Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe” Kabajaa

“Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe” Kabajaa

“Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasiin.”—MAR. 10:9.

FAARFANNAA: 131, 132

1, 2. Ibroonni 13:4 maal akka goonu nu kakaasuu qaba?

YIHOWAA kabajuun isin gammachiisaa? Akka isin gammachiisu beekamaa dha! Isa kabajuun keessan kan isaaf malu siʼa taʼu, innis deebisee akka isin kabaju waadaa galeera. (1 Sam. 2:30; Fak. 3:9; Mul. 4:11) Yihowaan namoota akka abbootii taayitaa mootummaa jiraniifis kabaja akka kennitan isin irraa barbaada. (Rom. 12:10; 13:7) Haa taʼu malee, keessumaa iddoon isin dhuunfaatti kabaja argisiisuu qabdan jira. Innis gaaʼela keessatti dha.

2 Phaawulos ergamaan, “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu” jedheera. (Ibr. 13:4) Phaawulos as irratti gaaʼela ilaalchisee dhugaa jiru dubbachuu isaa qofa hin turre. Kanaa mannaa, caqasni kun Kiristiyaanonni gaaʼelaaf dhuunfaatti kabaja kennuu fi gatii guddaa akka qabutti ilaaluu akka qaban qajeelfama kennaa jira. Akkuma walii galaatti gaaʼelaaf, keessumaa immoo gaaʼela kan qabdan yoo taʼe hiriyaa gaaʼelaa keessaniif ilaalcha akkasii qabduu?

3. Yesuus gaaʼela ilaalchisee gorsa barbaachisaa akkamii kenneera? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Gaaʼelaaf kabaja kennuu irratti fakkeenyi hunda caalu jira. Yesuus gaaʼelaaf kabaja kenneera. Fariisonni waaʼee wal hiikuu gaaffii yommuu isa gaafatan, gaaʼela jalqabaa ilaalchisee wanta Waaqayyo dubbate caqasuudhaan, “Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; lamaanuu foon tokko ni taʼu” jedheera. Yesuus itti dabaluudhaan, “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasiin” jedheera.—Maarqos 10:2-12 dubbisi; Uma. 2:24.

4. Yihowaan gaaʼelaaf ulaagaa akkamii baasee ture?

4 Kanaafuu, Yesuus gaaʼela kan hundeesse Waaqayyo akka taʼee fi diigamuu akka hin qabne jabeessee dubbateera. Waaqayyo gaaʼelli wal hiikuudhaan diigamuu akka dandaʼu Addaamii fi Hewaanitti hin himne. Ulaagaan gaaʼelaa Eeden keessatti kenname sun dhiira tokkoo fi dubartii takka siʼa taʼu, “lamaanuu” tokko taʼanii akka itti fufan ture.

JIJJIIRAMA YEROODHAAF GAAʼELA IRRATTI TAʼE

5. Duuti tokkummaa gaaʼelaa irratti dhiibbaa akkamii godha?

5 Haa taʼu malee, cubbuun Addaam jijjiirama akka fide ni beekna. Jijjiirama kana keessaa tokko duʼa siʼa taʼu, kunis gaaʼela irratti dhiibbaa godheera. Yaada Phaawulos Kiristiyaanonni Seera Musee jala akka hin jirre ibsuudhaan barreesse irraa kana hubachuu dandeenya. Phaawulos duuti gaaʼelli tokko akka diigamu akka godhuu fi hiriyaan gaaʼelaa inni lubbuudhaan jiru, sana booda gaaʼela godhachuu akka dandaʼu ibseera.—Rom. 7:1-3.

6. Seerri Musee ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu akkamitti ibsa?

6 Seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne gaaʼela ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. Seerri kun barsiifata haadha manaa tokkoo ol fuudhuu isa Waaqayyo Seericha Israaʼelootaaf kennuu isaa dura ture heyyameera. Haa taʼu malee, seerichi dubartii fi ijoollee irra miidhaan akka hin geenye eegumsa godheera. Fakkeenyaaf, namni Israaʼel tokko garba tokko yoo fuudhee fi sana booda immoo haadha manaa lammaffaa yoo fuudhe, nyaata, uffataa fi dirqama gaaʼelaa haadha manaa ishii jalqabaatiif barbaachisu irraa hirʼisuu hin qabu ture. Eegumsaa fi kunuunsa akka inni ishiidhaaf godhu Waaqayyo isa irraa eega. (Bau. 21:9, 10) Nuti Seericha jala jiraachuu baannus, ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu Seericha irraa barachuu ni dandeenya. Kun gaaʼelaaf kabaja akka qabaattan isin hin godhuu?

