Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 52

Abdii Kutachuu Moʼuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Abdii Kutachuu Moʼuu Kan Dandeessu Akkamitti?

“Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, Innis si deggera.”—FR. 55:22.

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

QABIYYEE *

1. Abdii kutachuun dhiibbaa akkamii nu irraan geessisuu dandaʼa?

GUYYAA guyyaadhaan rakkoowwan kan nu mudatan siʼa taʼu, nutis dandamachuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Haa taʼu malee, yommuu abdii kutannutti rakkoowwan keenya dandamachuun nutti ulfaata. Kanaafuu, abdii kutachuun hattuu amanannaa, ija jabinaa fi gammachuu keenya nu jalaa hatu akka taʼetti ilaaluu qabna. Fakkeenyi 24:10 fi miiljaleen isaa akkas jedha: “Yeroo rakkinaatti yoo abdii kutatte, Humni kee ni xiqqaata.” Eeyyee, abdii kutachuun humna rakkoowwan jireenyaa milkaaʼinaan dandamachuuf nu gargaaru nu jalaa fixa.

2. Wanti akka abdii kutannu nu gochuu dandaʼu maali dha? Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Wantoonni hedduun abdii nu kutachiisuu dandaʼu; tokko tokko keessa keenyaa dhufu, kaan immoo alaa nu irra gaʼu. Isaan keessaa tokko tokko cubbuu dhaalle, dadhabina qabnu ykn dhukkuba dha. Akkasumas tajaajila Yihowaa keessatti mirga hawwinu argachuu dhiisuu ykn naannoo tajaajilaa buʼaa hin qabnetti tajaajiluu dabalachuu dandaʼu. Mata duree kana keessatti abdii kutachuu dandamachuuf wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko ilaalla.

CUBBUU DHAALLEE FI DADHABINA QABNU WALIIN YOMMUU QABSOO GOONU

3. Cubbuu dhaalleef ilaalcha madaalamaa qabaachuuf maaltu nu gargaara?

3 Cubbuu dhaallee fi dadhabina keenyaaf salphaadhumatti ilaalcha madaalamaa hin taane qabaachuu dandeenya. Kanaan kan kaʼes, sababa dogoggora keenyaatiin, Yihowaan matumaa addunyaa haaraatti akka nu hin galchine amanuu dandeenya. Ilaalchi akkasii balaa qaba. Maarree, cubbuu dhaalleef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Kitaabni Qulqulluun Yesuus Kiristoos irraa kan hafe namoonni hundi “cubbuu hojjetaniiru” jedha. (Rom. 3:23) Taʼus, Yihowaan dogoggora keenya irratti hin xiyyeeffatu ykn mudaa kan hin qabne akka taanu nu irraa hin eegu. Kanaa mannaa, inni Abbaa jaalalaa qabeessa nu gargaaruu barbaadu dha. Dabalataanis inni obsa qabeessa dha. Dadhabina keenyaa fi ilaalcha jalʼaa ofii keenyaaf qabnu moʼuuf hammam akka qabsoofnu ni arga; nu gargaaruufis qophaaʼaa dha.—Rom. 7:18, 19.

Yihowaan wanta gaarii Kanaan dura raawwannee fi amma raawwachaa jirru ni beeka (Keeyyata 5 ilaali) *

4-5. 1 Yohaannis 3:19, 20 wajjin haala wal simuun obboleettonni lama abdii kutachuuf kan hin moʼamne maaliifi?

4 Mee fakkeenya Dibooraa fi Maariyaa haa ilaallu. * Dibooraan ijoollummaatti maatiin ishii yeroo baayʼee karaa hamilee ishii cabsuun ishii qabu turan. Yeroo baayʼee hin galateeffatamtu turte. Kanaaf, ofii ishiitiif ilaalcha dogoggoraa qabaatte. Dogoggora xinnoo yommuu raawwattutti illee, wanta tokko iyyuu sirriitti hojjechuu akka hin dandeenye itti dhagaʼama. Maariyaanis rakkina wal fakkaatu qabdi turte. Firoottan ishii ishii salphisu turan. Kanaan kan kaʼes, miira gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamu wajjin qabsoo gooti turte. Gara dhugaatti erga dhuftee booda illee, maqaa Waaqayyoo baachuuf gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼama ture!

5 Taʼus, obboleettonni kun lamaan Yihowaa tajaajiluu hin dhiisne. Maaliifi? Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan baʼaa isaanii Yihowaa irratti gataniiru. (Fr. 55:22) Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, wanta kanaan dura dabarsinee fi ilaalchi dogoggoraa ofiif qabnu hangam dhiibbaa akka nu irratti godhe akka beeku hubataniiru. Taʼus, inni wanta gaarii garaa keenya keessa jiru, jechuunis amalawwan nuti qabaachuu keenya hin beeknes ni ilaala.—1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi.

