Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 49

FAARFANNAA 147 Bara Baraaf Jiraachuuf Abdii Qabna

Jireenya Barabaraa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Jireenya Barabaraa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa [qabaata].”YOH. 6:40.

YAADA IJOO

Dibamtoonnis taʼan hoolonni kan biroon aarsaa Yesuus Kiristoosirraa faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Namoonni tokko tokko barabaraaf jiraachuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

 NAMOONNI hedduun fayya buleeyyii taʼanii jiraachuu waan barbaadaniif wanta sooratan of eeggannoodhaan filatu, akkasumas yeroo baayʼee sochii qaamaa gochuuf yaalu. Taʼus, barabaraafan jiraadha jedhanii hin yaadan. Dullumni dhiphina guddaa akka geessisu waan beekaniif, barabaraaf jiraachuun wanta hin fakkaannee fi nuffisiisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, Yesuus ilmaan namootaa “jireenya bara baraa” argachuu akka dandaʼan Yohaannis 3:16 fi 5:24 irratti ifatti dubbateera.

2. Yohaannis boqonnaan 6 jireenya barabaraa ilaalchisee maal jedha? (Yohaannis 6:39, 40)

2 Gaaf tokko Yesuus namoota kumaan lakkaaʼamaniif dinqiidhaan daabboo fi qurxummii kennee ture. a Kun wanta ajaaʼibsiisaa taʼedha; wanti guyyaa itti aanee jirutti dubbate garuu kana caalaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Namoonni hedduun sun isa duukaa buʼanii gara Qifirnaahom ishii qarqara Galaana Galiilaa biratti argamtu deemanii turan; achittis namoonni duʼan duʼaa kaafamanii barabaraaf akka jiraatan isaanitti hime. (Yohaannis 6:39, 40 dubbisi.) Mee waaʼee michootaa fi firoota si jalaa duʼanii yaadi. Wanti Yesuus dubbate namoonni duʼan hedduun akka duʼaa kaʼanii fi atis namoota jaallattu wajjin barabaraaf jiraachuu akka dandeessu siif mirkaneessa! Haa taʼu malee, namoonni hedduun wanta Yesuus Yohaannis boqonnaa 6 irratti ittaansee dubbate hubachuun isaanitti ulfaatee ture. Mee wanta Yesuus dubbate haa qorru.

3. Yohaannis 6:51 akka jedhutti Yesuus waaʼee ofiisaa maal jedhe?

3 Namoonni hedduun Qifirnaahom keessa turan sun daabboon Yesuus isaaniif kennee fi mannaan Yihowaan abbootiisaaniitiif kenne akkamitti akka wal fakkaatu hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun mannaan ‘nyaata samii irraa isaaniif kenname’ akka taʼe dubbata. (Far. 105:40; Yoh. 6:31) Yesuus yaada kanarratti hundaaʼuudhaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼe tokko dubbate. Mannaan nyaata dinqiidhaan Waaqayyo biraa argame taʼus, namoonni isa soorachaa turan yeroo booda duʼaniiru. (Yoh. 6:49) Yesuus faallaa kanaatiin inni ‘nyaata isa dhugaa samii irraa dhufu,’ ‘nyaata Waaqayyoo,’ akkasumas “nyaata jireenyaa” akka taʼe ibseera. (Yoh. 6:32, 33, 35) Yesuus garaagarummaa guddaa mannaa fi ofiisaa gidduu jiru ifa godheera. Akkana jedheera: “Nyaanni jiraataan samii irraa buʼe ana dha. Namni nyaata kana irraa sooratu hundi bara baraaf ni jiraata.” (Yohaannis 6:51 dubbisi.) Yeroo akkana jedhu Yihudoonni sun ni burjaajaʼan. Yesuus inni “nyaata” samiirraa dhufee fi mannaa Waaqayyo abbootiisaaniitiif dinqiidhaan kennerra caalu akka taʼe dubbachuu kan dandaʼe akkamitti? Yesuus ittaansuudhaan, “Nyaanni ani kennu immoo foon [kooti]” isaaniin jedhe. Maal jechuusaati? Deebiin gaaffii kanaa nutis taane namoonni jaallannu jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ifa waan nuu godhuuf, Yesuus maal jechuusaa akka taʼe beekuu barbaanna. Maal jechuusaa akka taʼe mee haa ilaallu.

NYAATA JIRAATAA FI FOONSAA

4. Namoonni tokko tokko wanti Yesuus dubbate kan isaan naasise maaliifi?

4 Namoota isa dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko Yesuus ‘addunyaan jireenya akka argatuuf foon isaa akka kennu’ yeroo dubbatu baayʼee naʼan. Akkas kan isaanitti dhagaʼame akka nyaataniif kallattiidhaan foonumasaa akka isaaniif kennu waan yaadaniif taʼuu dandaʼa. (Yoh. 6:52) Achiis Yesuus wanta caalaatti isaan naasisu dubbate; “Foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee, of keessaa jireenya hin qabaattan” isaaniin jedhe.—Yoh. 6:53.