7, 8. (a) Seerichi wal hiikuu ilaalchisee maal jedha? (b) Yihowaan wal hiikuudhaaf ilaalcha akkamii qaba?

7 Seerichi waaʼee wal hiikuu hoo maal barsiisa? Waaqayyo ulaagaa ol aanaa gaaʼelaaf qabu kan hin jijjiirre taʼus, haala tokko tokko keessatti wal hiikuu heyyameera. (Keessa Deebii 24:1 dubbisi.) Namni Israaʼel tokko haadha manaa isaa irratti ‘wanta namatti hin tolle yoo arge’ ishii hiikuu ni dandaʼa. Taʼus, Seerichi ‘wanta namatti hin tolle’ kan jedhame maal akka taʼe hin ibsine. Wanta namatti hin tolle kan jedhame wantoota xixinnoo nama aarsan tokko tokko utuu hin taʼin, wanta nama qaanessu ykn wanta cimaa taʼuu qaba. (Kes. 23:14) Kan nama gaddisiisu, bara Yesuusitti Yihudoonni hedduun “sababiidhuma taʼeen” haadha manaa isaanii hiiku turan. (Mat. 19:3) Nuti ilaalcha isaanii qabaachuu akka hin barbaanne beekamaa dha.

8 Miilkiyaas ilaalcha Waaqayyo wal hiikuudhaaf qabu ibseera. Miilkiyaas kana kan dubbate tarii yeroo namni tokko shamarree Yihowaa hin waaqeffanne fuudhuuf jecha haxxummaadhaan ‘haadha manaa qeerrummaa’ isaa hiikuun baramaa taʼetti ture. Miilkiyaas gaaʼela ilaalchisee Waaqayyo, “Wal hiikuu nan jibba,” (NW) akka jedhe barreesseera. (Mil. 2:14-16) Kun wanta Dubbiin Waaqayyoo gaaʼela jalqabaa ilaalchisee “[Dhiirri] haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu” jechuudhaan dubbate wajjin kan wal simu dha. (Uma. 2:24) Yesuusis, “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin” jechuudhaan ilaalcha Abbaan isaa gaaʼelaaf qabu akka deggeru argisiiseera.—Mat. 19:6.

WAL HIIKUUDHAAF SABABIIN JIRU TOKKO QOFA DHA

9. Yaadni Yesuus Maarqos 10:11, 12 irratti dubbate hiika maalii qaba?

9 Namni tokko, ‘Kiristiyaanonni haadha manaa isaanii hiikanii kan biraa fuudhuuf sababiin jiraa?’ jedhee gaafata taʼa. Yesuus ilaalcha wal hiikuudhaaf qabu akkas jechuudhaan ibseera: “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi, ishii irratti ejja raawwata; dubartiin tokkos abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumte, ishiinis ejja raawwatti.” (Mar. 10:11, 12; Luq. 16:18) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus gaaʼela kabajeera, warri kaanis akkas akka godhan barbaada ture. Namni sababa akka qabu fakkeessuudhaan haadha manaa isaa ishii amanamtuu taate hiikee kan biraa fuudhu ejja raawwata. Dubartiin takkas abbaa manaa ishii amanamaa taʼe yoo hiikte akkasuma gooti. Taʼus, hiriyaa gaaʼelaa ofii hiikuun qofti gaaʼelichi akka diigamu waan hin gooneef yaadni olitti ibsame kun dhugaa dha. Waaqayyo duratti lamaan isaanii amma iyyuu “foon tokko” dha. Kana malees, Yesuus namni haadha manaa isaa ishii amanamtuu taate hiiku tokko ejja raawwachuuf akka saaxilamtu akka ishii godhu dubbateera. Akkamitti? Yeroo sanatti, dubartiin abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte takka deggersa qarshii argachuuf jecha nama kan biraatti heerumuu akka qabdu ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Sababa kanaan hiriyaa gaaʼelaa hiikanii nama kan biraa wajjin gaaʼela dhaabbachuun ejja raawwachuu wajjin tokko dha.

