Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 50

Amantii fi Hojiin Qajeelummaa Argamsiisa

Amantii fi Hojiin Qajeelummaa Argamsiisa

‘Amantii abbaan keenya Abrahaam argisiise sana akka gaariitti hordofaa.’—ROM. 4:12.

FAARFANNAA 119 Amantii Qabaachuu Qabna

QABIYYEE a

1. Waaʼee amantii Abrahaam yeroo yaannu gaaffiin akkamii nutti uumamuu dandaʼa?

 NAMOONNI hedduun waaʼee Abrahaam kan dhagaʼan taʼus baayʼeen isaanii sirriitti isa hin beekan. Ati garuu waaʼee Abrahaam sirriitti beekta. Fakkeenyaaf, Abrahaam ‘namoota amantii qaban hundumaaf abbaa’ jedhamee akka waamame beekta taʼa. (Rom. 4:11) Haa taʼu malee, ‘Fakkeenya Abrahaam hordofuu fi akkuma isaa amantii cimaa qabaachuu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Eeyyee ni dandeessa.

2. Fakkeenya Abrahaam qoʼachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Yaaqoob 2:22, 23)

2 Karaan amantii akka Abrahaam horachuu itti dandeenyu inni tokko fakkeenya isaa qoʼachuudha. Abrahaam ajaja Waaqayyoo hordofuudhaan gara biyya fagoo deemee waggoota hedduudhaaf dunkaana keessa jiraateera; akkasumas ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf yaaleera. Wanti inni godhe kun amantii cimaa akka qabu argisiisa. Amantiinii fi hojiin isaa Waaqayyo biratti fudhatama isaaf argamsiiseera, akkasumas michuu isaa taʼuuf isa gargaareera. (Yaaqoob 2:22, 23 dubbisi.) Yihowaan si dabalatee hundi keenyayyuu eebba akkasii akka argannu barbaada. Phaawulosii fi Yaaqoob warra barreessitoota Kitaaba Qulqulluu taʼan waaʼee fakkeenya Abrahaam akka barreessan kan kakaase kanaafi. Mee Roomaa boqonnaa 4 fi Yaaqoob boqonnaa 2 irratti waaʼee Abrahaam maal akka jedhame haa ilaallu. Boqonnaawwan kana lamaanirratti Abrahaamiin ilaalchisee yaanni baayʼee barbaachisaa taʼe gabaafameera.

3. Caqasni Kitaaba Qulqulluu Phaawulosii fi Yaaqoob caqasan isa kami?

3 Phaawulosis taʼe Yaaqoob yaada, “[Abrahaam] Yihowaatti amane, innis kana akka qajeelummaatti isaaf lakkaaʼe” jedhuu fi Uumama 15:6 irratti ibsame caqasaniiru. Yihowaan nama tokko qajeelaa akka taʼetti ykn balleessaa akka hin qabnetti kan ilaalu yeroo isatti gammadudha. Yihowaan nama cubbamaa taʼe balleessaa akka hin qabnetti ilaaluun isaa baayʼee nama dinqisiisa! Atis Yihowaan akkasitti akka si ilaalu akka barbaaddu beekamaadha; kunis wanta dandaʼamudha. Kanatti aansuudhaan Yihowaan Abrahaamiin qajeelaa jedhee kan waame maaliif akka taʼee fi nutis akkas jedhamnee waamamuuf maal gochuu akka qabnu ilaalla.

QAJEELAA TAʼUUF AMANTIIN BAAYʼEE BARBAACHISAADHA

4. Namoonni qajeelota akka hin taane wanti isaan dhoowwu maalidha?

4 Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti ilmaan namootaa hundi cubbamoota akka taʼan ibseera. (Rom. 3:23) Maarree, namni tokko qajeelaa ykn balleessaa kan hin qabne akka taʼetti ilaalamuu fi Waaqayyo biratti fudhatama argachuu kan dandaʼu akkamitti? Phaawulos Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban hundi deebii gaaffii kanaa argachuu akka dandaʼan gargaaruuf fakkeenya Abrahaamitti fayyadameera.

