MATA DUREE QOʼANNAA 34
Raajii Kitaaba Qulqulluurraa Baradhaa
“Warri hubannaa gad fagoo qaban . . . kana ni hubatu.”—DAN. 12:10.
FAARFANNAA 98 Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame
QABIYYEE a
1. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akka nu gammachiisu gochuuf maaltu nu gargaara?
OBBOLEESSI dargaggeessi Been jedhamu, “Raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun natti tola” jedheera. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Moo raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hubachuun baayʼee ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama? Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun nuffisiisaa akka taʼellee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yihowaan raajiiwwan kun Dubbii isaa keessatti akka galmeeffaman kan godhe maaliif akka taʼe caalaatti yeroo hubattu garuu ilaalcha kee jijjiiruu dandeessa.
2. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?
2 Mata duree kana keessatti raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan qabnu maaliif akka taʼe qofa utuu hin taʼin, qoʼachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni mariʼanna. Achiis raajiiwwan kitaaba Daaniʼel keessatti ibsaman lama qoruudhaan raajiiwwan kana hubachuun yeroo ammaatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe ilaalla.
RAAJII KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
3. Raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf maal gochuu qabna?
3 Raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsa gaafachuu qabna. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Bakka hin beekne tokko daawwachaa akka jirtu godhii yaadi; michuun kee si wajjin jiru garuu naannoo sana sirriitti beeka. Eessa akka geessanii fi daandiin hundi garam akka geessu sirriitti beeka. Michuun kee si wajjin jiraachuu isaatti akka gammaddu ifadha. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo akkamii keessa akka jirruu fi gara fuulduraatti maaltu akka nu mudatu beeka. Kanaafuu, raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gad of qabnee gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabna.—Dan. 2:28; 2 Phe. 1:19, 20.
4. Yihowaan raajiiwwan Dubbii isaa keessatti akka galmeeffaman kan godhe maaliifi? (Ermiyaas 29:11) (Fakkichas ilaali.)
4 Yihowaan akkuma abbaa gaarii taʼe tokkoo ijoolleen isaa egeree gaarii akka qabaatan barbaada. (Ermiyaas 29:11 dubbisi.) Haa taʼu malee, Yihowaan namootarraa haala adda taʼeen waaʼee gara fuulduraa raajii dubbachuu ni dandaʼa; wanti inni dubbates guutummaatti ni raawwatama. Taʼeewwan guguddaan raawwatamuu isaanii dura beekuu akka dandeenyuuf, Dubbii isaa keessatti raajiiwwan akka galmeeffaman godheera. (Isa. 46:10) Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kennaa Abbaan keenya inni samii jaalalaan kakaʼee nuuf kennedha. Garuu raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka raawwataman mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?
5. Dargaggoonni muuxannoo Maaksirraa maal barachuu dandaʼu?
5 Dargaggoonni keenya yeroo baayʼee mana barumsaatti namoota Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja hin qabne wajjin oolu. Wanti namoonni kun dubbatanii fi amalli isaanii dargaggeessi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko amantii isaa akka shakku gochuu dandaʼa. Mee muuxannoo obboleessa Maaksi jedhamuu haa ilaallu. Akkana jedheera: “Umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti warri koo amantaa dhugaa na barsiisaa akka jiranii fi Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame taʼuu isaa shakkuun jalqabe.” Maarree, warri isaa maal godhan? Maaksi, “Dhiphatanii akka turan beeka, garuu tasgabbiidhaan na haasofsiisan” jedheera. Warri Maaksi gaaffii isaatiif Kitaaba Qulqulluurraa deebii isaaf kennaniiru. Maaksis wanta godhe qaba. Akkana jedheera: “Raajii Kitaaba Qulqulluu ofuma kootiinan qoʼadhe. Achiis wantan baradhe dargaggoota kan biroo wajjinan irratti mariʼadhe.” Maarree, buʼaa akkamii argate? Maaksi, “Sana booda Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame mirkanaaʼaan taʼe” jedheera.
6. Shakkiin yoo sitti uumame maal gochuu qabda? Maaliif?
6 Atis akkuma Maaksi Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa shakkuu yoo jalqabde of ceephaʼuun si hin barbaachisu. Garuu wanti gochuu qabdu jira. Shakkiin akkuma ligidaati. Ligidni calluma jettee yoo ilaalte suutuma suuta wanta gatii guddaa qabu tokko balleessuu dandaʼa. Shakkii akkuma ligidaa amantii kee mancaasuu dandaʼu balleessuuf jalqaba, ‘Wanta Kitaabni Qulqulluu waaʼee gara fuulduraa dubbatutti nan amanaa?’ jedhii of gaafadhu. Mirkanaaʼaa miti taanaan raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kanaan dura raawwataman qoʼachuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?
