Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 48

FAARFANNAA 97 Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa

Daabboo Dinqiidhaan Argamerraa Maal Baranna?

Daabboo Dinqiidhaan Argamerraa Maal Baranna?

“Ani nyaata jireenyaa ti. Namni gara koo dhufu hundi matumaa hin beelaʼu.”YOH. 6:35.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti seenaa Yohaannis boqonnaa 6 irratti argamuu fi Yesuus daabboo fi qurxummii baayʼisuudhaan namoota hedduu kan soore akkamitti akka taʼe ibsurraa maal akka barannu ilaalla.

1. Namoota bara duriitti jiraataniif daabboon hammam barbaachisaa ture?

 NAMOONNI bara duriitti jiraatan hedduun nyaannisaanii inni guddaan daabboo ture. (Uma. 14:18; Luq. 9:3) Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko akka walii galaatti nyaata ibsuuf jecha daabboo jedhutti fayyadama. (1 Mot. 17:11, 12) Yesuusis dinqiiwwan beekamoo taʼan lama kan raawwate daabbootti fayyadameeti. (Mat. 16:9, 10) Seenaawwan kana keessaa tokko Yohaannis boqonnaa 6 irratti argama. Seenaa kana qoruun keenya barumsa yeroo harʼaatti hojiirra oolchuu dandeenyu argachuuf nu gargaara.

2. Namoonni kumaan lakkaaʼaman sun nyaanni kan isaan barbaachise yoom ture?

2 Ergamoonni Yesuus duula lallabaatii erga deebiʼanii booda akka boqotaniif Yesuus bidiruudhaan Galaana Galiilaa gamatti isaan geesse. (Mar. 6:7, 30-32; Luq. 9:10) Bakka namni hin jirree fi naannoo Beetasaayidaatti argamu tokko deeman. Utuma baayʼee hin turin garuu namoonni kumaan lakkaaʼaman garasaa dhufan. Yesuus calluma jedhee isaan hin ilaalle. Kanaa mannaa, yeroo ramadee waaʼee Mootummichaa isaan barsiiseera, akkasumas warra dhukkubsatan fayyiseera. Yeroo dhihu barattoonnisaa, ‘Namoonni kun hundi nyaata akkamitti argachuu dandaʼu laata?’ jedhanii yaaddaʼan. Isaan keessaa tokko tokko nyaata xinnoo qabatanii taʼuu dandaʼa; baayʼeen isaanii garuu gara gandeenii deemanii nyaata bitachuu qabu. (Mat. 14:15; Yoh. 6:4, 5) Maarree Yesuus maal godhe?

YESUUS DINQIIDHAAN DAABBOO QOPHEESSE

3. Yesuus ergamoonnisaa uummatichaaf maal akka godhan ajaje? (Fakkiis ilaali.)

3 Yesuus ergamootasaatiin, “Deemuun isaan hin barbaachisu; isinumti wanta nyaatan kennaafii” jedhe. (Mat. 14:16) Kun waan hin dandaʼamne fakkaata ture; namoonni sun gara nama 5,000 turan. Dubartootaa fi ijoollee dabalateemmoo gara nama 15,000 taʼu. (Mat. 14:21) Indiriyaas, “Mucaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hammanaatiif akkamitti gaʼa?” jedhe. (Yoh. 6:9) Daabboo garbuu yeroo baayʼee kan nyaatu namoota hiyyeeyyii taʼanidha; qurxummii xinnoon sunimmoo soogiddi itti godhamee kan gogfame taʼuu hin oolu. Taʼus, nyaanni mucaan sun qabate namoota hedduu sana akka hin geenye ifadha.

Yesuus uummatichaaf wanta karaa hafuuraa fi karaa foonii isaan barbaachisu isaaniif guuteera (Keeyyata 3 ilaali)


4. Yohaannis 6:11-13 irraa maal baranna? (Fakkiiwwanis ilaali.)

4 Yesuus uummatichatti gaarummaa argisiisuu waan barbaadeef tuuta tuutaan margarra akka tataaʼan ajaje. (Mar. 6:39, 40; Yohaannis 6:11-13 dubbisi.) Achiis daabboo fi qurxummii sanaaf Abbaasaa galateeffate. Maddi nyaata kanaa isa waan taʼeef Waaqa galateeffachuunsaa sirriidha. Kun nutis kophaa keenyas taʼe yeroo namoota wajjin taanu nyaachuu keenya dura kadhachuun barbaachisaa taʼuusaa nu yaadachiisa. Sana booda Yesuus barattoonnisaa nyaata sana uummatichaaf akka hiran godhe, isaanis nyaatanii quufan. Hambaan isaanirraa hafellee jira ture, Yesuus hambaan kun akka lafatti badu hin barbaanne. Kanaafuu, akka walitti qabamu godhe; kanas kan godhe yeroo booda akka nyaataniif taʼuu dandaʼa. Yesuus wanta qabnutti ogummaadhaan fayyadamuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Warra yoo taatan, ijoollee keessan wajjin seenaa kana qoʼachuudhaan kadhannaa, keessummaa simachuu fi arjummaa argisiisuu ilaalchisee barumsa akkamii akka irraa argattan mariʼachuu dandeessu.

