MATA DUREE QOʼANNAA 50
FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’
Warri, Ijoolleen Keessan Amantiisaanii Akka Cimsatan Gargaaraa
“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne [mirkaneeffadhaa].”—ROM. 12:2.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti warri ijoolleesaanii wajjin haasaʼuu fi amantii Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluurratti qaban akka cimsatan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. Warri ijoolleensaanii Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii yeroo kaasan maaltu isaanitti dhagaʼamuu qaba?
NAMOONNI baayʼeen ijoollee guddisuun carraaqqii guddaa akka gaafatu irratti walii galu. Warra yoo taatan, carraaqqii ijoolleen keessan amantii cimaa akka qabaatan gargaaruuf gootaniif baayʼee isin galateeffanna. (Kes. 6:6, 7) Ijoolleen keessan guddachaa yeroo deeman, ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu dabalatee wantoota itti amannu ilaalchisee gaaffilee ciccimoo isin gaafachuu dandaʼu.
2 Jalqabarratti, ijoolleen keessan gaaffii kaasuun isaanii isin yaaddessa taʼa. Tarii amantiinsaanii laafaa akka jiru isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu, ijoolleen amantiinsaanii cimuu kan dandaʼu gaaffii kan gaafatan yoo taʼedha. (1 Qor. 13:11) Kanaafuu, wanti isin sodaachisu hin jiru. Yeroo ijoolleen keessan wantoota itti amannu ilaalchisee gaaffii gaafatan hundatti, carraa kana dandeettii yaaduusaanii akka cimsatan isaan gargaaruuf itti fayyadamuu dandeessu.
3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Mata duree kana keessatti warri ijoolleensaanii (1) amantii Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluurratti qaban akka cimsatan, (2) ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan, akkasumas (3) wanta itti amanan warra kaanitti akka himan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla. Ijoolleen gaaffii gaafachuunsaanii gaariidha kan jennu maaliif akka taʼee fi sochiiwwan waaʼee wantoota itti amannuu isaan wajjin haasaʼuuf isin dandeessisan tokko tokko maalfaa akka taʼanis ni ilaalla.
AMANTII WAAQAYYOO FI KITAABA QULQULLUURRATTI QABAN AKKA CIMSATAN ISAAN GARGAARAA
4. Mucaan tokko gaaffii akkamii kaasuu dandaʼa? Maaliif?
4 Warri Kiristiyaanota taʼan, mucaan tokko Waaqayyorratti amantii qabaachuu warrasaarraa dhaaluu akka hin dandeenye beeku. Isinis kan dhalattan Yihowaarratti amantii qabaattanii miti. Ijoolleen keessanis akkasuma. Mucaan tokko gaaffileen, ‘Waaqayyo akka jiru akkamittan beeka? Dhuguma wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti amanuu nan dandaʼaa?’ jedhan isatti uumamuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun “dandeettii yaaduu” keenyatti akka fayyadamnuu fi ‘waan hundumaa qorree akka mirkaneeffannu’ nu jajjabeessa. (Rom. 12:1; 1 Tas. 5:21) Maarree, ijoolleen keessan amantiisaanii akka cimsatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
5. Warri ijoolleensaanii amantii Kitaaba Qulqulluurratti qaban akka cimsatan gargaaruuf maal gochuu dandaʼu? (Roomaa 12:2)
5 Ijoolleen keessan barumsi Kitaaba Qulqulluu dhugaa taʼuusaa akka mirkaneeffatan jajjabeessaa. (Roomaa 12:2 dubbisi.) Ijoolleen keessan yommuu gaaffii isin gaafatan, deebiisaa argachuuf meeshaalee qorannoo kanneen akka Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe jiranitti akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan isaanitti argisiisaa. Ragaa Kitaabni Qulqulluun kitaaba namoonni barreessanirraa adda akka taʼe argisiisu argachuuf Barreeffama Qorannaa kanarraa kutaa “Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalaa mata duree “Hafuura Waaqayyootiin Barreeffame” jedhu ilaaluu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun “dubbii Waaqayyoo ti.” (1 Tas. 2:13) Fakkeenyaaf, waaʼee Nanawwee ishii magaalaa Asoorota durii taatee qorannoo gochuu ni dandaʼu. Kanaan dura hayyoonni Kitaaba Qulqulluu qeeqan tokko tokko magaalaan Nanawwee jedhamtu jiraattee hin beektu jedhanii turan. Taʼus, naannoo bara 1850tti jijjigaan magaalaa kanaa lafa keessa awwaalamee ture yeroo argamu wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu dhugaa taʼuunsaa mirkanaaʼeera. (Sef. 2:13-15) Badiisni Nanawwee raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhe akkamitti akka taʼe odeeffannoo balʼaa argachuuf maxxansa Masaraa Eegumsaa Sadaasa 2021 irraa mata duree “Kana Beektaa?” jedhu ilaaluu dandeessu. Ijoolleen keessan wanta barreeffamoota keenyarraa baratan wanta insaayikilooppiidiyaalee fi maddeen amansiisoo taʼan kan biroorraa baratan wajjin wal bira qabuunsaanii amantii barumsa Kitaaba Qulqulluurratti qaban cimsachuuf isaan gargaara.
