Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 50

“Warri Duʼan kan Kaafaman Akkamitti?”

“Warri Duʼan kan Kaafaman Akkamitti?”

“Yaa duʼaa, injifannoon kee meerre? Yaa duʼaa, ilkeen kee meerre?”—1 QO. 15:55.

FAARFANNAA 141 Jireenyi Ajaaʼiba

QABIYYEE *

1-2. Kiristiyaanonni hundi duʼaa kaʼuu samiitiif xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi?

NAMOONNI yeroo harʼaa Yihowaa tajaajilan hedduun bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdatu. Kiristiyaanonni dibamoon hafan garuu duʼaa kaʼanii samii irratti jireenya argachuuf abdatu. Dibamtoonni kun jireenyi isaanii gara fuulduraa maal akka fakkaatu beekuuf hawwii guddaa qabu, warri abdii lafa irra jiraachuu qaban hoo? Akkuma itti aansinee ilaallu, duʼaa kaʼuun inni samii warra bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabaniifis eebba argamsiisa. Kanaafuu, abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe, lafa irra jiraachuu, duʼaa kaʼuun inni samii xiyyeeffannaa keenya harkisuu qaba.

2 Waaqayyo jaarraa jalqabaatti barattoonni Yesuus tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu samii akka barreessan hafuuraan isaan geggeessee ture. Yohaannis ergamaan, “nuti amma ijoollee Waaqayyoo ti; taʼus, gara fuulduraatti maal akka taanu amma iyyuu hin mulʼifamne. Yommuu inni mulʼifamu akka isaa akka taanu beekna” jechuudhaan ibseera. (1 Yo. 3:2) Kanaafuu Kiristiyaanonni dibamoon yeroo qaama hafuuraatiin jireenya samiitiif duʼaa kaʼan maal akka taʼan hin beekan. Taʼus, yommuu badhaasa isaanii fudhatan kallattiidhaan Yihowaa ni argu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼaa kaʼuu isa samii waan hundumaa hin ibsu, taʼus Phaawulos ergamaan waaʼee kanaa odeeffannoo tokko tokko kenneera. Yeroo Kiristoos ‘bulchiinsa hunda, akkasumas aangoo fi humna hundumaa balleessuutti’ dibamtoonni isaa wajjin taʼu. Kun immoo ‘diina isa dhumaa kan taʼe duʼa’ balleessuus ni dabalata. Dhuma irratti Yesuus warra isaa wajjin bulchan faana taʼuudhaan, ofii isaa dabalatee wantoonni hundi Yihowaadhaaf akka bitaman godha. (1 Qo. 15:24-28) Dhuguma iyyuu kun yeroo baayʼee gammachiisaa dha! *

3. Akka 1 Qorontos 15:30-32 jedhutti, amantiin Phaawulos duʼaa kaʼuu irratti qabu maal gochuuf isa gargaareera?

3 Phaawulos amantiin inni duʼaa kaʼuu irratti qabu rakkina hedduu akka dandamatu isa gargaareera. (1 Qorontos 15:30-32 dubbisi.) Kiristiyaanota Qorontos jiraniin, “Ani guyyaa guyyaadhaan duʼaaf nan saaxilama” jedheera. Dabalataanis ‘Efesoonitti bineensotaa wajjin waldhaansoo akka wal qabe’ barreesseera. Phaawulos, tarii bakka bashannanaa Efesoonitti bineensotaa wajjin waldhaansoo akka wal qabe ibsuu isaa taʼuu dandaʼa. (2 Qo. 1:8; 4:10; 11:23) Yookiin immoo Yihudoota isa jibbanii fi namoota kan biroo akka ‘bineensaa’ taʼan caqasuu isaa taʼuu dandaʼa. (HoE. 19:26-34; 1 Qo. 16:9) Sababiin isaa maali iyyuu yoo taʼe, Phaawulos balaa cimaan isa mudatee ture. Taʼus waaʼee gara fuulduraa ilaalcha gaarii qabaachuu isaa itti fufeera.—2 Qo. 4:16-18.

Maatiin Kiristiyaanaa bakkaa hojiin keenya daangeeffame jiraatan Waaqayyo wantoota gaarii akka isaaniif qopheesse amanuudhaan waaqeffannaa isaaniitti jabaatanii itti fufaniiru (keeyyata 4 ilaali)

4. Abdiin duʼaa kaʼuu Kiristiyaanota Yeroo harʼaa jiran kan cimse akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

4 Yeroo baayʼee rakkisaa keessa jiraanna. Obboloonni keenya tokko tokko yakki isaan irratti raawwatameera. Kaan immoo bakka waraanni itti godhamu waan jiraataniif miirri tasgabbii isaanitti hin dhagaʼamu. Warri kaan immoo biyya hojiin lallabaa keenya daangeffame ykn dhorkame waan jiraataniif, lubbuu isaanii ykn bilisummaa isaanii balaadhaaf saaxiluudhaan Yihowaa tajaajilu. Taʼus, obboloonnii fi obboleettonni kun hundi Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufuudhaan fakkeenya nuuf taʼu. Yeroo ammaatti lubbuu isaanii yoo dhaban illee, Yihowaan gara fuulduraatti wanta kana caalu isaanii kennuuf akka waadaa gale waan beekaniif tasgabbii qabu.

