Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa
KENNAA hedduu Yihowaa biraa argatteef iddoo guddaa akka kennitu hin shakkisiisu; akkaataa kennaawwan hedduu inni siif kennetti itti fayyadamtu ilaalchisee murtoo mataa keetii akka gootu siif heyyamuu isaattis ni galateeffatta. Kitaabni Qulqulluun wayiniin kennaa Waaqayyoo akka taʼe ni dubbata; kana malees, “Nyaanni kolfaaf qophaaʼa; daadhiin wayiniis jireenyi akka nama gammachiisu godha” jedha. (Lal. 10:19; Far. 104:15) Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko dhugaatii alkoolii wajjin haala wal qabateen rakkina akka qaban hubatteetta taʼa. Kana malees, namoonni addunyaa maratti argaman dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee ilaalcha garaagaraa qabu. Maarree, Kiristiyaanonni dhimma kanarratti murtoo gaarii gochuu kan dandaʼan akkamitti?
Kan jiraannu eessayyuu yoo taʼe ykn aadaan keessatti guddanne kan akkamiiyyuu yoo taʼe, ilaalchi Waaqayyoo yaadaa fi murtoo keenya akka nuuf geggeessu heyyamuun keenya jireenyi keenya gammachiisaa akka taʼu godha.
Addunyaa keessa namoonni hedduun dhugaatii alkoolii yeroo baayʼee, akkasumas garmalee akka dhugan hubatteetta taʼa. Namoonni tokko tokko dhugaatii kan dhugan miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamuufi. Warri kaanimmoo rakkina isaanii irraanfachuuf dhugu. Naannoo tokko tokkotti dhugaatii garmalee dhuguun mallattoo qaroominaa ykn dhiirummaa akka taʼetti ilaalama.
Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni Uumaa isaanii isa jaalala qabeessa taʼerraa qajeelfama jaalalarratti hundaaʼe argataniiru. Fakkeenyaaf, garmalee dhuguun miidhaa hedduu akka geessisu nutti himeera. Fakkeenyi 23:29-35 nama dhugduu taʼee fi miidhaa dhugaatiin geessisu ilaalchisee ibsa tokko tokko nuuf kenna. a Daaniʼel inni Awurooppaa keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu jireenya Kiristiyaana taʼuu isaa dura jiraachaa ture yaadachuudhaan akkana jedheera: “Dhugaatii alkoolii garmalee dhugaa waanan tureef, murtoo gaarii hin taane garaagaraa godheera. Kanaan kan kaʼes rakkinni hedduun narra gaʼeera, ammayyuu baayʼeen gaabba.”
Maarree, Kiristiyaanonni mirga filannaa isaaniitti fayyadamanii rakkina dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun geessisurraa baraaramuu kan dandaʼan akkamitti? Ilaalchi Waaqayyoo yaadaa fi gocha isaanii akka isaaniif geggeessu heyyamuudhaani.
Mee amma Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii ilaalchisee maal akka jedhuu fi sababiiwwan namoonni dhugaatii itti dhugan muraasa haa ilaallu.
ULAAGAALEE KITAABA QULQULLUU
Dubbiin Waaqayyoo dhugaatii alkoolii muraasa dhuguu hin balaaleffatu. Kitaabni Qulqulluun wayinii dhuguun nama gammachiisuu akka dandaʼuyyuu ni dubbata. “Nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii wayinii kees garaa gammadeen dhugi” jedha. (Lal. 9:7) Yesuusis taʼe tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan kan biroon darbee darbee wayinii ni dhugu turan.—Mat. 26:27-29; Luq. 7:34; 1 Xim. 5:23.
Haa taʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo dhugaatii alkoolii muraasa dhuguu fi machaaʼuu gidduu garaa garummaa guddaan akka jiru ifatti dubbata. “Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa” jedhee ifatti nu gorsa. (Efe. 5:18) Darbees, “Warri machaaʼan . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha. (1 Qor. 6:10) Eeyyee, Yihowaan garmalee dhuguus taʼe machaaʼuu cimsee balaaleffata. Calluma jennee wantuma aadaa keenya keessatti baramaa taʼe gochuu mannaa ilaalcha Waaqayyoo hordofuu barbaanna.
Namoonni tokko tokko hamma hin machoofnetti dhugaatii alkoolii baayʼee dhuguu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii garuu balaa guddaa qaba. Kitaabni Qulqulluun namoonni “daadhii wayinii hedduudhaaf garboota” taʼan karaa naamusaas taʼe karaa hafuuraa miidhaan akka isaanirra gaʼu ifatti dubbata. (Tit. 2:3; Fak. 20:1) Yesuusiyyuu namni tokko ‘garmalee dhuguun’ isaa mirga addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuu isa dhabsiisuu akka dandaʼu akeekkachiiseera. (Luq. 21:34-36) Maarree, Kiristiyaanni tokko miidhaa dhugaatii alkoolii dhuguun geessisurraa of eeguu kan dandaʼu akkamitti?
