Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 53

Obboloonni Dargaggoonni, Kiristiyaanota Bilchina Qabdan Taʼaa

Obboloonni Dargaggoonni, Kiristiyaanota Bilchina Qabdan Taʼaa

“Jabaadhu; dhiira taʼi.”—1 MOT. 2:2.

FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’

QABIYYEE a

1. Obboleessi tokko milkaaʼina argachuuf maal gochuu qaba?

 DAAWIT Mootichi, “Jabaadhu; dhiira taʼi” jedhee Solomooniin gorseera. (1 Mot. 2:1-3) Dhiironni Kiristiyaanota taʼanii fi yeroo harʼaa jiran hundis gorsa kana hojiirra oolchuun isaanii gaariidha. Gama kanaan milkaaʼina argachuuf, seera Waaqayyootiif ajajamuu, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchuu barachuu qabu. (Luq. 2:52) Obboloonni dargaggoota taʼan Kiristiyaanota bilchina qaban taʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

2-3. Obboleessi dargaggeessi tokko bilchina qabaachuun kan isa barbaachisu maaliifi?

2 Obboleessi tokko maatii keessattis taʼe gumii keessatti gaʼee guddaa qaba. Obboloonni dargaggoonni itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isin eeggaturratti akka yaaddan homaa gaaffii hin qabu. Tarii tajaajilaa yeroo guutuu, tajaajilaa gumii, yeroo boodammoo jaarsa gumii taʼuuf galma baafattaniittu taʼa. Gaaʼela dhaabbachuu fi ijoollee godhachuus ni barbaaddu taʼa. (Efe. 6:4; 1 Xim. 3:1) Galmawwan kanarra gaʼuu fi milkaaʼina argachuuf bilchina qabaachuun isin barbaachisa. b

3 Bilchina qabaachuuf maaltu isin gargaara? Dandeettiiwwan horachuun isin barbaachisu tokko tokko jiru. Maarree, itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isin eeggatuuf gaʼumsa qabaachuuf amma qophaaʼuu kan dandeessan akkamitti?

TARKAANFIIWWAN BILCHINA QABAACHUUF GARGAARAN

Amaloota Yesuus argisiise horachuuf carraaqqii gochuun kee bilchina qabaachuuf si gargaara (Keeyyata 4 ilaali)

4. Namoota fakkeenya gaarii isiniif taʼan eessaa argachuu dandeessu? (Fakkichas ilaali.)

4 Namoota fakkeenya gaarii taʼan hordofaa. Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni obboloota dargaggoota taʼaniif fakkeenya gaarii taʼan hedduun ibsamaniiru. Namoonni bara duriitti jiraatan kun Waaqayyoon kan jaalatanii fi saba isaa karaa garaa garaatiin kunuunsaa kan turanidha. Maatii keessanii fi gumii keessan keessaas obboloota bilchaatoo fakkeenya gaarii isiniif taʼan argachuu dandeessu. (Ibr. 13:7) Yesuus Kiristoos fakkeenya hunda caalu isiniif taʼa. (1 Phe. 2:21) Fakkeenyota kana yeroo qoʼattan amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffadhaa. (Ibr. 12:1, 2) Achiis fakkeenya isaanii akkamitti akka hordoftan murteessaa.

5. Dandeettii yaaduu horachuu kan dandeessan akkamitti? Kunoo barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Faarfannaa 119:9)

5 ‘Dandeettii yaaduu’ horadhaa, akkasumas eeggadhaa. (Fak. 3:21) Namni dandeettii yaaduu qabu tokko tarkaanfii fudhachuu isaa dura filannoowwan qaburratti of eeggannoodhaan yaada. Kanaafuu, dandeettii kana horachuu fi eeggattee itti fufuuf carraaqqii godhi. Maaliif? Sababiin isaas, addunyaan kun dargaggoota yaada mataa isaaniitiin geggeeffamanii fi miiraan tarkaanfii fudhataniin kan guutamedha. (Fak. 7:7; 29:11) Miidiyaanis dhiibbaa guddaa isinirratti gochuu dandaʼa. Maarree, dandeettii yaaduu horachuu kan dandeessan akkamitti? Waaʼee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuu fi dhugaawwan buʼuuraa kun faayidaa akkamii akka qaban yaaduudhaan jalqabuu dandeessu. Achiis murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf dhugaawwan buʼuuraa kanatti fayyadamaa. (Faarfannaa 119:9 dubbisi.) Dandeettii barbaachisaa taʼe kana horachuun keessan Kiristiyaanota bilchina qabdan taʼuuf isin gargaara. (Fak. 2:11, 12; Ibr. 5:14) Dandeettiin yaaduu (1) walitti dhufeenya obboleettota wajjin qabdanii fi (2) akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee murtoo gootanirratti kan isin gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.