5. Yesuus namoonni kallattiidhaan dhiigasaa akka dhugan dubbachuusaa akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

5 Yeroo dheeraa dura, bara Nohitti Waaqayyo namoonni dhiiga akka hin nyaanne dhowwee ture. (Uma. 9:3, 4) Yihowaan dhorkaa kana Seera Israaʼelotaaf kennerrattis irra deebiʼeera. Namni dhiiga nyaatu hundi ‘ni ajjeefamaʼ ture. (Lew. 7:27, milj.) Yesuusis Seericha akka eegan barsiiseera. (Mat. 5:17-19) Kanaafuu, namoonni sun kallattiidhaan foonsaa akka nyaatan ykn dhiigasaa akka dhugan matumaa akka hin jajjabeessine ifadha. Kanaa mannaa, yaada baramaa hin taane kanatti fayyadamee “jireenya bara baraa” argachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barsiisaa ture.—Yoh. 6:54.

6. Yaada Yesuus foonsaa nyaachuu fi dhiigasaa dhuguu ilaalchisee dubbate akkamitti hubachuu qabna?

6 Ergaan Yesuus maal ture? Ifatti akka hubannutti, Yesuus akkuma sana dura yeroo dubartii Samaariyaa takka haasofsiisetti godhe fakkeenyaan dubbachaa ture; dubartii sanaan akkana jedheera: “Namni bishaan ani isaaf kennu irraa dhugu hundi garuu matumaa hin dheebotu; kanaa mannaa, bishaan ani isaaf kennu sun isa keessatti burqaa bishaanii jireenya bara baraa kennuuf burqu ni taʼa.” (Yoh. 4:7, 14) b Yesuus yeroo akkas jedhu dubartiin sun kallattiidhaan bishaan dhuguudhaan jireenya barabaraa akka argattu dubbachuusaa hin turre. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni Qifirnaahomitti isa dhaggeeffachaa turan kallattiidhaan foonsaa yoo nyaatanii fi dhiigasaa yoo dhugan jireenya barabaraa akka argatan dubbachuusaa hin turre.

GARAAGARUMMAA YEROOWWAN LAMAAN GIDDUU JIRU

7. Yaada Yesuus Yohaannis 6:53 irratti dubbate ilaalchisee namoonni tokko tokko maal jedhu?

7 Yesuus Irbaata Gooftaa ilaalchisees wanta wal fakkaatu waan dubbateef, namoonni tokko tokko yaanni inni Yohaannis 6:53 irratti foonsaa nyaachuu fi dhiigasaa dhuguu ilaalchisee dubbate wanta Irbaata Gooftaarratti godhamuuf fakkeenya akka taʼu dubbatu. (Mat. 26:26-28) Namoonni kun namni Irbaata Gooftaarratti argamu hundi maxinoo fi wayinii dhihaaturraa hirmaachuu akka qabu isaanitti dhagaʼama. Garuu kun sirriidhaa? Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ayyaana kanarratti nu faana waan argamaniif waaʼee kanaa beekuun keenya barbaachisaadha. Wanta Yesuus Yohaannis 6:53 irratti dubbatee fi Irbaata Gooftaarratti dubbate gidduu garaagarummaan akkamii akka jiru haa ilaallu.

8. Yaadawwan Yesuus dubbate lamaan gidduu garaagarummaa akkamiitu jira? (Fakkiiwwanis ilaali.)

8 Mee garaagarummaa yaadawwan Yesuus dubbate gidduu jiru lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yesuus yaada Yohaannis 6:53-56 irratti galmeeffame kan dubbate yoomii fi eessatti? Yesuus yaada kana kan dubbate Yihudoota Dh.K.B. bara 32​tti Galiilaa keessatti walitti qabamanii turanittidha. Kunis Yerusaalem keessatti Irbaata Gooftaa hundeessuusaa gara waggaa tokkoo dura jechuudha. Lammaffaa, eenyutti dubbachaa ture? Namoonni Galiilaa keessatti isa dhaggeeffachaa turan hedduun fedhii hafuuraasaanii guuttachuu caalaa wanta karaa foonii isaan barbaachisu argachuusaaniitu isaan yaaddessa ture. (Yoh. 6:26) Wanta Yesuus dubbate hubachuun yeroo isaan rakkisetti amantiin isarratti qaban yeruma sana bade. Barattoonnisaa tokko tokkollee isa duukaa buʼuu dhiisaniiru. (Yoh. 6:14, 36, 42, 60, 64, 66) Haala kana wanta gara waggaa tokkoo booda Dh.K.B. bara 33​tti taʼe wajjin wal bira qabi. Yeroo kanatti ergamoonnisaa amanamoon 11 wanti inni sana dura barsiisaa ture guutummaatti isaanii galuu baatus isa wajjin turan. Taʼus, namoota Galiilaa keessa turan hedduurraa haala adda taʼeen, ergamoonnisaa amanamoon sun Yesuus Ilma Waaqayyoo samiirraa dhufe akka taʼe mirkanaaʼoo turan. (Mat. 16:16) Innis, “Isin qorumsa koo keessatti ana irraa adda hin baane” jedhee isaan galateeffateera. (Luq. 22:28) Garaagarummaa lamaan kana ilaaluun keenya qoftillee yaanni Yesuus Yohaannis 6:53 irratti dubbate wanta Irbaata Gooftaarratti raawwatamuuf fakkeenya akka hin taane ifa nuu godha. Garuu ragaa dabalataas qabna.

