Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 49

Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!

Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!

‘Duʼaa kaʼuun akka jiru Waaqayyoon nan abdadha.’—HoE. 24:15.

FAARFANNAA 151 Isaan ni Waama

QABIYYEE *

1-2. Tajaajiltoonni Yihowaa abdii dinqisiisaa akkamii qabu?

ABDIIN baayʼee barbaachisaa dha. Namoonni tokko tokko gaaʼela milkaaʼina qabu dhaabbachuu, ijoollee fayya buleeyyii guddisuu ykn dhukkuba cimaa irra bayyanachuuf abdatu. Nuti Kiristiyaanonnis wantoota kana qabaachuuf hawwuu dandeenya. Abdiin iddoo guddaa kenninuuf garuu wantoota kana irra ni caala; nutis taane namoonni jaallannu duʼaa kaʼanii bara baraaf jiraachuuf abdanna.

2 Phaawulos ergamaan, “Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha” jedheera. (HoE. 24:15) Waaʼee abdii duʼaa kaʼuu dubbachuu irratti Phaawulos nama jalqabaa miti. Iyoob inni abbaa amantii taʼes dubbateera. Iyoob Waaqayyo akka isa yaadatuu fi gara jireenyaatti akka isa deebisu mirkanaaʼaa ture.—Iyo. 14:7-10, 12-15.

3. 1 Qorontos boqonnaa 15 irraa fayyadamuu kan dandeenyu maaliifi?

3 ‘Duʼaa kaʼuun warra duʼanii’ Kiristiyaanota hundaaf “buʼuura” ykn “barumsa jalqabaa” keessaa tokko dha. (Ibr. 6:1, 2) Ibsi Phaawulos waaʼee duʼaa kaʼuu kenne 1 Qorontos boqonnaa 15 irratti argama. Wanti inni barreesse Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa jajjabeessee taʼuu qaba. Boqonnaan kun nuunis nu jajjabeessuu fi abdii keenya yeroo dheeraaf eeggachaa turre nuu cimsuu dandaʼa.

4. Namoonni jaallannuu fi duʼan duʼaa akka kaʼan mirkanaaʼoo kan taanu maaliifi?

4 Duʼaa kaʼuun Yesuus Kiristoos, namoonni jaallannu yoo duʼan duʼaa kaʼuun akka jiru nuuf mirkaneessa. Duʼaa kaʼuun Yesuus “misiraachoo” Phaawulos warra Qorontosiif labse keessaa tokko ture. (1 Qo. 15:1, 2) Phaawulos, Kiristiyaanni tokko duʼaa kaʼuu kanatti hin amanu yoo taʼe, amantiin isaa gatii akka hin qabne dubbateera. (1 Qo. 15:17) Duʼaa kaʼuu Yesuusitti amanuun abdii keenyaaf murteessaa dha.

5-6. Jechoonni 1 Qorontos 15:3, 4 irra jiran hiika maalii nuuf qabu?

5 Phaawulos waaʼee duʼaa kaʼuu barreessuu yeroo jalqabetti dhugaawwan sadii ibseera: Isaanis, (1) “Kiristoos cubbuu keenyaaf ni duʼe.” (2) “Ni awwaalame.” (3) “Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafame.”—1 Qorontos 15:3, 4 dubbisi.

6 Duuti, awwaalamuu fi duʼaa kaʼuun Yesuus nuuf hiika maalii qaba? Isaayyaas raajichi waaʼee Masiihichaa, “inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffamee,” “hamootaa wajjin iddoon awwaalchaa isaaf ni kenname” jedhee raajii dubbateera. Taʼus wanti raawwatamu kan biraanis jira. Isaayyaas itti dabaluudhaan, “cubbuu namoota hedduu ni baate” jedheera. Yesuus yeroo furii dhiheessetti kana godheera. (Isa. 53:8, 9, 12; Mat. 20:28; Rom. 5:8) Kanaafuu, duʼuu, awwaalamuu fi duʼaa kaʼuun Yesuus cubbuu fi duʼa irraa bilisa taanee namoota jaallannuu wajjin deebinee akka wal arginu abdachuuf buʼuura cimaa nuuf taʼa.