6. Obboleessi dargaggeessi tokko dandeettii yaaduu qabaachuun isaa obboleettota kabajuuf kan isa gargaaru akkamitti?

6 Dandeettiin yaaduu dubartoota kabajuuf isin gargaara. Obboleessi dargaggeessi tokko obboleettii dargaggeettii takka wajjin hariiroo addaa qabaachuu barbaaduun isaa waanuma uumamaan jiruu fi sirrii taʼedha. Haa taʼu malee, obboleessi dandeettii yaaduu qabu tokko obboleettii takka gaaʼelaaf hamma hin yaannetti wanta miira addaa akka ishiidhaaf qabu argisiisu akkamiiyyuu hin dubbatu, hin barreessu ykn hin raawwatu. (1 Xim. 5:1, 2) Obboleettii takka wajjin wal qorachaa jira taanaanimmoo maqaan ishii akka hin badneef bakka namni hin jirre kophaa isaa ishii fuudhee hin deemu.—1 Qor. 6:18.

7. Obboleessi dargaggeessi tokko dandeettii yaaduu qabaachuun isaa akkaataa uffannaa fi akkaataa miidhaginaa isaa yeroo murteessutti kan isa gargaaru akkamitti?

7 Karaan dargaggeessi tokko dandeettii yaaduu gaarii akka qabu argisiisuu itti dandaʼu kan biraanimmoo akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee filannaa gaarii gochuudhaani. Yeroo baayʼee, namoonni diizaayinii uffataa baasanii fi beeksisan namoota Yihowaadhaaf kabaja hin qabnee fi jireenya naamusaan ala taʼe jiraatanidha. Kanaafuu, uffanni isaan hojjetan qaamatti kan maxxanu ykn dhiira dubartii kan fakkeessudha. Dargaggeessi bilchina qabaachuuf carraaqu tokko wanta uffatu yeroo filatu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffama, akkasumas fakkeenya gaarii obboloota gumii keessa jiranii hordofa. Akkana jedhee of gaafachuu dandaʼa: ‘Filannaan koo sammuu fayyaa akkan qabuu fi warra kaaniif akkan yaadu ni argisiisaa? Akkaataan uffannaa koo warri kaan dhugumaan tajaajilaa Waaqayyoo taʼuu koo salphaatti akka hubatan kan godhudhaa?’ (1 Qor. 10:31-33; Tit. 2:6) Dargaggeessi dandeettii yaaduu qabu obbolootaa fi obboleettota isaa biratti qofa utuu hin taʼin, Abbaa isaa isa samii birattis kabaja ni argata.

8. Obboleessi dargaggeessi tokko amanamaa taʼuu barachuu kan dandaʼu akkamitti?

8 Amanamoo taʼaa. Dargaggeessi amanamaa taʼe tokko itti gaafatamummaa isaa hunda raawwachuuf ni carraaqa. (Luq. 16:10) Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Yesuus nama dantaa hin qabne ykn itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne taʼee hin beeku. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee ulfaataa taʼettillee itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne raawwateera. Namootaaf, keessumaammoo barattoota isaatiif jaalala waan qabuuf lubbuu isaallee dabarsee isaaniif kenneera. (Yoh. 13:1) Isinis fakkeenya Yesuus hordofuudhaan itti gaafatamummaa isinitti kenname hunda raawwachuuf carraaqqii godhaa. Akkamitti raawwachuun akka dandaʼamu mirkanaaʼaa miti taanaan gad of qabuudhaan obboloota bilchina qaban gargaarsa gaafadhaa. Hojiin tokko yeroo isiniif kennamu xinnuma yaaltanii hin dhiisinaa. (Rom. 12:11) Kanaa mannaa, ‘namootaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf’ akka hojjettanitti yaaduudhaan hojii isiniif kenname guutummaatti fiixaan baasaa. (Qol. 3:23) Mudaa waan qabdaniif, gad of qabuudhaan dogoggora raawwattan amanaa.—Fak. 11:2.