RAAJII KITAABA QULQULLUU QOʼACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
7. Daaniʼel akkaataa raajii Kitaaba Qulqulluu itti qoʼannu ilaalchisee fakkeenya akkamii nuuf taʼa? (Daaniʼel 12:10) (Fakkichas ilaali.)
7 Daaniʼel raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuurratti hunda keenyaaf fakkeenya gaarii taʼa. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan ture kakaʼumsa sirriidhaan, jechuunis dhugaa beekuu barbaadeeti. Kana malees, Daaniʼel nama gad of qabu ture. Yihowaan namoota isa beekanii fi ulaagaalee isaa warra qulqulluu taʼan hordofaniif hubannaa akka kennu beeka ture. (Dan. 2:27, 28; Daaniʼel 12:10 dubbisi.) Gargaarsa Yihowaatti amanamuudhaan akka gad of qabu argisiiseera. (Dan. 2:18) Daaniʼel nama of eeggannoodhaan qoʼatu ture. Kitaabota Qulqulluu bara isaatti turanirratti qorannaa godheera. (Er. 25:11, 12; Dan. 9:2) Maarree, fakkeenya Daaniʼel hordofuu kan dandeessu akkamitti?
8. Namoonni tokko tokko raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka raawwataman kan hin amanne maaliifi? Nutoo maal gochuu qabna?
8 Kakaʼumsa kee qori. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoruuf kan kakaate dhugaa beekuuf fedhii cimaa waan qabduufii? Akkas taanaan Yihowaan si gargaara. (Yoh. 4:23, 24; 14:16, 17) Sababiin namoonni tokko tokko raajii Kitaaba Qulqulluu itti qoʼatan garuu kana miti. Namoonni kun kana kan godhan ragaa Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka hin barreeffamne argisiisu ni arganna jedhanii waan abdataniifi. Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan hin barreeffamne yoo taʼe wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofuma isaaniitiin murteeffachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, kakaʼumsa sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Kana malees, raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf amalli baayʼee barbaachisaa taʼe tokko jira.
9. Amalli raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf nu barbaachisu isa kami? Ibsi.
9 Kan gad of qabdu taʼi. Yihowaan namoota gad of qaban gargaaruuf waadaa galeera. (Yaq. 4:6) Kanaafuu, raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Gargaarsi garbicha amanamaa fi ogeessaa akka nu barbaachisus amanuu qabna; Yihowaan yeroo sirrii taʼetti nyaata hafuuraa nuu qopheessuuf garbicha kanatti fayyadama. (Luq. 12:42) Yihowaan Waaqa jeequmsaa waan hin taaneef, dhugaa Dubbii isaa keessatti argamu akka hubannu nu gargaaruuf kan fayyadamu karaa tokko qofadha.—1 Qor. 14:33; Efe. 4:4-6.
10. Muuxannoo Iistarirraa maal baratte?
10 Qorannaa gadi fageenya qabu godhi. Jalqaba raajii xiyyeeffannaa kee harkisu filadhuutii qorannaa irratti godhi. Obboleettiin Iistar jedhamtu akkas gooteetti. Raajiiwwan waaʼee dhufaatii Masiihichaa dubbataman caalaatti beekuu barbaaddee turte. Akkana jetteetti: “Umuriin koo waggaa 15 yeroo taʼu raajiiwwan kun Yesuus dhufuu isaa dura kan barreeffaman taʼuu isaanii mirkaneeffachuuf qorannaa gadi fageenya qabu gochuun jalqabe.” Iistar Maraawwan Galaana Duʼaa ilaalchisee wanti dubbiste ishii amansiiseera. Akkana jetteetti: “Tokko tokko kan barreeffaman Kiristoos dhufuu isaa duradha. Kanaafuu, raajiiwwan achi keessatti argaman Waaqayyo biraa kan dhufanidha. Yaada isaa hubachuuf irra deddeebiʼee dubbisuun na barbaachiseera.” Taʼus, Iistar carraaqqii gootetti gammaddeetti. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hedduu gadi fageenyaan erga qoʼattee booda, “Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa ofuma kootiin arguu dandaʼeera” jetteetti.
11. Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuun kan nu fayyadu akkamitti?
11 Raajiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman tokko tokko kanaan dura kan raawwataman akkamitti akka taʼe yeroo ilaallu, Yihowaa fi karaa inni itti nu geggeessurratti amantii cimaa qabaanna. Kana malees, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo ammaatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe yeroo gara fuulduraatiif ilaalcha gaarii qabaachuuf nu gargaaru. Mee raajiiwwan Daaniʼel barreessee fi yeroo ammaatti raawwatamaa jiran lama gabaabsinee haa ilaallu. Raajiiwwan kana hubachuun murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.
