Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 51

Abdiin Kee ni Raawwatama

Abdiin Kee ni Raawwatama

“[Abdichi] nama hin qaanessu.”—ROM. 5:5.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

QABIYYEE a

1. Abdiin Abrahaam buʼuura amansiisaa qaba kan jennu maaliifi?

 YIHOWAAN saboonni lafarraa hundi karaa sanyii isaa eebba akka argatan michuu isaa Abrahaamiif waadaa galee ture. (Uma. 15:5; 22:18) Abrahaam Waaqayyorratti amantii guddaa waan qabuuf, waadaan isaaf galame akka raawwatamu mirkanaaʼaa ture. Haa taʼu malee, Abrahaam waggaa 100, haati manaa isaammoo waggaa 90 yeroo turanittillee mucaa hin godhanne turan. (Uma. 21:1-7) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “Abrahaam abdii isaaf kenname irratti hundaaʼee, . . . akkuma itti himame abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera” jedha. (Rom. 4:18) Wanti Abrahaam abdachaa ture kun akka raawwatame beekta. Ilma yeroo dheeraadhaaf abdachaa turee fi Yisihaaq jedhamu godhateera. Abrahaam Yihowaan waadaa isaaf gale akka raawwatu mirkanaaʼaa kan taʼe maaliifi?

2. Abrahaam waadaan Yihowaan gale akka raawwatamu mirkanaaʼaa kan taʼe maaliifi?

2 Abrahaam “Waaqayyo wanta waadaa gale raawwachuu akka dandaʼu guutummaatti mirkanaaʼaa” kan taʼe isa wajjin michummaa cimaa waan qabuuf ture. (Rom. 4:21) Yihowaanis kan isatti gammadee fi qajeelaa akka taʼetti kan isa ilaale amantii isaatiin kan kaʼedha. (Yaq. 2:23) Roomaa 4:18 irratti akka ibsametti, amantiin Abrahaam qabu abdii isaa wajjin wal qabata ture. Mee amma wanta Phaawulos ergamaan abdii ilaalchisee Roomaa boqonnaa 5​rratti galmeesse haa ilaallu.

3. Phaawulos abdii ilaalchisee maal jedhe?

3 Phaawulos ‘abdiin keenya akka nu hin qaanessine’ mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe ibseera. (Rom. 5:5) Abdiin keenya cimuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe akka hubannus nu gargaareera. Yaada Phaawulos Roomaa 5:1-5 irratti galmeesse yeroo qorru waaʼee ofii keetii yaaduuf yaali. Akkas gochuun kee abdiin kee yeroodhaa gara yerootti cimaa kan dhufe akkamitti akka taʼe hubachuuf si gargaara. Mariin goonu abdii kee isa ammaa caalaa cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hubachuufis si gargaara. Jalqaba garuu abdii dinqisiisaa isa Phaawulos akka nama hin qaanessine ibse haa qorru.

ABDII KEENYA ISA DINQISIISAA TAʼE

4. Roomaa 5:1, 2 irratti maaltu ibsame?

4 Roomaa 5:1, 2 dubbisi. Phaawulos yaada kana kan barreesse gumii Roomaa keessa tureefidha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii sana keessa turan waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus barachuudhaan amantii horatanii Kiristiyaanota taʼanii turan. Waaqayyo ‘amantii isaaniitiin kan kaʼe qajeelota jedhee isaan waamuudhaan’ hafuura qulqulluudhaan isaan dibeera. Eeyyee, abdii dinqisiisaa amansiisaa taʼe qabu.

5. Dibamtoonni abdii akkamii qabu?

5 Phaawulos yeroo booda Kiristiyaanota dibamoo Efesoon keessa turaniif waaʼee abdii Waaqayyo isaaniif kennee barreesseera. Abdiin kun ‘dhaala Waaqayyo qulqullootaaf kennu’ kan dabalatudha. (Efe. 1:18) Kana malees, Phaawulos badhaasa isaanii kan argatan eessatti akka taʼe obboloota Qolosaayis keessa turaniif ibseera. Badhaasa kana “abdii samii keessatti isiniif kaaʼame” jedhee waameera. (Qol. 1:4, 5) Kiristiyaanonni dibamoon duʼaa kaafamanii samii keessa bara baraaf jiraachuu fi Kiristoos wajjin bulchuuf abdii qabu.—1 Tas. 4:13-17; Mul. 20:6.