6. Namni tokko dogoggora kanaan dura raawwate yoo irra deebiʼee hojjete maal gochuu dandaʼa?

6 Namni barsiifata gadhee hidda gad fageeffate moʼuuf qabsaaʼu tokko irra deebiʼee dogoggoruu fi ofitti abdii kutachuu dandaʼa. Dhugaa dha, yeroo cubbuu hojjennu hamma tokko miirri balleessaa nutti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. (2 Qo. 7:10) Taʼus, hamma yaaduu qabnu irra darbinee, ‘Kana booda gatii hin qabu. Yihowaan matumaa dhiifama naaf hin godhu’ jennee yaaduudhaan ofitti murteessuu hin qabnu. Ilaalchi akkasii dhugaa irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef, Yihowaa tajaajiluu akka dhaabnu nu taasisuu dandaʼa. Wanta Fakkeenya 24:10 irratti dubbisne yaadadhaa; yommuu abdii kutannu humni keenya ni xiqqaata. Abdii kutachuu mannaa, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu fi gara laafina isaa barbaaduudhaan ‘rakkina uumameef furmaata’ kennuu qabna. (Isa. 1:18) Inni garaadhaa yaada geddarachuu keessan yommuu ilaalu dhiifama isiniif godha. Dabalataanis jaarsolii haasofsiisaa. Isaan karaa hafuuraa deebitanii akka bayyanattan obsaan isin gargaaru.—Yaq. 5:14, 15.

7. Wanta sirrii raawwachuuf qabsoo gochaa jirra yoo taʼe abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

7 Jaarsi gumii Faransaayi jiruu fi Jiin Laak jedhamu namoota dadhabina qabanii wajjin qabsoo godhan ilaalchisee, “Akka ilaalcha Yihowaatti namni qajeelaan, nama matumaa hin dogoggorre utuu hin taʼin, nama dogoggora isaatiif dhiifama gaafatuu fi yeroo hunda yaada geddaratu dha” jedheera. (Rom. 7:21-25) Kanaafuu, dadhabina qabdu wajjin qabsoo gochaa jirta taanaan gatii hin qabu jettee hin yaadin. Nu keessaa eenyu iyyuu ofii keenyaan Waaqayyo duratti qajeeloo taʼuu akka hin dandeenye yaadadhu. Hundi keenya karaa furichaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa argachuun nu barbaachisa.—Efe. 1:7; 1 Yo. 4:10.

8. Yommuu abdii kutannu eenyu irraa gargaarsa argachuu dandeenya?

8 Obbolootaa fi obboleettota maatii hafuuraa keenya taʼan irraa jajjabina argachuu dandeenya! Isaan yommuu dubbachuu barbaadnu nu dhaggeeffachuu fi nu jajjabeessuu dandaʼu. (Fak. 12:25; 1 Ta. 5:14) Jooyi ishiin abdii kutachuu wajjin qabsooftuu fi Naayijeeriyaa jirtu akkas jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni koo utuu hin jiran taʼee boolla maaliitu na liqimsa? Isaan Yihowaan kadhannaa kootiif deebii akka kennu ragaa argisiisani dha. Warra garaan isaanii cabe akkamitti akkan jajjabeessu illee isaan irraa baradheera.” Taʼus, obboloonnii fi obboleettonni keenya yeroo jajjabinni nu barbaachisu hunda beekuu dhiisuu akka dandaʼan sammuutti qabachuu qabna. Kanaafuu, obboleessa ykn obboleettii bilchaatoo tokko bira dhaquudhaan dursa fudhanne gargaarsi akka nu barbaachisu isaanitti himuun nu barbaachisuu dandaʼa.

DHIBEE FAYYAA WAJJIN YOMMUU QABSOO GOONU

9. Faarfannaan 41:3 fi 94:19 kan nu jajjabeessu akkamitti?

9 Gargaarsa argachuuf Yihowaa gaafadhaa. Yommuu miirri gaariin nutti hin dhagaʼamnetti, keessumaa immoo dhukkuba cimaadhaan qabamnee jirra taanaan, yaada sirrii qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Yihowaan yeroo ammaatti dinqiidhaan nu fayyisuu baatus nu jajjabeessa, akkasumas cimina jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru nuu kennuu dandaʼa. (Faarfannaa 41:3; 94:19 dubbisi.) Fakkeenyaaf, hojii mana keessaa ykn waa bituu irratti gargaarsi yommuu nu barbaachisu Kiristiyaanni tokko gara keenya akka dhufu kakaasuu dandaʼa. Obboloonni keenya akka nu wajjin kadhatanis kakaasuu dandaʼa. Yookiin Dubbii isaa keessaa abdii dinqisiisaa waaʼee jireenya addunyaa haaraa isa dhukkubaa fi dhiphina irraa walaba taʼee akka yaadannu gochuudhaan nu jajjabeessuu dandaʼa.—Rom. 15:4.