DANDEETTIIWWAN FAAYIDAA QABAN HORADHAA

9. Obboleessi dargaggeessi tokko dandeettiiwwan tokko tokko horachuun kan isa barbaachisu maaliifi?

9 Kiristiyaanota bilchina qabdan taʼuuf dandeettiiwwan faayidaa qaban tokko tokko horachuun isin barbaachisa. Kunis gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf, hojii ofii keessanis taʼe maatii keessan deggeruuf isin dandeessisu argachuuf, akkasumas warra kaan wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf isin gargaara. Dandeettiiwwan barbaachisoo taʼan kana keessaa muraasa isaanii haa ilaallu.

Sirriitti dubbisuu fi barreessuu barachuun kee siinis taʼe gumicha ni fayyada (Keeyyata 10-11 ilaali)

10-11. Obboleessi dargaggeessi tokko sirriitti barreessuu fi dubbisuu barachuun isaa ofii isaas taʼe gumicha kan fayyadu akkamitti? (Faarfannaa 1:1-3) (Fakkichas ilaali.)

10 Sirriitti dubbisuu fi barreessuu baradhaa. Kitaabni Qulqulluun namni gammachuu fi milkaaʼina qabu tokko guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo akka ramadu dubbata. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.) Namni guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisu ilaalcha Yihowaa waan hubatuuf, sirriitti yaaduu fi gorsa Dubbii Waaqayyoorraa argate akkamitti akka hojiirra oolchu beeka. (Fak. 1:3, 4) Dhiironni akkasii gumii keessatti ni barbaachisu. Maaliif?

11 Obboloonnii fi obboleettonni keenya qajeelfamnii fi gorsi Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe isaan barbaachisa. (Tit. 1:9) Sirriitti dubbisuu fi barreessuu kan dandeessu yoo taʼe haasaa fi yaada warra kaan fayyaduu fi amantii isaanii cimsu kennuu dandeessa. Akkasumas yeroo qoʼattus taʼe walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoorratti yeroo haasaan dhihaatu yaadannoo gaarii qabachuun caalaatti akka siif salphatu godha. Yaadannoo akkasii qabachuun kee amantii kee cimsachuu fi warra kaan jajjabeessuuf si gargaara.

12. Warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuuf maaltu si gargaara?

12 Dandeettii warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu horadhaa. Kiristiyaanni tokko warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu barachuu qaba. Namni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galu yeroo namoonni kaan dubbatan sirriitti dhaggeeffata, yaadaa fi miira isaaniis ni hubata. (Fak. 20:5) Ergaa sagaleen isaanii, fuulli isaanii fi sochiin qaamaa isaanii dabarsu ni hubata. Wantoota kana barachuu kan dandeessan garuu namoota wajjin yeroo kan dabarsitan yoo taʼe qofadha. Namoota wajjin haasaʼuuf yeroo hunda iimeelii fi ergaa gabaabaatti kan fayyadamtan yoo taʼe, kun qaamaan warra kaan wajjin haasaʼuun akka isinitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, warra kaan wajjin qaamaan haasaʼuuf carraa barbaadaa.—2 Yoh. 12.

Dandeettii hojii siif argamsiisu barachuun kee si fayyada (Keeyyata 13 ilaali)