WAAʼEE MIILA SIBIILAA FI SUPHEERRAA TOLFAMEE BEEKUU KAN QABDU MAALIIFI?
12. Miilli “sibiila suphee laafaatti makame” irraa tolfame maal argisiisa? (Daaniʼel 2:41-43)
12 Daaniʼel 2:41-43 dubbisi. Abjuu Daaniʼel Nebukadnezaar Mootichaaf hiikerratti miilli siidaa mootichi arge sanaa “sibiila suphee laafaatti makame” irraa tolfame. Raajii kana raajiiwwan kan biroo kitaaba Daaniʼelii fi kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman wajjin wal bira qabuudhaan miilli kun Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa bara keenyatti bulchaa jiru akka argisiisu hubachuu dandeenya. Daaniʼel mootummaa addunyaa kana ilaalchisee “[Mootummichi] walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa ni taʼa” jedheera. Walakkaan isaa dadhabaa kan taʼe maaliifi? Namoonni mootummaa kana jalatti bulanii fi suphee laafaatti fakkeeffaman jabina sibiilaatiin tarkaanfii akka inni hin fudhanne dhiibbaa waan isarratti godhaniifi. b
13. Raajii kana qoʼachuun dhugaa barbaachisaa akkamii hubachuuf nu gargaara?
13 Ibsa Daaniʼel siidaa sanaaf, keessattuu ibsa miila isaatiif kennerraa dhugaawwan barbaachisoo taʼan hedduu barachuu dandeenya. Tokkoffaa, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa karaa tokko tokkoon jabina isaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Tokkoffaa fi Waraana Addunyaa Lammaffaa injifachuurratti shoora guddaa taphateera. Haa taʼu malee, mootummaan addunyaa kun walitti buʼiinsa lammiilee isaa gidduutti uumamuun kan kaʼe dadhabaa taʼeera, haalli kun gara fuulduraattis itti fufa. Lammaffaa, mootummaan kun mootummaa addunyaa isa dhumaati. Kana jechuun Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa hunda yeroo balleessu, mootummaan addunyaa yeroo sana jiraatu isadha jechuudha. Yeroo tokko tokko mootummoonni kan biroon Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa kan morkatan taʼus bakka isaa buʼuu hin dandaʼan. Sababiin isaas, “dhagaan” Mootummaa Waaqayyoo bakka buʼu miila siidaa sanaa isa Angiloo Ameerikaa argisiisu ni caccabsa.—Dan. 2:34, 35, 44, 45.
14. Raajii waaʼee miila sibiilaa fi supheerraa tolfamee dubbatu hubachuun keenya murtoo gaarii gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?
14 Raajiin Daaniʼel miila sibiilaa fi supheerraa tolfame ilaalchisee dubbate dhugaa taʼuu isaa ni amantaa? Taanaan, kun akkaataa jireenya kee itti geggeeffatturratti jijjiirama fida. Addunyaa yeroo dhihootti badu kana keessatti qabeenya kuufachuuf hin dhamaatu. (Luq. 12:16-21; 1 Yoh. 2:15-17) Raajii kana hubachuun kee hojiin lallabuu fi barsiisuu baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa beekuuf si gargaara. (Mat. 6:33; 28:18-20) Raajii kana erga qoʼattee booda akkana jettee of gaafachuu dandeessa: “Murtoon godhu Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti mootummoota ilmaan namootaa hundumaa akka balleessu akkan amanu ni argisiisaa?”
WAAʼEE “MOOTII KAABAA” FI ‘MOOTII KIBBAA’ BEEKUU KAN QABDU MAALIIFI?
15. Yeroo harʼaatti “mootiin kaabaa” fi ‘mootiin kibbaa’ eenyufaʼi? (Daaniʼel 11:40)
15 Daaniʼel 11:40 dubbisi. Daaniʼel boqonnaan 11 waaʼee mootota ykn humnoota siyaasaa addunyaarratti olaantummaa argachuuf wal morkatan lamaa dubbata. Raajii kana raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo wajjin wal bira qabuudhaan “mootiin kaabaa” Raashiyaa fi deggartoota ishii, ‘mootiin kibbaammoo’ Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa akka argisiisu hubachuu dandeenya. c
16. Obboloonni bulchiinsa “mootii kaabaa” jala jiraatan haala rakkisaa akkamiitu isaan mudata?
16 Sabni Waaqayyoo bulchiinsa “mootii kaabaa” jala jiraatan ariʼatama mootii kanarraa isaanirra gaʼu dandamachaa jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko sababa amantii isaaniitiin reebamaniiru, akkasumas hidhamaniiru. Gochi “mootii kaabaa” kun obboloota keenya sodaachisuu mannaa amantiin isaanii akka cimu godheera. Maaliif? Sababiin isaas, obboloonni keenya ariʼatamni saba Waaqayyoorra gaʼu raajiin Daaniʼel dubbate akka raawwatamu kan godhu taʼuu isaa beeku. d (Dan. 11:41) Nutis kana beekuun keenya abdii keenya cimsachuu fi Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf nu gargaara.
