Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Ximotewos Tokkoffaa 5:21 irratti “maleekota filataman” kan jedhaman eenyufaʼi?

Phaawulos ergamaan Ximotewos isa akkumasaa jaarsa taʼeef, “Jibba halaalaa yookiin loogii akkamii irraa iyyuu fagaachuudhaan qajeelfama kana hojii irra akka oolchitu Waaqayyoo fi Kiristoos Yesuus, akkasumas maleekota filataman duratti cimseen si ajaja” jedhee barreesseera.—1 Xim. 5:21.

Jalqaba, maleekonni kun eenyufaa akka hin taane haa ilaallu. Maleekonni kun kutaa warra 144,000 miti. Phaawulos Ximotewosiif yeroo barreessetti Kiristiyaanonni dibamoon duʼaa kaʼuu hin jalqabne. Ergamoonnii fi dibamtoonni kan biroon yeroo sanatti uumama hafuuraa waan hin taaneef, “maleekota filataman” kan jedhaman isaan miti.—1 Qor. 15:50-54; 1 Tas. 4:13-17; 1 Yoh. 3:2.

“Maleekota filataman” kan jedhu maleekota yeroo Bishaan Badiisaatti utuu hin ajajamin hafanis argisiisuu hin dandaʼu. Maleekonni kun Seexana cinaa hiriiruudhaan jinniiwwan Yesuusiin morman taʼaniiru. (Uma. 6:2; Luq. 8:30, 31; 2 Phe. 2:4) Gara fuulduraatti waggaa 1,000f qilee keessatti erga hidhamanii booda Diyaabilos wajjin balleeffamu.—Yih. 6; Mul. 20:1-3, 10.

Kanaafuu, “maleekota filataman” kan jedhaman maleekota “Waaqayyoo fi Kiristoos [Yesuusiif]” amanamoo taʼanidha.

Maleekota amanamoo kumaatama hedduutu jira. (Ibr. 12:22, 23) Hundasaaniitiif yeroo walfakkaatutti hojii walfakkaataan akka isaaniif kennamu yaaduu hin qabnu. (Mul. 14:17, 18) Yeroo tokko Yihowaan loltoota Asoor 185,000 akka balleessuuf maleekaa tokkoof itti gaafatamummaa akka kenne yaadadhu. (2 Mot. 19:35) ‘Wantoota gufachiisan hundumaa fi namoota jalʼina raawwatan Mootummaa [Yesuus] keessaa akka funaananiif’ maleekonni hedduun ramadamanii taʼuu dandaʼa. (Mat. 13:39-41) Maleekonni kaanimmoo “warra isaaf filataman [samiitti] walitti ni qabu.” (Mat. 24:31) Maleekonni ‘daandiiwwan keenya hundumaa irratti akka nu eeganiif’ ramadamanis jiru.—Far. 91:11; Mat. 18:10; Maatewos 4:11 wajjin wal bira qabi; Luq. 22:43.

Ximotewos Tokkoffaa 5:21 irratti “maleekota filataman” kan jedhaman maleekota saba Waaqayyoo wajjin walqabatee hojiin adda taʼe isaaniif kenname taʼuu hin oolan. Phaawulos boqonnaa sana keessatti jaarsoliin itti gaafatamummaasaanii akkamitti baʼuu akka qabanii fi gumichi jaarsoliidhaaf kabaja kennuu akka qabu gorsa kenneera. Jaarsoliin itti gaafatamummaasaanii yeroo baʼan “jibba halaalaa yookiin loogii akkamii irraa iyyuu fagaachuu,” akkasumas murtoo tokko yeroo dabarsan sirriitti irratti yaaduu qabu. Wanti gorsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin kenne kana hojiirra oolchuuf isaan kakaasu inni guddaan “Waaqayyoo fi Kiristoos Yesuus, akkasumas maleekota filataman duratti” kan tajaajilan taʼuusaaniiti. Kanaafuu, maleekonni tokko tokko gumiidhaaf eegumsa gochuuf, hojii lallabaa geggeessuu fi wanta argan ilaalchisee Yihowaadhaaf gabaasa dhiheessuuf akka ramadaman ifadha.—Mat. 18:10; Mul. 14:6