‘Nyaata dura kadhachuudhaan fakkeenya Yesuus hordofaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu (Keeyyata 4 ilaali)


5. Uummatichi wanta Yesuus raawwate erga arganii booda maal godhan? Yesuus hoo maal godhe?

5 Uummatichi akkaataa Yesuus itti barsiisuu fi dinqiiwwan inni raawwate yeroo argan baayʼee ajaaʼibsiifatan. Museen Waaqayyo raajii addaa tokko akka isaaniif kaasu akka dubbate waan beekaniif, ‘Yesuus raajii sana taʼinnaa laata?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. (Kes. 18:15-18) Tarii Yesuus bulchaa dinqisiisaa guutummaa sabichaatiif nyaata dhiheessuu dandaʼu akka taʼu isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, uummatichi Yesuusiin “qabanii mootii isa gochuu” barbaadan. (Yoh. 6:14, 15) Yesuus kun akka taʼu yoo heyyame siyaasa Yihudoota bulchiinsa Roomaa jala jiranii keessa galuu isatti taʼa ture. Inni garuu akkas hin goone. Kitaabni Qulqulluun Yesuus, “Gara gaaraatti ol baʼe” jedha. Kanaafuu, dhiibbaan kan isarratti godhame taʼus siyaasa keessa hin galle. Kanarraa barumsa guddaa arganna.

6. Fakkeenya Yesuus hordofuu akka barbaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

6 Namoonni daabboo dinqiidhaan akka baayʼisnu ykn nama dhukkubsate akka fayyisnu akka nu hin gaafanne, akkasumas mootii ykn bulchaa nu gochuuf akka hin yaalle beekamaadha. Garuu nama jijjiirama akka fidu isaanitti dhagaʼamu tokko filachuudhaan ykn deeggaruudhaan siyaasa keessa akka gallu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼu. Haa taʼu malee, wanta Yesuus godhe haa yaadannu. Dhimmoota siyaasaa keessa galuurraa of qusateera, akkasumas, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedheera. (Yoh. 17:14; 18:36) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jirrus ilaalchasaa qabaachuu fi fakkeenyasaa hordofuu qabna. Mootummaa kana ni deeggarra, waaʼeesaa dhugaa ni baana, akka dhufus ni kadhanna. (Mat. 6:10) Mee seenaa Yesuus dinqiidhaan daabboo akka qopheesse ibsurraa barumsa argannu kan biraa haa ilaallu.

Yesuus sirna siyaasaa Yihudootaa ykn warra Roomaa keessa seenuu dhiisuudhaan duuka buutotasaatiif fakkeenya taʼeera (Keeyyata 6 ilaali)


“HIIKA DAABBOO SANAA”

7. Yesuusii fi ergamoonnisaa maal godhan? (Yohaannis 6:16-20)

7 Yesuus uummaticha erga sooree booda ergamoonnisaa bidiruudhaan gara Qifirnaahomitti akka deebiʼan godhe; innimmoo uummatichi mootii akka isa hin gooneef gara gaaraatti ol baʼe. (Yohaannis 6:16-20 dubbisi.) Ergamoonnisaa bidiruudhaan deemaa utuu jiranii bubbee jabaan bubbisaa waan tureef dambalii cimaan ni kaʼe. Yeroo kanatti Yesuus bishaanirra deemaa garasaanii dhufe. Achiis bishaanirra deemee garasaa akka dhufu Pheexiros ergamaatti hime. (Mat. 14:22-31) Yeroo Yesuus bidiruu sana yaabbatu bubbeen sun ni dhaabbate. Barattoonnisaas ajaaʼibsiifatanii, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhan. a (Mat. 14:33) Taʼus, isaan dinqiin kunii fi dinqiin sana dura raawwatame walitti dhufeenya akkamii akka qabu hin hubanne turan. Maarqos akkana jedheera: “[Ergamoonni] baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, isaan hiika daabboo sanaa hin hubanne turan; kanaa mannaa garaan isaanii amma iyyuu hubachuu dadhabee ture.” (Mar. 6:50-52) Eeyyee, ergamoonnisaa Yihowaan dinqii akka raawwatuuf Yesuusiif humna hammamii akka kenne utuu hin hubatin hafaniiru. Utuma baayʼee hin turin garuu Yesuus waaʼee dinqii sanaa kaasuudhaan barumsa irraa argannu ifa godheera.