RAGAA DHUGAA BAATOTA HEDDUU

7-8. Kiristiyaanonni Yesuus duʼaa kaʼuu isaa amanuuf maaltu isaan gargaare?

7 Abdiin duʼaa kaʼuu irratti qabnu duʼaa kaʼuu Yesuus wajjin kan wal qabate waan taʼeef, Yesuus duʼaa akka kaʼe mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Yihowaan Yesuusiin gara jireenyaatti akka deebise mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

8 Yesuus akka duʼaa kaʼe dhugaa baatonni ijaan argan hedduun ragaa baʼaniiru. (1 Qo. 15:5-7) Dhugaa baatota Phaawulos tarreesse keessaa inni jalqabaa Pheexiros ergamaa (Keefaas) dha. Pheexiros Yesuus isa duʼaa kaʼe akka arge barattoonni hedduunis mirkaneessaniiru. (Luq. 24:33, 34) Dabalataanis, ergamoonni “Kudha Lama” Yesuus erga duʼaa kaʼee booda isa arganiiru. Achiis Kiristoos, “al tokkotti obboloota 500 caalanitti mulʼate”; tarii kun kan taʼe walgaʼii gammachiisaa Galiilaatti godhamee fi Maatewos 28:16-20 irratti ibsametti taʼuu dandaʼa. Kana malees, Yesuus ‘Yaaqoobitti kan mulʼate’ siʼa taʼu, Yaaqoob kun isa karaa haadhaa obboleessa isaa taʼee fi duraan Yesuus Masiihii taʼuu isaa hin amanne taʼuu hin oolu. (Yoh. 7:5) Yaaqoob, Yesuus is duʼaa kaʼe erga argee booda isatti amaneera. Kan namatti tolu, Dh.K.B. naannoo bara 55 yeroo Phaawulos xalayaa kana barreessetti ragaa baatonni ijaan argan hedduun lubbuudhaan waan jiraniif, namni shakku kam iyyuu ragaa baatota amansiisoo kana gaafachuu dandaʼa ture.

9. Hojiin Ergamootaa 9:3-5 akka argisiisutti Phaawulos Yesuus duʼaa kaʼuu isaatiif ragaa dabalataa kan taʼe akkamitti?

9 Booda Yesuus Phaawulosumatti iyyuu mulʼateera. (1 Qo. 15:8) Phaawulos (Saaʼol) yeroo sagalee Yesuus isa duʼaa kaʼe dhagaʼee fi ulfina isaa isa samii mulʼataan argetti gara Damaasqoo deemaa ture. (Hojii Ergamootaa 9:3-5 dubbisi.) Wanti Phaawulosiin mudate Yesuus duʼaa kaʼuun isaa soba akka hin taane ragaa dabalataa ti.—HoE. 26:12-15.

10. Phaawulos Yesuus akka duʼaa kaʼe mirkanaaʼaa taʼuun isaa maal gochuuf isa kakaaseera?

10 Phaawulos yeroo tokko Kiristiyaanota ariʼachaa waan tureef, ragaa baʼiinsi isaa xiyyeeffannaa namoota tokko tokkoo kan harkisu ture. Phaawulos Yesuus duʼaa akka kaʼe erga mirkanaaʼaa taʼee booda, dhugaa kana warra kaan amansiisuuf carraaqqii cimaa godheera. Yesuus akka duʼee fi akka duʼaa kaʼe dhugaa ibsu babalʼisuuf jecha reebameera, hidhameera akkasumas balaan doonii isa mudateera. (1 Qo. 15:9-11; 2 Qo. 11:23-27) Phaawulos Yesuus duʼaa akka kaʼe baayʼee mirkanaaʼaa waan taʼeef, amantii isaa kanaaf hamma duʼaatti falmuuf illee qophaaʼaa ture. Ragaan Kiristiyaanonni durii kennan kun Yesuus duʼaa akka kaʼe si hin amansiisnee? Akkasumas amantii duʼaa kaʼuu irratti qabdu siif hin cimsinee?

ILAALCHA DOGOGGORAA SIRREESSUU

11. Namoonni Qorontos jiran tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu ilaalcha dogoggoraa kan qabaatan maaliif taʼuu dandaʼa?