Obboleessi keenya Firaanzi amantii Kiristiyaanonni dibamoon abdii isaaniirratti qaban akka gaariitti ibseera (Keeyyata 6 ilaali)

6. Obboleessi dibamaan tokko abdii isaa ilaalchisee maal jedhe?

6 Kiristiyaanonni dibamoon abdii kanaaf iddoo guddaa kennu. Isaan keessaa tokko kan taʼe obboleessi keenya Fireedriik Firaanzi garaadhaa akkana jedheera: “Abdiin keenya akka raawwatamu mirkanaaʼaadha; warri kutaa 144,000 taane hundi wanta Waaqayyo waadaa nuuf gale ni arganna. Badhaasni keenya wanta tilmaamuu dandeenyu kamirrayyuu ni caala.” Obboleessi keenya Firaanzi waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa erga tajaajilee booda, bara 1991​tti akkana jedheera: “Ammayyuu abdii keenyaaf iddoo guddaa kennina. . . . Abdii kana hammuma eeggachaa jiraanne dinqisiifannaan keenyas caalaatti dabaleera. Waggaa miliyoona tokko utuu tureellee, eeguun keenya nu hin gaabbisiisu. Abdii keenyaaf isa kanaan duraa caalaa iddoo guddaan kenna.”

7-8. Baayʼeen keenya abdii akkamii qabna? (Roomaa 8:20, 21)

7 Namoonni yeroo harʼaatti Yihowaa waaqeffachaa jiran hedduun abdii kanarraa adda taʼe qabu. Abdiin isaan qaban abdii Abrahaam qabu wajjin tokkodha; innis bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti bara baraaf lafarra jiraachuudha. (Ibr. 11:8-10, 13) Phaawulos waaʼee wantoota ajaaʼibsiisoo namoota abdii kana eeggatanii barreesseera. (Roomaa 8:20, 21 dubbisi.) Yeroo jalqaba waadaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame barattetti wanti caalaatti si gammachiise maalidha? Yeroon cubbuurraa guutummaatti walaba itti taatu akka dhufu beekuu keetii? Moo namoonni jaallattuu fi duʼaan dhabde deebiʼanii lafa jannata taate keessa akka jiraatan beekuu keeti? Wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan akkasii hawwiidhaan eeggachuu kan dandeesse Waaqayyo “abdii” waan nuu kenneefi.

8 Bara baraaf jiraachuuf kan abdannu samii keessas taʼe lafarra, abdii ulfina qabeessa gammaduuf sababa nuuf taʼu qabna. Abdiin keenya kana caalaayyuu cimaa deemuu dandaʼa. Wanti Phaawulos itti aansuudhaan barreesse kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsa. Mee abdii keenya ilaalchisee maal akka jedhe haa ilaallu. Akkas gochuun keenya abdiin keenya cimuu isaa akka itti fufuu fi matumaa akka nu hin qaanessine mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara.

ABDIIN KEENYA KAN CIMU AKKAMITTI?

Kiristiyaanonni hundi rakkinni akka isaan mudatu eeguu qabu (Keeyyata 9-10 ilaali)

9-10. Akkuma Phaawulos ibsetti Kiristiyaanonni maal eeguu qabu? (Roomaa 5:3) (Fakkiiwwanis ilaali.)

9 Roomaa 5:3 dubbisi. Rakkinni nurra gaʼu abdiin keenya caalaatti akka cimu gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubadhu. Kun nu ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu, duuka buutonni Kiristoos hundi rakkinni isaanirra gaʼuu akka dandaʼu eeguu qabu. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Obboloota Tasalonqee keessa turaniin, “Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; . . . wanti taʼes kanuma” jedhee ture. (1 Tas. 3:4) Warra Qorontosiifimmoo, “Yaa obbolootaa, rakkina . . . nu irra gaʼe akka beektan barbaanna. Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti [geenyee turre]” jedhee barreesseera.—2 Qor. 1:8; 11:23-27.

10 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis rakkinni akkasii isaanirra gaʼuu akka dandaʼu beeku. (2 Xim. 3:12) Atoo Yesuusitti amanuudhaan isa duukaa buʼuu jalqabuu keetiin ariʼatamni sirra gaʼeeraa? Tarii michoonnii fi firoonni kee sitti qoosaniiru taʼa. Hamminallee sirratti raawwatanii taʼuu dandaʼa. Wanta hundumaarratti amanamaa taʼuuf kutannoo gooteen kan kaʼe bakka hojiitti rakkinni si mudachaa jiraa? (Ibr. 13:18) Abdii kee warra kaanitti himuu keetiin kan kaʼe mootummaarraa mormiin si mudateeraa? Phaawulos rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe gammaduu akka qabnu dubbateera. Maaliif?

