Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 51

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

Yihowaan Imimmaan Kee ni Arga

Yihowaan Imimmaan Kee ni Arga

“Imimmaan koo qalqalloo kee keessatti walitti qabi. Inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?”FAR. 56:8.

YAADA IJOO

Mata dureen kun Yihowaan gadda guddaa nutti dhagaʼamu akka arguu fi jajjabina nu barbaachisu akka nuuf kennu nu yaadachiisa.

1-2. Haalawwan imimmaan akka dhangalaasnu nu taasisan maalfaʼi?

 HUNDI keenyayyuu darbee darbee imimmaan ni dhangalaasna. Haalawwan baayʼee nama gammachiisan yeroo nu mudatan imimmaan gammachuu dhangalaasuu dandeenya. Haalli baayʼee adda taʼe yeroo si mudatetti, fakkeenyaaf, yeroo mucaan kee dhalatetti, wanta nama gammachiisu tokko yeroo yaadattu ykn michuu kee yeroo dheeraadhaaf utuu hin argin turte tokko yeroo argitu boossee taʼuu dandaʼa.

2 Yeroo baayʼee garuu kan boonyu gadda guddaa nutti dhagaʼamuun kan kaʼedha. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo miira keenya miidhu booʼuu dandeenya. Yeroo dhukkubbii cimaan nutti dhagaʼamu ykn yeroo nama jaallannu duʼaan dhabnus imimmaan keenya dhangalaasuu dandeenya. Yeroo akkasiitti akkuma Ermiyaas yeroo Yerusaalem Baabiloniin balleeffamtetti isatti dhagaʼame nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Ermiyaas, “Ija koo keessaa imimmaan akka bishaaniitti dhangalaʼa. Ijji koo yeroo hundumaa utuu wal irraa hin kutin booʼa” jedheera.—Faru. 3:48, 49.

3. Yihowaan tajaajiltoonnisaa yeroo dhiphatan maaltu isatti dhagaʼama? (Isaayyaas 63:9)

3 Yihowaan wantoota nu dhiphisaniin kan kaʼe hammam imimmaan keenya akka dhangalaasne beeka. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan haala dhiphisaa tajaajiltootasaa mudatu kamiyyuu akka beekuu fi kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessan akka dhagaʼu nuuf mirkaneessa. (Far. 34:15) Haa taʼu malee, Yihowaan haala keessa jirru ilaaluu fi nu dhagaʼuu caalaa wanta godhu qaba. Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo ijoolleensaa yeroo booʼan baayʼee gadda, isaan gargaaruufis ni hawwa.—Isaayyaas 63:9 dubbisi.

4. Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu tokko tokkorraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

4 Yihowaan Dubbiisaa keessatti yeroo tajaajiltoonnisaa booʼan miirri akkamii akka isatti dhagaʼamuu fi akkamitti akka isaan gargaaru nuuf ibseera. Seenaa Haannaa, Daawitii fi Hisqiyaas Mootichaa qoruudhaan kana hubachuu dandeenya. Wanti imimmaan akka dhangalaasan isaan taasise maalidha? Yihowaan isaan gargaaruuf maal godhe? Fakkeenyisaanii yeroo gaddinee, ganamnee ykn abdii kutannee imimmaan dhangalaasnu kan nu jajjabeessu akkamitti?

IMIMMAAN YEROO GADDINUTTI DHANGALAASNU

5. Haannaatti maaltu dhagaʼamee ture?

5 Haannaan rakkoowwan imimmaan gaddaa akka dhangalaastu ishii taasisan ishii mudataniiru. Abbaan manaa ishii haadha manaa kan biraa Peniinaa jedhamtu qaba ture; ishiinis baayʼee ishii jibbiti turte. Kana malees, Haannaan ijoollee hin qabdu turte; Peniinaan garuu ijoollee baayʼee qabdi. (1 Sam. 1:1, 2) Haannaan dhala waan hin qabneef Peniinaan yeroo hunda ishiitti qoosti turte. Ati utuu haalli akkasii si mudatee maaltu sitti dhagaʼama? Haannaan baayʼee waan aarteef “hamma . . . boossuttii fi nyaata lagattutti” “baayʼee . . . gadditee” turte.—1 Sam. 1:6, 7, 10.

