttiyyuu himuu hin dandeenye. Keessuma kootti dhiphachaan ture.”
-
“Yihowaan akka naaf hin yaanne natti dhagaʼame.”
Yaadawwan olitti ibsamanirraa akka hubannutti dubartiin takka abbaan manaa ishii poornoogiraafii yeroo ilaalu baayʼee miidhamti. Dhoksaatti jiʼoota ykn waggoota muraasaaf akkas godheera taanaanimmoo sana booda isa amanuu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dubartiin takka akkana jetteetti: “Abbaa manaa koo akkan hin beekne natti dhagaʼame. ‘Wanti na dhokse kan biraanis jiraa laata?’ jedhee yaaduun jalqabe.”
Mata dureen kun dubartoota abbootiin manaa isaanii barsiifata poornoogiraafii ilaaluu qaban gargaaruuf qophaaʼe. a Mata duree kana keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jajjabina isaaniif argamsiisan, akkasumas Yihowaan akka isaan deggeruu fi karaa miiraas taʼe karaa hafuuraa akka isaan cimsu amanannaa qaban isaaniif guddisan ilaalla. b
MAAL GOCHUU DANDEESSA?
Wanta abbaan manaa kee godhu hunda toʼachuu kan hin dandeenye taʼus, tarkaanfiiwwan nagaa qabaachuuf si gargaaran tokko tokko fudhachuu ni dandeessa. Yaadawwan armaan gadii ilaali.
Of hin ceephaʼin. Haati manaa takka yeroo abbaan manaa ishii poornoogiraafii ilaalu hamma tokko balleessaa akka qabdu ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Aliis, c dubartii abbaa manaa ishii hawwachuu hin dandeenye akka taate ishiitti dhagaʼama. ‘Abbaan manaa koo ana dhiisee dubartii kan biraa ilaaluuf kan filate maaliifi laata?’ jettee yaaddofti. Haadhotiin manaa tokko tokkommoo amalli isaan yeroo akkasiitti argisiisan haalli isaa akka hammatu akka godhe yaaduudhaan of ceephaʼu. Daaniyeel, “Baayʼee aaruun koo gaaʼela keenya akka miidhe natti dhagaʼama” jetteetti.
Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, Yihowaan dogoggora abbaan manaa kee raawwateef akka si hin gaafanne yaadadhu. Yaaqoob 1:14, “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama” jedha. (Rom. 14:12; Filp. 2:12) Yihowaan si komachuu mannaa, waan isaaf amanamteef iddoo guddaa siif kenna.—2 Sen. 16:9.
Haati manaa takka abbaan manaa ishii poornoogiraafii kan ilaalu waan ishiin hirʼina qabduuf akka taʼe ishiitti dhagaʼama taʼa; kun garuu dhugaa miti. Hayyoonni akka ibsanitti namni tokko poornoogiraafii ilaaluun isaa fedhii saalaa dubartiin kamiyyuu guutuu hin dandeenye akka qabaatu godha.
Garmalee yaaddaʼuurraa of qusadhu. Kaatriin yeroo hunda kan yaaddu abbaan manaa ishii poornoogiraafii ilaaluu isaa akka taʼe dubbatteetti. Firaansis akkana jetteetti: “Yeroo abbaan manaa koo eessa akka jiru hin beekne hundumaatti baayʼeen yaaddaʼa. Guyyaa hundumaa dhiphina cimaatu natti dhagaʼama.” Haadhotiin manaa tokko tokkommoo Kiristiyaanota rakkina abbaa manaa isaanii beekan wajjin yeroo taʼan qaaniin akka isaanitti dhagaʼamu dubbataniiru. Warri kaanimmoo, namni haala isaan keessa jiran isaaniif hubatu akka hin jirre waan yaadaniif kophummaa cimaatu isaanitti dhagaʼama.
Akkas sitti dhagaʼamuun isaa waanuma jirudha. Taʼus, miira akkasiirratti xiyyeeffachuun caalaatti akka dhiphattu gochuu malee faayidaa hin qabu. Kanaa mannaa, hariiroo Yihowaa wajjin qabdurratti xiyyeeffachuuf carraaqqii godhi. Akkas gochuun kee cimina qabaachuuf si gargaara.—Far. 62:2; Efe. 6:10.
Kitaaba Qulqulluurraa seenaa dubartoota kadhannaadhaan Yihowaa gargaarsa gaafachuu isaaniitiin jajjabina argatanii dubbisuudhaan irratti xiinxaluun kee si fayyada. Yihowaan yeroo hunda haala isaanii jijjiiruu baatus nagaa isaaniif kenneera. Fakkeenyaaf, Haannaan haala keessa turteen kan kaʼe ‘baayʼee gadditee’ turte. Taʼus, haalli ishii kan jijjiiramu akkamitti akka taʼe beekuu baattus, ‘saʼaatii dheeraadhaaf Yihowaa duratti kadhannaa erga dhiheessitee booda’ nagaa qabaachuu dandeesseetti.—1 Sam. 1:10, 12, 18; 2 Qor. 1:3, 4.
