Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Barachuu Dhaabee hin Beeku

Barachuu Dhaabee hin Beeku

YIHOWAAN “Barsiisaa [koo] Isa Guddicha” taʼuusaa akka mirga guddaattan ilaala. (Isa. 30:20) Inni Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluutti, wantoota ajaaʼibsiisoo uumettii fi jaarmiyaasaatti fayyadamee tajaajiltootasaa barsiisa. Obbolootaa fi obboleettota keenyattis fayyadamee nu gargaara. Umuriin koo gara jaarraa tokkootti kan siqe taʼus karaawwan kana hundaan qajeelfama Yihowaarraa fayyadamuu koo itti fufeera. Mee waaʼee kanaa isinittan hima.

Maatii koo wajjin, 1948

Bara 1927​tti magaalaa xinnoo naannoo Chiikaagoo, Iliinooyis, Yuunaayitid Isteetisitti argamtuttan dhaladhe. Aabbaa fi Harmeen ijoollee shan qabu; isaanis, Jeetaa, Doon, ana, Kaarlii fi Jooyidha. Hundi keenyayyuu lubbuu guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf murteessinee turre. Jeetaan mana barumsaa Giiliyaad bara 1943​tti geggeeffamerratti hirmaatteetti. Doon bara 1944​tti, Kaarli bara 1947​tti, Jooyimmoo bara 1951​tti Beetel Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamu galan. Isaanis taʼan warri koo fakkeenya gaarii naa taʼaniiru.

AKKAATAA MAATIIN KEENYA DHUGAA ITTI DHAGAʼE

Aabbaa fi Harmeen Kitaaba Qulqulluu waan dubbisaniif Waaqayyoof jaalala qabu, nutis Waaqayyoof jaalala akka qabaannu nu barsiisaniiru. Haa taʼu malee, Aabbaan Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti Awurooppaa keessatti loltuu taʼee erga tajaajilee booda kabaja amantaadhaaf qabu ni dhabe. Harmeen nagaadhaan manatti deebiʼuusaatti Waaqayyoon waan galateeffatteef, “Kaarli, akkuma keenya durii gara waldaa haa dhaqnu” isaan jette. Aabbaan garuu, “Sin geessa, ani garuu keessa hin seenu” ishiidhaan jedhe. Ishiinis, “Maaliif?” isaan jette. Innis akkana ishiidhaan jedhe: “Waraanicharratti qeesonni amantaa tokkoo gareewwan wal lolan lamaanuu keessa jiran loltootaa fi meeshaa waraanaasaanii eebbisaa turan! Maarree, Waaqayyo garee lamaanuu ni deggeraa?”

Boodas utuu Harmeen waldaa jirtuu Dhugaa Baatonni Yihowaa lama mana keenya dhufan. Isaanis kitaaba Light jedhamuu fi waaʼee kitaaba Mulʼataa ibsu lama Aabbaaf kennan. Aabbaanis fedhii argisiisuudhaan kitaabota sana fudhate. Harmeen kitaabota sana akkuma argiteen dubbisuu jalqabde. Achiis gaaf tokko yaada namoonni fedhii qaban kitaaba Light jedhamutti fayyadamanii Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan affeeru gaazexaarraa dubbiste. Ishiinis deemuuf murteessite. Yeroo achi geessus dubartii maanguddoon takka balbala bananiif. Harmeen kitaaba isa tokko harkatti qabattee, “Kana asitti qoʼattuu?” jettee gaafatte. Achiis dubartiin sun, “Eeyyee, bareedduu koo, ol seeni” ishiidhaan jedhan. Harmeen torbee ittaanutti nuunis fuutee dhaquu jalqabde; sana booda torban torbaniin deemuu keenya itti fufne.

Walgaʼii tokkorratti obboleessi walgaʼicha geggeessu Faarfannaa 144:15 isa namoonni Yihowaa waaqeffatan gammadoo akka taʼan ibsu akkan dubbisu na gaafate. Caqasa kanas taʼe 1 Ximotewos 1:11 isa Yihowaan “Waaqa gammadaa” akka taʼe dubbatuu fi Efesoon 5:1 isa ‘Waaqayyoon akka fakkaannu’ jajjabeessu baayʼeen jaalladhe. Uumaa koo tajaajiluun akka na gammachiisu gochuu fi mirga naaf kenne kanaaf isa galateeffachuu akkan qabu nan hubadhe; jireenya koo guutuu akkas gochuuf yaaleera.

