Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Yaadni Keessan Hafuura Irratti Akka Xiyyeeffatu Gochuun Jireenyaa fi Nagaa Fida’

‘Yaadni Keessan Hafuura Irratti Akka Xiyyeeffatu Gochuun Jireenyaa fi Nagaa Fida’

“Warri akka hafuuraatti jiraatan . . . yaadni isaanii wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffata.”—ROM. 8:5.

FAARFANNAA: 45, 36

1, 2. Roomaan boqonnaan 8 adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoo ilaallata kan jennu maaliifi?

TIBBA Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuusitti, Roomaa 8:15-17 dubbistanii beektuu? Dubbistanii taʼuu dandaʼa. Caqasni ijoon kun Kiristiyaanonni, dibamoo taʼuu isaanii akkamitti akka beekan, jechuunis hafuurri qulqulluun hafuura isaanii wajjin taʼee akka dhugaa isaaniif baʼu ibsa. Boqonnaan sun waaʼee ‘warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii’ caqasuudhaan jalqaba. Haa taʼu malee, Roomaan boqonnaan 8 dibamtootaaf qofa hojjetaa? Moo Kiristiyaanota lafa irra jiraachuuf abdataniifis ni hojjeta?

2 Adda durummaadhaan boqonnaa kana irratti kan caqasaman Kiristiyaanota dibamoo dha. Isaan ‘foon isaanii irraa hiikamanii yeroo Waaqayyo akka ijoollee isaatti itti isaan guddisu hawwii guddaadhaan eeggachaa’ waan jiraniif, “hafuuricha” argataniiru. (Rom. 8:23) Eeyyee, gara fuulduraatti samii irratti ilmaan Waaqayyoo taʼu. Kun taʼuu kan dandaʼe, Kiristiyaanota cuuphaman waan taʼaniif, Waaqayyo isaaniif jedhee furicha waan qopheesseef, dhiifama waan isaaniif godheef, akkasumas ijoollee hafuuraa taʼuudhaan qajeelota jedhamanii waan waamamaniifi.—Rom. 3:23-26; 4:25; 8:30.

3. Roomaan boqonnaa 8 namoota lafa irra jiraachuuf abdataniifis ni hojjeta kan jennu maaliifi?

3 Haa taʼu malee, Waaqayyo warra lafa irra jiraachuuf abdatanis akka qajeelotaatti waan ilaaluuf, Roomaan boqonnaan 8 isaaniifis ni hojjeta. Kun taʼuu akka dandaʼu, wanta Phaawulos xalayaa isaa irratti dursee barreesse irraa hubachuu dandeenya. Boqonnaa 4 irratti, waaʼee Abrahaam dubbateera. Namni amantii kun Yihowaan Israaʼelootaaf Seera kennuu isaa dura, akkasumas Yesuus cubbuu keenyaaf duʼuu isaa yeroo dheeraa dura jiraachaa ture. Taʼus, Yihowaan Abrahaam amantii guddaa akka qabu hubatee, qajeelaa akka taʼetti isa lakkaaʼeera. (Roomaa 4:20-22 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Kiristiyaanota amanamoo yeroo harʼaatti jiranii fi abdii lafa irra bara baraaf jiraachuu isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe qaban akka qajeelootti isaan ilaaluu ni dandaʼa. Kanaaf, isaanis gorsa Roomaa boqonnaa 8 irratti qajeelotaaf kenname irraa faayidaa ni argatu.

4. Roomaan 8:21 gaaffii kam irratti xiinxaluuf nu kakaasuu qaba?

4 Roomaa 8:21 irratti, yaada addunyaa haaraan dhugumaan akka dhufu mirkanaaʼoo nu taasisu arganna. Caqasichi, “Uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa akka argatuufi” jechuudhaan abdii kenna. Gaaffiin kaʼu, ‘Achitti ni argamnaa?’ ykn ‘Badhaasa kana ni argannaa?’ isa jedhu dha. Atoo, achitti akka argamtu amanannaa qabdaa? Roomaan boqonnaan 8 gorsa kana gochuuf si gargaaru qabateera.

