Gaaffii Dubbistootaa
Israaʼelonni yeroo lafa onaa keessa turanitti mannaa fi simbirroodhaan alatti wanta nyaatan qabu turanii?
Israaʼelonni yeroo waggoota 40f lafa onaa keessa jiraachaa turanitti baayʼinaan mannaa nyaatu turan. (Bau. 16:35) Kana malees Yihowaan yeroo lama simbirroota sooratan isaaniif kenneera. (Bau. 16:12, 13; Lak. 11:31) Haa taʼu malee, Israaʼelonni wantoota sooratan kan biroo muraasas qabu turan.
Fakkeenyaaf, Yihowaan yeroo tokko tokko saba isaa gara “iddoo boqonnaa” bishaanii fi nyaata itti argatanitti ni qajeelcha ture. (Lak. 10:33) Iddoowwan kana keessaa tokko Eeliim isa “burqaawwan bishaanii 12 fi mukeetii meexxii 70 qabu” dha; mukti meexxii kun teemirii akka taʼe hin shakkisiisu. (Bau. 15:27) Kitaabni Plants of the Bible jedhamu akka ibsetti mukti teemirii “iddoo balʼaa qabatee kan jiruu fi firiin isaa nyaata lafa onaa keessatti baayʼinaan nyaatamudha; mukti kun namoota miliyoonaan lakkaʼamaniifis nyaata, zayitii fi gaaddisa argamsiisa.”
Israaʼelonni naannoo magariisaa yeroo ammaatti Feeyiraan jedhamee beekamus buufachuu hin oolan; iddoon kun kutaa Laga Gogaa Feeyiraani. Kitaabni Discovering the World of the Bible jedhamu akka ibsetti lagni gogaan ykn sululli lagaa kun, “kiilomeetira 130 kan dheeratu, akkasumas lageen gogaa Siinaa keessatti argamanii fi baayʼee dhedheeroo, mimmiidhagoo fi beekamoo taʼan keessaa tokkodha.” Itti fufuudhaan akka ibsetti, namni tokko iddoo lagni gogaan kun galaanichaa wajjin itti wal qunnamurraa kaʼee kiilomeetira 45 yoo deeme Iddoo Magariisaa Feeyiraan bira gaʼa. Iddoon magariisaa kun sirrii galaanaatii olitti meetira 610 irratti argama, akkasumas kiilomeetira 4.8 dheerata. Naannoon kun mukeetii meexxiitiin kan guutamedha; baayʼee miidhagaa taʼuu isaatiin kan kaʼe iddoo biqiltuu Eedanitti fakkeeffama ture. Mukeetiin teemirii kumaan lakkaaʼaman waan jiraniif, waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoonni gara bakka kanaa dhufaa turaniiru.
Israaʼelonni Gibxii keessaa yeroo baʼanitti bukoo, qodaa bukoo fi tariimmoo midhaanii fi zayitii muraasa fuudhanii baʼaniiru. Dhugaadha, wantoonni kun kan turan yeroo muraasaaf qofadha. Kana malees, sabichi yeroo achii baʼanitti “bushaayeewwanii fi loon, jechuunis horiiwwan baayʼee hedduu taʼan fudhatanii” turan. (Bau. 12:34-39) Haa taʼu malee, lafa onaa keessa jiraachuun baayʼee ulfaataa waan taʼeef, horii kana keessaa baayʼeen isaanii duʼanii taʼuu dandaʼa. Muraasni isaanii nyaataaf oolanii taʼuu dandaʼa. Kaanimmoo aarsaa godhamanii taʼuu dandaʼa; tarii waaqolii tolfamoodhaafillee aarsaa godhamanii taʼuu dandaʼa. a (HoE. 7:) Wanta Yihowaan yeroo isaaf ajajamuu didanitti isaaniin jedherraa akka hubannutti Israaʼelonni beelladoota tokko tokko horsiisaa turan; Yihowaan, “Ilmaan keessanis lafa onaa keessatti waggaa 40f tiksitoota ni taʼu” jedhee ture. ( 39-43Lak. 14:33) Kanaafuu, horii isaanii kanarraa aannanii fi darbee darbeemmoo foon argachuu dandaʼu; taʼus kun namoota miliyoona sadii taʼan waggaa 40f jiraachisuuf gaʼaa miti. b
Beelladoota isaaniitiif nyaataa fi bishaan eessaa argatu turan? c Yeroo sanatti lafa onaa sana keessatti isa ammaa caalaa bokkaan roobaa waan tureef, biqiltoonni isa ammaa caalaa ni argamu turan. Kitaabni Insaayitii, Jildiin 1ffaan akka ibsetti, waggaa 3,500 dura “bishaan Arabiyaa keessatti argamu isa ammaarra hamma tokko ni caala ture. Lageen gogaan ykn sululawwan bishaan keessa yaaʼaa turan hedduun jiraachuun isaanii, kanaan dura bokkaa gaʼaan roobaa akka turee fi bishaan yaaʼaa akka ture argisiisa.” Taʼus, lafti onaa sun gammoojjii fi iddoo nama sodaachisu ture. (Kes. 8:14-16) Yihowaan dinqiidhaan bishaan utuu isaaniif kennuu baatee, Israaʼelonnis taʼan beelladoonni isaanii akka dhuman hin shakkisiisu.—Bau. 15:22-25; 17:1-6; Lak. 20:2, 11.
Museen Yihowaan mannaa isaan sooraa kan ture “namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu akka hin dandeenye akka [beekan] gochuuf” akka taʼe Israaʼelotatti himeera.—Kes. 8:3.
a Kitaabni Qulqulluun lafa onaa keessatti beelladoonni Yihowaadhaaf yeroo lama aarsaa akka godhaman ni dubbata. Inni jalqabaa yeroo luboonni muudamanittidha; inni lammataammoo Ayyaana Faasikaarrattidha. Yeroon kun lamaanuu Dh.K.D. bara 1512tti, jechuunis Israaʼelonni Gibxiidhaa baʼanii waggaa lammaffaattidha.—Lew. 8:14–9:24; Lak. 9:1-5.
b Israaʼelonni lafa onaa keessa jiraachuu jalqabanii gara dhuma waggaa 40ffaatti, waraanarratti beelladoota kuma dhibbaan lakkaaʼaman boojiʼanii turan. (Lak. 31:32-34) Taʼus, hamma Biyyattii Abdachiifamtetti galanitti mannaa nyaachuu isaanii itti fufaniiru.—Iya. 5:10-12.
c Mannaan tokkoon tokkoon namaa fudhatu hammam akka taʼe waan ibsameef, ragaan bineeldonni mannaa akka nyaatan argisiisu hin jiru.—Bau. 16:15, 16.