Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Masaraa Eegumsaa waggaa kanaa akka gaariitti dubbisteettaa? Taanaan gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Yihowaan dubartootaaf ilaalcha akkamii qaba?

Inni dubartoota karaa loogiirraa walaba taʼeen qaba, dhiirotaa gad akka taʼanitti isaan hin ilaalu. Waaqayyo kadhannaa dubartootaa ni dhagaʼa; miirasaaniitiifis taʼe wanta isaan yaaddessuuf xiyyeeffannaa ni kenna. Hojiisaa akka hojjetanis isaan amana.—w24.01, ful. 15-16.

Gorsa Efesoon 5:7 irratti argamuu fi “Isaanii wajjin tokkummaa hin qabaatinaa” jedhu hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

Phaawulos ergamaan namoota ulaagaalee Waaqayyoo eeguun akka nutti ulfaatu godhanitti akka hin michoomne nu akeekkachiiseera. Kunis namoota qaamaanis taʼe karaa miidiyaalee hawaasaa argannu kan dabalatudha.—w24.03, ful. 22-23.

Oduuwwan sobaa akkamiirraa of eeguu qabna?

Oduu dhugaa taʼuunsaa hin mirkanoofnee fi michoota keenyarraa dhageenyu, iimeelii namoota hin beeknerraa nuuf ergamu, akkasumas gantoota eenyummaasaanii dhoksanii namoota ergaa keenya dhagaʼuu barbaadan fakkaatanii mulʼatanirraa of eeguu qabna.—w24.04, ful. 12.

Murtii Yihowaan Solomoon Mooticha, namoota Sodoomii fi Gomoraa, akkasumas namoota Bishaan Badiisaatiin balleeffamanirratti dabarsu ilaalchisee wanti beeknuu fi wanti nuti hin beekne maalidha?

Yihowaan barabaraaf isaan balleessuuf murteessuu fi dhiisuusaa hin beeknu. Taʼus, namoota sana ilaalchisee wanta hunda akka beekuu fi gara laafina guddaa akka qabu beekna.—w24.05, ful. 3-4.

Waaqayyo “Qarsaa” taʼuunsaa maal nuuf mirkaneessa? (Kes. 32:4)

Yihowaan iddoo kooluu itti gallu nuu taʼuu dandaʼa. Inni amanamaa waan taʼeef yoomiyyuu nu hin gatu, waadaa gale yeroo hunda ni eega. Inni hin jijjiiramu, eenyummaanii fi kaayyoonsaa yoomiyyuu hin jijjiiramu.—w24.06, ful. 26-28.

Gumii haaraatti baruuf maaltu si gargaara?

Yihowaatti amanami, inni akkuma tajaajiltootasaa durii gargaare siinis si gargaara. Gumii kee isa durii wajjin wal bira hin qabin. Sochii gumiin kee inni haaraan godhurratti hirmaadhu, akkasumas michoota haaraa horadhu.—w24.07, ful. 26-28.

Fakkeenyota sadan Maatewos boqonnaa 25 irratti ibsamanirraa maal baranna?

Fakkeenyi waaʼee hoolotaa fi reʼootaa ibsu amanamoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe addeessa. Fakkeenyi waaʼee durboota hubatoo fi gowwootaa ibsu qophaaʼoo fi of eeggatoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe ibsa. Fakkeenyi waaʼee taalaantii ibsummoo jabaatanii hojjechuun hammam barbaachisaa akka taʼe addeessa.—w24.09, ful. 20-24.

Ol dheerinni barandaa mana qulqullummaa Solomoon hammam ture?

Barreeffamoonni bara durii tokko tokko 2 Seenaa Baraa 3:4 irratti ol dheerinni barandaa sanaa “dhundhuma 120” akka taʼe ibsaniiru, kunis meetira 53 taʼa. Barreeffamoonni amanamoo taʼan kan biroon garuu “dhundhuma 20” akka taʼe ibsu, kunis meetira sagal jechuudha. Girgiddaan mana qulqullummaas baachuu kan dandaʼu hamma kanadha.—w24.10, ful. 31.

Tajaajilaan gumii tokko “haadha manaa takkittii kan qabu” taʼuunsaa maal dabalata? (1 Xim. 3:12)

Haadha manaa takka qofa qabaachuu fi halalummaarraa fagaachuu qaba. Kana malees, dubartii kan biraadhaaf xiyyeeffannaa sirrii hin taane hin kennu.—w24.11, ful. 19.

Yaanni Yohaannis 6:53 irratti argamu wanta Irbaata Gooftaarratti godhamuuf fakkeenya hin taʼu kan jennu maaliifi?

Yohaannis 6:53 foon Yesuus nyaachuunii fi dhiigasaa dhuguun barbaachisaa akka taʼe dubbata. Yesuus yaada kana kan dubbate Dh.K.B. bara 32​tti Galiilaa keessatti Yihudoota isatti amanuun isaan barbaachisutti ture. Irbaata Gooftaa kan hundeesse garuu gara waggaa tokkoo booda Yerusaalem keessattidha. Yeroo sanatti haasofsiisaa kan ture namoota isa wajjin samiirratti bulchuuf abdii qabanidha.—w24.12, ful. 10-11.