6. Haannaan jajjabina argachuuf maal goote?

6 Haannaan jajjabina kan argatte akkamitti? Wanti ishii gargaare inni tokko Yihowaa waaqeffachuuf gara godoo qulqulluu deemuu ishiiti. Achiis balbala mooraa godoo qulqulluu biratti, “Yihowaa kadhachuu fi hirqinfattee booʼuu jalqabde.” “Dhiphina ana tajaajiltuu teetii ilaaliitii na yaadadhu” jettee Yihowaa kadhatte. (1 Sam. 1:10b, 11) Haannaan miira ishiitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himte. Yihowaan intallisaa jaallatamtuun kun yeroo boossu baayʼee gadde, akkasumas ishii jajjabeessuu barbaade.

7. Haannaan rakkina ishii Yihowaatti erga himtee booda maaltu ishiitti dhagaʼame?

7 Haannaan miira ishiitti dhagaʼamu Yihowaatti erga himtee fi Luba Olaanaa kan taʼe Eeliin erga ishii jajjabeessee booda maaltu ishiitti dhagaʼame? Seenaansaa, “Dubartittiin karaa ishii deemte; nyaatas ni nyaatte; sana booda fuula ishii irratti gaddi hin mulʼanne” jedha. (1 Sam. 1:17, 18) Haannaan haalli dhiphisaan keessa turte jijjiiramuu baatus tasgabboofteetti. Wanta baʼaa ishiitti taʼe Yihowaatti dabarsitee kenniteetti. Innis dhiphina ishii argeera, kadhannaa ishiis dhagaʼeera; boodammoo ijoollee ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera.—1 Sam. 1:19, 20; 2:21.

8-9. Ibroota 10:24, 25 irratti akka ibsametti walgaʼiiwwan gumiirratti argamuuf wanta dandeenyu hunda gochuu kan qabnu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

8 Barumsa argannu. Haalli rakkisaan gaddaan imimmaan akka dhangalaastu si taasisu si mudachaa jiraa? Tarii miseensa maatii ykn michuu kee tokko duʼaan dhabuu keetiin kan kaʼe gadditeetta taʼa. Yeroo akkasiitti kophaa taʼuu barbaaduun waanuma jirudha. Taʼus, akkuma Haannaan gara godoo qulqulluu deemuudhaan jajjabina argatte, atis yeroo miirri gaariin sitti hin dhagaʼamnettillee walgaʼii gumiirratti argamuudhaan jajjabina argachuu dandeessa. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Walgaʼiirratti caqasoota Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan yeroo dhaggeeffannu Yihowaan yaada nama dhiphisu yaada nama jajjabeessuun akka bakka buusnu nu gargaara. Kunis haalli keenya yeruma sana jijjiiramuu yoo baatellee miira keenya toʼachuuf nu gargaara.

9 Walgaʼiiwwan keenyarratti obboloonni keenya nu jajjabeessu, akkasumas jaalala nutti argisiisu; isaan wajjin taʼuun nu gammachiisa. (1 Tas. 5:11, 14) Mee muuxannoo qajeelchaa addaa haadha manaasaa duʼaan dhabe tokkoo haa ilaallu. Akkana jedheera: “Ammayyuu nan booʼa. Yeroo tokko tokko kophuma koo taaʼeen booʼa. Taʼus, walgaʼiin keenya madda jajjabinaa guddaa naaf taʼeera. Wanti obboloonni gaarummaadhaan dubbatanii fi yaanni isaan walgaʼiirratti kennan baayʼee na tasgabbeessa. Gara walgaʼii deemuu koo dura hammamiyyuu yoon dhiphadhe, ergan achi dhaqee booda garuu yeroo hunda miira gaariitu natti dhagaʼama.” Walgaʼiirratti yoo argamne Yihowaan nu gargaaruuf obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadamuu dandaʼa.