8-9. Uummatichi Yesuusiin argachuuf kan yaalan maaliifi? (Yohaannis 6:26, 27)

8 Uummanni Yesuus dinqiidhaan soore sun fedhii fooniisaanii guuttachuurratti xiyyeeffatanii turan. Akkamitti? Guyyaa ittaanutti Yesuusii fi ergamoonnisaa naannoo sanaa akka deeman hubatan. Kanaafuu, uummatichi bidiruuwwan Xiberiyaasii dhufan yaabbatanii Yesuusiin barbaaduuf gara Qifirnaahom deeman. (Yoh. 6:22-24) Kana kan godhan waaʼee Mootummichaa caalaatti barachuu barbaadaniitii? Lakki. Adda durummaadhaan Yesuus nyaata akka isaaniif kennu barbaadaniiti. Kana akkamitti beekna?

9 Uummatichi Qifirnaahom biratti Yesuusiin yeroo argatanitti wanta taʼe hubadhu. Yesuus wanti isaan barbaadan inni guddaan fedhii fooniisaanii guuttachuu akka taʼe ifatti dubbateera. Namoonni sun ‘daabboo nyaatanii kan quufan’ taʼus, nyaanni kun “nyaata badu” akka taʼe beeka. “Nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf” akka hojjetan isaan jajjabeesseera. (Yohaannis 6:26, 27 dubbisi.) Yesuus Abbaansaa nyaata akkasii akka qopheessu dubbateera. Nyaanni jireenya barabaraa argamsiisuu dandaʼa yaanni jedhu isaan ajaaʼibsiisee taʼuu dandaʼa. Nyaanni jireenya barabaraa argamsiisuu dandaʼu kan akkamiiti? Nyaata kana argachuu kan dandaʼanoo akkamitti?

10. Namoonni “jireenya bara baraa” argachuuf maal gochuu qabu?

10 Yihudoonni sun nyaata akkasii argachuuf hojii tokko tokko hojjechuun akka isaan barbaachisu isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Waaʼee ‘hojiiwwan’ Seera Musee keessatti ibsamanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus, “Hojii Waaqayyoo hojjechuuf, isa inni ergetti amanuu qabdu” isaaniin jedheera. (Yoh. 6:28, 29) “Jireenya bara baraa” argachuuf bakka buʼaa Waaqayyoorratti amantii qabaachuun barbaachisaadha. Yesuusiyyuu sana dura waaʼee kanaa dubbateera. (Yoh. 3:16-18, 36) Yeroo boodas jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti ibseera.—Yoh. 17:3.

11. Yihudoonni wanti isaan barbaadan nyaata argachuu qofa akka taʼe kan argisiisan akkamitti? (Faarfannaa 78:24, 25)

11 Yihudoonni barumsa Yesuus “hojii Waaqayyoo” isa haaraa ilaalchisee barsiise hin fudhanne. “Akka nuti arginee si amannuuf, dinqii akkamii raawwatta?” jedhanii isa gaafatan. (Yoh. 6:30) Abbootiin isaanii bara Museetti mannaa isa akkuma daabboo guyyaa guyyaadhaan nyaachaa turan akka argatan dubbatan. (Nah. 9:15; Faarfannaa 78:24, 25 dubbisi.) Kanaafuu, ammas kan isaan yaaddessu waaʼee nyaata argachuu qofa ture. Yesuus Yihowaan “samii irraa nyaata isa dhugaa” isa jireenya barabaraa argamsiisu akka isaaniif kennu yeroo dubbatu maal jechuusaa akka ture isa hin gaafanne. (Yoh. 6:32) Wanta karaa foonii isaan barbaachisurratti garmalee waan xiyyeeffataniif dhugaawwan hafuuraa Yesuus isaan barsiisuuf yaalaa ture hin hubanne. Seenaa kanarraa maal baranna?

WANTA DURSA KENNUUFII QABNU

12. Yesuus wanti dursi kennamuufii qabu maal akka taʼe kan argisiise akkamitti?

12 Barumsi ijoon Yohaannis boqonnaa 6 irraa argannu kanadha: Wanti dursa kennuufii qabnu fedhii hafuuraa keenyadha. Yesuus yeroo Seexanni isa qoretti kana ifa godheera. (Mat. 4:3, 4) Lallaba Gaaraarrattis fedhii hafuuraatiif dursa kennuun barbaachisaa taʼuusaa addeesseera. (Mat. 5:3) Kanaafuu, ‘Akkaataan jireenyaa koo fedhii fooniitiif utuu hin taʼin fedhii hafuuraatiif dursa akkan kennu argisiisaa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.

