Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 43

“Inni Isin Jabeessa”—Akkamitti?

“Inni Isin Jabeessa”—Akkamitti?

“[Yihowaan] isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba.”—1 PHE. 5:10.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

QABIYYEE a

1. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii jabina kan argatan akkamitti?

 DUBBIIN WAAQAYYOO yeroo baayʼee namoonni amanamoo taʼan humna akka qaban ibsa. Haa taʼu malee, namni jabina guddaa qabullee yeroo tokko tokko dadhabaa akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi yeroo tokko tokko “akkuma gaaraatti cimaa” akka taʼe isatti dhagaʼama ture, yeroo kan biraatti garuu ‘ni jeeqama’ ture. (Far. 30:7) Hafuurri Waaqayyoo Saamsoniif humna guddaa kennee ture; haa taʼu malee, Saamson hafuura Waaqayyoo yoo argachuu baate ‘dadhabaa akka taʼuu fi akkuma namoota kaanii akka taʼu’ hubatee ture. (Abo. 14:5, 6; 16:17) Namoonni amanamoon kun jabina qabaachuu kan dandaʼan Yihowaan humna waan isaaniif kenneef qofadha.

2. Phaawulos ergamaan dadhabaa akka taʼe, garuummoo humna akka qabu kan dubbate maaliifi? (2 Qorontos 12:9, 10)

2 Phaawulos ergamaanis humni Yihowaa akka isa barbaachisu dubbateera. (2 Qorontos 12:9, 10 dubbisi.) Phaawulos akkuma namoota kaanii dhibee fayyaa qaba ture. (Gal. 4:13, 14) Wanta sirrii taʼe gochuuf yeroon walʼaansoo gochuun itti isa barbaachises jira. (Rom. 7:18, 19) Yeroo tokko tokkommoo yaaddoo fi sodaatu isatti dhagaʼama ture. (2 Qor. 1:8, 9) Taʼus, Phaawulos yeroo dadhabetti jabina qabaachuu dandaʼeera. Akkamitti? Yihowaan jabina rakkina isaa dandamachuuf isa barbaachisu isaaf kenneera.

3. Mata duree kana keessatti gaaffilee kamiif deebii arganna?

3 Yihowaan nuunis nu jabeessuuf waadaa galeera. (1 Phe. 5:10) Haa taʼu malee, carraaqqii tokkollee utuu hin godhin jabina kana ni arganna jennee hin eegnu. Fakkeenyaaf, konkolaataan tokko akka sochoʼu kan taasisu motara isaati. Taʼus, konkolaataan sun akka deemuuf konkolaachisaan peedaalii bobaʼaarra ejjechuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan humna nu barbaachisu nuuf kennuuf qophaaʼaadha; irraa fayyadamuuf garuu tarkaanfii fudhachuu qabna. Yihowaan jabina nuu kennuuf qophii akkamii godheera? Nutoo jabina kana argachuuf maal gochuu qabna? Gaaffilee kanaaf deebii argachuuf Yihowaan Yoonaas raajicha, Maariyaam ishii haadha Yesuus taatee fi Phaawulos ergamaadhaaf jabina kan kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yihowaan tajaajiltoota isaa yeroo harʼaa jiraniif jabina kennuu isaa kan itti fufe akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

KADHANNAA FI QOʼANNAARRAA JABINA ARGADHU

4. Yihowaarraa jabina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Karaan Yihowaarraa jabina argachuu itti dandeenyu inni tokko kadhannaadhaan isa gaafachuudha. Yihowaanis ‘humna humna caalu’ nuuf kennuudhaan kadhannaa keenya nuuf deebisa. (2 Qor. 4:7) Dubbii isaa dubbisnee irratti xiinxaluunis jabina nuuf kenna. (Far. 86:11) Ergaan Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti barreessise “humna qabeessa” dha. (Ibr. 4:12) Yihowaa kan kadhattuu fi Dubbii isaa kan dubbistu yoo taʼe, humna jabaattee dhaabbachuuf, gammachuu qabaachuuf ykn itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe tokko raawwachuuf si barbaachisu argatta. Yihowaan Yoonaas raajichaaf jabina kan kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