Yohaannis boqonnaan 6 wanta Yesuus Galiilaa keessatti namoota hedduu walitti qabamanii turanitti dubbate qabateera (bitaa). Waggaa tokko boodammoo Yerusaalem keessatti garee xinnoo ergamootasaa amanamoo 11 of keessatti qabatetti dubbate (mirga) (Keeyyata 8 ilaali)


SIINIS NI ILAALLATA

9. Yaanni Yesuus Irbaata Gooftaarratti dubbate garee isa kam ilaallata?

9 Yesuus Irbaata Gooftaarratti ergamootasaatiif maxinoo erga kennee booda akka foonsaa bakka buʼu isaanitti himeera. Achiis wayinii erga isaaniif kennee booda “dhiiga kakuu” akka argisiisu isaanitti hime. (Mar. 14:22-25; Luq. 22:20; 1 Qor. 11:24) Kun yaada barbaachisaa taʼedha. Kakuu haaraan kan galamu “mana Israaʼel [hafuuraa]” warra “Mootummaa Waaqayyoo keessatti” Yesuus faana taʼan wajjin malee ilmaan namootaa hunda wajjin miti. (Ibr. 8:6, 10; 9:15) Ergamoonni sun yeroo sanatti yaanni kun isaaniif hin galle; utuma baayʼee hin turin garuu hafuura qulqulluudhaan dibamanii kutaa kakuu haaraa warra samii keessatti Yesuus wajjin bulchanii taʼaniiru.—Yoh. 14:2, 3.

10. Wanti Yesuus Galiilaa keessatti dubbatee fi wanti inni Irbaata Gooftaarratti dubbate garaagarummaa kan biraa akkamii qaba? (Fakkichas ilaali.)

10 Irbaata Gooftaarratti Yesuus dubbachaa kan ture ‘tuuta xinnootti’ akka taʼe hubadhu. Kutaan garee xinnoo sanaa warri jalqabaa ergamootasaa amanamoo warra kutaa sana keessa isa faana turanidha. (Luq. 12:32) Isaanii fi namoonni garee sana keessatti hammataman kan biroon maxinoo fi wayinii sanarraa akka hirmaatan isaanirraa eegama. Yesuus faana samii keessa kan taʼan isaani. Garaagarummaan wanta inni yeroo kanatti ergamootasaatiin jedhee fi namoota hedduu Galiilaa keessa turaniin jedhe gidduu jiru kan biraan kanadha; wanti Yesuus Irbaata Gooftaarratti dubbate garee namoota muraasa qofa of keessatti qabate ilaallata. Wanti inni Galiilaa keessatti dubbate garuu namoota hedduu ilaallata.

Namoonni maxinoo fi wayinicharraa hirmaatan muraasadha, taʼus namni hundi Yesuusitti amanuudhaan jireenya barabaraa argachuu ni dandaʼa (Keeyyata 10 ilaali)


11. Wanti Yesuus Galiilaa keessatti dubbatee fi inni namoota muraasa qofatti dubbachaa akka hin turre argisiisu isa kami?

11 Yesuus Dh.K.B. bara 32​tti yeroo Galiilaa keessa turetti, dubbachaa kan ture Yihudoota daabboo akka isaaniif kennu barbaadanittidha. Namoonni sun wanta nyaata foonii caalaa barbaachisaa taʼerratti akka xiyyeeffatan barbaadee ture. Innis qophii jireenya barabaraa isaaniif argamsiisuu dandaʼudha. Yesuus namoonni duʼan guyyaa dhumaatti duʼaa kaʼanii barabaraaf jiraachuu akka dandaʼanis dubbateera. Akka Irbaata Gooftaarratti dubbatetti, yeroo kanatti kan dubbate waaʼee eebba namoonni muraasni qofti argatanii miti. Kanaa mannaa, eebba namoonni hundi argachuu dandaʼanirratti xiyyeeffateera. Akkana jedheera: “Namni nyaata kana irraa sooratu hundi bara baraaf ni jiraata; nyaanni ani kennu immoo foon koo isa ani addunyaan jireenya akka argatuuf kennu dha.”—Yoh. 6:51. c