Gumiin nutti dhihoo jiruu fi Chiikaagootti argamu kiilomeetira 32 fagaata ture. Taʼus, walgaʼiirratti ni argamna turre, beekumsi Kitaaba Qulqulluu koos guddachaa deeme. Yeroo tokko obboleessi walgaʼii geggeessu deebii akka deebistu Jeetaa affeere. Yeroon deebii ishii dhagaʼu, ‘Anis kana beeka. Anis harka baasee deebii deebisuu nan dandaʼan ture’ jedheen yaade. Achiis deebiin deebisu qophaaʼuu fi walgaʼiirratti yaada kennuun jalqabe. Hunda caalaammoo, akkuma obbolaa kootii karaa hafuuraa guddina gochuu dandaʼeera. Sana booda bara 1941​tti nan cuuphame.

WALGAʼIIWWAN GUGUDDAARRATTI YIHOWAARRAA BARACHUU

Keessumaa walgaʼii bara 1942​tti Kileevlaand, Ohaayoo keessatti geggeeffame hin irraanfadhu. Yuunaayitid Isteetis keessatti naannoowwan 50 ol taʼanitti bilbilaan dabarfamaa ture. Maatiin keenya maatiiwwan kan biroo hedduu wajjin naannoo sagantichi itti geggeeffamutti dunkaanota keessa bule. Waraanni Addunyaa Lammaffaan geggeeffamaa ture, ariʼatamni Dhugaa Baatota Yihowaarra gaʼaa tures caalaatti cimee ture. Galgala garee obbolootaa konkolaataasaanii buufaticharraa garagalchanii dhaabaa turan argeera. Hundisaaniiyyuu konkolaataa hunda keessa namni eegaa bulu tokko akka jiraatu walii galanii turan. Namni rakkina geessisu dhufaa akka jiru yoo argan namni sun akka hin argine gochuuf ibsaa konkolaataasaanii ibsuu fi xurumbaa konkolaataa iyyisiisuuf yaadanii turan. Yeroo kanatti warri kaan gargaarsa gochuuf dafanii dhufuu dandaʼu. Anis, ‘Sabni Yihowaa wanta hundaaf sirriitti kan qophaaʼanidha!’ jedheen yaade. Rakkinni tokkollee hin uumamne; nageenyi waan natti dhagaʼameef rafuu dandaʼeera.

Waggoota muraasa booda, yeroon waaʼee walgaʼii sanaa yaadu haati koo dhiphinnis taʼe sodaan ishiitti dhagaʼamee akka hin turren hubadhe. Yihowaa fi jaarmiyaasaatti guutummaatti amanamtee turte. Fakkeenya ishii kana yoomiyyuu hin irraanfadhu.

Walgaʼiin sun geggeeffamuusaa yeroo muraasa dura Harmeen qajeelchituu yeroo hundaa taatee turte. Kanaafuu, haasaawwan waaʼee tajaajila yeroo guutuu ibsaniif xiyyeeffannaa addaa kennitee turte. Utuu gara manaatti deebiʼaa jirruu, “Qajeelchituu taʼee utuun itti fufee natti tola; garuu mana keessatti hojiin waan natti baayʼatuuf qajeelchituu taʼee itti fufuu hin dandaʼu” jette. Achiis akka ishii gargaarru nu gaafatte. Nutis tole ishiidhaan jenne; kanaafuu, hunda keenyaafiyyuu kutaa saʼaatii ciree dura qulqulleessinu tokko tokko ykn lama lama nuu ramadde. Yeroo nuti gara mana barumsaa deemnu manichi qulqulluu taʼuusaa erga ilaaltee booda tajaajila baati. Hojiin kan itti baayʼatu taʼus, ijoollee ishii dagattee hin beektu. Yeroo laaqanaaf gallus taʼe yeroo mana barumsaatii gallu yeroo hunda manatti nu eegdi turte. Gaaf tokko tokko mana barumsaatii yeroo gallu ishii faana tajaajila baana; kunis qajeelchaa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaareera.

TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU

Yeroo umuriin koo 16 taʼu qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Aabbaan Dhugaa Baatuu taʼuu baatus waaʼee tajaajila kootii beekuu barbaada ture. Gaaf tokko galgala, carraaqqii guddaa godhus nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadu tokkollee akkan hin argannen itti hime. Achiis takka tureen, “Na faana qoʼachuuf fedhii qabdaa?” jedheen isa gaafadhe. Yeroo muraasaaf erga irratti yaadee booda, “Sababii gaʼaa lakki jechuuf na dandeessisu hin qabu” naan jedhe. Namnin Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise inni jalqabaa abbaa kooti. Kun mirga guddaadha!

Kitaaba, “Dhugaan Bilisa Isin Baasa” jedhamu qoʼanna turre. Yeroo muraasaaf erga qoʼannee booda, Aabbaan barataa fi barsiisaa gaarii akkan taʼu na gargaaraa akka jirun hubadhe. Fakkeenyaaf, gaaf tokko galgala keeyyata tokko erga dubbisnee booda, “Wanti kitaabichi jedhu naa galeera. Garuu kitaabichi sirrii akka taʼe akkamitti beekte?” naan jedhe. Deebii isaaf kennuuf qophaaʼaa hin turre; kanaafuu, “Amma ragaa sii dhiheessuu hin dandaʼu; qoʼannaa keenya ittaanurratti garuu siifan deebisan” isaan jedhe. Anis akkasuman godhe. Caqasoota qabxii irratti mariʼachaa turre deggaran nan argadhe. Sana booda, qorannaa gochuu waanan baradheef qoʼannaa keenyaaf sirriitti qophaaʼuun jalqabe. Kunimmoo anis taʼe abbaan koo karaa hafuuraa guddina akka goonu nu gargaareera. Innis wanta barate hojiirra oolchuudhaan bara 1952​tti ni cuuphame.

BEETEL KEESSATTIS BARACHUU KOO ITTI FUFEERA

Manaa kanan baʼe umurii koo waggaa 17​ttidha. Jeetaan a misiyoonii taate, Doonimmoo Beetel gale. Lamaanuu ramaddiisaanii jaallatanii turan; kunis jajjabina guddaa naaf taʼeera. Kanaafuu, foormii Beetelii fi Mana Barumsaa Giiliyaad ergan guutee booda murtoosaa Yihowaadhaafan dhiise. Maarree, buʼaansaa maal taʼe? Bara 1946​tti Beetel akkan galun affeerame.

Beetel keessatti waggoota hedduudhaaf hojii garaagaraa hedduu waanan hojjedheef, wanta haaraa hedduu baradheera. Waggoottan 75an Beetel keessa jiraadhe keessatti kitaabni akkamitti akka qophaaʼuu fi hojiin herreegaa akkamitti akka hojjetamu baradheera. Miʼoota biyya alaatii galchuu fi iddoo biraatti erguus baradheera. Hunda caalaammoo, waaqeffannaa ganamaa fi haasaa addaddaa Beetelitti dhihaatu baayʼeen jaalladha.

Mana barumsaa jaarsolii gumiirratti yeroon barsiisu

Obboleessa quxusuu koo kan taʼe Kaarli isa bara 1947​tti Beetel galerraas barumsa argadheera. Kaarli barataa fi barsiisaa Kitaaba Qulqulluu qaxalee taʼedha. Haasaa naaf kenname tokko yeroon qophaaʼu gargaarsisaa na barbaachisee ture. Wanta hedduu kanan walitti qabadhe taʼus, akkamitti akkan itti fayyadamu beekuun akka na rakkisen itti hime. Innis gaaffii salphaa, “Jooʼeel ijoon haasaa keetii maalidha” jedhu na gaafachuudhaan furmaata gaarii akkan argadhu na gargaare. Wanti natti himuu barbaade dafee naa gale; wantoota yaada ijoo sana ibsuuf na gargaaran hambifadhee warra kaan dhiisuun qaba ture. Barumsa kana yeroo hundan yaadadha.