10. Kiristiyaanni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikee nama kan biraa wajjin gaaʼela godhachuu kan dandaʼu sababa akkamii yoo qabaate dha?

10 Yesuus, “Ani isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa [Afaan Giriikiitiin poorniyaa] hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata” jechuudhaan sababa gaaʼela diiguudhaaf buʼuura taʼuu dandaʼu ibseera. (Mat. 19:9) Yesuus Lallaba Gaaraa irrattis yaada kana ibseera. (Mat. 5:31, 32) Yeroo lamaanitti iyyuu Yesuus waaʼee “halalummaa” dubbateera. Jechi kun cubbuu saalqunnamtii gaaʼelaan alatti raawwatamu hedduu argisiisa: Isaanis, ejja, sagaagalummaa, saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamu, saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamuu fi horii wajjin raawwatamu argisiisu. Fakkeenyaaf, abbaan manaa tokko halalummaa yoo raawwate, haati manaa isaa isa hiikuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandeessi. Yoo isa hiikte kun gaaʼelichi Waaqayyo duratti akka diigamu godha.

11. Kiristiyaanni tokko sababa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yoo qabaate iyyuu wal hiikuu dhiisuuf murteessuu kan dandaʼu maaliifi?

11 Yesuus hiriyaan gaaʼelaa tokko halalummaa (poorniyaa) yoo raawwate dirqama wal hiikuu qabu akka hin jenne hubadhaa. Fakkeenyaaf, abbaan manaa ishii halalummaa kan raawwate yoo taʼe iyyuu, haati manaa gaaʼelichi akka hin diigamne filachuu dandeessi taʼa. Ishiin amma iyyuu isa jaallatti akkasumas dhiifama isaaf gochuu fi gaaʼelicha fooyyessuuf fedhii qabaachuu dandeessi taʼa. Abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumuu baatte rakkinni akka ishii mudatu beekamaa dha. Wantoota jireenyaaf ishii barbaachisanii fi fedhii saalqunnamtii ishii ilaalchisee hoo? Kophummaa ilaalchisee hoo? Wal hiikuun ijoollee isaanii irratti dhiibbaa akkamii godha? Ijoollee dhugaa keessatti guddisuun akka ulfaatu godhaa? (1 Qor. 7:14) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, hiriyaan gaaʼelaa amanamaan gaaʼelli isaa diigame rakkoowwan guguddaan isa mudatu.

12, 13. (a) Gaaʼela Hoseʼaa keessatti maaltu uumamee ture? (b) Hoseʼaan Gomeriin deebisee kan fuudhe maaliifi? Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo ammaa jiran kana irraa maal baratu?

12 Muuxannoon Hoseʼaa raajichaa Waaqayyo gaaʼelaaf ilaalcha akkamii akka qabu waan hedduu nu barsiisa. Waaqayyo Hoseʼaan Gomer ishii ‘dubartii ejjituu taate akka fuudhuu fi ijoollee ejjaa akka godhatu’ isatti himee ture. Gomer “ulfooftee [Hoseʼaadhaaf] ilma in deesse.” (Hos. 1:2, 3) Boodas intala takkaa fi ilma tokko kan deesse siʼa taʼu, isaanis ijoollee ejjaa taʼuu hin oolan. Gomer irra deddeebitee ejja kan raawwatte taʼus, Hoseʼaan ishii wajjin jiraachuu isaa itti fufeera. Dhuma irrattis, Hoseʼaa dhiistee garba taate. Taʼus Hoseʼaan deebisee ishii bitateera. (Hos. 3:1, 2) Yihowaan Israaʼeloota irra deddeebiʼanii ejja raawwataniif akkamitti dhiifama akka godhe Hoseʼaa akka fakkeenyaatti fayyadamee ibseera. Muuxannoo kana irraa maal barachuu dandeenya?