13. (a) Nyaata nyaachuutti gammaduun dogoggora kan hin taane maaliifi? (b) Maalirratti of eeggannoo gochuu qabna? (1 Qorontos 10:6, 7, 11)

13 Wantoota karaa foonii nu barbaachisan argachuuf kadhachuunis taʼe wantoota kanatti gammaduun dogoggora miti. (Luq. 11:3) Jabaannee hojjechuun keenya “nyaachuu, dhuguu” fi gammaduuf nu dandeessisa; kunimmoo “harka Waaqa dhugaa irraa kan [argamudha].” (Lal. 2:24; 8:15; Yaq. 1:17) Taʼus wantoota fooniitiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu qabna. Wanta Phaawulos ergamaan Kiristiyaanotaaf barreesserraa kana hubachuu dandeenya. Wanta Gaara Siinaa biratti taʼe dabalatee seenaa Israaʼelotaa caqaseera. “Akkuma [Israaʼelonni] wanta hamaa hawwan [isaanis] wanta hamaa akka hin hawwine” Kiristiyaanota akeekkachiiseera. (1 Qorontos 10:6, 7, 11 dubbisi.) Israaʼelonni nyaata argachuuf baayʼee waan hawwaniif nyaanni Yihowaan dinqiidhaan isaaniif kenne “wanta hamaa” isaanitti taʼeera. (Lak. 11:4-6, 31-34) Yeroo jabbii warqii sana waaqeffatanittis nyaachaa, dhugaa fi sirbaa turan. (Bau. 32:4-6) Phaawulos seenaa isaaniitti fayyadamee Kiristiyaanota dhuma sirna Yihudootaa keessa jiraachaa turan akeekkachiiseera; sirni Yihudootaa kan balleeffame Dh.K.B. bara 70​tti ture. Nutis dhuma sirna kanaa keessa jiraachaa waan jirruuf gorsa Phaawulos kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya gaariidha.

14. Nyaata wajjin haala wal qabateen addunyaa haaraa keessatti maal eeguu dandeenya?

14 Yesuus, “Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni” jennee akka kadhannu yeroo barsiisetti, “Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu” jennee akka kadhannu barsiiseera. (Mat. 6:9-11) Yeroo sanatti addunyaan kun maal fakkaata? Fedhiin Waaqayyoo lafarratti nyaanni gaariin akka jiraatu gochuu akka dabalatu Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. Isaayyaas 25:6-8 akka jedhutti Mootummaa Yihowaa jalatti namoonni nyaata gaarii hedduu ni argatu. Faarfannaan 72:16, “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa” jedha. Midhaan sana keessaa tokko tokkotti fayyadamtee daabboo jaallattu tolchuuf ykn nyaata haaraa qopheessuuf ni hawwitaa? Firii wayinii ofuma keetiin dhaabde nyaachuus ni dandeessa. (Isa. 65:21, 22) Wantoota kanatti kan gammadu garuu si qofa miti.

15. Namoonni duʼaa kaafaman maal baratu? (Yohaannis 6:35)

15 Yohaannis 6:35 dubbisi. Mee waaʼee namoota daabboo fi qurxummii Yesuus qopheesse sana nyaatanii yaadi. Yeroo duʼaa kaʼuutti isaan keessaa tokko tokko wajjin wal arguu dandeessa. Baayʼeensaanii Yesuusitti kan hin amanne taʼus duʼaa kaʼuu dandaʼu. (Yoh. 5:28, 29) Taʼus wanti Yesuus, “Ani nyaata jireenyaa ti. Namni gara koo dhufu hundi matumaa hin beelaʼu” jechuudhaan dubbate hiika akkamii akka qabu barachuu qabu. Aarsaa furii Yesuusirratti amantii qabaachuu, jechuunis isaaniif jecha lubbuusaa dabarsee akka kenne amanuu qabu. Yeroo sanatti namoota duʼaa kaafamanii fi ijoollee yeroo sana dhalatan barsiisuuf sagantaan barumsaa ni qophaaʼa. Sagantaa barnootaa sanarratti hirmaachuun baayʼee nu gammachiisa. Addunyaa haaraa keessatti namoota waaʼee Yihowaa barsiisuun nyaata miʼaawaa kamiyyuu nyaachuu caalaa gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.

16. Mata duree ittaanurratti waaʼee maalii baranna?

16 Seenaa Yohaannis boqonnaa 6​rratti galmeeffame hamma tokko ilaalleerra; taʼus Yesuus “jireenya bara baraa” ilaalchisee wanti barsiise kan biraanis jira. Yihudoonni sun wanta inni dubbate xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qabu turan; nutis akkasuma gochuu qabna. Mata duree ittaanurratti Yohaannis boqonnaa 6 qoruu keenya itti fufna.

FAARFANNAA 20 Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte

a Seenaa nama hawwatu kana ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya, ful. 131 fi Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa, ful. 214 ilaali.