5. Yoonaas raajichi jabinni kan isa barbaachise maaliifi?

5 Yoonaas raajichi jabinni isa barbaachisee ture. Yeroo tokko itti gaafatamummaa ulfaataa Yihowaan isaaf kenne jalaa baqatee ture. Kanaan kan kaʼes, obomboleettii cimaadhaan lubbuu isaa dhabuu jala gaʼee ture; lubbuu namoota isa wajjin dooniidhaan deemaa turaniis balaadhaaf saaxilee ture. Namoonni doonicha oofan galaanichatti yeroo isa darbatan qurxummii guddaan tokko isa liqimse. Yeroo kanatti Yoonaasitti maaltu dhagaʼame jettee yaadda? Achuma keessatti akka duʼu isatti dhagaʼamee turee laata? Yihowaan akka isa dhiisehoo isatti dhagaʼameeraa? Yoonaas baayʼee dhiphatee akka ture ifadha.

Yeroo qorumsi nu mudatu akkuma Yoonaas raajichaa jabina argachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 6-9 ilaali)

6. Yoonaas 2:1, 2, 7 akka jedhutti, Yoonaas yeroo garaa qurxummii keessa turetti jabina argachuuf maaltu isa gargaare?

6 Yoonaas kophaa isaa garaa qurxummii keessa yeroo turetti jabina argachuuf maal godhe? Tokkoffaa, kadhateera. (Yoonaas 2:1, 2, 7 dubbisi.) Yoonaas Yihowaadhaaf kan hin ajajamne taʼus, yaada waan geddarateef Yihowaan kadhannaa isaa akka dhagaʼu amantii qaba ture. Kitaabota Qulqulluurrattis xiinxaleera. Akkas kan jennu maaliifi? Kadhannaa isaa Yoonaas boqonnaa 2​rratti galmeesserratti jechootaa fi gaaleewwan kitaaba Faarfannaarraa fudhataman hedduutti fayyadameera. (Fakkeenyaaf, Yoonaas 2:2, 5, Faarfannaa 69:1; 86:7 wajjin wal bira qabii ilaali.) Yoonaas caqasoota kana akka gaariitti akka beeku ifadha. Yeroo haala rakkisaa keessa turetti caqasoota kanarratti xiinxaluun isaa Yihowaan akka isa gargaaru amantii qabaachuuf isa dandeessiseera. Boodas Yoonaas Yihowaan erga isa oolchee booda itti gaafatamummaa isaaf kennamu fudhachuu fi raawwachuuf qophaaʼaa taʼeera.—Yon. 2:10–3:4.

7-8. Obboleessi Taayiwaan keessa jiraatu tokko yeroo qorumsi isa mudatetti jabina kan argate akkamitti?

7 Fakkeenyi Yoonaas qorumsi garaa garaa yeroo nu mudatu nu gargaara. Fakkeenyaaf, obboleessi Ziimiingi b jedhamuu fi Taayiwaan keessa jiraatu dhibee fayyaa cimaa qaba. Amantii Yihowaarratti qabuun kan kaʼes mormiin maatii cimaa taʼe isarra gaʼaa jira. Taʼus, kadhannaa dhiheessuudhaan, akkasumas qoʼachuudhaan Yihowaarraa jabina argachuu dandaʼeera. “Yeroo tokko tokko yeroo rakkinni na mudatu, baayʼee waanan dhiphadhuuf tasgabbaaʼee qoʼannaa dhuunfaa gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama” jedheera. Haa taʼu malee, Ziimiingi abdii hin kutanne. Akkana jedheera: “Jalqaba, Yihowaan kadhadha. Achiis iirfoonii kaaʼadheen faarfannaa Mootummichaa dhaggeeffadha. Yeroo tokko tokko hamman tasgabbaaʼutti sagalee koo gadi qabeen wajjin faarfadha. Sana booda qoʼachuun jalqaba.”

8 Ziimiingi qoʼannaa dhuunfaarraa karaa hin eegamneen jabina argateera. Fakkeenyaaf, yaalii baqaqsanii hodhuu cimaa taʼerraa bayyanachaa yeroo turetti, narsiin takka seeliin dhiiga diimaa isaa xinnoo waan taʼeef dhiiga fudhachuun akka isa barbaachisu itti himte. Ziimiingi galgala yaaliin baqaqsanii hodhuu isaaf godhame dura turetti, muuxannoo obboleettii yaaliin akkasii ishiidhaaf godhame tokkoo dubbisee ture. Obboleettiin kun seeliin dhiiga diimaa ishii kan isaa caalaa hirʼatee kan ture taʼus, dhiiga hin fudhanne; taʼus, dhukkuba ishiirraa bayyanachuu dandeesseetti. Ziimiingi muuxannoo kana dubbisuun isaa cimina amanamaa taʼee itti fufuuf isa barbaachisu akka qabaatu isa gargaareera.