11 Namoonni magaalaa Giriikii Qorontos keessa turan tokko tokko, “duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru” hamma jedhanitti waaʼee duʼaa kaʼuu ilaalcha dogoggoraa qabu turan. Maaliifi? (1 Qo. 15:12) Falaastonni Ateenaa ishii magaalaa Giriikii kan biraa taatetti argaman yaada Yesuus duʼaa kaʼeera jedhutti qoosaniiru. Ilaalchi akkasii warra Qorontos jiran tokko tokko irratti dhiibbaa godhee taʼuu dandaʼa. (HoE. 17:18, 31, 32) Kaan immoo duʼaa kaʼuun fakkeenya akka taʼe, jechuunis namni tokko yeroo cubbuudhaan jiraatutti ‘duʼaa’ akka taʼee fi yeroo Kiristiyaana taʼutti immoo ‘jiraataa’ akka taʼu kan argisiisu akka taʼe yaadu taʼa. Sababiin isaanii maali iyyuu haa taʼu, duʼaa kaʼuutti hin amanan taanaan amantiin isaanii gatii hin qabu. Waaqayyo Yesuusiin duʼaa hin kaasne taanaan furiin hin kaffalamne, akkasumas akkuma cubbamoota taʼanitti jiru. Kanaafuu, warri duʼaa kaʼuutti hin amanne abdii amansiisaa hin qaban.—1 Qo. 15:13-19; Ibr. 9:12, 14.

12. Akka 1 Pheexiros 3:18, 22 jedhutti, duʼaa kaʼuun Yesuus, warra sanaan dura raawwataman irraa adda kan taʼe akkamitti?

12 Phaawulos, ‘Kiristoos warra duʼan keessaa duʼaa akka kaafame’ ofuma isaatii mirkaneeffateera. Duʼaa kaʼuun kun warra sana dura raawwataman ni caala; sababiin isaas namoonni duʼaa kaafaman sun deebiʼanii duʼaniiru. Phaawulos, Yesuus, warra duʼan keessaa isa jalqabaa” akka taʼe dubbateera. Yesuus isa jalqabaa kan taʼe karaa kamiini? Uumama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuudhaan isa jalqabaa ti, ilmaan namootaa keessaa gara samii deemuudhaanis isa jalqabaa ti.—1 Qo. 15:20; HoE. 26:23; 1 Pheexiros 3:18, 22 dubbisi.

WARRA ‘JIRAACHIFAMAN’

13. Phaawulos waaʼee garaagarummaa Addaamii fi Yesuus maal ibse?

13 Duuti nama tokkoo namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gara jireenyaatti kan deebisu akkamitti? Phaawulos gaaffii kanaaf deebii amansiisaa kenneera. Gocha Addaamiin kan kaʼe wanta ilmaan namootaa irra gaʼee fi aarsaa Kiristoosiin kan kaʼe wanta argachuu dandeenyu wal bira qabee ibseera. Phaawulos Addaamiin ilaalchisee “duuti karaa nama tokkoo dhufe” jedheera. Addaam yeroo cubbuu hojjetetti ofii isaattis taʼe sanyiiwwan isaatti badiisa fideera. Miidhaan ajajamuu diduun geessisu amma iyyuu nu irra gaʼaa jira. Haa taʼu malee, Waaqayyo Ilma isaa duʼaa kaasuu isaatiin buʼaan argamu kana irraa baayʼee adda dha. “Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa” innis Yesuusi. Phaawulos, “Akkuma hundi isaanii karaa Addaam duʼan, hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu” jedhee ragaa dhiheesseera.—1 Qo. 15:21, 22.