5. Yaadni hamaan amantii duʼaa kaʼuu irratti qabnu nu jalaa laaffisuu dandaʼu isa kami?

5 Phaawulos ilaalcha namoonni tokko tokkoo isa, “Warri duʼan hin kaʼan yoo taʼe, ‘boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus’” jedhuu fi hamaa taʼe irraa akka of eeggatan obboloota isaa akeekkachiiseera. Ilaalchi akkasii bara Phaawulos dura iyyuu jira ture. Phaawulos yaada kana kan fudhate Isaayyaas 22:13, isa ilaalcha Israaʼelootaa ibsu irraa taʼuu dandaʼa. Isaan jaalala Waaqayyoof qaban cimsachuu mannaa, of gammachiisuu irratti xiyyeeffatu turan. Israaʼeloonni kun yaada yeroo ammaattis baramaa taʼee fi yeroo kamitti iyyuu duʼuu waan dandeenyuuf, of haa gammachiisnu jedhu qabu turan. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ilaalcha dogoggoraa kanaan kan kaʼe wanta isaan irra gaʼe ni dubbata.—2 Se. 36:15-20.

6. Abdiin duʼaa kaʼuu filannaa michootaa keenya irratti dhiibbaa geessisuu kan qabu akkamitti?

6 Yihowaan warra duʼan duʼaa akka kaasu beekuun keenya namoota michoota keenya akka taʼan filannu irratti dhiibbaa akka godhu ifa dha. Obboloonni Qorontos jiran namoota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhanitti michoomuu irraa of eeggachuu qabu turan. Barumsa kana irraa argannu qabna: Michoota wanta fuulduratti taʼuuf dhimma hin qabnee fi gammachuu argachuu qofa irratti xiyyeeffatanii wajjin yeroo dheeraa yoo dabarsine, dhiibbaa gadhee nu irraan geessisu. Kiristiyaanni dhugaan tokko namoota akkasii wajjin taʼuun isaa ilaalchaa fi amala isaa balleessuu dandaʼa; darbees namoonni kun wantoota Waaqayyo jibbu akka raawwatu isa gochuu dandaʼu. Kanaafuu, Phaawulos, “Gara qalbii keessaniitti deebiʼaa, cubbuu hojjechuu hin amaleeffatinaa” jechuudhaan gorsa cimaa kenneera.—1 Qo. 15:33, 34.

QAAMA AKKAMII?

7. Akka 1 Qorontos 15:35-38 jedhutti namoonni tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu gaaffii akkamii kaasanii taʼuu dandaʼa?

7 1 Qorontos 15:35-38 dubbisi. Namni duʼaa kaʼuu irratti shakkii uumuu barbaadu tokko, “Warri duʼan kan kaafaman akkamitti?” jedhee gaafatee taʼuu dandaʼa. Duʼa booda wanta isaan mudatu ilaalchisee namoonni hedduun ilaalcha mataa isaanii waan qabaniif, deebii Phaawulos gaaffii kanaaf kenne ilaaluun keenya gaarii dha. Maarree, Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Phaawulos fakkeenya sanyii fi biqiltuutti fayyadamee Waaqayyo warra duʼaa kaʼaniif qaama mijataa kennuu akka dandaʼu ibseera (Keeyyata 8 ilaali)

8. Jireenya samiitiif duʼaa kaʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf fakkeenya isa kamtu nu gargaara?

8 Namni tokko yommuu duʼu qaamni isaa ni tortora. Taʼus, qaama isa waan hin jirre irraa uumama cufaa uumeef nama sana kaasee qaama mijataa isaaf kennuun salphaadha. (Uma. 1:1; 2:7) Phaawulos Waaqayyo qaamuma duraan ture sana deebisee kaasuun akka isa hin barbaachisne ibsuuf fakkeenya tokko fayyadameera. Mee waaʼee ‘firii tokkoo’ ykn “sanyii,” biqiltuu tokkoo yaadi. Sanyiin midhaanii lafa irratti facaafamu tokko ni biqila, achiis biqiltuu haaraa taʼa. Biqiltuu haaraan kun sanyii xinnoo sana irraa guutummaatti adda dha. Phaawulos, Uumaan keenya “akkuma barbaadetti qaama” akka nuuf kennu argisiisuuf fakkeenya kanatti fayyadameera.