6. Warri ijoolleensaanii dandeettii yaaduusaanii akka guddifatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.)
6 Ijoolleen keessan dandeettii yaaduusaanii akka guddifatan gargaaraa. Warri Kitaaba Qulqulluu fi Waaqayyootti amanuu ilaalchisee ijoolleesaanii wajjin marii gammachiisaa gochuuf carraa isaan dandeessisu garaagaraa qabu. Godambaa, paarkii ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo daawwattanitti akkas gochuu dandeessu. Fakkeenyaaf, godambaa tokko qaamaan ykn intarneetiirraa yeroo daawwattanitti, taʼeewwan seenaa ykn hambaalee wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu sirrii taʼuusaa isaaniif mirkaneessanirratti akka xiyyeeffatan isaan gargaaruu dandeessu. Tarii waaʼee dhagaa Dhagaa Moʼaabotaa jedhamee beekamuu ijoollee keessanitti himuu ni dandeessu; dhagaa waggaa 3,000 dura bocame kanarratti maqaan Waaqayyoo ni argama. Dhagaan Moʼaabotaa inni jalqabaa Paaris, Faransaayi, Godambaa Luuvree keessatti argama. Fakkiin Dhagaa Moʼaabotaa agarsiisa “Kitaaba Qulqulluu fi Maqaa Waaqayyoo” isa Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Waarwiik, Niiwu Yoorkitti argamu keessa jira. Dhagaan Moʼaabotaa mootii Moʼaab kan taʼe Meeshaan Israaʼelirratti akka fincile ibsa. Yaanni kun wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu wajjin wal sima. (2 Mot. 3:4, 5) Ijoolleen keessan ragaa Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuusaa mirkaneessu ijasaaniitiin yeroo argan amantiinsaanii ni cima.—2 Seenaa Baraa 9:6 wajjin wal bira qabi.
7-8. (a) Miidhaginaa fi wiixinee uumamarratti mulʼaturraa maal baranna? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.) (b) Gaaffileen ijoolleen keessan amantii Uumaarratti qaban akka cimsatan gargaaruu dandaʼan kamfaʼi?
7 Ijoolleen keessan uumamarratti akka yaadan jajjabeessaa. Naannoo baadiyyaa ykn paarkii keessa yeroo deemtan bocawwan ajaaʼibsiisoo uumamawwanirratti mulʼatu akka hubatan isaan gargaaraa. Maaliif? Bocawwan kun Qaamni dandeettii guddaa qabu akka jiru waan nuuf mirkaneessuufi. Fakkeenyaaf, saayintistoonni wiirtuu uumamawwan garaagaraa qabanirratti waggoota hedduudhaaf qorannaa gochaa turaniiru. Saayintistiin Niikoolaa Faamelii jedhaman wiirtuu uumamawwan garaagaraa qaban yeroo lakkoofnu lakkoofsisaanii walfakkaataa akka taʼe ibsaniiru. Kunis tarree lakkoofsaa Fiibonaachii jedhamee waamamu argamsiisa. Wiirtuun kun boca gaalaaksiiwwan tokko tokkoorratti, elellaanirratti, baala biqiltootaa fi daraaraa suufii dabalatee wantoota hedduurratti mulʼata. a
8 Ijoolleen keessan mana barumsaatti yeroo saayinsii baratan seeronni uumamawwan hedduun boca walfakaatu akka qabaatan godhan akka jiran ni baratu. Fakkeenyaaf, mukkeen hedduun boca walfakkaataa qabu; jirmisaanii gara dameewwan guguddaatti, dameewwan sunimmoo gara dameewwan xixiqqaatti qoqqoodamaa deema. Adeemsi kunis firaaktaal jedhama. Adeemsi kun uumamawwan kan biroorrattis ni argama. Maarree, seerota boca miidhagaa akkasii argamsiisan kana kan baase eenyu? Wiixinee of eeggannoodhaan qophaaʼe kana kan uume eenyu? Ijoolleen keessan gaaffilee akkasiirratti yaaduunsaanii wantoota hunda kan uume Waaqayyo akka taʼe amantii qaban isaaniif cimsa. (Ibr. 3:4) Ijoolleen keessan guddachaa yeroo dhufan, “Kan nu uume Waaqayyo erga taʼee, ulaagaalee naamusaa akkamitti gammadoo taʼuu akka dandeenyu beekuuf nu gargaaranis nuuf kenna jedhanii yaaduun sirrii hin taʼuu?” jettanii isaan gaafachuu dandeessu. Achiis qajeelfama akkasii Kitaaba Qulqulluurraa akka argannu ibsuufii dandeessu.