KAKAʼUMSAA FI BARSIIFATA KEE GAMAAGGAMI
Aadaan keessatti guddanne ilaalcha dhugaatiidhaaf qabnurratti dhiibbaa akka godhu heyyamuun balaa guddaa qaba. Kiristiyaanonni nyaataa fi dhugaatii ilaalchisee murtoo Yihowaa gammachiisu gochuun isaanii barbaachisaadha. Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo nyaattan yookiin yeroo dhugdan yookiin wanta kam iyyuu yeroo gootan, wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” jedha. (1 Qor. 10:31) Mee gaaffilee fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti yaaduu qabnu muraasa haa ilaallu.
Warra kaan fakkaachuuf jedhee dhugaatii alkoolii nan dhugaa? Baʼuun 23:2, “Namoota hedduu duukaa hin buʼin” jedha. Asirratti Yihowaan fakkeenya namoota isa gaddisiisanii akka hin hordofne Israaʼelota akeekkachiisaa jira. Gorsi kun Kiristiyaanota yeroo harʼaa jirrus ni ilaallata. Warri kaan ilaalcha dhugaatiidhaaf qabnurrattis taʼe murtoo keenyarratti dhiibbaa akka godhan yoo heyyamne suutuma suuta ulaagaalee Yihowaa dagachuu fi michummaa isa wajjin qabnu dhabuu dandeenya.—Rom. 12:2.
Hammam cimaa akkan taʼe argisiisuuf dhugaatii alkoolii nan dhugaa? Aadaa tokko tokko keessatti dhugaatii yeroo baayʼee fi garmalee dhuguun wanta fudhatama qabu akka taʼetti ilaalama. (1 Phe. 4:3) Haa taʼu malee 1 Qorontos 16:13 gorsa, “Dammaqaa jiraadhaa, amantiitti cimaa dhaabbadhaa, dhiira taʼaa, jaboo taʼaa” jedhu nuuf kenna. Namni tokko dhugaatii alkoolii dhuguun isaa jabaa akka taʼu isa gargaaruu dandaʼaa? Matumaa isa hin gargaaru. Namni tokko dhugaatii dhuguun isaa dandeettiin yaaduu isaa akka dadhabuu fi murtoo gadhee akka godhu isa taasisuu dandaʼa. Kanaafuu, dhugaatii alkoolii baayʼisanii dhuguun mallattoo ciminaa utuu hin taʼin mallattoo dadhabinaati. Isaayyaas 28:7 namni dhugaatii alkooliitiin kan kaʼe karaarraa goree akka gatantaruu fi akka gufatu dubbata.
Cimina dhugaa kan nuuf kennu Yihowaadha; kunis dammaqanii jiraachuu fi amantiitti cimanii dhaabbachuu gaafata. (Far. 18:32) Kana gochuufimmoo miidhaarraa of eeguu fi murtoo michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessu akka hin goone of eeggachuu qabna. Yesuus yeroo lafarra turetti jabina akkasii akka qabu waan argisiiseef, namoonni baayʼeen ija jabina qabaachuu isaattii fi wanta sirrii taʼe gochuuf kutachuu isaatti isa kabaju turan.
Rakkina koo irraanfachuuf jedhee dhugaatii alkoolii nan dhugaa? Faarfataan tokko hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati [Yihowaan] na jajjabeessite, na tasgabbeessites” jedhee barreesseera. (Far. 94:19) Rakkinni tokko humna keetii ol akka taʼe yoo sitti dhagaʼame boqonnaa argachuuf gara dhugaatii alkooliitti utuu hin taʼin gara Yihowaatti garagali. Karaa gaariin kana gochuuf si gargaaru tokko irra deddeebitee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudha. Kana malees, namoonni baayʼeen gumii keessaa nama bilchina qabu tokko gorsa gaafachuun isaanii baayʼee akka isaan fayyade hubataniiru. Dhugaa dubbachuuf, namni tokko rakkina isaa dandamachuuf dhugaatii alkoolii dhuguun isaa kutannoo wanta sirrii taʼe gochuuf qabu isa jalaa laaffisuu dandaʼa. (Hos. 4:11) Daaniʼel inni olitti ibsame akkana jechuudhaan ifatti dubbateera: “Dhiphina cimaa fi miira gaabbii wajjin walʼaansoo gochaan ture. Kanan dhugu rakkina koo irraanfachuufi; garuu akkas gochuun koo rakkinni koo caalaatti akka dabalu godhe; michoota koo fi kabajan ofiif qabu na dhabsiiseera.” Maarree, maaltu isa gargaare? “Alkoolii utuu hin taʼin gargaarsi Yihowaa akka na barbaachisun hubadhe. Dhumarrattis rakkina koo dandamachuu, darbees moʼuu dandaʼeera” jedheera. Eeyyee, Yihowaan yeroo hundumaa, yeroo haalli keenya abdii kan hin qabne fakkaatuttillee nu gargaaruuf qophaaʼaadha.—Filp. 4:6, 7; 1 Phe. 5:7.