14. Addaam duʼaa ni kaafamaa? Ibsi.

14 Phaawulos, “hundi isaanii karaa Addaam duʼan” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Phaawulos sanyiiwwan Addaam warra isa irraa cubbuu fi mudaa dhaaluu isaaniitiin kan kaʼe duʼan yaadatti qabatee ture. (Rom. 5:12) Addaam warra ‘jiraachifaman’ keessaa tokko miti. Addaam mudaa kan hin qabne taʼee utuu jiruu fedha isaatiin Waaqayyoof ajajamuu waan dideef furii Yesuus irraa hin fayyadamu. Wanti Addaam irra gaʼe, wanta gara fuulduraatti warra “Ilmi namaa” “reʼoota” akka taʼan itti murteessu irra gaʼu, jechuunis “badiisa bara baraa” wajjin tokko dha.—Mat. 25:31-33, 46; Ibr. 5:9.

Yesuus namoota hedduu jireenya samiitiif duʼaa kaʼan keessaa isa jalqabaa ti (Keeyyata 15-16 ilaali) *

15. Warri ‘jiraachifaman’ “hundi” eenyufaa dabalatu?

15 Phaawulos “hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu” akka jedhe hubadhu. (1 Qo. 15:22) Xalayaan Phaawulos kan barreeffame Kiristiyaanota dibamoo Qorontos jiranii fi jireenya samiitiif duʼaa kaafamaniif ture. Kiristiyaanonni kun ‘warra tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabaniin qulqulleeffamanii fi qulqulloota taʼuuf waamaman’ turan. Phaawulos, ‘Warra Kiristoosii wajjin utuma tokkummaa qabanii duʼanis’ caqaseera. (1 Qo. 1:2; 15:18; 2 Qo. 5:17) Phaawulos xalayaa geggeessaa hafuuraatiin barreesse kan biraa irratti, warri, ‘Duʼa akka [Yesuus] duʼuudhaan isaa wajjin tokkummaa qabaatan, duʼaa kaʼuu akka isaa argachuudhaan isaa wajjin tokkummaa akka qabaatan’ ibseera. (Rom. 6:3-5) Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼeera, akkasumas gara samii deemeera. Kiristiyaanonni dibamoon ‘Kiristoos wajjin tokkummaa qaban’ hundis mirga kana argatu.

16. Phaawulos Yesuusiin ‘firii jalqabaa’ jedhee yommuu waamu maal jechuu isaa ture?

16 Phaawulos, Kiristoos “warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee” akka kaʼe barreesseera. Namoonni kan biroon kan akka Alaazaar lafa irratti duʼaa kaafamanii kan turan taʼus, Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuu fi jireenya bara baraa argachuudhaan isa jalqabaa akka taʼe yaadadhaa. Yesuus, oomisha Israaʼelootaa keessaa firii jalqabaa isaan Waaqayyoof dhiheessanitti fakkeeffamuu dandaʼa. Kana malees, Phaawulos, Yesuusiin ‘firii jalqabaa’ jedhee waamuudhaan isa booda warri jireenya samiitiif duʼaa kaafaman akka jiran argisiiseera. Ergamoonni fi namoonni kaan warri ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qaban’ Yesuus duukaa buʼu. Yeroon isaa yommuu gaʼutti immoo, duʼaa kaʼuu isa kan Yesuus wajjin wal fakkaatu argatu.

17. Warri ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qaban’ badhaasa isaanii isa samii kan argatan yoomi?

17 Phaawulos yommuu xalayaa isaa warra Qorontosiif barreessetti duʼaa kaʼuun warra ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qabanii’ hin jalqabne ture. Kanaa mannaa, Phaawulos, “hundi isaanii dabaree isaaniitiin duʼaa kaafamu: Inni jalqabaa Kiristoosi; achiis yeroo inni argamutti warra kan Kiristoos taʼantu kaafama” jechuudhaan gara fuulduraatti akka raawwatamu argisiiseera. (1 Qo. 15:23; 1 Tas. 4:15, 16) Yeroo harʼaa ‘argamuu’ Kiristoos ilaalchisee yeroo raajiidhaan dubbatame keessa jiraanna. Ergamoonnii fi Kiristiyaanonni dibamoo kan biroon duʼan badhaasa isaanii isa samii argachuu fi ‘duʼaa kaʼuu akka [Yesuus] argatanii isaa wajjin tokkummaa qabaachuuf’ hamma argama isaatti eeggachuu qabu turan.

ABDII AMANSIISAA QABDU!