5. Yihowaan Abrahaamiin qajeelaa jedhee kan waame maaliifi? (Roomaa 4:2-4)

5 Yihowaan Abrahaamiin qajeelaa jedhee kan waame yeroo inni biyya Kanaʼaan keessa jiraachaa turettidha. Yihowaan qajeelaa jedhee kan isa waame maaliifi? Abrahaam Seera Musee guutummaatti waan eegeefii? Sababii kanaan akka hin taane beekamaadha. (Rom. 4:13) Seerri kun saba Israaʼeliif kan kenname Waaqayyo Abrahaamiin qajeelaa jedhee erga waamee waggaa 400 boodadha. Maarree, Waaqayyo Abrahaamiin qajeelaa akka taʼetti kan ilaale maaliifi? Yihowaan Abrahaamiin qajeelaa jedhee kan waame amantii isaatiin kan kaʼedha; kunis gaarummaa guddaa akka qabu argisiisa.—Roomaa 4:2-4 dubbisi.

6. Yihowaan nama cubbamaa tokko qajeelaa jedhee kan waamu akkamitti?

6 Phaawulos, itti fufuudhaan akka ibsetti namni tokko Waaqayyotti yeroo amanu “amantiin isaa akka qajeelummaatti lakkaaʼama.” (Rom. 4:5) Phaawulos itti dabaluudhaan akkana jedhee barreesseera: “Daawit gammachuu namni hojii isaa malee Waaqayyo akka qajeelaatti isa lakkaaʼu argatu ilaalchisee akkana jedhee dubbateera: ‘Namoonni balleessaan isaanii isaaniif dhiifame, cubbuun isaaniis isaaniif haguugame gammadoo dha; namni Yihowaan cubbuu isaa isatti hin lakkoofne gammadaa dha.’” (Rom. 4:6-8; Far. 32:1, 2) Waaqayyo cubbuu namoota amantii isarratti qabanii ni dhiisa ykn ni haguuga. Guutummaatti dhiifama erga isaanii godhee booda cubbuu isaanii isaanitti hin lakkaaʼu. Namoota akkasii amantii isaaniitiin kan kaʼe balleessaa kan hin qabnee fi qajeeloo akka taʼanitti ilaala.

7. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii qajeelota kan jedhaman maaliifi?

7 Abrahaam, Daawitii fi namoonni amanamoo taʼan kan biroon qajeelota jedhamanii kan waamaman taʼus, namoota cubbuu dhaalan turan. Haa taʼu malee, amantii isaaniitiin kan kaʼe, Waaqayyo keessumaa namoota isa hin waaqeffannee wajjin yeroo wal bira qabaman balleessaa kan hin qabne akka taʼanitti isaan ilaaleera. (Efe. 2:12) Akkuma Phaawulos xalayaa isaarratti ifa godhe michuu Waaqayyoo taʼuuf amantiin barbaachisaadha. Abrahaamii fi Daawit michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandaʼan amantii waan isarratti qabaniifi; nutis amantii yoo isarratti qabaanne michoota isaa taʼuu dandeenya.

AMANTII FI HOJIIN KAN WALQABATU AKKAMITTI?

8-9. Namoonni tokko tokko wanta Phaawulosii fi Yaaqoob barreessan dogoggoraan kan hubatan akkamitti? Maaliif?