13 Hiriyaan gaaʼelaa Kiristiyaana tokkoo halalummaa yoo raawwate, Kiristiyaanni amanamaa taʼe murtoo cimaa gochuun isa barbaachisa. Yesuus hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe hiriyaa gaaʼelaa isaa erga hiikee booda, bilisa taʼee nama kan biraa wajjin gaaʼela godhachuuf sababa qabaachuu akka qabu dubbateera. Karaa kan biraa immoo hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe dhiifama gochuu ni dandaʼa. Kana gochuun isaa dogoggora miti. Hoseʼaan Gomeriin deebisee fuudheera. Gomer deebitee Hoseʼaa wajjin jiraachuu erga jalqabdee booda, nama kan biraa kam iyyuu wajjin ejja hin raawwanne. Hoseʼaan yeroon muraasaaf ‘saalqunnamtii hin raawwanne.’ (Hos. 3:3, NW) Yeroo booda, Hoseʼaan ishii wajjin saalqunnamtii raawwatee taʼuu qaba, kana gochuudhaan, Waaqayyo saba isaa deebisee simachuu fi hariiroo isaanii wajjin qabu itti fufuuf fedhii akka qabu argisiiseera. (Hos. 1:11; 3:3-5) Seenaan kun waaʼee gaaʼela yeroo harʼaa jiruu maal nu barsiisa? Hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe gaaʼelichi akka itti fufu yoo murteesse, saalqunnamtii raawwachuun isaa dhiifama akka godhe argisiisa. (1 Qor. 7:3, 5) Gochi kun sababiin wal hiikuudhaaf buʼuura taʼu fudhatama akka hin qabaanne godha. Sana booda, lamaan isaanii iyyuu ilaalcha Waaqayyo gaaʼelaaf qabu argisiisuuf walii wajjin hojjechuu qabu.

GAAʼELA RAKKINA QABU KEESSATTI ILLEE KABAJA ARGISIISUU

14. Akka 1 Qorontos 7:10, 11 jedhutti gaaʼela tokko keessatti maaltu uumamuu dandaʼa?

14 Akkuma Yesuusii fi Yihowaan godhan, Kiristiyaanonni hundi gaaʼela kabajuuf carraaquu qabu. Haa taʼu malee, namoonni mudaa kan qaban waan taʼaniif, tokko tokko kana gochuu dhiisuu dandaʼu. (Rom. 7:18-23) Kanaafuu, gaaʼela Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko keessa illee rakkinni waan tureef kun taʼuun isaa nu rifachiisuu hin qabu. Phaawulos, “Haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin” jedhee barreesseera; taʼus darbee darbee haalli akkasii uumameera.—1 Qorontos 7:10, 11 dubbisi.

Gaaʼela rakkina qabu illee oolchuuf maal gochuutu dandaʼama? (Keeyyata 15 ilaali)

15, 16. (a) Gaaʼelli tokko rakkina kan qabu yoo taʼe illee, hiriyoonni gaaʼelaa galmi isaanii maal taʼuu qaba? Maaliifi? (b) Hiriyaan gaaʼelaa kan hin amanne yoo taʼe gorsi kun akkamitti hojii irra ooluu dandaʼa?

15 Phaawulos gargar baʼuu kanaaf wanti sababa taʼe maal akka taʼe hin ibsine. Taʼus, rakkinni kun akka uumamu kan godhe, fakkeenyaaf, abbaan manaa ejja raawwachuu isaatiin kan kaʼe, haati manaa sun isa hiiktee nama kan biraatti heerumuuf sababa akka qabaattu kan godhu miti. Phaawulos haati manaa abbaa manaa ishii wajjin gargar baate takka, ‘utuu hin heerumin jiraachuu yookiin abbaa manaa ishii wajjin araaramuu’ akka qabdu barreesseera. Kanaaf akka ilaalcha Waaqayyootti lamaan isaanii amma iyyuu tokko dha. Phaawulos rakkinni isaanii maal iyyuu yoo taʼe, ejji hin raawwatamne taanaan, walitti araaramuuf carraaquu akka qaban gorseera. Hiriyoonni gaaʼelaa sun jaarsoliin gumii gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka isaaniif kennan gargaarsa gaafachuu dandaʼu. Jaarsoliin gama tokko deggeruu kan hin qabne taʼanis, gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuu ni dandaʼu.