Obboloota keenyarraa jajjabina argachuu dandeenya (Keeyyata 8-9 ilaali)


10. Yeroo miirri keenya miidhamu fakkeenya Haannaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Haannaan miira ishiitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himuudhaanis jajjabina argatteetti. Atis Yihowaan kadhannaa kee akka dhagaʼu amanuudhaan ‘yaaddoo kee hundumaa isa irratti gati.’ (1 Phe. 5:7) Obboleettiin abbaan manaa ishii saamtotaan ajjeefame tokko akkana jetteetti: “Baayʼee waanan dhiphadheef deebiʼee gammachuu qabaachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Abbaa koo isa samii isa na jaallatutti kadhannaa dhiheessuun koo garuu na jajjabeesseera. Yeroo tokko tokko miira natti dhagaʼamu ibsuun natti ulfaata, taʼus inni na hubata. Yeroo miirri koo jeeqamu nagaa argachuuf nan kadhadha. Achiis yeruma sana waanan tasgabbaaʼuuf hojii koo itti fufuu nan dandaʼa.” Yihowaan yeroo imimmaan kee dhangalaastuu fi wanta si yaaddessu isatti himtu innis ni gadda, miira kees siif hubata. Wanti si dhiphise sun baduu yoo baatellee Yihowaan garaa kee tasgabbeessuu fi hamma tokko nagaan akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. (Far. 94:19; Filp. 4:6, 7) Jabaattee dhaabbachuu keetiifis si badhaasa.—Ibr. 11:6.

IMIMMAAN YEROO GANAMNUTTI DHANGALAASNU

11. Daawit yeroo rakkinni isa mudatetti maaltu isatti dhagaʼame?

11 Daawit jireenyasaa keessatti rakkoowwan imimmaan akka dhangalaasu isa taasisan hedduun isa mudataniiru. Namoonni baayʼeen isa jibbaniiru, namoonni inni amanu tokko tokkollee isa gananiiru. (1 Sam. 19:10, 11; 2 Sam. 15:10-14, 30) Yeroo tokko akkana jedhee barreesseera: “Aaduu koo irraa kan kaʼe bututeera; halkan guutuu siree koo imimmaaniin nan jiisa; iddoo ciisichaa koos booʼichaan nan dhiqa.” Miirri akkasii kan isatti dhagaʼame maaliifi? “Warra [isa] miidhan hundumaatiin kan kaʼe” akka taʼe ibseera. (Far. 6:6, 7) Jalʼinni warri kaan isarratti raawwatan imimmaansaa toʼachuun akka isatti ulfaatu godheera.

12. Faarfannaa 56:8 irratti akka ibsametti Daawit waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture?

12 Daawit rakkinni hedduun isa mudatus Yihowaan akka isa jaallatu mirkanaaʼaa ture. “Yihowaan sagalee booʼicha kootii [ni dhagaʼa]” jedhee barreesseera. (Far. 6:8) Daawit yeroo kan biraattimmoo Faarfannaa 56:8 irratti yaada nama hawwatu tokko barreesseera. (Dubbisi.) Yaanni kun Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi miira keenyaaf xiyyeeffannaa akka kennu nu yaadachiisa. Daawit Yihowaan imimmaansaa miʼa keessatti akka kuusu ykn kitaabarratti akka galmeessu isatti dhagaʼameera. Yihowaan miidhamasaa akka arguu fi akka yaadatu mirkanaaʼaa ture. Daawit Abbaansaa inni samii haala inni keessa jiru qofa utuu hin taʼin miira isatti dhagaʼamus akka hubatu mirkanaaʼaa ture.