9. Qorumsi tokko yoo si dadhabsiise maal gochuu dandeessa? (Fakkiiwwanis ilaali.)

9 Yeroo qorumsi si mudatu baayʼee dhiphachuu keetiin kan kaʼe kadhannaadhaan miira kee ibsuun sitti ulfaatee beekaa? Yookiin baayʼee dadhabuu keetiin kan kaʼe qoʼachuun sitti ulfaataa? Yihowaan haala keessa jirtu sirriitti akka hubatu yaadadhu. Kanaafuu, kadhannaa gabaabaa yeroo dhiheessituttillee Yihowaan wanta si barbaachisu akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Efe. 3:20) Dhukkubbii, dadhabbii ykn dhiphina sitti dhagaʼamuun kan kaʼe dubbisuun ykn qoʼachuun yoo sitti ulfaate, Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffamoota keenya sagaleedhaan waraabaman dhaggeeffachuuf yaali. Faarfannaawwan keenya dhaggeeffachuun ykn jw.org irraa viidiyoo tokko ilaaluun si fayyaduu dandaʼa. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi deebii inni qophiiwwan hafuuraatti fayyadamee kadhannaa keetiif kennu hubachuuf yaaluudhaan akka si jabeessu heyyamuu dandeessa.

OBBOLOOTA KEERRAA JABINA ARGADHU

10. Obboloonnii fi obboleettonni keenya kan nu jabeessan akkamitti?

10 Yihowaan nu jabeessuuf obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadamuu dandaʼa. Obboloonni keenya yeroo qorumsi nu mudatu ykn itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe raawwachuuf walʼaansoo goonutti, “madda jajjabinaa guddaa” nuuf taʼuu dandaʼu. (Qol. 4:10, 11) Keessattuu ‘yeroo dhiphinaatti’ michuun nu barbaachisa. (Fak. 17:17) Yeroo akka dadhabne nutti dhagaʼamu, obboloonni keenya karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa nu gargaaru. Haadha Yesuus kan taate Maariyaam warra kaanirraa jabina kan argatte akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

11. Maariyaam jabinni kan ishii barbaachise maaliifi?

11 Maariyaam jabinni ishii barbaachisee ture. Gabriʼeel itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe yeroo ishiidhaaf kennetti hammam dhiphattee akka turte tilmaamuu dandeessa. Maariyaam hin heerumne, garuummoo ulfaaʼuuf jetti. Ijoollee guddistee kan hin beekne taʼus, mucaa yeroo booda Masiihicha taʼu guddisuuf jetti. Maariyaam saalqunnamtii raawwattee kan hin beekne taʼus, akka ulfoofte kaadhimaa ishii Yoseefitti himuu qabdi; kun baayʼee ulfaataa akka taʼe ifadha.—Luq. 1:26-33.

12. Luqaas 1:39-45 akka jedhutti, Maariyaam jabina ishii barbaachisu kan argatte akkamitti?

12 Maarree, Maariyaam itti gaafatamummaa addaa ulfaataa taʼe kana raawwachuuf jabina ishii barbaachisu kan argatte akkamitti? Gargaarsa warra kaanii argachuuf carraaqqii gooteetti. Fakkeenyaaf, Gabriʼeel itti gaafatamummaa kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa akka ishiidhaaf kennu gaafatteetti. (Luq. 1:34) Achiis utuma baayʼee hin turin fira ishii kan taate Elsaabexiin gaafachuuf “gara magaalaa Yihudaa tokkoo deemte.” Achi deemuun ishii ishii kiiseera. Elsaabex Maariyaamiin galateeffatteetti, akkasumas hafuura Yihowaatiin geggeeffamtee waaʼee daaʼima Maariyaam garaatti baattee jirtuu raajii nama jajjabeessu dubbatteetti. (Luqaas 1:39-45 dubbisi.) Maariyaam Yihowaan “irree isaatiin hojiiwwan guguddaa [akka] hojjete” dubbatteetti. (Luq. 1:46-51) Yihowaan Gabriʼeelii fi Elsaabexitti fayyadamee Maariyaamiin jajjabeesseera.

13. Obboleettiin Booliiviyaa keessa jiraattu takka gargaarsa obboloota ishii gaafachuun ishii kan ishii fayyade akkamitti?