8 Jaarraawwan hedduudhaaf geggeessitoonni amantaa amantiinii fi hojiin walitti dhufeenya akkamii akka qabu wal falmaa turaniiru. Qeesonni tokko tokko fayyuuf gooftaa Yesuusitti amanuun qofti gaʼaa akka taʼe barsiisu. “Gooftaa yoo fudhatte ni fayyita” yeroo jedhan dhageessee beekta taʼa. Qeesonni yaada Phaawulos, ‘Waaqayyo nama hojii isaa malee akka qajeelaatti lakkaaʼa’ jedhullee caqasuu dandaʼu. (Rom. 4:6) Warri kaan garuu, iddoowwan amantaa akka qulqulluutti ilaalaman deemuudhaan, akkasumas hojii gaarii hojjechuudhaan “fayyuun” akka dandaʼamu dubbatu. Yaada Yaaqoob 2:24 irratti argamuu fi “Namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu amantii qofaan utuu hin taʼin hojiidhaani” jedhu caqasu taʼa.

9 Garaagarummaa kanaan kan kaʼe hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Phaawulosii fi Yaaqoob, ‘Namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf maal gochuu qaba?’ isa jedhurratti akka walii hin galle isaanitti dhagaʼama. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko Phaawulos ‘namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama kan argatu amantiidhaan qofadha’ jedhee akka amanu, Yaaqoob garuu ‘namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama kan argatu hojiidhaani’ jedhee akka amanu dubbatu taʼa. Piroofeesarri amantaa tokko, “Yaaqoob, Phaawulos namni tokko qajeelaa taʼuuf amantiin qofti barbaachisaa akka taʼe kan ibse maaliif akka taʼe hin hubanne, ibsa inni kennerrattis walii hin galle” jedhaniiru. Haa taʼu malee, Phaawulosii fi Yaaqoob yaada kana akka barreessan kan kakaase Yihowaadha. (2 Xim. 3:16) Kanaafuu, karaa salphaan yaada lamaan kana itti wal simsiisuu dandeenyu jiraachuu qaba. Karaan kana gochuu itti dandeenyus jira; innis yaada naannoo isaanii jiru ilaaluudha.

Phaawulos wanti barbaachisu Seera Musee eeguu utuu hin taʼin amantii akka taʼe Yihudoota Kiristiyaanota taʼanii fi Roomaa keessa jiraataniif ibseera (Keeyyata 10 ilaali) b

10. ‘Hojiin’ Phaawulos adda durummaadhaan ibsaa ture maalidha? (Roomaa 3:21, 28) (Fakkichas ilaali.)

10 “Hojiin” Phaawulos Roomaa boqonnaa 3 fi 4 irratti ibse maalidha? Phaawulos adda durummaadhaan waaʼee “hojii seerichaa,” jechuunis waaʼee Seera Musee Israaʼelotaaf kennameef ajajamuu dubbachaa ture. (Roomaa 3:21, 28 dubbisi.) Bara Phaawulositti Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko ammas Seera Musee hordofuun barbaachisaa akka taʼe waan amanan fakkaata. Phaawulos namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama kan isaaf argamsiisu “hojii seerichaa” akka hin taane ibsuuf fakkeenya Abrahaamitti fayyadameera. Wanti barbaachisu amantii qabaachuudha. Yaanni kun Waaqayyo biratti ejjennoo gaarii qabaachuun akka dandaʼamu waan nuuf mirkaneessuuf nu jajjabeessa. Waaqayyoo fi Kiristoosirratti amantii yoo qabaanne Yihowaa biratti fudhatama argachuu ni dandeenya.

Yaaqoob Kiristiyaanonni loogii tokko malee warra kaaniif waan gaarii gochuudhaan amantii isaanii “hojiidhaan” akka argisiisan jajjabeesseera (Keeyyata 11-12 ilaali) c

11. Yaaqoob waaʼee “hojii” akkamii ibse?

11 Karaa kan biraatiinimmoo ‘hojiin’ Yaaqoob boqonnaa 2​rratti ibsame “hojii seerichaa” Phaawulos ibse miti. Yaaqoob kan ibse waaʼee hojii ykn sochii Kiristiyaanonni jireenya isaanii keessatti guyyaa guyyaadhaan raawwataniiti. Hojiin akkasii Kiristiyaanni tokko Waaqayyorratti amantii dhugaa qabaachuu fi dhiisuu isaa argisiisa. Mee fakkeenyota Yaaqoob itti fayyadame lama haa ilaallu.