“YAADNI OFII FOON IRRATTI AKKA XIYYEEFFATU GOCHUU”

5. Dhimmi cimaan Phaawulos Roomaa 8:4-13 irratti ibse maali dha?

5 Roomaa 8:4-13 dubbisi. Roomaan boqonnaan 8 namoota “akka fooniitti” jiraatan, namoota “akka hafuuraatti” jiraatanii wajjin wal bira qabee ibsa. Namoonni tokko tokko kun namoota dhugaa keessaa jiranii fi dhugaa keessa hin jirre, jechuunis namoota Kiristiyaanota taʼanii fi hin taane wal bira qabee kan ibsu dha jedhanii yaadu taʼa. Haa taʼu malee, Phaawulos yaada kana kan barreesse, ‘warra Waaqayyo biratti jaallatamanii fi Roomaa keessa jiran, akkasumas warra qulqulloota taʼuuf waamamaniif’ ture. (Rom. 1:7) Kanaaf, Phaawulos Kiristiyaanota akka fooniitti jiraatanii fi Kiristiyaanota akka hafuuraatti jiraatan wal bira qabee ibsaa ture. Wanti wal bira qabame maali dha?

6, 7. (a) Kitaabni Qulqulluun karaa adda addaa kamiin jecha “foon” jedhutti fayyadama? (b) Phaawulos Roomaa 8:4-13 irratti jecha “foon” jedhutti kan fayyadame akkamitti?

6 Mee jalqaba jecha “foon” jedhu haa ilaallu. Wanti Phaawulos as irratti caqase maal ture? Kitaabni Qulqulluun jecha “foon” jedhu karaa adda addaatiin itti fayyadama. Yeroo tokko tokko, kallattiidhaan foon qaama keenyaa argisiisuuf itti fayyadama. (Rom. 2:28, hiika bara 1997; 1 Qor. 15:39, 50) Firooma dhiigaas argisiisuu dandaʼa. Yesuus “karaa foonii sanyii Daawit irraa dhufe”; akkasumas Phaawulos Yihudoonni ‘foon isaa’ akka taʼanitti ilaala ture.—Rom. 1:3; Rom. 9:3, hiika bara 1997.

7 Haa taʼu malee, wanti Phaawulos boqonnaa 7 irratti barreesse, Roomaa 8:4-13 irratti “foon” yommuu jedhu maal jechuu isaa akka taʼe nu hubachiisa. ‘Akka fedha fooniitti jiraachuu’ fi “hawwiiwwan cubbuu” ‘qaama isaanii keessatti hojjechaa turan’ wal qabsiisee ibseera. (Rom. 7:5) Kun yaanni Phaawulos, ‘warri akka fedha fooniitti jiraatan’ “yaadni isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata” jechuudhaan dubbate maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Waaʼee namoota fedhii fi yaada isaanii isa cubbamaadhaan geggeeffamanii ykn fedhii fi yaada isaanii kana irratti xiyyeeffatanii dubbachaa ture. Walumaa galatti, namoonni kun karaa fedhii saalaatiinis taʼe karaa fedhiiwwan kan biraatiin hawwii, fedhii fi miira isaanii kan hordofani dha.

8. Kiristiyaanota dibamoo illee waaʼee “akka fedha fooniitti” jiraachuu akeekkachiisuun barbaachisaa kan ture maaliifi?

8 Haa taʼu malee, Phaawulos “akka fedha fooniitti” jiraachuun balaa akka qabu Kiristiyaanota dibamoo akeekkachiisuun isaa gaaffii isinitti uuma taʼa. Kiristiyaanota yeroo harʼaa, warra Waaqayyo akka michoota isaatti isaan simatee fi akka qajeelotaatti isaan ilaalu hoo balaan akkasii isaan mudachuu dandaʼaa? Kan nama gaddisiisu, Kiristiyaanni kam iyyuu akka fedha fooniitti jiraachuu jalqabuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Phaawulos Kiristiyaanonni Roomaa tokko tokko garboota “garaa isaanii [ykn fedhii isaanii]” akka turan dubbateera; kunis jireenya isaanii keessatti saalqunnamtii, nyaata ykn wanta isaan gammachiisuuf iddoo guddaa akka kennan argisiisa. Warri tokko tokko ‘namoota hin shakkine sossobanii gowwoomsaa’ turan. (Rom. 16:17, 18; Filp. 3:18, 19; Yih. 4, 8, 12) Gumii Qorontos keessa yeroo muraasaaf obboleessi “haadha manaa abbaa isaa wajjin jiraatu” akka tures haa yaadannu. (1 Qor. 5:1) Kanaaf, Waaqayyo Phaawulositti fayyadamee waaʼee ‘yaanni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuu’ Kiristiyaanota akeekkachiisuun isaa kan nama dinqisiisu miti.—Rom. 8:5, 6.

