Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADAWWAN QOʼANNAADHAAF TAʼAN

Namoonni Amanamoon Wareegasaanii ni Raawwatu

Namoonni Amanamoon Wareegasaanii ni Raawwatu

Wareega raawwachuu ilaalchisee seenaa Yiftaa fi intalasaarraa barumsa argachuuf Abbootii Murtii 11:30-40 dubbisi.

Yaada naannoosaa jirurratti yaadi. Israaʼelonni amanamoon wareega Yihowaadhaaf wareegan akkamitti ilaalu turan? (Lak. 30:2) Yiftaanii fi intallisaa Yihowaarratti amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti?—Abo. 11:9-11, 19-24, 36.

Gadi fageenyaan qoradhu. Yiftaan yommuu wareegasaa wareegetti maal sammuutti qabatee ture? (w16.04 7 key. 12) Yiftaanii fi intallisaa wareegasaanii raawwachuuf aarsaa akkamii kaffalaniiru? (w16.04 7-8 key. 14-16) Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti waadaa akkamii galuu dandaʼu?—w17.04 5-8 key. 10-19.

Barumsa argattu adda baafadhu. Akkana jedhii of gaafadhu:

  • ‘Waadaan yeroon of murteessetti gale eeguuf maaltu na gargaara?’ (w20.03 13 key. 20)

  • ‘Yihowaa caalaatti tajaajiluuf aarsaa akkamiin kaffaluu dandaʼa?’

  • ‘Waadaan hiriyaa gaaʼelaa kootiif gale yeroo hunda eeguuf maaltu na gargaara?’ (Mat. 19:5, 6; Efe. 5:28-33)