12. Yaaqoob walitti dhufeenya amantii fi hojii gidduu jiru kan ibse akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

12 Yaaqoob fakkeenya isa jalqabaarratti, Kiristiyaanonni walitti dhufeenya warra kaan wajjin qabanirratti loogiirraa fagaachuu akka qaban ibseera. Qabxii kana ibsuuf namicha nama sooressa taʼetti gaarummaa argisiisee, nama hiyyeessa tuffate tokko akka fakkeenyaatti fayyadameera. Yaaqoob namni akkasii amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, amantii isaa hojiidhaan akka hin argisiisne ibseera. (Yaq. 2:1-5, 9) Fakkeenya isa lammaffaarrattimmoo, Yaaqoob nama ‘obboleessa yookiin obboleettii uffataa fi nyaata hin qabne’ argee gargaarsa qabatamaa utuu hin godhin hafe caqaseera. Namni kun amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, hojiidhaan waan hin argisiisneef amantiin isaa gatii hin qabu. Akkuma Yaaqoob barreesse, “amantiin hojiidhaan hin deggeramne kophaa isaatti duʼaa dha.”—Yaq. 2:14-17.

13. Yaaqoob amantii qabaachuunis taʼe hojii gaarii hojjechuun barbaachisaa taʼuu isaa ibsuuf fakkeenya akkamiitti fayyadame? (Yaaqoob 2:25, 26)

13 Yaaqoob amantii hojiidhaan argisiisuu ilaalchisee Rahaab fakkeenya gaarii akka taatu dubbateera. (Yaaqoob 2:25, 26 dubbisi.) Rahaab waaʼee Yihowaa dhageesseetti, Israaʼelota deggeraa akka jirus hubatteetti. (Iya. 2:9-11) Basaastonni Israaʼel lama yeroo lubbuun isaanii balaadhaaf saaxilamee turetti eegumsa isaaniif gochuudhaan amantii ishii hojiidhaan argisiisteetti. Kanaan kan kaʼes dubartiin mudaa qabduu fi lammii Israaʼel hin taane tun akkuma Abrahaam qajeeltuu akka taatetti ilaalamuu dandeesseetti. Fakkeenyi ishii amantiin hojiidhaan deggeramuu akka qabu ibsa.

14. Wanti Phaawulosii fi Yaaqoob barreessan kan wal simu akkamitti?

14 Phaawulosii fi Yaaqoob waaʼee amantii fi hojii kallattii garaagaraatiin ibsaniiru. Phaawulos Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan Seera Musee eeguudhaan qofa Yihowaa biratti fudhatama argachuu akka hin dandeenye dubbachaa ture. Yaaqoobimmoo Kiristiyaanonni hundi warra kaaniif wanta gaarii gochuudhaan amantii isaanii hojiidhaan argisiisuu akka qaban ibsaa ture.

Amantiin kee hojiiwwan Yihowaa gammachiisan hojjechuuf si kakaasaa? (Keeyyata 15 ilaali)

15. Karaawwan amantii keenya hojiidhaan argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? (Fakkichas ilaali.)

15 Yihowaan isa biratti qajeeloo taʼuuf wantuma Abrahaam godhe akka goonu nu hin ajajne. Karaawwan amantii keenya hojiidhaan argisiisuu itti dandeenyu hedduun jiru. Namoota haaraa gara gumii keenyaa dhufan simachuu, obbolootaa fi obboleettota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu, akkasumas miseensota maatii keenyaaf wanta gaarii gochuu dandeenya; Waaqayyo wantoota akkasiitti ni gammada, akkasumas ni eebbisa. (Rom. 15:7; 1 Xim. 5:4, 8; 1 Yoh. 3:18) Karaan amantii keenya hojiidhaan argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan hinaaffaadhaan misiraachicha warra kaanitti himuudha. (1 Xim. 4:16) Hundi keenya Yihowaan waadaa gale akka raawwatuu fi karaan isaa hundarra kan wayyu taʼuu isaa akka amannu gocha keenyaan argisiisuu dandeenya. Akkas yoo goone, Waaqayyo qajeelota jedhee akka nu waamuu fi michoota isaa akka taanetti akka nu ilaalu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