Gargaarsa jaarsolii gumii gaafadhu. Jaarsoliin ‘bakka bubbee jalaa dahoo itti argatan, bakka bokkaa yandoo jalaa kooluu itti galan’ taʼuu ni dandaʼu. (Isa. 32:2, milj.) Tarii obboleettii iccitii kee itti himachuu dandeessuu fi si jajjabeessitu akka argattullee si gargaaruu dandaʼu.—Fak. 17:17.
ISA GARGAARUU NI DANDEESSAA?
Tarii barsiifata poornoogiraafii ilaaluu mooʼuu akka dandaʼu abbaa manaa kee gargaaruu ni dandeessaa laata? Ni dandeessa taʼa. Kitaabni Qulqulluun rakkina tokko furuuf ykn diina cimaa taʼe injifachuuf ‘tokko taʼuurra lama taʼuun akka wayyu’ dubbata. (Lal. 4:9-12) Qorannoowwan akka argisiisanitti hiriyoonni gaaʼelaa araada poornoogiraafii injifachuufis taʼe deebisanii amantii walirratti qabaachuuf waliin taʼanii hojjechuun isaanii yeroo baayʼee buʼaa gaarii argamsiisa.
Haa taʼu malee, abbaan manaa kee barsiifata 2 Qor. 4:7; Yaq. 5:14, 15) Poornoogiraafii ilaaluurraa of eeguuf wanta karoorfate qabaa? Fakkeenyaaf, yeroo meeshaalee eleektiroonikiitti fayyadamuudhaan dabarsu daangessuuf, akkasumas haalawwan isa qoranirraa fagaachuuf carraaqqii ni godhaa? (Fak. 27:12) Gargaarsa kee fudhachuu fi dhugaa isaa sitti himuuf fedhii qabaa? Taanaan, isa gargaaruu ni dandeessa taʼa.
kana dhiisuun isaa irra caalaa isaa poornoogiraafii dhiisuuf fedhii cimaa qabaachuu isaa fi carraaqqii cimaa gochuu isaarratti hundaaʼa. Cimina argachuuf Yihowaatti wawwaannaa ni dhiheessaa? Gargaarsa jaarsolii argachuufoo carraaqqii ni godhaa? (Akkamitti? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Abbaa manaa Feliishaa kan taʼe Etaan ijoollummaa isaatti poornoogiraafii ilaaluun araada isatti taʼee ture. Feliishaan yeroo inni poornoogiraafii ilaaluuf qoramu hundumaatti ishiitti himuun akka isatti salphatu gooteetti. Etaan akkana jedheera: “Haadha manaa kootti wanta hunda ifattan hima. Ishiinis jaalalaan kakaatee wantoota na qoranirraa akkan fagaadhu na gargaarti, haalan keessa jirus yeroo hunda na gaafatti. Yeroon intarneetii fayyadamuudhaan dabarsus akkan daangessu na gargaarti.” Feliishaan Etaan poornoogiraafii ilaaluuf kan qoramu taʼuun isaa akka ishii miidhu beekamaadha. Akkana jetteetti: “Aaruu fi gadduun koo garuu barsiifata cimaa taʼe kanarraa fagaachuuf isa hin gargaaru. Rakkina isaarratti erga mariʼannee booda gadda natti dhagaʼamu akkan mooʼu na gargaaruuf qophaaʼaa taʼa.”
Mariin akkasii abbaan manaa tokko poornoogiraafiirraa akka fagaatu gargaaruu qofa utuu hin taʼin, haati manaa isaa deebitee akka isa amantus gumaacha godha. Abbaan manaa tokko fedhii isaa, iddoo dhaquu fi wanta godhu haadha manaa isaatti kan himu yoo taʼe, sana booda wanti ishii dhoksu waan hin jirreef, deebitee isa amanuun ishiitti salphata.