ULAAGAALEE NAAMUSAA KITAABA QULQULLUU AKKA HUBATAN ISAAN GARGAARAA
9. Mucaan tokko ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii akka kaasu wanti isa taasisu maal taʼuu dandaʼa?
9 Mucaan keessan ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii yoo kaase sababii gaaffii sana itti kaase hubachuuf yaalaa. Gaaffii akkasii kan kaase ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu sirrii akka hin taane waan isatti dhagaʼamuufimoo, warra kaan wajjin yeroo mariʼatu wantoota itti amanu ibsuun waan isa rakkiseefi? Haalawwan lamaanuu keessatti kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamuudhaan mucaan keessan ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatu gargaaruu ni dandeessu. b
10. Mucaan keessan hariiroo dhuunfaatti Yihowaa wajjin qaburratti akka yaadu gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
10 Mucaan keessan hariiroo dhuunfaatti Yihowaa wajjin qabuuf iddoo guddaa akka kennu jajjabeessaa. Mucaa keessan Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼachiistan gaaffilee fi fakkiiwwan kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurra jiranitti fayyadamuudhaan yaadasaa hubachuuf yaalaa. (Fak. 20:5) Fakkeenyaaf, barumsi 8 Yihowaan akkuma michuu nuuf yaaduu fi gorsa eegumsaa fi faayidaa nuuf argamsiisu nuuf kennuu akka taʼe ibsa. Yohaannis Tokkoffaa 5:3rratti erga mariʼattanii booda, “Yihowaan Michuu gaarii akkasii taʼuusaa erga beeknee, wanta inni akka goonu nutti himuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?” jettanii isa gaafachuu dandeessu. Gaaffiin akkasii salphaa fakkaatus, mucaan keessan seerri Waaqayyoo kennu jaalalasaa akka argisiisu hubachuuf isa gargaaruu dandaʼa.—Isa. 48:17, 18.
11. Mucaan keessan faayidaa qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuun qabu akka hubatu gargaaruu kan dandeessan akkamitti? (Fakkeenya 2:10, 11)
11 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuun faayidaa akkamii akka qabu irratti mariʼadhaa. Kitaaba Qulqulluu ykn caqasa guyyaa yeroo waliin dubbistan, gorsi Kitaaba Qulqulluu maatii keessan kan fayyade akkamitti akka taʼe mariʼadhaa. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan faayidaa jabaatanii hojjechuunii fi amanamummaan qabu hubataniiruu? (Ibr. 13:18) Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuun karaa qaamaas taʼe karaa miiraa eegumsa kan nuuf argamsiisu akkamitti akka taʼes ibsuufii dandeessu. (Fak. 14:29, 30) Qajeelfamoota akkasiirratti mariʼachuun keessan ijoolleen keessan gorsa Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka hubatanii fi akka dinqisiifatan isaan gargaaruu dandaʼa.—Fakkeenya 2:10, 11 dubbisi.
12. Abbaan tokko faayidaa qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuun qabu akka hubatu mucaasaa kan gargaare akkamitti?
12 Abbaan Faransaayi keessa jiraatuu fi Istiiv jedhamu innii fi haati manaasaa ilmisaanii Eetaan inni umuriinsaa waggaa 16 taʼe seerri Yihowaan nuuf kennu jaalalarratti kan hundaaʼe taʼuusaa akka hubatu kan gargaaran akkamitti akka taʼe yeroo dubbatu akkana jedheera: “Akkana jennee isa gaafanne: ‘Yihowaan qajeelfama kana akka hordofnu kan nurraa eegu maaliifi? Kun hoo akka inni nu jaallatu kan argisiisu akkamitti? Qajeelfama kana yoo eeguu baatte maaltu taʼa?’” Marii akkasii gochuunsaanii ulaagaalee naamusaa Yihowaan baase faayidaa akka qaban caalaatti amanuuf isa gargaareera. Istiiv itti dabaluudhaan, “Kaayyoon keenya Eetaan ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu ogummaa ilmaan namootaa qabanirra baayʼee akka caalu akka hubatu gargaaruudha” jedheera.