13. Wanti dargaggeessi tokko barachuu qabu kan biraan maalidha? (1 Ximotewos 5:8) (Fakkichas ilaali.)

13 Ogummaa of dandaʼuuf isin dandeessisu baradhaa. Obboleessi bilchina qabu tokko ofis taʼe maatii isaa deggeruu qaba. (1 Ximotewos 5:8 dubbisi.) Biyyoota tokko tokko keessatti, obboloonni dargaggoota taʼan dandeettii tokko tokko kan baratan abbaa isaaniirraa ykn firoota isaaniirraa taʼuu dandaʼa. Biyyoota kan biroo keessattimmoo, dargaggeessi tokko utuma mana barumsaa sadarkaa lammaffaa jiruu ogummaa ykn dandeettii kan biraa barachuu dandaʼa. Karaa kamiiniyyuu yoo taʼe, dandeettii hojii argachuuf isin gargaaru barachuun keessan gaariidha. (HoE. 18:2, 3; 20:34; Efe. 4:28) Jabaattee hojjechuu fi wanta jalqabde hojjettee xumuruudhaan maqaa gaarii qabaadhu. Akkas yoo goote, hojii argachuu fi hojii keerra turuun siif salphata. Amaloonnii fi dandeettiiwwan olitti ilaalle Kiristiyaanni tokko itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isa eeggatuuf akka qophaaʼus isa gargaaru. Mee itti gaafatamummaawwan kana keessaa tokko tokko haa ilaallu.

ITTI GAAFATAMUMMAA GARA FUULDURAATIIF QOPHAAʼAA

14. Obboleessi dargaggeessi tokko tajaajilaa yeroo guutuu taʼuuf qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti?

14 Tajaajilaa yeroo guutuu. Kiristiyaanonni bilchina qaban hedduun tajaajila yeroo guutuu kan jalqaban yeroo umurii dargaggummaarra jiranittidha. Dargaggeessi tokko qajeelchaa taʼuun isaa namoota garaa garaa wajjin karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti hojjechuu akka dandaʼu barachuuf isa gargaara. Maallaqa qabutti ogummaadhaan akka fayyadamuu fi humnaa ol akka hin baasnes isa gargaara. (Filp. 4:11-13) Qajeelchaa gargaaraa taʼuun tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf kaʼumsa gaarii isiniif taʼa. Obboloonni hedduun yeroo muraasaaf qajeelchaa gargaaraa taʼuun isaanii qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii tajaajiluuf isaan qopheesseera. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ykn Beetel galuu dabalatee gosoota tajaajila yeroo guutuu kan birootiif karaa banuu dandaʼa.

15-16. Obboleessi dargaggeessi tokko gumii isaa tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?

15 Tajaajilaa gumii ykn jaarsa gumii. Obboloonni hundi ulaagaa jaarsolii gumii taʼanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajiluuf barbaachisu guutuuf galma baafachuu qabu. Kitaabni Qulqulluun dhiironni itti gaafatamummaa kanarra gaʼuuf carraaqqii godhan ‘hojii gaarii akka hawwan’ dubbata. (1 Xim. 3:1) Obboleessi tokko jaarsa gumii taʼuuf, dura tajaajilaa gumii taʼee tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu qaba. Tajaajiltoonni gumii karaa hedduudhaan jaarsolii gumii gargaaruu dandaʼu. Jaarsoliinis taʼan tajaajiltoonni gumii gad of qabanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajilu, akkasumas tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatu. Obboloonni dargaggoota taʼan dhuma waggoota kurnaniirrattillee tajaajiltoota gumii taʼanii tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼu. Tajaajilaan gaʼumsa qabuu fi jalqaba umurii waggoota 20mmaniirratti argamus jaarsa gumii taʼee akka tajaajilu muudamuu dandaʼa.

16 Itti gaafatamummaa kanaaf gaʼumsa qabaachuu kan dandeessan akkamitti? Ulaagaaleen guutuu qabdan tokko tokko jiru. Ulaagaaleen barbaachisan hundi Kitaaba Qulqulluurratti, akkasumas jaalala Yihowaa, maatii keessanii fi gumichaaf qabdanirratti kan hundaaʼanidha. (1 Xim. 3:1-13; Tit. 1:6-9; 1 Phe. 5:2, 3) Ulaagaalee kana hunda hubachuuf carraaqqii godhaa. Ulaagaalee kana guutuuf akka isin gargaaru Yihowaa kadhadhaa. c

Yihowaan abbaan manaa tokko haadha manaa fi ijoollee isaa akka jaallatu, akkasumas karaa qaamaa, karaa miiraa, hunda caalaammoo karaa hafuuraa akka isaan kunuunsu barbaada (Keeyyata 17 ilaali)

17. Obboleessi dargaggeessi tokko abbaa manaa fi mataa maatii taʼuuf qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