9. 1 Qorontos 15:39-41 waaʼee garaagarummaa qaamaa maal dubbata?

9 1 Qorontos 15:39-41 dubbisi. Phaawulos uumama keessa garaagarummaa guddaan akka jiru hubateera. Qaamni foonii adda addaa fakkeenyaaf kan akka loonii, simbiraa fi qurxummii jira. Samii irrattis, waaʼee garaagarummaa aduu fi addeessa gidduutti mulʼatuu dubbateera. Akkasumas “ulfinni urjii tokkoo isa kan biraa irraa adda” akka taʼe ibseera. Eeyyee, nuti ija keenyaan adda baasnee arguu baannus, saayintistoonni urjiiwwan diddiimoo guguddaan, urjiiwwan aʼadii xixinnoonii fi urjiiwwan bifa keelloo kan akka aduu keenyaa akka jiran ni dubbatu. Phaawulos dabalataanis, “Qaamawwan samii irraa jiru, qaamawwan lafa irraas jiru” jedheera. Maal jechuu isaa ture? Eeyyee, lafa irratti, qaama foonii qabna, samii irra kan jiru garuu qaama hafuuraa kan akka maleekonni qabanii ti.

10. Warri samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼan qaama akkamii qabaatu?

10 Phaawulos itti fufuudhaan wanta inni dubbate hubadhu: “Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkuma kana. Qaama tortorutu facaafama, qaama hin tortorretu kaafama.” Dhugaa dha, namni tokko yommuu duʼu qaamni isaa tortoree biyyootti deebiʼa. (Uma. 3:19) Kanaafuu, qaamni tokko ‘kan hin tortorre taʼee kan kaafamu’ akkamitti? Phaawulos waaʼee namoota Eliyaas, Elsaaʼii fi Yesuus lafa irratti duʼaa kaasanii dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa, Phaawulos waaʼee nama qaama samiitiin, jechuunis ‘qaama hafuuraatiin’ duʼaa kaafamee dubbachaa jira.—1 Qo. 15:42-44.

11-12. Yesuus yommuu duʼaa kaʼe jijjiirama akkamiitu isa mudate? Dibamtoonni hoo wanti akkasii kan isaan mudatu akkamitti?

11 Yesuus yommuu lafa irra jiraachaa turetti qaama foonii qaba ture. Yommuu duʼaa kaʼetti garuu, “hafuura jireenya kennu” taʼee gara samiitti deebiʼeera. Kiristiyaanonni dibamoonis, qaama samii irra jiraachuu dandaʼu qabaatanii duʼaa kaafamu. Phaawulos akkas jedhee ibseera: “Akkuma bifa isa biyyoo irraa tolfame sanaa uffanne, bifa isa samii irraa taʼe sanaas ni uffanna.”—1 Qo. 15:45-49.

12 Phaawulos ibsa waaʼee duʼaa kaʼuu kennu xumuruuf jedha. Yesuus qaama namaatiin akka duʼaa hin kaane hubachuun baayʼee barbaachisaa dha. Phaawulos sababii isaa yommuu ibsu, “Foonii fi dhiigni Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin dandaʼu” jedheera. (1 Qo. 15:50) Ergamoonnii fi dibamtoonni kaan qaama foonii fi dhiigaa isa tortoruun samii irra jiraachuuf duʼaa hin kaafaman. Duʼaa kan kaʼan yoomi? Phaawulos duʼaa kaʼuun kun akkuma duʼaniin kan raawwatamu utuu hin taʼin, gara fuulduraatti akka taʼu ibseera. Yeroo Phaawulos 1 Qorontos barreessetti, Yaaqoob ergamaa dabalatee barattoota keessaa tokko tokko “duʼaniiru.” (HoE. 12:1, 2) Ergamoonnii fi dibamtoonni kaan immoo yeroo booda “duʼaniiru.”—1 Qo. 15:6.

INJIFANNOO DUʼA IRRATTI ARGAMU

13. Argamni Yesuus maaliin adda baʼee beekama?

13 Yesuusis taʼe, Phaawulos waaʼee yeroo addaa, jechuunis waaʼee argama Yesuus dubbataniiru. Argamni kun waraanaan, kirkira lafaatiin, dhukkuba daddarbaa fi wantoota kan biroo addunyaa irratti raawwatamaniin adda baafamee beekama. Raajiin Kitaaba Qulqulluu kun bara 1914 kaasee yommuu raawwatamu argaa jirra. Mallattoowwan kanaa keessaa kan iddoo guddaan kennamuuf kan biraanis jira. Yesuus Mootummaa Waaqayyoo hundeesse ilaalchisee misiraachoon, ‘Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa’ jedheera. (Mat. 24:3, 7-14) Phaawulos, yeroon ‘argama Gooftaa’ yeroo Kiristiyaanonni dibamoon “duʼan” duʼaa itti kaʼan akka taʼus, dubbateera.—1 Ta. 4:14-16; 1 Qo. 15:23.