16 Dhugaa baatuu kan taʼee fi ulaagaa Waaqayyootiin jiraachuuf kan carraaqu hiriyaa gaaʼelaa isa tokko qofa yoo taʼe rakkinni isaa caalaatti wal xaxaa taʼuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii keessatti rakkinni yoo isaan mudate gargar baʼuun furmaatadhaa? Akkuma olitti ibsame, Kitaabni Qulqulluun ejji wal hiikuudhaaf sababa gaʼaa taʼuu akka dandaʼu ni ibsa, taʼus wantoota adda addaa gargar baʼuuf sababa taʼan hin ibsu. Phaawulos, “Dubartiin tokkos abbaa manaa hin amanne yoo qabaattee fi innis ishii wajjin jiraachuuf yoo walii gale, ishiin abbaa manaa ishii hin dhiisin” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 7:12, 13) Kun yeroo harʼaattis ni hojjeta.

17, 18. Kiristiyaanonni tokko tokko gaaʼela rakkina qabu keessa turuuf kan murteessan maaliifi?

17 Dhugaa dha, yeroon ‘abbaan manaa hin amanne’ tokko ‘ishii wajjin jiraachuuf walii galuu’ akka hin barbaanne itti argisiisu jira. Rukuttaa qaamaa hamma geessisutti illee, garmalee akka ishii miidhu ykn lubbuu ishii balaadhaaf saaxilu ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Ishii fi maatichaaf deggersa gochuu diduu ykn karaa hafuuraa garmalee ishii miidhuu dandaʼa. Wanti namni sun dubbatu maali iyyuu yoo taʼe, haala akkasii keessatti Kiristiyaanonni tokko tokko, hiriyaan gaaʼelaa sun ‘isaanii wajjin jiraachuu’ akka hin barbaanne waan argisiisuuf, gargar baʼuun barbaachisaa akka taʼe murteessaniiru. Kiristiyaanonni kaan garuu haalawwan ulfaataa taʼan keessatti illee gargar baʼuu dhiisuuf murteessaniiru; rakkina isaan irra gaʼu dandamatanii haala isaa fooyyessuuf carraaqu. Maaliifi?

18 Haala akkasii keessatti yoo gargar baʼan illee, lamaan isaanii amma iyyuu hiriyoota gaaʼelaa ti. Akkuma olitti ibsame kopha kophaa yoo jiraatan, lamaan isaanii iyyuu rakkinni isaan mudata. Phaawulos ergamaan sababii waliin jiraachuu itti qaban kan biraas ibseera. “Abbaan manaa hin amanne firooma haadha manaa isaa wajjin qabuun qulqulluu taʼeera; haati manaa hin amannes firooma obboleessa sanaa wajjin qabduun qulqulluu taateetti; utuu kana taʼuu baatee ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu turan, amma garuu qulqulloota dha” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 7:14) Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hedduun haalawwan baayʼee rakkisaa taʼan keessatti illee hiriyaa gaaʼelaa hin amannee wajjin jiraachuu isaanii itti fufaniiru. Kiristiyaanonni kun kana gochuu isaaniitiin kan kaʼe, hiriyaan gaaʼelaa isaanii waaqeffannaa dhugaa yommuu fudhatu, waliin jiraachuun isaanii akka isaan kiise ragaa baʼuu dandaʼu.—1 Qorontos 7:16 dubbisi; 1 Phe. 3:1, 2.

19. Gumii Kiristiyaanaa keessa gaaʼelawwan milkaaʼina qaban hedduun kan jiraatan maaliifi?

19 Yesuus wal hiikuu ilaalchisee gorsa kan kenne siʼa taʼu, Phaawulos immoo waaʼee gargar baʼuu hafuuraan geggeeffamee gorsa kenneera. Lamaanuu tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼela akka kabajan barbaadu turan. Yeroo harʼaa gumiin Kiristiyaanaa addunyaa maratti argamu gaaʼela milkaaʼina qabuun kan guutame dha. Gumii keessan keessattis hiriyoota gaaʼelaa gammadoo taʼan hedduu argachuu dandeessu taʼa. Gaaʼelawwan kun obboloota amanamoo haadhotii manaa isaanii jaallatanii fi haadhotii manaa hiriyaa gaaʼelaa isaanii akka jaallatan mirkaneessaniin kan hundeeffaman siʼa taʼu, hundi isaanii gaaʼelli kabajamuu akka dandaʼu argisiisaa jiru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Dubbiin Waaqayyoo inni, “Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaanuu foon tokko ni taʼu” jedhu dhugaa taʼuu isaa argisiisaa waan jiraniif ni gammadna.—Efe. 5:31, 33.