Darbee darbee dhugaatii alkoolii kan dhugdu yoo taʼe barsiifata kee gamaaggamuuf gaaffilee kanatti fayyadamuu dandeessa: ‘Miseensi maatii koo ykn michuun koo tokko barsiifannin dhugaatiirratti qabu akka isa yaaddessu natti himeeraa?’ Taanaan, kun barsiifata ykn rakkina ofirratti hin hubanne tokko horachaa akka jirtu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. ‘Isa kanaan duraa caalaa dhugaan jiraa?’ Kun namni araada akka hin qabne yaadullee araadni akka isa jalqabe kan argisiisu taʼuu dandaʼa. ‘Guyyoota muraasaaf ykn isaa oliif dhugaatii alkoolii utuu hin dhugin turuun natti ulfaataa?’ Taanaan, dhugaatiin araada sitti taʼee taʼuu dandaʼa. Tarii rakkina kana moʼuuf gargaarsi ogeeyyii fayyaa si barbaachisuu dandaʼa.
Kiristiyaanonni tokko tokko miidhaa dhugaatiin alkoolii qabu waan hubataniif, dhugaatii alkoolii akkamiiyyuu dhuguu dhiisuuf murteessaniiru. Warri kaanimmoo waanuma dhandhama isaa hin jaallanneef qofa dhuguu hin barbaadan. Namni itti dhihaattu tokko filannaa akkasii yoo godhe isa qeequurraa of qusachuudhaan gaarummaa fi kabaja itti argisiisuu dandeessa.
Atis dhuunfaatti daangaa tokko tokko kaaʼuun faayidaa akka qabu hubatteetta taʼa. Tarii Kiristiyaanni tokko torbanitti al tokko ykn yeroo nyaataatti xinneessee dhuguuf murteesseera taʼa. Warri kaanimmoo dhugaatii kan akka wayinii ykn biiraa xinneessanii dhuguuf, garuu dhugaatii alkoolii cimaa taʼe ykn walitti makame dhuguu dhiisuuf murteessaniiru taʼa. Namni tokko dhugaatii ilaalchisee daangaa ifa taʼe kaaʼachuun isaa, daangaa isaa sanarra akka hin dabarre of eeggachuun akka isaaf salphatu godha. Kiristiyaanni bilchina qabu tokko filannaa akkasii gochuu isaattis taʼe murtoo isaa kana eeguuf kutachuu isaatti qaanaʼuu hin qabu.
Wanti dagachuu hin qabne kan biraanimmoo warra kaaniif yaaduudha. Roomaan 14:21, “Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha” jedha. Gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti? Jaalala obbolummaa argisiisi. Dhugaatii dhuguun kee nama tokko kan mufachiisu yoo taʼe jaalalli mirga kee kana dhiisuuf si hin kakaasuu? Akkas gochuudhaan miira warra kaaniitiif akka of eeggattuu fi akka isaan kabajju, akkasumas faayidaa kee utuu hin taʼin faayidaa isaanii akka barbaaddu argisiista.—1 Qor. 10:24.
Kana malees, Kiristiyaanni tokko seera mootummaan baaseef ajajamuu qaba. Tarii seerri kun dargaggoonni umurii taʼe tokkoo gadi jiran dhugaatii akka hin dhugne, akkasumas dhuganii konkolaachisuu ykn maashinii tokko tokkorratti hojjechuu kan dhoowwu taʼuu dandaʼa.—Rom. 13:1-5.
Yihowaan kennaawwan dinqisiisoo taʼan hedduu nuuf kenneera; isaan keessaa tokkommoo akkaataa kennaawwan kanatti itti fayyadamnu murteessuuf mirga qabaachuu keenyadha. Kunis wanta nyaannuu fi wanta dhugnu filachuu dabalata. Yeroo hunda Abbaa keenya isa samii gammachiisuuf filachuudhaan mirga arganne kanaaf iddoo guddaa akka kenninu haa argisiisnu.
a Wiirtuun Toʼannaa fi Ittisa Dhibee Yuunaayitid Isteetis dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun miidhaa yeroo gabaabaa keessatti geessisu keessaa tokko tokko lubbuu balleessuu, of ajjeesuu, miidhaa saalaa geessisuu, hiriyaa baayʼee itti dhihaatan miidhuu, gama saalqunnamtiitiin amala balaa qabu argisiisuu, akkasumas ulfa baasuu akka dabalatu gabaaseera.