17 Abbaa manaa fi mataa maatii. Kiristiyaanonni bilchina qaban tokko tokko akkuma Yesuus ibse qeenxee taʼanii jiraachuuf filataniiru. (Mat. 19:12) Gaaʼela dhaabbachuuf yoo filattan garuu abbaa manaa fi mataa maatii taʼuudhaan itti gaafatamummaa dabalataa fudhattu. (1 Qor. 11:3) Yihowaan abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallatu, akkasumas karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa akka ishii kunuunsu isarraa eega. (Efe. 5:28, 29) Amaloonnii fi dandeettiiwwan mata duree kana keessatti ibsaman kan akka dandeettii yaaduu horachuu, dubartootaaf kabaja qabaachuu fi amanamaa taʼuu jiran abbaa manaa gaarii taʼuuf isin gargaaru. Akkasumas itti gaafatamummaa yeroo abbaa manaa fi mataa maatii taatanitti qabaattan raawwachuuf akka gaariitti qophaaʼuuf isin gargaaru.

18. Obboleessi dargaggeessi tokko abbaa taʼuuf qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti?

18 Abbaa. Gaaʼela erga dhaabbattanii booda abbaa taʼuu dandeessu. Abbaa gaarii taʼuu ilaalchisee Yihowaarraa maal barachuu dandeessu? Barumsi argattan hedduun jira. (Efe. 6:4) Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isatti gammadu Ilma isaa Yesuusitti ifatti himeera. (Mat. 3:17) Abbaa yoo taatan yeroo hunda ijoollee keessan akka jaallattan isaaniif mirkaneessuu hin dagatinaa. Wanta gaarii isaan godhaniif isaan galateeffadhaa. Abbootiin fakkeenya Yihowaa hordofan ijoolleen isaanii Kiristiyaanota bilchina qaban akka taʼan gargaaru. Amma miseensota maatii keessanii fi obboloota gumii keessan keessa jiraniif jaalalaan kunuunsa gochuudhaan, akkasumas jaalalaa fi dinqisiifannaa keessan isaaniif ibsuu barachuudhaan itti gaafatamummaa kanaaf qophaaʼuu dandeessu. (Yoh. 15:9) Akkas gochuun keessan itti gaafatamummaa abbaa manaa fi abbaa taʼuudhaan gara fuulduraatti qabaattaniif isin qopheessa. Hammasitti Yihowaan isinitti fayyadama, akkasumas maatii keessaniifis taʼe gumii keessaniif gargaarsa gochuu dandeessu.

AMMA MAAL GOCHUU DANDEESSU?

Dargaggoonni Kitaaba Qulqulluurraa baratanii fi wanta baratan hojiirra oolchan hedduun Kiristiyaanota bilchaatoo t⁠a⁠ʼuu dand⁠a⁠ʼaniiru (Keeyyata 19-​20 ilaali)

19-20. Obboloonni dargaggoonni bilchina qabaachuuf maaltu isaan gargaara? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

19 Obboloonni dargaggoonni, carraaqqii tokko malee bilchina qabaachuu hin dandeessan. Fakkeenya namoota gaarii taʼanii hordofuu, dandeettii yaaduu horachuu, amanamoo taʼuu, dandeettiiwwan faayidaa qaban barachuu fi itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isin eeggatuuf qophaaʼuun isin barbaachisa.

20 Itti gaafatamummaan gara fuulduraatti isin eeggatu humna keessanii ol akka taʼe isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Garuu milkaaʼuu ni dandeessu. Yihowaan isin gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe yaadadhaa. (Isa. 41:10, 13) Obboloonnii fi obboleettonni keessan gumii keessa jiranis isin gargaaru. Bilchina yoo qabaattan jireenyi keessan gammachiisaa taʼa. Obboloota dargaggoota taatan, baayʼee isin jaallanna! Yihowaan carraaqqii bilchina qabaachuuf gootan isiniif haa eebbisu.—Fak. 22:4.

FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!

a Gumii keessa obboloonni bilchina qaban ni barbaachisu. Mata duree kana keessatti obboloonni dargaggoonni Kiristiyaanota bilchaatoo taʼuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe ilaalla.

bIbsa Jechaa” mata duree darberratti ibsame ilaali.

c Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe jedhamu boq. 5-6 ilaali.