13. Warri ijoolleensaanii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka hordofan leenjisuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya kenni.
13 Mucaan keessan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka hordofu leenjisaa. Fakkeenyaaf, mucaan keessan mana barumsaatti kitaaba taʼe tokko akka dubbisu isaaf ramadama taʼa. Tarii namoonni kitaaba sana keessatti ibsaman gocha addaggummaa kan raawwatan ykn kan dheekkaman taʼuu dandaʼu; akkasumas kitaabichi amala akkasii argisiisuu kan jajjabeessu taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti mucaan keessan amala namoonni kun argisiisan ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu akka yaadu isa jajjabeessuu dandeessu. (Fak. 22:24, 25; 1 Qor. 15:33; Filp. 4:8) Kunis yeroo daree keessatti kitaaba sanarratti mariʼatanitti barsiisaasaa fi ijoollee isa wajjin barataniif dhugaa baʼuuf akka qophaaʼu isa gargaaruu dandaʼa.
WANTA ITTI AMANAN WARRA KAANITTI AKKA HIMAN ISAAN BARSIISAA
14. Kiristiyaanni dargaggeessa taʼe tokko dhimmoota akkamiirratti mariʼachuun isatti ulfaachuu dandaʼa? Maaliif?
14 Kiristiyaanonni dargaggoota taʼan yeroo tokko tokko wanta itti amanan warra kaanitti himuun isaan sodaachisa taʼa. Tarii yeroo daree keessatti waaʼeen jijjiirama tirannaa kaʼu yaadasaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Barsiisonnisaanii barumsi jijjiirama tirannaa dhugaa akka taʼe waan dubbataniif taʼuu dandaʼa. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan wanti itti amanan dhugaa taʼuusaa mirkanaaʼoo akka taʼan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
15. Kiristiyaanni dargaggeessa taʼe tokko wanti itti amanu dhugaa taʼuusaa mirkanaaʼaa akka taʼu maaltu isa gargaara?
15 Mucaan keessan wanti itti amanu dhugaa taʼuusaa caalaatti mirkanaaʼaa akka taʼu isa gargaaraa. Mucaan keessan uumama ilaalchisee dhugaasaa beekuusaatti qaanaʼuu hin qabu. (2 Xim. 1:8) Maaliif? Saayintistoonni hedduunillee jireenyi akkuma tasaa akka hin argamne hubataniiru. Saayintistoonni kun wantoota wal xaxoo taʼan hunda kan uume qaama dandeettii guddaa qabu tokko akka taʼe bira gaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, barumsa jijjiirama tirannaa manneen barumsaa addunyaa maratti argaman keessatti kennamu hin fudhatan. Ijoolleen keessan ragaawwan obboloonnii fi obboleettonni kan biroon jireenyi uumamaan akka argame isaan amansiisan qoruudhaan ofitti amanannaasaanii cimsachuu dandaʼu. c
16. Warri amantii Uumaarratti qaban akka ibsan ijoolleesaanii gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (1 Pheexiros 3:15) (Fakkichas ilaali.)
16 Mucaan keessan amantii Uumaarratti qabu akka ibsu isa qopheessaa. (1 Pheexiros 3:15 dubbisi.) Mata dureewwan jw.org irratti kutaa “Jijjiirama Tirannaa fi Uumama” jedhu jalatti argaman waliin ilaaluu dandeessu. Achiis mucaan keessan yaada waaʼee Uumaa warra kaan hubachiisuuf akka isa gargaaru isatti dhagaʼamu erga filatee booda waliin taʼaatii irratti mariʼadhaa. Ijoollee isa faana baratan wajjin falmii keessa galuu akka hin qabne isa yaadachiisaa. Ijoollee fedhii argisiisan wajjin yeroo mariʼatu ibsa salphaa taʼetti akka fayyadamu isa jajjabeessaa. Fakkeenyaaf, hiriyaan mana barumsaasaa tokko, “Ani wantan argu qofan amana; Waaqammoo argee hin beeku” isaan jedha taʼa. Yeroo kanatti akkana jedhee isaaf deebisuu dandaʼa: “Bosona magaalaarraa baayʼee fagoo taʼe tokko keessa deemaa akka jirtu godhii yaadi; achiis boolla bishaanii dhagaadhaan akka gaariitti ijaarame argite. Maarree, waaʼee kanaa maal yaadda? Boolli bishaanii tokko jiraachuunsaa namni boolla sana qote akka jiru ifatti kan argisiisu erga taʼee, hawaan jiraachuunsaahoo qaamni isa tolche akka jiru hin argisiisuu?”