10. Isaang balaan erga isa mudatee booda akka abdii kutatetti kan hin hafne maaliifi?

10 Isaang inni Naayijeeriyaa jiraatu balaan kan isa mudate siʼa taʼu, kunis isa naafachiise. Doktarri isaa Isaang matumaa deebiʼee deemuu akka hin dandeenye itti hime. Isaang akkas jedheera: “Garaan koo kan cabe siʼa taʼu, hafuurri koos ni caccabe.” Maarree akkuma caccabetti hafee? Lakki! Maaltu isa gargaare? “Anii fi haati manaa koo Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi Dubbii isaa qoʼachuu matumaa dhaabnee hin beeknu. Akkasumas abdii addunyaa haaraa keessa jiraachuuf arganne dabalatee, eebbawwan qabnu hundaaf galateeffachuuf murteessine” jechuudhaan ibseera.

Warri haalli fayyaa isaanii isaan daangesse illee tajaajila buʼa qabeessaa fi nama kiisu raawwachuu dandaʼu (Keeyyata 11-13 ilaali)

11. Sindiin yeroo baayʼee dhukkubsattetti gammachuu qabaachuu kan dandeesse akkamitti?

11 Sindii ishiin Meeksikoo jiraattu, dhibee duʼaaf ishii saaxiluu dandaʼuun akka qabamte qorannoodhaan beekame. Maarree, akkamitti dandamachuu dandeesse? Yaaliin yeroo ishiidhaaf godhamutti guyyaa guyyaadhaan lallabuuf galma baafatte. Yaada akkas jedhu barreessiteetti: “Akkas gochuun koo yaalii baqaqsanii hodhuu, dhukkubbii natti dhagaʼamu ykn hammam akkan dhukkubsadhe irratti utuu hin taʼin, warra kaan irratti xiyyeeffachuuf na gargaareera. Akkasan godha: Doktaroota ykn narsootaa waliin yommuun haasaʼu waaʼee maatii isaaniin isaan gaafadha. Achiis hojii ulfaataa akkasii maaliif akka filatanan isaan gaafadha. Sana booda mata duree xiyyeeffannaa isaanii harkisu filachuun salphaa dha. Baayʼeen isaanii dhukkubsattoonni ‘Fayyaan keessan akkami?’ jedhanii akka isaan hin gaafanne dubbataniiru. Waaʼee isaanii yaaduu kootiif hedduun isaanii na galateeffataniiru. Tokko tokko immoo teessoo isaanii illee naaf kennaniiru. Kanaafuu, jireenya koo keessatti yeroo rakkisaa kanatti Yihowaan gammachuu guddaa ani hin eegne naaf kenneera.”—Fak. 15:15.

12-13. Warri dhukkubsatan tokko tokko tajaajila irratti hirmaachuu kan dandaʼan akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise?

12 Warri dhukkubsatan wanti isaan tajaajila irratti raawwatan waan daangeffameef abdii kutachuu dandaʼu. Taʼus, baayʼeen isaanii karaa itti lallaban argataniiru. Yunaayitid Isteetisitti obboleettiin Looreel jedhamtu waggaa 37f meeshaa hafuura baafachuuf gargaaru keessa ciisuun ishii barbaachisee ture. Kana malees, Kaansariidhaan qabamtetti, yaalii baqaqsanii hodhuu cimaa gooteetti, akkasumas dhukkuba gogaa cimaadhaan qabamteetti. Taʼus, rakkoowwan ciccimoon kun akka hin dubbanne ishii hin taasisne. Ogeeyyii fayyaa fi namoota mana ishii dhufan kaaniif dhugaa baati turte. Buʼaan isaa hoo maal ture? Yoo xinnaate namoonni 17 beekumsa Kitaaba Qulqulluu isa sirrii akka argatan gargaarteetti! *

13 Riichaard inni Faransaayitti jaarsa gumii taʼe, warra manaa baʼuu hin dandeenye ykn mana maanguddoonni itti kunuunfaman jiraataniif gorsa gaarii kennu qaba. Akkas jedheera: “Miʼa xinnoo barreeffama irra kaaʼanii ittiin argisiisan qabaachuu qabu. Miini akkasii xiyyeeffannaa namootaa harkisuu fi maree akka jalqaban gochuu dandaʼa. Kun obbolootaa fi obboleettota keenya jaallatamoo manaa gara manaa deemuu hin dandeenye jajjabeessuu dandaʼa.” Kana malees, warri manaa baʼuu hin dandeenye xalayaa barreessuu fi bilbilaan tajaajila irratti hirmaachuu dandaʼu.