AMANTII QABAACHUUF ABDIIN BARBAACHISAADHA

16. Wanti Abrahaam abdatee fi amane maalidha?

16 Roomaan boqonnaan 4 barumsa barbaachisaa Abrahaamirraa barachuu dandeenyu ibsa; innis abdiin barbaachisaa taʼuu isaati. Yihowaan ‘saboonni hedduun’ karaa isaa eebba akka argatan Abrahaamiif waadaa galee ture. Waadaan Abrahaamiif galame kun hammam dinqisiisaa akka taʼe mee yaadi! (Uma. 12:3; 15:5; 17:4; Rom. 4:17) Haa taʼu malee, hamma Abrahaam umuriin isaa waggaa 100 taʼuu fi Saaraan umuriin ishii waggaa 90 taʼutti ilma waadaa isaaniif galame hin arganne turan. Akka ilaalcha namaatti Abrahaamii fi Saaraan dhala godhachuu waan dandaʼan hin fakkaatu ture. Haalli kun amantii Abrahaam qoree ture. Taʼus, “Abrahaam abdii isaaf kenname irratti hundaaʼee . . . abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera.” (Rom. 4:18, 19) Oolee bulees wanta abdate sana argateera. Ilma isaa Yisihaaq isa yeroo dheeraadhaaf abdiidhaan eeggachaa ture argateera.—Rom. 4:20-22.

17. Akka qajeelootti ilaalamuudhaan michuu Waaqayyoo taʼuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

17 Nutis Waaqayyo biratti fudhatama argachuu fi akkuma Abrahaam michuu isaa taʼuu ni dandeenya. Phaawulos akkana jedhee yeroo barreessetti kana ifa godheera: “Yaanni, ‘isaaf lakkaaʼame’ jedhu [Abrahaam] qofaaf kan barreeffame miti; kanaa mannaa, Waaqa isa Yesuus Gooftaa keenya duʼaa kaase sanatti waan amannuuf, nu warra akka qajeelotaatti lakkaaʼamneefis kan barreeffame dha.” (Rom. 4:23, 24) Nutis akkuma Abrahaam amantii qabaachuun, hojii gaarii hojjechuunii fi abdiin nu barbaachisa. Phaawulos itti fufuudhaan Roomaa boqonnaa 5​rratti waaʼee abdii keenyaa ibseera; waaʼee kanaa mata duree ittaanurratti ilaalla.

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

a Waaqayyo duratti fudhatama argachuu fi qajeelota akka taanetti akka nu ilaalu barbaanna. Mata dureen kun yaada Phaawulosii fi Yaaqoob barreessanitti fayyadamuudhaan kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼee fi Yihowaa duratti fudhatama argachuuf amantiinis taʼe hojiin barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa.

b IBSA FAKKII: Phaawulos Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan “hojii seerichaa” kan akka foʼaa cuquliisaa uffata isaaniirratti hodhuu, Ayyaana Faasikaa kabajuu fi harka hamma ciqileetti dhiqachuu jiranirratti utuu hin taʼin amantiirratti akka xiyyeeffatan gorseera.

c IBSA FAKKII: Yaaqoob hiyyeeyyii gargaaruu dabalatee warra kaaniif wanta gaarii gochuudhaan amantii keenya hojiidhaan akka argisiisnu nu jajjabeesseera.