18. (a) Duʼaa kaʼuu isa samiitti aansee duʼaa kaʼuu kan biraan jira kan jennu maaliifi? (b) Akkuma 1 Qorontos 15:24-26 argisiisu samii irratti maaltu raawwatama?

18 Kiristiyaanonni amanamoon abdii Kiristoosii wajjin samii irra jiraachuu hin qabne hundi hoo abdii akkamii qabu? Isaanis abdii duʼaa kaʼuu qabu. Kitaabni Qulqulluun Phaawulosii fi warri samii dhaqan kaan “duʼaa kaʼuu isa jalqabaa” irratti akka hirmaatan dubbata. (Flp. 3:11) Kun isa booda duʼaa kaʼuu kan biraan akka jiru kan argisiisu mitii? Kun yaada Iyyoob waaʼee egeree isaa ilaalchisee dubbatee wajjin wal sima. (Iyo. 14:15) ‘Yeroo inni argamutti, warri kan Kiristoos taʼan’ yommuu Yesuus mootummoota hunda, aangoo fi humna hunda balleessu samii irratti isaa wajjin taʼu. ‘Diinni inni dhumaa duuti’ illee ni balleeffama. Sana booda warri jireenya samiitiif duʼaa kaafaman hundi matuma hin duʼan. Haa taʼu malee, warri kaan hoo?—1 Qorontos 15:24-26 dubbisi.

19. Namoonni lafa irra jiraachuuf abdatan maal eeggachuu dandaʼu?

19 Namoonni abdii lafa irra jiraachuu qaban maal eeggachuu dandaʼu? Yaada Phaawulos, “qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha” jedhee dubbate irratti hundaaʼuudhaan abdii qabaachuu dandaʼu. (HoE. 24:15) Ifatti hubachuun akka dandaʼamu, namni jalʼaan kam iyyuu samii dhaaluu hin dandaʼu, kanaafuu jechoonni kun duʼaa kaʼuu fuulduratti lafa irratti taʼu argisiisu.

Duʼaa kaʼuu irratti amanannaa qabaachuun yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuuf nu gargaara (Keeyyata 20 ilaali) *

20. Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti?

20 Shakkii tokko malee, ‘duʼaa kaʼuun’ jira! Warri lafa irratti gara jireenyaatti deebiʼan abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qabaatu. Abdiin kun akka raawwatamu amanuu ni dandeessa. Abdiin kun namoota jaallattuu fi duʼan ilaalchisee jajjabina siif kenna. Isaan yommuu Kiristoosii fi warri kaan ‘mootota taʼanii waggaa 1,000f bulchan’ duʼaa kaafamu. (Mul. 20:6) Atis Bulchiinsi Barkumee jalqabuu isaa dura yoo duute, duʼaa akka kaatu abdii guutuu qabaachuu dandeessa. ‘Abdichi nama hin qaanessu.’ (Rom. 5:5) Abdiin kun yeroo ammatti si cimsa, gammachuu Waaqayyoon tajaajiluudhaan argattus siif dabala. Haa taʼu malee, akkuma mata dureen itti aanu argisiisutti, 1 Qorontos boqonnaa 15 irraa wanti barannu kan biraanis jira.

FAARFANNAA 147 Bara Baraaf Jiraachuuf Abdii Qabna

^ key. 5 Tokkoffaa Qorontos boqonnaan 15 duʼaa kaʼuu irratti xiyyeeffata. Barumsi kun nuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yesuus akka duʼaa kaʼe amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi? Mata dureen kun waaʼee duʼaa kaʼuu gaaffiiwwan kanaa fi gaaffiiwwan kan biroo barbaachisoo taʼaniif deebii kenna.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Yesuus gara samii dhaquudhaan isa jalqabaa ti. (HoE. 1:9) Barattoota isaa achitti isaa wajjin taʼan keessaa tokko tokko Toomaas, Yaaqoob, Liidiyaa, Yohaannis, Maariyaamii fi Phaawulosi dha.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Obboleessa haadha manaa isaa jaallatamtuu yeroo dheeraaf waliin tajaajilan dhabe tokko. Duʼaa akka kaatu mirkanaaʼaa taʼuudhaan amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu itti fufeera.