17. Saba Waaqayyoo bulchiinsa ‘mootii kibbaa’ jala jiraatan haala rakkisaa akkamiitu mudata?
17 Kanaan dura ‘mootiin kibbaas’ saba Waaqayyoorra kallattiidhaan ariʼatama geessisaa tureera. Fakkeenyaaf, jalqaba walakkeessa jaarraa 20ffaatti obboloonni hedduun siyaasa keessa galuu waan didaniif hidhamaniiru. Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa tokko tokkommoo sababuma kanaan mana barumsaatii ariʼamaniiru. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu tajaajiltoonni Yihowaa bulchiinsa mootii kanaa jala jiraatan qorumsi dhokataan amanamummaa Mootummaa Waaqayyootiif qaban qoru isaan mudachaa jira. Fakkeenyaaf, yeroo duula filannootti Kiristiyaanni tokko paartii ykn bakka buʼaa siyaasaa tokko deggeruuf qoramuu dandaʼa. Filannoorratti hirmaachuu baatus, tarii sammuu fi garaa isaa keessatti isa tokko deggera taʼa. Gocha keenyaan qofa utuu hin taʼin, yaadaa fi miira keenyaanis siyaasarraa walaba taʼuun keenya baayʼee barbaachisaadha.—Yoh. 15:18, 19; 18:36.
18. Walitti buʼiinsa mootota lamaan gidduu jiru ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? (Fakkichas ilaali.)
18 Namoonni raajii Kitaaba Qulqulluurratti amantii hin qabne ‘mootiin kibbaa gaanfa isaa gaanfa mootii kaabaa keessa yeroo galchu’ arguun isaanii baayʼee isaan dhiphisuu dandaʼa. (Dan. 11:40, milj.) Mootonni lamaanuu niwukilara jireenya lafarra jiru hundumaa balleessuu dandaʼu qabu. Nuti garuu Yihowaan kun akka taʼu akka hin heyyamne beekna. (Isa. 45:18) Kanaafuu, diinummaan mootii kaabaa fi mootii kibbaa gidduu jiru kan nu dhiphisu utuu hin taʼin amantii keenya kan cimsudha. Haalli kun dhumni sirna kanaa akka dhihaate nuuf mirkaneessa.
RAAJIIDHAAF XIYYEEFFANNAA KENNUU KEE ITTI FUFI
19. Raajii Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee maal amannee fudhachuu qabna?
19 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akkamitti akka raawwataman hin beeknu. Daaniʼel raajichillee wanti barreesse hundi hiika akkamii akka qabu hin hubanne. (Dan. 12:8, 9) Raajiin tokko akkamitti akka raawwatamu guutummaatti hin hubanne jechuun garuu raajiin sun hin raawwatamu jechuu miti. Yihowaan akkuma kanaan dura gochaa ture wanta beekuun nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka nuuf ibsu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Amo. 3:7.
20. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo dhihootti raawwataman kamfaʼi? Nutoo maal gochuu keenya itti fufuu qabna?
20 Labsiin, “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhu ni labsama. (1 Tas. 5:3) Achiis mootummoonni addunyaa amantaa sobaatti garagalanii haxaaʼanii ishii balleessu. (Mul. 17:16, 17) Sana boodammoo saba Waaqayyoorratti haleellaa banu. (His. 38:18, 19) Taʼeewwan kunis kallattiidhaan gara waraana Armaagedoonitti geessu. (Mul. 16:14, 16) Wantoonni kun yeroo dhihootti akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Hammasitti raajii Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa kennuudhaan, akkasumas warri kaanis akkas akka godhan gargaaruudhaan dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu argisiisuu keenya itti haa fufnu.
FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira
a Haalli addunyaa hammamiyyuu hammaachaa yoo deeme gara fuulduraatti yeroo gammachiisaan akka nu eeggatu amantii qabaachuu dandeenya. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan amantii akkasii qabaachuu ni dandeenya. Mata dureen kun raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Raajiiwwan Daaniʼel barreesse lamaa fi raajiiwwan kana hubachuun keenya dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
b Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2012 irraa mata duree, “Yihowaan Wanta ‘Dafee Taʼuun Irra Jiru’ Mulʼiseera” jedhu key. 7-9 ilaali.