14. Dibamtoota yeroo argama Yesuusitti duʼan maaltu isaan mudata?

14 Yeroo harʼaatti dibamtoonni jireenya isaanii isa lafa irraa xumuran yeruma sana jireenya samiitiif duʼaa kaʼu. Yaadni Phaawulos 1 Qorontos 15:51, 52 irratti, “Duʼaan kan boqonnu hunda keenya miti; garuu hundi keenya ni jijjiiramna; malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, yeruma sana, liphsuu ijaatiin ni jijjiiramna” jechuudhaan dubbate kana mirkaneessa. Jechoonni Phaawulos dubbate kun amma raawwatamaa jiru. Obboloonni Kiristoos kun yommuu duʼaa kaafaman, gammachuu guutuu argatu; ‘yeroo hundas Gooftaa wajjin jiraatu.’—1 Ta. 4:17.

Warri ‘liphsuu ijaatti’ jijjiiraman Yesuusii wajjin saboota caccabsuu irratti hirmaatu (Keeyyata 15 ilaali)

15. Warra ‘Liphsuu ijaatti’ jijjiiraman hojii akkamiitu isaan eeggata?

15 Kitaabni Qulqulluun warri ‘liphsuu ijaatti’ jijjiiraman samiitti maal akka hojjetan ni dubbata. Yesuus akkas isaaniin jedheera: “Ani isa injifatuu fi hojii koo hamma dhumaatti hojjetuuf, saboota irratti aangoo nan kennaaf; inni saboonni akka qodaa supheetti akka caccabaniif ulee sibiilaatiin isaan ni tiksa; kunis akkuma ani Abbaa koo irraa aangoo fudhadhetti dha.”(Mul. 2:26, 27) Dibamtoonni kun ajajaa isaanii hordofuudhaan saboota ulee sibiilaatiin tiksuu irratti hirmaatu.—Mul. 19:11-15.

16. Namoonni duʼa irratti injifannoo kan argatan akkamitti?

16 Eeyyee, dibamtoonni duʼa irratti injifannoo argatu. (1 Qo. 15:54-57) Duʼaa kaʼuun isaanii waraana Armaagedoonitti, jalʼina guutummaa lafaa irraa balleessuu irratti akka hirmaatan isaan taasisa. Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼaman kaan ‘rakkina guddaa keessa darbanii’ addunyaa haaraa keessa jiraatu. (Mul. 7:14) Warri lafa irratti oolan kun injifannoo duʼa irratti argamu kan biraatiif ragaa taʼu, jechuunis namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi kanaan dura duʼan yommuu duʼaa kaʼan argu. Yommuu injifannoon kun argamu gammachuun akkamii akka argamu mee yaadi! (HoE. 24:15) Namoonni Yihowaaf guutummaatti amanamoo taʼan hundi duʼa dhaalan irratti illee injifannoo argatu. Akkasumas bara baraaf jiraachuu dandaʼu.

17. 1 Qorontos 15:58 sammuutti qabachuudhaan yeroo ammaa maal raawwachuu qabna?

17 Kiristiyaanni yeroo harʼaa jiru kam iyyuu duʼaa kaʼuu ilaalchisee yaada Phaawulos warra Qorontosiif barreesseef dinqisiifannaa qabaachuu qaba. Gorsa Phaawulos ‘hojii Gooftaatiin’ guutummaatti akka hirmaannuuf nuu kenne akka fudhannu argisiisuuf sababii gaʼaa qabna. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Hojii kana irratti amanamummaa fi dammaqinaan yoo hirmaanne jireenya gammachuudhaan guutame argachuuf hawwiidhaan eeggachuu dandeenya. Yeroon gara fuulduraa kun wanta nuti yaaduu dandeenyu kam irra iyyuu ni caala. Akkasumas gooftaa wajjin haala wal qabateen dadhabbiin keenya gatii kan hin qabne akka hin taane nuuf mirkaneessa.

FAARFANNAA 140 Jireenya Dhuma hin Qabne!

^ key. 5 1 Qorontos boqonnaa 15 waaʼee duʼaa kaʼuu, keessumaa immoo waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristiyaanota dibamoo ibsa balʼaa qabateera. Taʼus, wanti Phaawulos barreesse hoolota kan biroofis barumsa kennu qaba. Mata dureen kun abdiin duʼaa kaʼuu jireenya keenya ammaa irratti dhiibbaa gochuu kan qabu akkamitti akka taʼee fi yeroo gara fuulduraa hawwiidhaan eeggachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 2Gaaffiin Dubbistootaa” maxxansa kana keessa jiru, yaada Phaawulos 1 Qorontos 15:29 irratti dubbate ibsa.