Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Gorsi Yesuus Maatewos 18:15-17 irratti kenne, cubbuu isa kamii wajjin kan wal qabate dha?

Yesuus carraaqqii namoonni dhimmichi kallattiidhaan isaan ilaallatu mariʼatanii furuuf godhan dubbachaa ture. Dhimmi sun hin furamu taanaan garuu, cubbuu cimaa gumiitii nama baasisu taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, cubbuun kun taʼe jedhanii maqaa nama tokkoo balleessuu ykn gowwoomsuu wajjin kan wal qabate taʼuu dandaʼa.—w16.05 ful. 7.

Dubbisni Kitaaba Qulqulluu keenya caalaatti faayidaa akka qabaatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Wantoota armaan gadii gochuu dandeessu: Sammuu banaadhaan dubbisaa, barumsa hojii irra oolchitan argachuuf carraaqaa, gaaffiiwwan kanneen akka ‘Kana warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhan of gaafadhaa; barreeffamoota dubbisaa jirtan irratti qorannaa gochuuf isin gargaaranitti fayyadamaa.—w16.05 ful. 24-26.

Namichi qodaa qalamii qabate, namoonni jaʼan miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatanii fi Hisqiel boqonnaa 9 irratti ibsaman eenyuun argisiisu?

Humnoota samii Yerusaalemiin balleessuu irratti hirmaatanii turanii fi yeroo Armaagedoonitti sirna Seexanaa isa hamaa balleessuu irratti hirmaatan kan argisiisu akka taʼe hubanna. Namichi qodaa qalamii qabatee fi raajiidhaan ibsame sun, bara keenyatti Yesuus Kiristoos isa namoota oolan irratti mallattoo godhu argisiisa.—w16.06 ful. 16-17.

Kitaabni Qulqulluun rakkinoota akkamii irraa oole?

(1) Wantoota salphaatti tortoruu dandaʼan, kan akka paappiirasii fi gogaa irratti kan barreeffame taʼus, (2) geggeessitoonni siyaasaa fi amantii isa balleessuuf kan yaalan taʼanis, akkasumas fi (3) namoonni ergaa isaa jijjiiruuf kan yaalan taʼanis ooleera.—wp16.3 ful. 4-7.

Kiristiyaanni tokko jireenya isaa salphisuu kan dandaʼu karaawwan kamiini?

Wanta dhugumaan isin barbaachisu qofa addaan baasaa, baasii hin barbaachisne hirʼisaa. Baajeta humni keessan dandaʼu baafadhaa. Miʼoota itti hin fayyadamne baasaa, liqii isin irra jirus kaffalaa. Saʼaatii hojii qacaramtanii itti hojjettan hirʼisuudhaan, tajaajila keessan akkamitti balʼifachuu akka dandeessan karoora baafadhaa.—w16.07 ful. 10.

Wanti Kitaabni Qulqulluun warqee ykn meetii caalaa gatii guddaa akka qabu ibsu maali dha?

Iyoob 28:12, 15 ogummaan Waaqayyoo irraa argamu warqee ykn meetii irra akka caalu ibsa. Barbaaduu keessan yommuu itti fuftan, kan gad of qabdanii fi amantii cimaa kan qabdan taatanii jiraachuuf carraaqxu.—w16.08 ful. 18-19.

Yeroo harʼaatti obboleessi tokko areeda guddifachuun isaa sirrii dhaa?

Aadaa tokko tokko keessatti, areeda guddisuun fudhatama qaba taʼa; ergaa Mootummichaa wajjinis kan wal hin faallessine taʼa. Taʼus, obboloonni tokko tokko areeda guddisuu dhiisuuf murteessu taʼa. (1 Qor. 8:9) Aadaa fi naannoo kan biraatti garuu tajaajiltoota Kiristiyaana taʼan biratti fudhatama hin qabu.—w16.09 ful. 21.

Seenaan Daawitii fi Goliyaad seenaa dhugaa akka taʼetti kan amannu maaliifi?

Goliyaad dheerinaan nama dheeraa yeroo ammaatti galmeeffame irra seenti meetira 15 qofa caala. Barreeffamni durii “mana Daawit” jedhu argamuun isaa fi Yesus waaʼee isaa kan caqase taʼuun isaa Daawit nama dhugumaan jiraate akka taʼe mirkaneessu. Taaʼumsi lafaa achi irratti ibsame seenaa galmeeffamee wajjin kan walfakkaatu dha.—wp16.5 ful. 13.

Beekumsi, hubannaa fi ogummaan garaa gara kan taʼan akkamitti?

Namni tokko beekumsa qaba kan jedhamu odeeffannoo yoo qabaate dha. Namni hubannaa qabu immoo odeeffannoon tokko isa kaanii wajjin akkamitti akka wal simu hubachuu ni dandaʼa. Namni ogummaa qabu tokko, beekumsaa fi hubannaa wal simsiisuudhaan tarkaanfii fudhata.—w16.10 ful. 18.