13 Atis akkuma Maariyaam obboloota keerraa jabina argachuu dandeessa. Obboleettiin Daasurii jedhamtuu fi Booliiviyaa keessa jiraattu jabinni ishii barbaachisee ture. Daasuriin abbaan ishii dhukkubsatee hospitaala yeroo galetti isa kunuunsuuf fedhiidhaan of dhiheessitee turte. (1 Xim. 5:4) Kun garuu yeroo hunda salphaa hin turre. “Yeroo baayʼee, ‘Kana caalaa hin dandaʼu’ jedhee beeka” jetteetti. Maarree, gargaarsa gaafatteettii? Jalqabarratti akkas hin goone. Akkana jetteetti: “Obboloota dhamaasuu hin barbaannen ture. ‘Kan na gargaaru Yihowaadha’ jedheen yaade. Haa taʼu malee, warra kaanirraa adda of baasuudhaan rakkina koo kophuma koo furuuf yaalaa akkan jirun hubadhe.” (Fak. 18:1) Daasuriin michoota ishii muraasaaf barreessuudhaan haala keessa jirtu isaanitti himuuf murteessite. Akkana jetteetti: “Obboloonni koo hammam akka na jabeessan jechaan ibsuu hin dandaʼu. Hospitaalatti nyaata nuu fidanii dhufaniiru, caqasoota nama jajjabeessanis naa dubbisaniiru. Kophaa akka hin taane beekuun baayʼee nama gammachiisa. Hundi keenya miseensota maatii Yihowaati; maatiin kunimmoo yeroo rakkattu si gargaaru, yeroo dhiphattu sii wajjin booʼu, isaan wajjin Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftus si jajjabeessu.”

14. Gargaarsa jaarsoliin nuu godhan fudhachuu kan qabnu maaliifi?

14 Yihowaan jaarsoliitti fayyadamees humna nuu kenna. Obboloota kennaa taʼan kanatti fayyadamee nu cimsa, akkasumas nu haaromsa. (Isa. 32:1, 2) Kanaafuu, yeroo dhiphattu wanta si yaaddessu jaarsoliitti himi. Gargaarsa isaanii fudhachuurraa duubatti hin jedhin. Yihowaan isaanitti fayyadamee si jabeessuu dandaʼa.

ABDII KEERRAA JABINA ARGADHU

15. Kiristiyaanonni hundi abdii akkamii qabu?

15 Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe humna nuuf argamsiisa. (Rom. 4:3, 18-20) Kiristiyaanonni tokko tokko abdii bara baraaf samiirra jiraachuu qabu, kaanimmoo lafa jannata taaterra bara baraaf jiraachuuf abdii qabu. Abdiin keenya qorumsa dandamachuuf, misiraachicha lallabuu fi itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu baʼuuf humna nuu kenna. (1 Tas. 1:3) Abdiin kun Phaawulos ergamaadhaaf jabina kenneera.

16. Phaawulos ergamaan jabinni kan isa barbaachise maaliifi?

16 Phaawulos jabinni isa barbaachisee ture. Xalayaa warra Qorontosiif barreesserratti qodaa suphee salphaatti cabutti of fakkeesseera. Phaawulos ‘gad dhiibameera, burjaajaʼeera, ariʼatameera, akkasumas rukutamee kufeera.’ Lubbuun isaallee balaadhaaf saaxilamee beeka. (2 Qor. 4:8-10) Phaawulos yaada kana kan barreesse yeroo adeemsa misiyoonummaa isaa isa sadaffaarra turettidha. Yaada kana erga barreessee boodas haalawwan rakkisoon caalaatti ulfaatan isa mudataniiru. Namoota jeequmsa uumanirraa miidhaan isarra gaʼeera, qabameera, balaan doonii isarra gaʼeera, akkasumas hidhameera.

17. Akka 2 Qorontos 4:16-18 irratti ibsametti, Phaawulos jabina qorumsa dandamachuuf isa barbaachisu kan argate akkamitti?

17 Phaawulos abdii isaarratti xiyyeeffachuudhaan jabina argateera. (2 Qorontos 4:16-18 dubbisi.) Qaamni isaa “dhumaa yoo deeme iyyuu,” kun abdii akka isa kutachiisu akka hin heyyamne warra Qorontositti himeera. Phaawulos abdii isaarratti xiyyeeffateera. Abdiin bara baraaf samiirra jiraachuuf qabu “ulfina caalaatti dabalaa deemu” isaaf argamsiisa. Phaawulos abdii isaatiif iddoo guddaa waan kennuuf, badhaasa isaa kana argachuuf rakkina akkamiiyyuu dandamachuuf qophaaʼaa ture. Abdii isaa kanarratti waan xiinxaleef, “guyyaa guyyaadhaan haareffamaa” deemeera.

