Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Masaraa Eegumsaa waggaa kanaa akka gaariitti dubbisteettaa? Taanaan gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

‘Sammuu keenya haaressuun’ maalfaa dabalata? (Rom. 12:2)

Jireenyi keenya hojii gaariidhaan akka guutamu gochuu caalaa wanta dabalatu qaba. Jireenya keenya keessatti hamma nuuf dandaʼame ulaagaalee Yihowaa hordofuu akka dandeenyuuf keessa keenya qoruudhaan jijjiirama barbaachisu kamiyyuu gochuu dabalata.—w23.01, ful. 8-9.

Taʼeewwan addunyaa yeroo ilaallu madaallii keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

Taʼeewwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiran raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhan akkamitti akka taʼe ni hordofna. Taʼus, tilmaamaan wanta wal qoqqoodinsa uumu dubbachuu mannaa, mariin keenya wanta jaarmiyaan Yihowaa baaserratti akka xiyyeeffatu gochuun keenya gaariidha. (1 Qor. 1:10)—w23.02, ful. 16.

Cuuphaan Yesuus cuuphaa duuka buutota isaarraa adda kan taʼe akkamitti?

Yesuus kan dhalate saba Waaqayyoof adda baafame keessatti waan taʼeef, akka keenya Yihowaadhaaf of murteessuun isa hin barbaachisu. Yesuus cubbuu hin qabu. Cubbuu isaarraa yaada geddarachuun isa hin barbaachisu.—w23.03, ful. 5.

Warri kaan walgaʼiirratti yaada akka kennan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

Deebii gabaabaa kennuudhaan warri kaanis hirmaachuuf carraa akka argatan gochuu dandeenya. Yaada ijoo baayʼee caqasuurraas of qusachuu dandeenya. Akkas yoo goone warri kaan yaada dabalataa kennan hin dhaban.—w23.04, ful. 23.

‘Daandiin Qulqullummaa’ Isaayyaas 35:8 irratti ibsame maal argisiisa?

Daandii guddaan fakkeenyaan ibsame kun jalqabarratti imala Yihudoonni Baabilonii gara biyya dhalootaa isaaniitti godhan argisiisa. Yeroo dhihoodhaa asittihoo? Jaarraawwan bara 1919 dura turanitti Kitaaba qulqulluu hiikuu fi maxxansuu dabalatee hojiin daandii qopheessuu garaagaraa hojjetameera. Sabni Waaqayyoo “Daandii Qulqullummaa” gara jannata hafuuraatti galchuu fi eebbawwan Mootummichaa argamsiisurra imalaa jiru.—w23.05, ful. 15-19.

Fakkeenyi boqonnaan 9 dubartoota fakkeenyaan ibsaman lamaan ilaalchisee gorsa akkamii kenna?

Kitaabni Fakkeenyaa waaʼee “dubartii gowwaa” affeerraan ishii gara “Awwaalaatti” geessuu fi waaʼee “ogummaa dhugaa” dubartii affeerraan ishii “daandii hubannaa” fi jireenyatti geessuutti fakkeeffamee ni dubbata. (Fak. 9:1, 6, 13, 18)—w23.06, ful. 22-24.

Waaqayyo Loox wajjin haala wal qabateen akka gad of qabuu fi yaada isaatti akka hin cichine kan argisiise akkamitti?

Yihowaan Sodoomii gara naannoo gaarotaatti akka baqatu Looxitti himee ture. Yeroo Loox gara Zoʼaaritti baqachuuf kadhatetti garuu Waaqayyo yaada isaa fudhateera.—w23.07, ful. 21.

Dubartiin takka abbaan manaa ishii poornoogiraafii yoo ilaale maal gochuu dandeessi?

Ishiin balleessaa akka hin qabne yaadachuu qabdi. Michummaa Waaqayyo wajjin qabdurratti xiyyeeffachuu, akkasumas seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee dubartoota rakkinni isaanirra gaʼee turee fi Yihowaarraa jajjabina argatanii ibsanirratti xiinxaluu qabdi. Haalawwan balaadhaaf isa saaxilanirraa akka fagaatu abbaa manaa ishii gargaaruu dandeessi.—w23.08, ful. 14-17.

Yeroo waaʼee amantii keenyaa gaaffiin nuuf dhihaatu hubannaa qabaachuun keenya amala garraamummaa argisiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Gaaffiin namni tokko nu gaafatu karaa ilaalcha ykn wanta isa yaaddessu hubachuuf nu gargaaru akka taʼetti ilaaluu dandeenya. Kunis garraamummaadhaan deebii kennuuf nu dandeessisa.—w23.09, ful. 17.

Jabina argachuu ilaalchisee Maariyaamirraa maal baranna?

Maariyaam haadha Masiihichaa taʼuuf akka jettu yeroo beektetti warra kaanirraa jabina argatteetti. Gabriʼeelii fi Elsaabex Kitaabota Qulqulluurraa jajjabina ishiidhaaf kennaniiru. Nutis obboloota keenyarraa jabina argachuu dandeenya.—w23.10, ful. 15.

Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti taʼuu dandaʼa?

Kadhannaa keenya akka dhagaʼu waadaa nuuf galeera; kadhannaa keenya yeroo dhagaʼu kaayyoo isaa tilmaama keessa galcha. (Er. 29:12) Kadhannaa wal fakkaatuuf karaa addaddaatiin deebii kennuu kan dandaʼu taʼus, yeroo hundumaa nu deggera.—w23.11, ful. 21-22.

Roomaan 5:2 waaʼee “abdii” ni dubbata; yaanni kun lakkoofsa 4 irratti kan irra deebiʼame maaliifi?

Namni tokko misiraachicha yeroo dhagaʼu lafa jannata taaterra jiraachuuf abdii qabaachuu dandaʼa. Taʼus, yeroo rakkina keessatti jabaatee dhaabbatuu fi Waaqayyo biratti fudhatama akka qabu isatti dhagaʼamu abdiin isaa caalaatti cimaa deema.—w23.12, ful. 12-13.