Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Masaraa Eegumsaa waggaa kanaa akka gaariitti dubbisteettaa? Taanaan gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Kiristiyaanota dibamoo akkamitti qabuu qabna?

Amantii isaanii ni dinqisiifanna; taʼus, garmalee xiyyeeffannaa isaaniif hin kenninu. ‘Sobaan warra kaan jajuu’ irraa ni fagaanna. (Yihudaa 16) Waaʼee abdii isaanii gaaffiiwwan dhuunfaa isaan hin gaafannu.—w20.01, ful. 29.

Yihowaan dhuunfaatti akka si hubatu kan si amansiisu maali dha?

Kitaabni Qulqulluun dhalachuu kee dura iyyuu inni akka si beeku argisiisa. Akkasumas kadhannaa kee ni dhagaʼa. Inni yaada kee fi wanta garaa kee keessa jiru ni beeka, gochi kees isa irratti dhiibbaa ni geessisa. (1 Se. 28:9; Fak. 27:11) Inni ofitti si dhiheesseera.—w20.02, ful. 12.

Fakkeenyonni, yoom dubbachuu fi yoom cal jechuu akka qabnu argisiisan kamfaʼi?

Waaʼee Yihowaa gammachuudhaan ni dubbanna. Namni tokko daandii dogoggoraa irra deemuu isaa yommuu arginu ni dubbanna. Jaarsoliin barbaachisaa taanaan gorsa kennuuf dubbachuu qabu. Waaʼee hojii keenya biyyoota dhorkaan jirutti hojjetamuu waan hedduu hin gaafannu (ykn hin dubbannu.) Dhimmoota iccitii taʼanis hin dubbannu.—w20.03, ful. 20-21.

Awwaannisoonni Yooʼel boqonnaa 2 irratti ibsaman warra Mulʼata boqonnaa 9 irratti ibsaman irraa adda kan taʼan akkamitti?

Yooʼel 2:20-29 Waaqayyo awwaannisoota sana akka ariʼuu fi badiisa isaan geessisan iddootti akka deebisu abdii kenna. Sana booda Waaqayyo hafuura isaa ni dhangalaasa. Kun yeroo warri Baabilon Israaʼeliin weeraranii fi sana booda raawwatameera. Mulʼanni 9:1-11 waaʼee dibamtoota bara keenyaa awwaanisatti fakkeeffamanii fi murtii Waaqayyoo sirna hamaa kana irratti labsuudhaan, deggertoota isaa dhiphisanii dubbata.—w20.04, ful. 3-6.

Yeroo ammaatti mootiin kaabaa eenyu?

Raashiyaa fi deggertoota ishii ti. Isaan hojii lallabaa dhorkuu fi Dhugaa Baatota jibbuudhaan kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa godhaniiru. Mootiin kaabaa mootii kibbaa wajjin wal morkachaa jira.—w20.05, ful. 13.

“Firiin hafuuraa” warra Galaatiyaa 5:22, 23 irratti ibsaman salgan qofa dhaa?

Lakki. Hafuurri qulqulluun amalawwan gaggaarii kan biroo kan akka qajeelummaa akka horannu nu gargaara. (Efe. 5:8, 9)—w20.06, ful. 17.

Waaʼee ofii kee wantoota tokko tokko intarneetii irratti baasuun balaan inni qabu tokko maali dha?

Wanti intarneetii irra keessu akka gad of qabdu utuu hin taʼin, akka of tuultu argisiisuu dandaʼa.—w20.07, ful. 6-7.

Kiristiyaanonni Qurxummii qabdoota muuxannoo qaban irraa maal barachuu dandaʼu?

Yeroo fi bakka qurxummii argachuu dandaʼanitti hojjetu. Meeshaa sirriitti fayyadamuu leenjiʼaniiru. Haalawwan jijjiiraman keessatti ija jabinaan hojjetu. Nutis tajaajila keenya irratti akkas gochuu dandeenya.—w20.09, ful. 5.

Karaawwan barattoonni Kitaaba Qulqulluu jaalala Yihowaaf qaban akka cimsatan itti gargaarru tokko tokko kamfaʼi?

Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisanii fi wanta dubbisan irratti akka xiinxalan jajjabeessuu dandeenya. Akkasumas akka kadhatan isaan barsiisuu dandeenya.—w20.11, ful. 4.

Yaadni “hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu” jedhu eenyufaa dabalata?—1 Qor. 15:22.

Phaawulos ergamaan namoonni hundi duʼaa ni kaʼu jechuu isaa miti. Inni waaʼee Kiristiyaanota dibamoo warra ‘tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabaniin qulqullaaʼanii’ dubbachaa ture. (1 Qor. 1:2; 15:18)—w20.12, ful. 5-6.

Dibamtoonni ‘malakanni inni dhumaa yeroo afuufamutti, liphsuu ijaatiin erga jijjiiramanii’ booda maal hojjetu.—1 Qor. 15:51-53.

Ulee sibiilaatiin Kiristoosii wajjin namoota tiksuu irratti hirmaatu. (Mul. 2:26, 27)—w20.12, ful. 12-13.