Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Nama tokkorratti mallattoo 2 Tasalonqee 3:14 irratti ibsame gochuun tarkaanfii jaarsoliin fudhatanidhamoo tarkaanfii babalʼistoonni dhuunfaatti fudhatanidha?

Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Tasalonqee keessa turaniif, “Namni dubbii nuti karaa xalayaa kanaa isiniif ergineef hin ajajamne yoo jiraate, akka inni qaanaʼuuf mallattoo itti godhaa” jedhee barreesseera. (2 Tas. 3:14) Kanaan dura, kun qajeelfama jaarsoliidhaaf kenname akka taʼetti ilaalla turre. Namni tokko irra deddeebiʼamee gorsi kan isaaf kenname taʼus qajeelfama Kitaaba Qulqulluu cabsuusaa yoo itti fufe jaarsoliin haasaa akeekkachiisaa gumichaaf ni dhiheessu turan. Sana booda, babalʼistoonni walgaʼii ykn tajaajilaan alatti nama mallattoon irratti godhame sana wajjin yeroo dabarsuu ni dhiisu.

Haa taʼu malee, gama kanaan sirreeffama gochuun nu barbaachiseera. Gorsi Phaawulos kenne kun tarkaanfii haalawwan tokko tokko keessatti Kiristiyaanonni dhuunfaatti fudhatan kan argisiisu akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaafuu, jaarsoliin haasaa akeekkachiisaa dhiheessuun isaan hin barbaachisu. Jijjiiramni kun kan barbaachise maaliifi? Mee gorsa Phaawulos kenne yaada naannoosaa jiru wajjin haa ilaallu.

Phaawulos obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko “seera malee [deddeebiʼaa]” akka turan hubateera. Namoonni kun gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin kenname ni tuffatu turan. Daawwannaa kanaan dura godherratti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu kennee ture. Taʼus, obboloonni tokko tokko utuma dandaʼanii hojii hojjechuu hin barbaadan turan. Kana malees, dhimma warra kaanii keessa ni seenu turan. Kiristiyaanonni namoota seera malee deddeebiʼan akkanaa akkamitti qabu turan?—2 Tas. 3:6, 10-12.

Phaawulos, “Mallattoo itti godhaa” jedheera. Jechi Afaan Giriikii nama akkasii adda baasanii beekuu fi dhiibbaasaarraa of eeguu argisiisa. Phaawulos qajeelfama kana kan kenne jaarsoliidhaaf qofa utuu hin taʼin, guutummaa gumichaafi. (2 Tas. 1:1; 3:6) Kanaafuu, Kiristiyaanni tokko obboleessi tokko gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin kennameef akka hin ajajamne yoo hubate “michummaa isaa wajjin [qabu dhaabuuf]” filachuu dandaʼa.

Kana jechuun garuu, namni sun akka nama gumiidhaa baafametti ilaalamuu qaba jechuudhaa? Akkas jechuu miti; Phaawulos itti dabaluudhaan, “Akka obboleessaatti isa gorsuu keessan itti fufaa” jedheera. Kanaafuu, Kiristiyaanonni dhuunfaatti nama mallattoon irratti godhame sana wajjin walgaʼii fi tajaajilarratti ni hirmaatu; taʼus, yeroo dabalataa isa wajjin hin dabarsan. Maaliif? Phaawulos, “Akka inni qaanaʼuuf” jedheera. Kiristiyaanni seera malee deddeebiʼu sun mallattoo isarratti godhameen kan kaʼe gochasaatti qaanaʼee jijjiirama gochuu dandaʼa.—2 Tas. 3:14, 15.

Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti? Tokkoffaa, wanti namni sun godhe akkuma Phaawulos ibsetti wanta “seera malee” taʼe taʼuusaa mirkaneeffachuu qabna. Phaawulos dubbachaa kan jiru waaʼee namoota dhimmoota qalbiidhaaf dhiifamanirratti ykn filannaa dhuunfaarratti ilaalcha nurraa adda taʼe qabanii miti. Akkasumas waaʼee namoota miira keenya miidhanii miti. Kanaa mannaa, Phaawulos dubbachaa kan jiru waaʼee namoota taʼe jedhanii gorsa Dubbii Waaqayyorraa isaaniif kennameef ajajamuu didaniiti.

Yeroo harʼaatti obboleessi ykn obboleettiin tokko gorsa Dubbii Waaqayyoorraa isaaniif kenname fudhachuu akka didan yoo hubanne, a walgaʼii fi tajaajilaan alatti isaan wajjin yeroo dabarsuu dhiisuuf dhuunfaatti murtoo goona. Kun murtoo dhuunfaa waan taʼeef, dhimma kana maatii keenyaan alatti warra kaan wajjin kaasnee hin haasofnu. Taʼus, nama sana wajjin walgaʼii fi tajaajilarratti ni hirmaanna. Daandiisaa yoo sirreesse garuu deebinee isa wajjin yeroo ni dabarsina.

a Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko hojjechuu kan dandaʼu taʼus hojii hojjechuu hin barbaadu taʼa, nama hin amanne wajjin wal qorachaa jira taʼa ykn oduu qoqqoodinsa uumu ykn hamii babalʼisaa jira taʼa. (1 Qor. 7:39; 2 Qor. 6:14; 2 Tas. 3:11, 12; 1 Xim. 5:13) Namoonni wantoota akkasii raawwachuusaanii itti fufan “seera malee” deddeebiʼaa jiru.