9. Akeekkachiisni Phaawulos Roomaa 8:6 irratti kenne maal kan argisiisu miti?

9 Akeekkachiisni sun, yeroo harʼaatiifis ni hojjeta. Kiristiyaanni tokko waggoota hedduudhaaf Waaqayyoon tajaajilaa kan ture taʼu illee, yaanni isaa wantoota foonii irratti akka xiyyeeffatu gochuu jalqabuu dandaʼa. Haa taʼu malee, kun Kiristiyaana darbee darbee waaʼee nyaataa, hojii, bashannanaa ykn waaʼee hariiroo jaalalaa yaadu kan argisiisu miti. Tajaajilaan Waaqayyoo kam iyyuu waaʼee wantoota kanaa yaaduun isaa hin oolu. Yesuus nyaata nyaachuutti ni gammada ture; namoota kaanis nyaachiseera. Bashannanni barbaachisaa akka taʼes beeka ture. Phaawulosis gaaʼela keessatti saalqunnamtiin barbaachisaa akka taʼe barreesseera.

Dubbiin kee, yaanni kee wantoota hafuuraa irratti moo wantoota foonii irratti akka xiyyeeffatte argisiisa? (Keeyyata 10 fi 11 ilaali)

10. Roomaa 8:5, 6 irratti, himni ‘yaadni isaanii akka xiyyeeffatu gochuu’ jedhu maal argisiisa?

10 Maarree Phaawulos “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuu” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Jechi Afaan Giriikii Phaawulos itti fayyadame kun hiika “sammuun ykn garaan nama tokkoo waan tokko irratti akka xiyyeeffatu gochuu, ilaalcha ykn yaada kaʼumsa taʼe irratti hundaaʼuudhaan, galma itti yaadame baasuuf dandeettii hubannaatti fayyadamuu” jedhu kan qabu dha. Namoonni akka fedha fooniitti jiraatan jireenyi isaanii fedhii uumamaan cubbuu raawwachuuf qabaniin akka bulu heyyamu. Hayyuun tokko waaʼee namoota Roomaa 8:5 irratti caqasamanii yommuu ibsan akkana jedhaniiru: “Yaanni isaanii kan irratti xiyyeeffatu, jechuunis wanti isaan jaallatan, wanti isaan yeroo baayʼee dubbatan, akkasumas wanti isaan irratti hirmaatanii fi iddoo guddaa kennaniif wantoota foonii ti.”

11. Wantoota akkamiitu jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabaachuu dandaʼa?

11 Kiristiyaanonni Roomaa jireenyi isaanii maal irratti akka xiyyeeffate qoruun isaanii barbaachisaa ture. Wantoonni jireenya isaanii toʼatan ykn wantoonni irratti xiyyeeffatan “wantoota foonii” turanii? Nutis jireenyi keenya maal irratti akka xiyyeeffate qoruun keenya barbaachisaa dha. Wanti caalaatti xiyyeeffannaa keenya harkisuu fi wanti dubbachuu jaallannu maali dha? Dhugumaan wanti halkanii fi guyyaa hordofnu maali dha? Jireenyi namoota tokko tokkoo daadhii wayinii gara garaa dhamdhamuuf yaaluu, mana isaanii miidhagsuu, akkaataa uffannaa hahhaaraa hordofuu, qarshii baayʼee argachuu, bakkawwan garaa garaa deemanii bashannanuu fi wantoota kana fakkaatan irratti kan xiyyeeffate dha. Wantoonni kun mataa isaaniitti dogoggora miti; sochiiwwan jireenya keenya keessatti irratti hirmaannu taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo tokko bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiree ture; Phaawulosis “daadhii wayinii xinnoo” akka dhugu Ximotewositti himee ture. (1 Xim. 5:23; Yoh. 2:3-11) Haa taʼu malee, Yesuusis taʼe Phaawulos “yeroo baayʼee wanti isaan dubbatan, akkasumas wanti isaan irratti hirmaatanii fi iddoo guddaa kennaniif” daadhii wayinii turee? Wanti isaan yeroo hundumaa dubbachuu jaallatan waaʼee daadhii wayinii tii? Matumaa. Nuti hoo? Wanti jireenya keenya keessatti bakka guddaa kenninuuf maali dha?