17. Warri ijoolleensaanii dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuuf carraa akka barbaaddatan jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya kenni.
17 Dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuuf carraa akka barbaaddatu mucaan keessan jajjabeessaa. (Rom. 10:10) Carraaqqii wanta itti amanu warra kaanitti himuuf godhu meeshaa muuziqaa tokko taphachuu shaakaluu wajjin wal fakkeessuu dandeessu. Namni meeshaa muuziqaa shaakalu jalqabarratti akaakuu muuziqaa taphachuun nama hin rakkisne shaakala. Boodas muuziqaa taphachuun isatti salphachaa deema. Haaluma wal fakkaatuun, dargaggeessi Kiristiyaana taʼe tokko wanta itti amanu warra kaanitti himuuf jalqabarratti mala salphaa taʼetti fayyadamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, mucaa isa faana baratu tokko akkana jedhee gaafachuu dandaʼa: “Saayintistoota wiixinee uumamaa ilaalanii waa kalaqan beektaa? Mee viidiyoo ajaaʼibsiisaa taʼe tokkon sitti argisiisa.” Viidiyoo kutaa Qaamni Kana Tolche Jiraa? jedhu jalatti argamu tokko erga itti argisiisee booda akkana isaan jechuu dandaʼa: “Saayintistiin tokko wanta uumamarraa argee hojjete tokkoof beekamtiin kan isaaf kennamu erga taʼee, qaamni wanta sana uumehoo caalaatti beekamtii argachuu hin qabuu?” Malli salphaa taʼe kun mucaan sun waaʼee Yihowaa caalaatti beekuuf fedhii akka qabaatu isa kakaasuu dandaʼa.
AMANTIISAANII AKKA CIMSATAN ISAAN GARGAARUU KEESSAN ITTI FUFAA
18. Warri amantii Waaqayyoorratti qaban akka cimsatan ijoolleesaanii gargaaruusaanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?
18 Addunyaan kun namoota Yihowaarratti amantii hin qabneen kan guutamedha. (2 Phe. 3:3) Kanaafuu, warri, ijoollee keessan Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼachiistan mata dureewwan kabaja Dubbii Waaqayyoo fi ulaagaalee naamusaa Yihowaan baaseef qaban akka guddifatan isaan gargaaranirratti qorannoo akka godhan isaan jajjabeessaa. Uumamawwan garaagaraarratti yeroo mariʼattan amantii Yihowaarratti qabanirratti gadi fageenyaan akka yaadanii fi amantiisaanii akka cimsatan isaan gargaaraa. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwiisaanii argatan akka hubatan isaan gargaaraa. Hunda caalaammoo, isaan wajjin kadhadhaa, akkasumas isaaniif kadhadhaa. Akkas yoo gootan, Yihowaan carraaqqii ijoolleen keessan amantiisaanii akka guddifatan gargaaruuf gootan akka isiniif eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—2 Sen. 15:7.
FAARFANNAA 133 Dargaggummaatti Yihowaa Waaqeffadhaa
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org irraa viidiyoo Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa—Bocawwan jedhamu ilaali.
b Mucaan keessan kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼatee xumureera taanaan, barumsawwan kutaa 3 fi 4 jalatti argamanii fi waaʼee ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu ibsan tokko tokko waliin ilaaluu ni dandeessu.
c Dammaqaa! Fulbaana 2006 (Amaariffa) irraa mata duree “Sababa Uumaatti Itti Amannu” jedhuu fi birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhamu ilaali. Fakkeenyota dabalataa argachuuf jw.org irraa viidiyoowwan mata duree Waaʼee Madda Jireenyaa jedhu jalatti walitti aananii baʼan ilaali.
d IBSA FAKKII: Dargaggeessi Dhugaa Baatuu taʼe tokko mana barumsaatti mucaa dirooniin xiyyeeffannaasaa harkisu tokkotti viidiyoo kutaa Qaamni Kana Tolche Jiraa? jedhu jalatti argamu itti argisiisaa jira.