Beetel keessatti gammadoo taʼanii itti fufuuf, tajaajilarratti hirmaannaa guutuu gochuun barbaachisaadha; kunimmoo muuxannoo nama jajjabeessu qabaachuuf nu dandeessisa. Wanta gaaf tokko gara galgalaa Niiwu Yoorki Siitii keessatti na mudate ammayyuu nan yaadadha. Obboleessa tokko wajjin taanee dubartii Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! fudhattee turte takka haasofsiisaa turre. Nutis, “Galgala kana Kitaaba Qulqulluurraa wantoota isaan fayyadan akka baratan namoota gargaaraa jirra” ishiidhaan jechuudhaan marii keenya jalqabne. Ishiinis, “Waaʼee Kitaaba Qulqulluu taanaan, ol seenaa” nuun jette. Caqasoota waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi waaʼee addunyaa haaraa dubbatan addaddaa dubbisnee ishiidhaaf ibsine. Kunis baayʼee waan ishii gammachiiseef, torbee ittaanutti michoota ishii muraasa marii keenyarratti affeerte. Boodas ishiinii fi abbaan manaa ishii tajaajiltoota Yihowaa taʼaniiru.

HAADHA MANAA KOORRAA BARADHEERA

Haadha manaa koo wajjin wal arguu keenya dura gara waggaa 10tiif obboleettii hiriyaa gaaʼelaa naa taatu barbaadaan ture. Maarree, haadha manaa gaarii argachuuf maaltu na gargaare? Gaaffii, ‘Gaaʼela ergan dhaabbadhee booda maal gochuun barbaada?’ jedhurratti kadhannaadhaanan yaade.

Meerii wajjin hojii daawwannaa yeroo hojjennu

Walgaʼii guddaan bara 1953​tti Istaadiyomii Yaankee keessatti geggeeffame akkuma xumurameen Meerii Aniyool wajjin wal argine. Ishiinii fi Jeetaan Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa lammaffaarratti baratan, misiyoonii taʼaniis wajjin tajaajilaa turan. Meeriin waaʼee yeroo Kaaribiiyaan keessatti misiyoonii taatee dabarsitee fi waaʼee namoota qoʼachiisaa turtee miira hoʼaadhaan natti himti turte. Caalaatti wal baraa yeroo deemnu galma hafuuraa walfakkaataa taʼe akka qabnu hubanne. Jaalalli waliif qabnu guddachaa waan dhufeef Ebla 1955​tti gaaʼela dhaabbanne. Meeriin kennaa Yihowaa biraa argamte taʼuu ishii karaa hedduudhaan argisiisteetti, fakkeenya guddaas naa taateetti. Ramaddii ishiidhaaf kennamu kamittiyyuu ni gammaddi turte. Hojii ishii jabaattee hojjetti, warra kaaniif garaadhaa yaaddi, akkasumas yeroo hundumaa fedhii Mootummichaatiif dursa kenniti turte. (Mat. 6:33) Waggaa sadiif hojii daawwannaa erga hojjennee booda, bara 1958​tti Beetel akka gallu affeeramne.

Meeriirraa wanta baayʼee baradheera. Fakkeenyaaf, akkuma gaaʼela dhaabbanneen Kitaaba Qulqulluurraa guyyaatti lakkoofsota 15 waliin dubbisuuf murteessinee turre. Nu keessaa namni tokko caqasoota muraasa erga dubbisee booda barumsa argannee fi jireenya keenya keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu irratti mariʼanna turre. Meeriin yeroo baayʼee barumsa Giiliyaaditti ykn yeroo misiyoonii taatee tajaajilaa turtetti baratte natti himti turte. Marii akkasii gochuun keenya hubannaa qabaachuuf, akkasumas haasaa koo fi jajjabinan dhuunfaatti obboleettotaaf kennu fooyyeffachuuf na gargaareera.—Fak. 25:11.

Meeriin koo bara 2013​tti na jalaa duute. Addunyaa haaraa keessatti ishii argachuuf hawwiidhaan eegaan jira! Hammasitti garuu barachuu koo fi garaa guutuudhaan Yihowaatti amanamuu koo itti fufuuf murteesseera. (Fak. 3:5, 6) Wanta sabni Yihowaa addunyaa haaraa keessatti hojjetanirratti yaaduun jajjabinaa fi gammachuu naaf argamsiisa. Kunis Barsiisaa keenya Isa Guddicharraa barachuu fi waaʼeesaa barachuus akka dabalatu beekamaadha! Eeyyee, wanta inni hamma ammaatti na barsiisee fi gaarummaa guddaa natti argisiiseef baayʼeen isa galateeffadha.

a Seenaa jireenyaa Jeetaa Suunal Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 2003, ful. 23-29 irraa (Amaariffa) ilaali.