12, 13. Wanti yaanni keenya irratti xiyyeeffatu nu yaaddessuu kan qabu maaliifi?

12 Gama kanaan of qoruun barbaachisaa dha. Maaliif? Phaawulos, “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida” jedhee barreesseera. (Rom. 8:6) Kun, yeroo ammaatti duʼa hafuuraa, gara fuulduraatti immoo duʼa qaamaa waan namatti fiduuf dhimma cimaa dha. Taʼus Phaawulos namni tokko ‘wantoota foonii irratti xiyyeeffachuu’ waan jalqabeef qofa, dhumni isaa duʼa akka taʼu dubbachuu isaa hin turre. Jijjiiramuun ni dandaʼama. Mee waaʼee namicha Qorontos isa “wantoota foonii” hordofuudhaan halalummaa raawwachuu isaatiin gumiidhaa baafamee turee yaadaa. Namni kun jijjiirama gochuu ni dandaʼa ture; jijjiirameeras. Akka fooniitti jiraachuu dhiisee, daandii isa sirriitti deebiʼeera.—2 Qor. 2:6-8.

13 Namni kun jijjiirama gochuu erga dandaʼee, Kiristiyaanni yeroo ammaatti jirus jijjiirama gochuu ni dandaʼa; keessumaa namni hamma namicha Qorontos keessa ture sanaa fedhii foonii isaa hin hordofne salphaatti jijjiiramuu ni dandaʼa. Dhuguma iyyuu, akeekkachiisni Phaawulos balaa ‘yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun’ geessisu ilaalchisee kenne, Kiristiyaanonni jijjiirama barbaachisu kam iyyuu akka godhan isaan kakaasuu qaba!

“YAADNI OFII HAFUURA IRRATTI AKKA XIYYEEFFATU GOCHUU”

14, 15. (a) Faallaan “yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuu” maali dha? (b) “Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun” maal jechuu miti?

14 Phaawulos, “yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuu” ilaalchisee akeekkachiisa erga kennee booda, “Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun . . . jireenyaa fi nagaa fida” jechuudhaan nuuf mirkaneesseera. Jireenyaa fi nagaa akka badhaasaatti argachuun eebba guddaa dha! Maarree badhaasa kana argachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Namni tokko ‘yaadni isaa hafuura irratti akka xiyyeeffatu godha’ jechuun, wantoota taʼuu hin dandeenye irratti yaada jechuu miti. Wanti inni yaadus taʼe wanti inni dubbatu hundi waaʼee Kitaaba Qulqulluu, waaʼee jaalala Waaqayyoof qabuu, akkasumas waaʼee abdii isaa gara fuulduraa qofa taʼa jechuus miti. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti Waaqayyoon gammachiisan kaan, jireenyi isaanii karaa hedduutiin kan namoota kaanii irraa adda akka hin turre haa yaadannu. Ni nyaatu, akkasumas ni dhugu turan. Baayʼeen isaanii gaaʼela dhaabbatanii ijoollee godhataniiru; akkasumas wanta isaan barbaachisu guuttachuuf hojii ni hojjetu turan.—Mar. 6:3; 1 Tas. 2:9.