11. Qorumsa akkamiiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuuf kutachuu kan qabnu maaliifi?

11 Yeroo rakkinni nurra gaʼu kan gammannu faayidaa rakkinichi argamsiisu waan beeknuufi. Akkuma Roomaa 5:3 irratti ibsametti, “rakkinni jabaatanii dhaabbachuu akka argamsiisu beekna.” Kiristiyaanota hundarra rakkinni ni gaʼa; kanaafuu, hundi keenyayyuu jabaannee dhaabbachuu qabna. Qorumsi akkamiiyyuu yoo nu mudate jabaannee dhaabbachuuf kutachuu qabna. Abdiin keenya yeroo raawwatamu arguu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha. Akka namoota Yesuus waaʼee sanyii lafa dhagaa taʼerra buʼee yeroo dubbatetti sammuutti qabatee turee taʼuu hin barbaannu. Namoonni kun jalqabarratti dubbicha gammachuudhaan kan fudhatan taʼus, “yommuu rakkinni yookiin ariʼatamni” isaanirra gaʼu garuu gufataniiru. (Mat. 13:5, 6, 20, 21) Dhugaadha, mormiinis taʼe qorumsi wanta salphaa ykn wanta nama gammachiisu miti; taʼus, yeroo akkasiitti jabaatanii dhaabbachuun faayidaa guddaa argamsiisa. Faayidaa akkamii?

12. Qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

12 Yaaqoob baratichi faayidaa qorumsa keessatti jabaatanii dhaabbachuun qabu ibseera. “Wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa” jedheera. (Yaq. 1:2-4) Yaaqoob jabaatanii dhaabbachuun hojii hojjetu akka qabu dubbateera. Hojiin jabaatanii dhaabbachuun fiixaan baasu maalidha? Jabaattee dhaabbachuun kee amaloota kanneen akka obsaa fi amantii jiran akka guddifattuu fi caalaatti Waaqayyotti akka amanamtu si gargaaruu dandaʼa. Jabaannee dhaabbachuun keenya faayidaa guddaa kan biraas nuuf argamsiisa.

13-14. Jabaatanii dhaabbachuun maal argamsiisa? Kun hoo abdii wajjin kan wal qabatu akkamitti? (Roomaa 5:4)

13 Roomaa 5:4 dubbisi. Phaawulos jabaannee dhaabbachuun keenya “ejjennoo fudhatama qabu” akka nuuf argamsiisu dubbateera. Jabaattee dhaabbachuun kee Yihowaa biratti fudhatama siif argamsiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo qorumsi ykn rakkinni sirra gaʼu ni gammada jechuu miti. Waaqayyo kan gammadu sittidha. Jabaattee dhaabbachuun kee ejjennoo fudhatama qabu siif argamsiisa. Kun eebba ajaaʼibsiisaadha!—Far. 5:12.

14 Abrahaam qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuun isaa Waaqayyo biratti fudhatama akka isaaf argamsiise yaadadhu. Yihowaan akka michuu isaattii fi nama qajeelaa akka taʼetti isa ilaaleera. (Uma. 15:6; Rom. 4:13, 22) Nuufis ilaalchuma akkasii qabaachuu dandaʼa. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun keenya hojii tajaajila isaa keessatti raawwannerratti ykn mirgoota argannerratti kan hundaaʼe miti. Isa duratti fudhatama kan nuuf argamsiisu amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu keenyadha. Umuriin irratti argamnu, haalli keenya ykn dandeettiin keenya kan akkamiiyyuu yoo taʼe hundi keenyayyuu jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Yeroo ammaatti qorumsa tokko keessatti amanamummaadhaan jabaattee dhaabbachaa jirtaa? Taanaan, Yihowaa biratti fudhatama akka qabdu yaadadhu. Waaqayyo biratti fudhatama akka qabnu beekuun keenya abdii keenya nuuf cimsa.

ABDII CIMAA

15. Phaawulos qabxii kan biraa akkamii dubbate? Namoonni tokko tokko yaanni kun bitaa kan isaanitti taʼu maaliifi?

15 Akkuma Phaawulos ibsetti Yihowaa duratti fudhatama kan argannu qorumsa keessatti amanamummaadhaan jabaannee yoo dhaabbannedha. Phaawulos itti fufuudhaan, “Ejjennoon fudhatama qabu immoo abdii argamsiisa; abdichis nama hin qaanessu” akka jedhe hubadhu. (Rom. 5:4, 5) Tarii namoonni tokko tokko yaanni kun dalga isaanitti taʼuu dandaʼa. Maaliif? Phaawulos sana dura Roomaa 5:2 irratti Kiristiyaanonni Roomaa keessa jiraatan abdii tokko, jechuunis ‘Waaqayyorraa ulfina argachuuf abdii akka qaban’ waan dubbateefi. Tarii namni tokko, ‘Kiristiyaanonni sun abdii qabu erga taʼee, Phaawulos sana booda waaʼee abdii kaasuun maaliif isa barbaachise?’ jedhee gaafata taʼa.