12. Faayidaa Yesuus ibse argachuuf maaltu barbaachisa?

12 Yesuus Yihudoota Galiilaa keessa turaniin, ‘Namni hamma ammaatti jiraachaa ture ykn namni dhalate hundi eebba kana ni argata’ hin jenne. Eebba kana kan argatu nama “nyaata kana irraa sooratu,” jechuunis nama Yesuusitti amanu qofadha. Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun fayyuuf ‘Yesuusitti amanuu’ fi akka fayyisaa isaaniitti isa ilaaluun qofti gaʼaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. (Yoh. 6:29) Taʼus, namoota hedduu sana keessaa warri Yesuusitti amananii turan tokko tokko isa dhiisaniiru. Maaliif?

13. Dhugumaan barattoota Yesuus taʼuuf maaltu barbaachisa?

13 Namoonni Yesuus nyaata isaaniif kenne hedduun hamma inni wanta barbaadan isaaniif kennetti isa duukaa buʼuuf fedhii qabu turan. Dinqiidhaan akka isaan fayyisu, tolaan nyaata akka isaaniif kennuu fi wantuma isaan gammachiisu akka isaan barsiisu barbaadanii turan. Haa taʼu malee, Yesuus namoota dhugumaan barattootasaa taʼanirraa wanti eegamu akka jiru ifa godhe. Gara lafaa kan dhufe wantuma isaan barbaadan isaaniif guutuuf miti. Wanta inni barsiisu hundaaf ajajamuudhaan affeerraa inni, “Gara koo [kottaa]” jechuudhaan dhiheesse fudhachuu qabu.—Yoh. 5:40; 6:44.

14. Foonii fi dhiiga Yesuusirraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna?

14 Yesuus amantii akka qaban argisiisuun akka isaan barbaachisu ifatti isaanitti himeera. Maal amanuu qabu? Foonii fi dhiigni inni yeroo booda aarsaa godhu namoota furuuf humna akka qabu amanuu qabu. Yihudoonni sun amantii akkasii qabaachuun isaan barbaachisa ture, nutis amantii akkasii qabaachuu qabna. (Yoh. 6:40) Eeyyee, akkuma Yohaannis 6:53 irratti ibsametti foonii fi dhiiga Yesuusirraa faayidaa argachuuf furicharratti amantii qabaachuu qabna. Namoonni eebba kana argachuu dandaʼan lakkoofsisaanii hin daangeffamne.—Efe. 1:7.

15-16. Yohaannis boqonnaa 6 irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

15 Yaanni Yohaannis boqonnaa 6 irratti argamu nuufis taʼe namoota jaallannuuf faayidaa guddaa argamsiisa. Yesuus namootaaf baayʼee akka yaadu baranna. Yeroo Galiilaa keessa turetti namoota dhukkubsatan fayyiseera, waaʼee Mootummichaa barsiiseera, akkasumas namootaaf nyaata kenneera. (Luq. 9:11; Yoh. 6:2, 11, 12) Hunda caalaammoo, inni “nyaata jireenyaa” akka taʼe dubbateera.—Yoh. 6:35, 48.

16 Warri “hoolota kan biroo” akka taʼanitti ibse maxinoo fi wayinii Irbaata Gooftaarratti waggaa waggaadhaan dhihaaturraa hin hirmaatan, hirmaachuus hin qaban. (Yoh. 10:16) Haa taʼu malee, foonii fi dhiiga Yesuus Kiristoosirraa faayidaa ni argatu. Kanas kan isaaniif argamsiisu humna aarsaansaa ilmaan namootaa furuuf qaburratti amantii qabaachuu isaaniiti. (Yoh. 6:53) Warri maxinoo fi wayinicharraa hirmaatan garuu, kakuu haaraa Mootummaa samii dhaaluuf abdii akka qabaatan godhu keessatti akka hammataman argisiisu. Kanaafuu, dibamtootas taane hoolota kan biroo seenaa Yohaannis boqonnaa 6 irratti galmeeffamerraa barumsa guddaa arganna. Jireenya barabaraa argachuuf furicharratti amantii cimaa qabaachuun akka nu barbaachisu baranneerra.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

a Yohaannis 6:5-35 mata duree darberratti ibsameera.

b Bishaan Yesuus fakkeenyaan ibse qophii Yihowaan jireenya barabaraa akka argannuuf godhe argisiisa.

c Yohaannis boqonnaan 6 namoota abdii jireenya barabaraa qabaachuu dandaʼan ilaalchisee jecha “hundi” jedhutti fayyadama.—Yoh. 6:35, 40, 47, 54, 56-58.