13. Warri kaan yeroo nu gaddisiisan maaltu nu jajjabeessa? (Fakkichas ilaali.)

13 Barumsa argannu. Namni amantu tokko waan si gaddisiiseef ykn waan si ganeef miirri kee miidhameeraa? Tarii namni gaaʼelaaf wal qorachaa turtan waan si dhiiseef, hiriyaan gaaʼelaa kee gaaʼela keessan waan diigeef ykn namni jaallattu tokko Yihowaa tajaajiluu waan dhaabeef baayʼee gadditeetta taʼa. Obboleessi haati manaasaa ejja raawwattee fi isa dhiistee deemte tokko akkana jedheera: “Wanta narra gaʼe kana amanuu hin dandeenye. Homaa akkan hin fayyadne natti dhagaʼamee, baayʼee gaddee fi aareen ture.” Namni amantu tokko si ganeera ykn si miidheera taanaan Yihowaan yoomiyyuu akka si hin dhiisne beekuun kee si jajjabeessuu dandaʼa. Obboleessi sun akkana jedheera: “Hariiroon namoota wajjin qabnu addaan cituu kan dandaʼu taʼus, Yihowaan Qarsaa keenya akka taʼe hubadheera. Maaliyyuu yoo uumame inni yeroo hundumaa nu wajjin jira. Inni namoota isaaf amanamoo taʼan hin dhiisu.” (Far. 37:28) Jaalalli Yihowaa kan namootaarra baayʼee akka caalus yaadadhu. Namni tokko nu ganuunsaa baayʼee kan nu miidhu taʼus, kun jaalala Yihowaan nuuf qaburratti jijjiirama hin fidu. (Rom. 8:38, 39) Kana yaadadhu: Akkaataan namni tokko itti si qabu maaliyyuu yoo taʼe Abbaan kee inni samii si jaallata.

Kitaabni Faarfannaa Yihowaan namoota garaansaanii cabetti dhihoo akka taʼe nuuf mirkaneessa (Keeyyata 13 ilaali)


14. Faarfannaan 34:18 maal nuuf mirkaneessa?

14 Yeroo ganamnu yaanni Daawit Faarfannaa 34:18 irratti dubbates nu jajjabeessuu dandaʼa. (Dubbisi.) Barreeffamni tokko yaanni “warra hafuurri isaanii caccabe” jedhu “namoota wanta abdatan hin qabne” argisiisuu akka dandaʼu ibseera. Yihowaan namoota miirri akkasii isaanitti dhagaʼamu kan gargaaru akkamitti? Akkuma abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko mucaasaa dhiphate hammatee jajjabeessu, Yihowaanis nutti “dhihoo dha.” Namni tokko nu ganuusaatiin ykn nu dhiisuusaatiin kan kaʼe yeroo baayʼee gaddinu gara laafina nutti argisiisa, nu gargaaruufis qophaaʼaadha. Garaan keenya yeroo cabu ykn miirri keenya yeroo miidhamu nu jajjabeessuu fi nu tasgabbeessuuf hawwa. Rakkoowwan amma nu mudatan dandamachuu akka dandeenyuuf wantoota abdiidhaan eeggannu hedduu nuu qopheesseera.—Isa. 65:17.

IMIMMAAN YEROO ABDII KUTANNUTTI DHANGALAASNU

15. Hisqiyaas wanti akka booʼu isa taasise maalidha?

15 Hisqiyaas mootiin Yihudaa umuriisaa waggaa 39​tti dhukkuba hin fayyineen akka qabame hubate. Isaayyaas raajichi ergaa Yihowaa Hisqiyaas dhukkuba kanaan akka duʼu ibsu isatti hime. (2 Mot. 20:1) Haalli Hisqiyaas abdii waan qabu hin fakkaatu ture. Hisqiyaas kana yeroo dhagaʼu baayʼee waan gaddeef hinqirfatee booʼe. Achiis cimsee Yihowaa kadhate.—2 Mot. 20:2, 3.

16. Yihowaan kadhannaa Hisqiyaas imimmaaniin dhiheesseef deebii akkamii kenne?

16 Yihowaan kadhannaasaa yeroo dhagaʼuu fi imimmaansaa yeroo argu garaa waan isaaf laafeef, “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera. Kunoo, sin fayyisa” isaan jedhe. Umuriisaa akka isaaf dheeressuu fi Yerusaalemiin harka Asoorotaa jalaa akka oolchus waadaa isaaf gale.—2 Mot. 20:4-6.