MIRGA HAWWINE TOKKO YOMMUU DHABNUTTI

14. Daawit Mootichi fakkeenya gaarii akkamii nuuf taʼeera?

14 Umurii, fayyaa ykn sababa kan birootiin kan kaʼe gumii ykn aanaa keenya keessatti mirgawwan tokko tokko nuu kennamuu dhiisuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti fakkeenya Daawit Mootichaa irraa barachuu dandeenya. Mana qulqullummaa ijaaruu, isa inni baayʼee barbaadu ijaaruuf akka hin filatamne yommuu isatti himamu, nama Waaqayyo hojichaaf filateef deggersa guutuu kenneera. Daawit pirojektii kanaaf kennaa guddaa illee kenneera. Kun dhuguma iyyuu fakkeenya gaarii hordofuu qabnu dha!—2 Sa. 7:12, 13; 1 Se. 29:1, 3-5.

15. Huugas abdii kutachuu kan moʼe akkamitti ture?

15 Huugas inni Faransaayi jiraatu sababa dhibee fayyaatiin kan kaʼe, jaarsa taʼee tajaajiluu kan dhaabe siʼa taʼu, hojii salphaa manatti hojjetamu illee hojjechuu hin dandeenye. Yaada akkas jedhu barreesseera: “Jalqaba irratti baayʼeen abdii kutadhe, gatii akkan hin qabnes natti dhagaʼame. Taʼus booda, humni koo akka daangeffame amanee fudhachuun barbaachisaa akka taʼen hubadhe, akkasumas amma iyyuu tajaajila Yihowaa irratti wantan gochuu dandaʼu raawwachuudhaan gammachuu argachuu dandaʼeera. Abdii kutachuu dhiisuuf murteesseen ture. Akkuma Giidewonii fi namoota isaa dhibba sadan dadhabanii turan sanaa, qabsoo gochuu koo ittan fufa.”—Abo. 8:4.

16. Fakkeenya maleekotaa irraa maal baranna?

16 Maleekonni amanamoon fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Bara bulchiinsa Ahaab Mootichaatti, Yihowaan maleekonni mala mootii hamaa kana ittiin gowwoomsan akka dhiheessan isaan afeeree ture. Maleekonni tokko tokko yaada dhiheessanii turan. Taʼus Waaqayyo maleekaa tokko filachuudhaan yaadni inni dhiheesse milkaaʼina akka argatu itti hime. (1 Mo. 22:19-22) Maleekonni amanamoon kaan, ‘Yaada dhiheessuuf ofumaan yeroo koo balleesse’ jedhanii abdii kutataniiru? Akkas akka godhan amanuuf sababa hin qabnu. Maleekonni dhugumaan gad of qabu, akkasumas ulfinni hundi Yihowaadhaaf akka kennamu barbaadu.—Abo. 13:16-18; Mul. 19:10.

17. Mirga tajaajilaa tokko tokko utuu hin argatin hafuu keenyatti yoo abdii kutanne maal gochuu qabna?

17 Mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuu fi Mootummaa isaa labsuuf arganne yaadadhaa. Itti gaafatamummaa tokko tokko argachuu ykn dhabuu dandeenya; taʼus wanti Waaqayyo biratti iddoo guddaa akka qabaannu godhu itti gaafatamummaa keenya miti. Yihowaa fi obboloota keenya biratti akka jaallatamnu kan godhu humna keenya beekuu fi gad of qabuu dha. Kanaafuu, Yihowaan humna kee beekuu fi gad of qabuuf akka si gargaaru cimsii kadhadhu. Akkasumas humna ofii beekuu fi gad of qabuu irratti fakkeenyota gaarii hedduu Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman irratti xiinxali. Karaa dandeessu hundumaan fedhiidhaan obboloota kee tajaajili.—Fr. 138:6; 1 Ph. 5:5.

NAANNOON TAJAAJILAA KEENYA BUʼAA KAN HIN QABNE YOMMUU FAKKAATU

18-19. Yommuu naannoon tajaajilaa keessan buʼaa kan hin qabne fakkaatutti illee tajaajila keessanitti gammaduu kan dandeessan akkamitti?