Abdiin jalqabarratti baayʼee si gammachiise amma caalaatti cimeera (Keeyyata 16-17 ilaali)

16. Abdiin nama tokkoo cimuu kan jalqabu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

16 Yaada Phaawulos dubbate hubachuuf, abdiin wanta cimaa deemu taʼuu isaa yaadachuun keenya nu gargaara. Fakkeenyaaf, yeroo jalqaba abdii dinqisiisaa Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsame itti dhageesse ni yaadattaa? Tarii yeroo sanatti yaanni lafa jannata taaterra bara baraaf jiraachuu jedhu abjuu akka taʼe sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Waaʼee Yihowaa fi waaʼee waadaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee caalaatti barachaa yeroo dhuftu garuu, abdiin kunis wanta dhugumaan raawwatamu akka taʼe caalaatti mirkanaaʼaa taate.

17. Yihowaadhaaf of murteessitee erga cuuphamtee booda abdiin kee cimuu isaa kan itti fufe akkamitti?

17 Yihowaadhaaf of murteessitee erga cuuphamtee boodallee caalaatti barachaa fi guddina hafuuraa gochaa yeroo dhuftu abdiin kee cimuu isaa itti fufeera. (Ibr. 5:13–6:1) Wanti Roomaa 5:2-4 irratti ibsame yeroo jireenya kee keessatti raawwatamu arguu hin ooltu. Rakkina garaa garaa kan dabarsite taʼus jabaattee dhaabbatteetta, Waaqayyo duratti fudhatama akka qabdus beekta. Isa duratti fudhatama akka qabdu waan beektuuf, wantoota waadaa siif gale akka argattu caalaatti mirkanaaʼaa taateetta. Isa yeroo jalqabaa caalaa amma abdiin kee cimeera. Amma baayʼee siif dhugoomeera. Dhiibbaan abdiin kee sirratti godhus dabaleera. Kallattii jireenya keetii hundumaarratti dhiibbaa waan godheef, akkaataan maatii kee itti qabdu, akkaataan murtoo itti gootuu fi akkaataan yeroo keetti itti fayyadamtullee jijjiiramaa dhufeera.

18. Yihowaan wabii akkamii kenneera?

18 Phaawulos abdii Waaqayyo biratti fudhatama erga argattee booda qabaattu ilaalchisee qabxii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko caqaseera. Abdiin kee akka raawwatamu siif mirkaneesseera. Hamma kana mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeesse garuu akkamitti? Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee wabii Waaqayyo Kiristiyaanotaaf kenne kana barreesseera: “Abdichis nama hin qaanessu; sababiin isaas, jaalalli Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluu isa nuu kenname sanaa garaa keenya keessatti dhangalaʼeera.” (Rom. 5:5) Abdiin Waaqayyo siif kenne akka raawwatamu amanuuf sababii guddaa qabda.

19. Abdii kee ilaalchisee waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa?

19 Yihowaan Abrahaamiif waadaa akkamii akka gale, Abrahaam isa duratti fudhatama kan argate akkamitti akka taʼee fi akka michuu isaatti kan isa ilaale maaliif akka taʼe xiinxali. Abrahaam kan abdate akkasumaan miti. Kitaabni Qulqulluun, “Abrahaam erga obsa argisiisee booda, waadaa kana argate” jedha. (Ibr. 6:15; 11:9, 18; Rom. 4:20-22) Abdiin isaa utuu hin raawwatamin hafee hin qaanofne. Atis amanamummaa kee eeggattee yoo itti fufte badhaasa kee akka argattu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Abdiin kee akka raawwatamu waan beektuuf sababii itti gammaddu hedduu qabda, matumaas hin qaanoftu! (Rom. 12:12) Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Humna hafuura qulqulluutiin abdiin akka isiniif baayʼatutti, isatti amanamuu keessaniin Waaqayyo inni abdii kennu gammachuu fi nagaa guddaadhaan isin haa guutu.”—Rom. 15:13.

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

a Mata duree kana keessatti abdiin keenya maal akka dabalatuu fi akka raawwatamu mirkanaaʼoo kan taane maaliif akka taʼe ilaalla. Yaanni Roomaa boqonnaa 5 irratti ibsame abdiin amma qabnu abdii jalqaba yeroo dhugaa dhageenyetti qabnurraa adda kan taʼe akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.