Muuxannoo
Namoota Hundaaf Garaa Laafuu
Gaaf tokko obboleettiin Niiwu Ziilaandi keessa jiraattu takka viidiyoo, ‘Waliif Yaadaa’ jedhu ilaaltee turte; viidiyoon kun Yihowaan namootaaf garaa laafuu qofa utuu hin taʼin gara laafina akka isaanitti argisiisus ni ibsa. (Isa. 63:7-9) Achiis gargaarsa qabatamaa kennuudhaan barumsa argatte hojiirra oolchuuf murteessite. Guyyuma sana gara boodaarra utuma waa bibbitachaa jirtuu dubartii mana hin qabne tokko argitee wanta nyaattu bituufii akka barbaaddu itti himte. Dubartiin sunis tole jette. Obboleettiin sun nyaata fiddee yeroo deebitu tiraaktii Rakkinni Ni Badaa? jedhamutti fayyadamtee dhugaa baateef.
Yeroo kanatti dubartiin sun booʼuu jalqabde. Achiis dhugaa keessatti kan guddatte taʼus waggoota hedduu dura dhugaa akka dhiiste dubbatte. Yeroo dhihoodhaa asitti garuu gara isaatti deebiʼuuf akka ishii gargaaru Yihowaa kadhachaa turte. Obboleettiin sunis Kitaaba Qulqulluu kenniteefii qoʼannaa akka jalqabdu qophii ishiidhaaf gooteetti. a
Nutis fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan firoottan keenyaa fi obboloota gumii keessa jiran dabalatee namootatti gara laafina argisiisuu ni dandeenya. Carraa warra kaaniif dhugaa itti baanu barbaaduudhaanis gara laafina isaanitti argisiisuu dandeenya.
a Namoota qabbanaaʼan gargaaruun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beekuuf Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 2020 irraa mata duree, “Gara Kootti Deebiʼaa!” jedhu ilaali.