Atoo karaa kanaan abbaa manaa kee gargaaruu akka dandeessu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, mata duree kana waliin dubbistanii maaliif irratti hin mariʼattan? Kaayyoon isaa poornoogiraafiirraa fagaachuudhaan akka isa amantu gochuudha. Abbaan manaa kee dhimmi kun si yaaddessuu isaatti aaruu mannaa, rakkinichi sirratti dhiibbaa akkamii akka godhe hubachuuf yaaluu qaba. Atis carraaqqii barsiifata isaa kana dhiisuuf godhurratti isa gargaaruu fi carraa deebitee akka isa amantu gochuuf isa dandeessisu akka argatu gochuu qabda. Lamaan keessaniyyuu namni tokko poornoogiraafii ilaaluuf fedhii akka qabaatu wanti godhu maal akka taʼee fi rakkina kana mooʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beekuu qabdu. d
Kophaa keessan dhimma kanarratti tasgabbooftanii haasaʼuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame, yeroo mariʼattanitti taaʼee akka isin dhaggeeffatuuf jaarsa tokko gaafachuu dandeessa. Abbaan manaa tokko araada poornoogiraafii ilaaluu erga injifatee boodallee, haati manaa isaa deebitee akka isa amantu gochuun yeroo dheeraa isatti fudhachuu akka dandaʼu hubadhu. Abdii hin kutatin. Karaa hariiroon keessan itti fooyyaʼe, xinnoollee yoo taʼe, hubachuuf yaali. Yeroo booda, lamaan keessaniyyuu yoo obsitan, gaaʼelli keessan deebiʼee cimaa akka taʼu abdadhu.—ILAALUU ISAA YOO ITTI FUFEHOO?
Abbaan manaa kee poornoogiraafii ilaaluu erga dhiisee booda yoo itti deebiʼe, kun taʼuun isaa nama yaada hin geddaranne akka taʼe ykn haalli isaa abdii akka hin qabne kan argisiisudhaa? Akkas taʼuu dhiisuu dandaʼa. Keessumaa araada isatti taʼeera taanaan umurii isaa guutuu walʼaansoo gochuun isa barbaachisuu dandaʼa. Poornoogiraafii ilaaluu dhiisee waggoota hedduu boodallee deebiʼee ilaaluu dandaʼa. Wanti akkasii deebiʼee akka hin uumamneef, yeroo rakkinicha guutummaatti akka injifate isatti dhagaʼamuttillee, daangaa eegumsaa cimaa taʼe ofiif kaaʼuun isa barbaachisuu dandaʼa. (Fak. 28:14; Mat. 5:29; 1 Qor. 10:12) ‘Humna sammuu isaa hojjechiisuun haareffamuu isaa itti fufuu’ fi poornoogiraafii dabalatee ‘wanta hamaa jibbuu’ barachuun isa barbaachisa; kunis gochawwan xuraaʼoo kan akka maastarbeeshinii jiran kan dabalatudha. (Efe. 4:23; Far. 97:10; Rom. 12:9) Carraaqqii akkasii gochuuf fedhii qabaa? Taanaan, yeroo booda barsiifata kanarraa guutummaatti bilisa taʼuu ni dandaʼa jechuudha. e
Haa taʼu malee, abbaan manaa kee dadhabina isaa kana injifachuuf carraaqqii gochuu hin barbaadu yoo taʼehoo? Taanaan, yeroo baayʼee, abdii kutachuu, aaruu fi akka ganamte sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisuudhaan nagaa sammuu qabaachuuf carraaqqii godhi. (1 Phe. 5:7) Qoʼachuu, kadhachuu fi xiinxaluudhaan caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf carraaqi. Yeroo akkas gootu innis caalaatti akka sitti dhihaatu mirkanaaʼaa taʼi. Isaayyaas 57:15 irratti akka ibsametti, inni namoota akka caccaban isaanitti dhagaʼamuu fi gaddan wajjin ni taʼa; hafuura isaaniis ni haaressa. Hamma siif dandaʼame Kiristiyaana gaarii taʼuuf carraaqqii godhi. Jaarsolii gargaarsa gaafadhu. Abbaan manaa kee gara fuulduraatti garaadhaa jijjiirama akka godhu abdadhu.—Rom. 2:4; 2 Phe. 3:9.
a Mata duree kana keessatti poornoogiraafii kan ilaale abbaa manaa akka taʼe kan ibsame taʼus, dhugaawwan buʼuuraa ibsaman hedduun abbaa manaa haati manaa isaa poornoogiraafii ilaaltus ni fayyada.
b Akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti poornoogiraafii ilaaluun wal hiikuuf sababa hin taʼu.—Mat. 19:9.
c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
d Yaada gama kanaan isin gargaaru jw.org fi barreeffamoota keenyarraa argachuu dandeessu. Fakkeenyaaf, jw.org irraa mata duree “Poornoogiraafiin Gaaʼelakee Diiguu Dandaʼa” jedhuu fi “Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?” jedhu; akkasumas mata duree “Qorumsa Moʼuu Ni Dandeessa!” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa, Adoolessa, 2014, ful. 11-13 irratti baʼe ilaaluu dandeessu.
e Poornoogiraafii ilaaluun araada cimaa namatti taʼuu waan dandaʼuuf, hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko gargaarsa jaarsolii malees, gargaarsa ogeeyyii fayyaa gaafachuuf murteessaniiru.