16. Phaawulos sochii jireenyaa baramaa taʼe irratti kan hirmaate taʼus, wanti iddoo guddaa kennaafii ture maali dha?

16 Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Waaqayyoo jaarraa jalqabaatti turan sochiiwwan baramaa taʼan akkasii jireenya isaanii keessatti iddoo guddaa akka qabaatan hin heyyamne. Seenaan isaa Phaawulos dunkaana hodhuudhaan jiraachaa akka ture erga ibsee booda, wanti jireenya isaa keessatti iddoo guddaa qabu, jechuunis jireenyi isaa yeroo hunda lallabuu fi barsiisuu irratti kan xiyyeeffate akka ture argisiisa. (Hojii Ergamootaa 18:2-4; 20:20, 21, 34, 35 dubbisi.) Obboloonni isaa Roomaa keessa turanis hojii kana irratti akka hirmaatan jajjabeesseera. Dhuguma iyyuu, jireenyi Phaawulos qophiiwwanii fi sochiiwwan hafuuraa irratti kan xiyyeeffate ture. Obboloonni Roomaa fakkeenya isaa hordofuun isaan barbaachisee ture; nutis akkasuma gochuu qabna.—Rom. 15:15, 16.

17. ‘Yaanni keenya wantoota hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu yoo goone’ jireenya akkamii argachuu dandeenya?

17 Wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuun keenya buʼaa maalii argamsiisa? Roomaan 8:6, “Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun . . . jireenyaa fi nagaa fida” jechuudhaan deebii ifa taʼe nuu kenna. Kun, hafuurri qulqulluun yaada keenya akka geggeessuu fi akka toʼatu heyyamuu, akkasumas karaa yaada Waaqayyoo wajjin wal simuun jiraachuu argisiisa. Jireenyi keenya “hafuura” irratti akka xiyyeeffatu yoo goone, yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa fi hiika qabu akka jiraannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhuma irratti immoo, samii irratti ykn lafa irratti jireenya bara baraa argachuu dandeenya.

18. “Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun” karaa kamiin nagaa argamsiisa?

18 Mee yaada abdii namaa kennuu fi “yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun . . . nagaa fida” jedhu irratti haa yaannu. Namoonni hedduun nagaa sammuu argachuun ulfaataa isaanitti taʼeera. Keessi isaanii nagaa akka argatuuf guddaa kan hawwan taʼus, nuti garuu argachuu dandeenyeerra. Karaan nagaa akkasii itti argannu keessaa tokko, miseensota maatii keenyaa fi gumii keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaquu dha. Nutis taane obboloonni keenya mudaa kan qabnu akka taane beekna. Kanaaf, yeroo tokko tokko rakkinni uumamuu dandaʼa; yeroo kanatti, gorsa Yesuus “Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuu akka qabnu baranneerra. (Mat. 5:24) Obboloonni keenyas ‘Waaqayyo isa nagaa kennu’ tajaajilaa akka jiran yaadachuun keenya, kana gochuun akka nuuf salphatu godha.—Rom. 15:33; 16:20.

19. Yaanni keenya wantoota hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu yoo goone nagaa adda taʼe akkamii arganna?

19 Nagaan gatiidhaan hin shallagamne kan biraanis jira. ‘Yaadni keenya hafuura irratti akka xiyyeeffatu yoo goone,’ Uumaa keenyaa wajjin nagaa qabaanna. Isaayaas raajii bara isaatti raawwatamee fi bara keenyatti caalaatti raawwatamaa jiru akkana jechuudhaan dubbateera: “Isa garaan isaa cimsee si [Yihowaa] amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda.”—Isa. 26:3; Roomaa 5:1 dubbisi.

20. Gorsa Roomaa boqonnaa 8 irratti kennameef kan galateeffattu maaliifi?

20 Kanaaf, dibamtootas taane lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf kan abdannu, gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi Roomaa boqonnaa 8 irratti argamu irraa faayidaa argachuu ni dandeenya. Gorsa jireenyi keenya “foon” irratti kan xiyyeeffate akka hin taane nuu kennameef guddaa galateeffanna! Yaada geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun . . . jireenyaa fi nagaa fida” jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuun ogummaa akka taʼe ni hubanna. Phaawulos kana gochuun jireenya bara baraa akka argamsiisu yommuu barreessu, “Miindaan cubbuu duʼa dha; kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti” jedheera.—Rom. 6:23.