18 Naannoon tajaajilaa kee buʼa qabeessa waan hin fakkaanneef ykn namoonni manatti argaman muraasa waan taʼaniif yeroo taʼe tokkotti abdii kutattee beektaa? Haala akkasii keessatti gammachuu keenya eeggachuu ykn gammachuu keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadawwan hojii irra ooluu dandaʼan tokko tokko saanduqa, “ Karaawwan Tajaajila Kee Fooyyessuu Itti Dandeessu” jedhu keessatti argamu. Tajaajilaaf ilaalcha sirrii qabaachuun keenyas barbaachisaa dha. Kana gochuun maal dabalata?

19 Sababiin itti lallabnu maqaan Waaqayyoo fi Mootummaan isaa akka beekamu gochuu akka taʼe yaadadhaa. Yesuus daandii jireenyaa kan argatan namoota muraasa qofa akka taʼan ifa godheera. (Mat. 7:13, 14) Yommuu tajaajillu Yihowaa, Yesuusii fi maleekotaa wajjin hojjechuuf mirga arganna. (Mat. 28:19, 20; 1 Qo. 3:9; Mul. 14:6, 7) Yihowaan warra isa tajaajiluu barbaadan gara ofii isaatti ni harkisa. (Yoh. 6:44) Kanaafuu, namni tokko yeroo taʼe tokko ergaa keenya dhaggeeffachuu yoo dide, yeroo itti aanutti yommuu haasofsiisnu dhaggeeffachuu dandaʼa.

20. Ermiyaas 20:8, 9 abdii kutachuu mormuu ilaalchisee maal nu barsiisa?

20 Ermiyaas raajicha irraa waan hedduu barachuu dandeenya. Inni naannoo tajaajilaa baayʼee rakkisaa taʼetti ramadamee ture. Namoonni “guyyaa guutuu” isa arrabsu, akkasumas itti qoosu turan. (Ermiyaas 20:8, 9 dubbisi.) Yeroo tokko baayʼee waan abdii kutateef lallabuu dhiisuu barbaadee ture. Garuu lallabuu isaa hin dhaabne. Maaliif? ‘Dubbiin Yihowaa’ Ermiyaas keessatti akka ibiddaa taʼee waan tureef ukkaamsee qabuu hin dandeenye! Nutis sammuu fi garaa keenya Dubbii Waaqayyootiin yommuu guunnu akkuma isaa taana. Sababiin Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisnuu fi irratti xiinxallu inni kan biraan kana dha. Kunis gammachuu keenya ni dabala; tajaajilli keenyas caalaatti buʼa akka qabaatu godha.—Er. 15:16.

21. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, qabsoo abdii kutannaa wajjin goonu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Dibooraa ishiin olitti caqasamte, “abdii kutachuun meeshaa waraanaa cimaa Seexanni itti fayyadamu taʼuu dandaʼa” jetteetti. Taʼus meeshaan Seexanaa Waaqa keenya Yihowaa wajjin wal hin gitu. Kanaafuu, sababii akkamiitiin iyyuu yommuu abdii kutattu, gargaarsa Yihowaa cimsii kadhadhu. Inni hirʼinaa fi dadhabina kee akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa. Inni yeroo dhukkubsattutti si deggera. Naannoo tajaajilaa keetiif ilaalcha madaalamaa akka qabaattu si gargaara. Akkasumas tajaajila keetiif ilaalcha sirrii akka qabaattu si gargaara. Hunda caalaa immoo wanta si yaaddessu hunda abbaa kee isa samiitti himi. Gargaarsa isaatiin qabsoo abdii kutannaa wajjin gootu moʼuu dandeessa.

FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi

^ key. 5 Hundi keenya darbee darbee abdii ni kutanna. Mata duree kana keessatti yommuu abdii kutannu wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko ilaalla. Akkuma itti aansinee ilaallu gargaarsa Yihowaatiin qabsoo abdii kutachuu wajjin goonu injifachuu ni dandeenya.

^ key. 4 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 12 Seenaa jireenyaa Looreel Nisbeet Dammaqaa! Amajjii 22, 1993 irraa dubbisi. (Ingiliffa)

^ key. 69 IBSA FAKKII: Obboleettiin tokko yeroodhaaf abdii kan kutatte taʼus, tajaajila kanaan dura raawwatte irratti xiinxalti, akkasumas Yihowaatti kadhannaa dhiheessiti. Yihowaan wanta ishiin duraan raawwattee fi amma raawwachaa jirtu akka yaadatu mirkanaaʼaa taateetti.