18. Tihoomirii fi maatiin isaa abdii isaaniirratti xiyyeeffachuun isaanii kan isaan jabeesse akkamitti?

18 Obboleessi Tihoomir jedhamuu fi Bulgaariyaa jiraatu abdii isaarraa jabina guddaa argateera. Waggoota muraasa dura obboleessi isaa quxusuun Istiraavkoo jedhamu balaa konkolaataatiin duʼe. Sana booda Tihoomir yeroo muraasaaf gadda cimaadhaan liqimfamee ture. Haala isaa dandamachuuf maatii isaa wajjin abdii duʼaa kaʼuurratti xiinxalu turan. Akkana jedheera: “Fakkeenyaaf, Istiraavkoo wajjin eessatti akka wal arginu, nyaata akkamii akka isaaf qopheessinu, yeroo inni duʼaa kaʼu jalqaba eenyufaa akka affeerruu fi waaʼee guyyoota dhumaa maalfaa akka isatti himnu ni mariʼanna.” Tihoomir maatiin isaa abdii isaaniirratti xiyyeeffachuun isaanii jabaatanii dhaabbachuuf jabina akka argatan, akkasumas yeroo itti Yihowaan obboleessa isaa duʼaa kaasu eeggachuu isaanii itti fufuuf akka isaan gargaare dubbateera.

Addunyaa haaraa keessatti jireenya akkamii akka jiraattu yaadda? (Keeyyata 19 ilaali) c

19. Abdii kee cimsachuuf maal gochuu dandeessa? (Fakkichas ilaali.)

19 Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, abdiin kee bara baraaf lafarra jiraachuu yoo taʼe, wanta Kitaabni Qulqulluun Jannata ilaalchisee dubbatu dubbistee irratti xiinxaluu dandeessa. (Isa. 25:8; 32:16-18) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu xiinxali. Achi keessatti of ilaali. Eenyufaatu sitti mulʼata? Sagalee akkamii dhageessa? Miira akkamiitu sitti dhagaʼama? Yaadaan ilaaluuf akka si gargaaruuf fakkiiwwan Jannata argisiisanii fi barreeffamoota keenyarratti baʼan ilaali ykn faarfannaawwan Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha, Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera ykn Sitti haa Mulʼatu jedhaman ilaali. Waaʼee addunyaa haaraa xiinxaluuf yeroo kan ramadnu yoo taʼe, rakkinni amma nu mudachaa jiru “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” taʼuu isaa hubanna. (2 Qor. 4:17) Yihowaan abdii sii kennetti fayyadamee si jabeessa.

20. Yeroo dadhabnuttillee humna argachuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Yeroo dadhabnuttillee “Waaqayyo humna nuuf kenna.” (Far. 108:13) Yihowaan ammumayyuu jabina isaa akka argattuuf qophii barbaachisu siif godheera. Kanaafuu, itti gaafatamummaa tokko baʼuuf, qorumsa tokko dandamachuuf ykn gammachuu kee eeggachuuf yeroo gargaarsi si barbaachisu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, akkasumas karaa qoʼannaa dhuunfaa qajeelfama isaa argachuuf yaali. Jajjabina obboloonnii fi obboleettonni kee siif kennan fudhadhu. Yeroo hunda abdii keerratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattee akka dhaabbattuuf Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina siif kenna.’—Qol. 1:11.

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

a Mata dureen kun obboloota qorumsi ulfaataan isaan mudate ykn itti gaafatamummaan tokko humna isaaniitii ol akka taʼe isaanitti dhagaʼamu gargaaruuf qophaaʼe. Yihowaan kan nu jabeessu akkamitti akka taʼee fi gargaarsa isaa argachuuf maal gochuu akka dandeenyu ilaalla.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c IBSA FAKKII: Obboleettiin gurri ishii hin dhageenye takka abdii Kitaaba Qulqulluurratti xiinxalaa jirti; addunyaa haaraa keessatti jireenyi ishii maal akka fakkaatu yaadaan ilaaluuf faarfannaa tokko ilaalaa jirti.