17. Yihowaan dhibee fayyaa cimaan yeroo nu mudatu kan nu gargaaru akkamitti? (Faarfannaa 41:3) (Fakkichas ilaali.)

17 Barumsa argannu. Dhukkuba fayyuu kan hin dandeenye fakkaatuun yoo qabamte maal gochuu dandeessa? Miira sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi, isatti booʼuullee ni dandeessa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan inni “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” taʼe rakkina keenya hunda keessatti akka nu jajjabeessu nuuf mirkaneessa. (2 Qor. 1:3, 4) Yihowaan yeroo ammaatti rakkina keenya hunda akka balleessu eeguu baannus akka nu gargaaru isatti amanamuu dandeenya. (Faarfannaa 41:3 dubbisi.) Hafuurasaatti fayyadamee humna, ogummaa fi nagaa sammuu rakkinicha dandamachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (Fak. 18:14; Filp. 4:13) Gara fuulduraatti dhukkuba hunda akka balleessu waadaan inni nuuf gales nu jajjabeessa.—Isa. 33:24.

Yihowaan humna, ogummaa fi nagaa sammuu nuu kennuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kenna (Keeyyata 17 ilaali)


18. Haala baayʼee ulfaataa taʼe keessatti caqasni si jajjabeesse isa kami? (Saanduqa, “ Caqasoota Imimmaan Keenya Nuuf Haqan” jedhu ilaali.)

18 Hisqiyaas wanta Yihowaan dubbaterraa jajjabina argateera. Nutis Dubbii Yihowaarraa jajjabina argachuu ni dandeenya. Yihowaan yaadawwan yeroo haalli dhiphisaan nu mudatu miira keenya nuuf tasgabbeessan akka nuuf galmaaʼan godheera. (Rom. 15:4) Obboleettiin Afrikaa Dhihaa keessa jiraattuu fi dhukkuba kaansariitiin qabamte takka yeroo baayʼee ni boossi. Akkana jetteetti: “Caqasni baayʼee na jajjabeesse tokko Isaayyaas 26:3dha. Qorumsa nu mudatu guutummaatti toʼachuu kan hin dandeenye taʼus, caqasni kun Yihowaan nagaa sammuu tarkaanfii yeroo akkasiitti fudhannu toʼachuuf nu gargaaru akka nuuf kennu naaf mirkaneesseera.” Caqasni yeroo haalli baayʼee ulfaataa taʼee fi abdii kan hin qabne fakkaatu si mudatetti si tasgabbeesse jiraa?

19. Gara fuulduraatti maal eeguu dandeenya?

19 Guyyoota dhumaa keessa waan jiraannuuf wantoonni imimmaan akka dhangalaasnu nu taasisan dabalaa deemuunsaanii hin oolu. Haa taʼu malee, fakkeenya Haannaa, Daawitii fi Hisqiyaasirraa akka hubannetti Yihowaan imimmaan dhangalaasnu ni arga, akkasumas baayʼee nuuf gadda. Dhiphina guddaa keessatti amanamoo taanee jiraachuu keenyaaf nu jaallata, imimmaan keenyas ni yaadata. Kanaafuu, haalli nama dhiphisu yeroo nu mudatu miira nutti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himuu barbaanna. Obbolootaa fi obboleettota gumii keenyaa nu jaallatanirraa adda of baasuu hin qabnu. Yaada nama tasgabbeessuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamurraa jajjabina argachuu keenya itti haa fufnu. Amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu keenya yoo itti fufne Yihowaan akka nu badhaasu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Addunyaa haaraa keessatti imimmaan yeroo gaddinutti, yeroo ganamnuttii fi yeroo abdii kutannutti dhangalaasnu guutummaatti nurraa haquudhaan nu badhaasa. (Mul. 21:4) Yeroo sanatti imimmaan kan dhangalaasnu yeroo gammannutti qofadha.

FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo Ti”