Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yoseef Namni Armaatiyaa Tarkaanfii Fudhateera

Yoseef Namni Armaatiyaa Tarkaanfii Fudhateera

YOSEEF NAMNI ARMAATIYAA bulchaa Roomaa duratti dhihaachuuf akkamitti ija jabina akka argate baayʼee hin beeku ture. Phonxos Philaaxos baayʼee mata jabeessa taʼuudhaan beekama ture. Taʼus Yesuus awwaala ulfina qabu akka argatu yoo barbaadame, namni tokko Philaaxositti dhihaatee reeffa Yesuus akka kennu isa gaafachuu qaba. Wanti booda taʼe akka argisiisutti garuu Philaaxosii wajjin kallattiidhaan wal arguun akka Yoseef yaade ulfaataa hin turre. Philaaxos, Yesuus akka duʼe ajajaa loltootaa tokko irraa erga mirkaneessee booda isaaf heyyameera. Yeroo kanatti Yoseef gadda guddaa keessa kan ture taʼus, hatattamaan deebiʼee bakka Yesuus itti fannifame deeme.—Mar. 15:42-45.

  • Yoseef namni Armaatiyaa kun eenyu?

  • Yesuusii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba ture?

  • Seenaan isaa xiyyeeffannaa kee kan hawwatu maaliifi?

MISEENSA SAANHEDIRIIN

Wangeelli Maarqos inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame, Yoseef, ‘miseensa mana maree Yihudootaa beekamaa’ akka taʼe dubbata. Manni maree Yihudoota as irratti ibsame Saanhediriin siʼa taʼu, mana murtii ol aanaa fi qaama bulchiinsaa ol aanaa dha. (Mar. 15:1, 43) Yoseef geggeessitoota saba isaa keessaa tokko siʼa taʼu, bulchaa Roomaa duratti dhihaatee fudhatama kan argate kanaaf ture. Yoseef sooressa taʼuun isaas kan nama dinqisiisu miti.—Mat. 27:57.

Yesuus Mootii kee akka taʼe ifatti beeksisuuf ija jabina qabdaa?

Saanhediriin akka gareetti Yesuusiif diina turan. Miseensonni isaa Yesuusiin ajjeesuuf daba kan qopheessan kanaaf ture. Yoseef garuu “nama gaarii fi qajeelaa ture” jedhameera. (Luq. 23:50) Miseensota Saanhediriin isaa wajjin hojjetan baayʼee isaanii irraa haala adda taʼeen, inni jireenya qulqulluu naamusa gaarii qabu jiraateera, akkasumas Waaqayyoof ajajamuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera. Kana malees, inni “Mootummaa Waaqayyoo ni eeggata ture,” kunis sababii inni barata Yesuus itti taʼe ibsa. (Mar. 15:43; Mat. 27:57) Ergaa Yesuusiif xiyyeeffannaa kan kenne dhugaadhaa fi haqaaf fedhii cimaa kan qabu waan tureef taʼuu hin oolu.

NAMA DHOKSAATTI BARATU

Yohaannis 19:38 Yoseef, “Yihudoota waan sodaateef dhoksaatti barataa Yesuus ture” jedha. Yoseef maal sodaata ture? Yihudoonni Yesuusiin akka tuffatanii fi nama akka isatti amanu dubbatu eenyuun iyyuu mana sagadaa keessa ariʼuuf akka murteessan beeka ture. (Yoh. 7:45-49; 9:22) Mana sagadaa keessaa ariʼamuu jechuun balfamuu, qofa baafamuu fi Yihudoota biratti jibbamuu jechuu dha. Kanaaf Yoseef, Yesuusitti akka amanu ifatti dubbachuu irraa dubbatti jedheera. Dubbachuun isaa aangoo isaa fi ulfina qabu dhabuu itti taʼa.

Rakkina akkasii kan qabu Yoseef qofa hin turre. Yohaannis 12:42 akka ibsutti, “bulchitoota keessaa illee hedduun isaanii isatti [Yesuusitti] amananii turan; haa taʼu malee, mana sagadaa keessaa akka hin ariʼamneef sababii Fariisotaatiif jedhanii waaʼee isaa ifatti hin dubbatan turan.” Namni haala akkasii keessa ture gara biraan immoo Niqoodemos siʼa taʼu, innis miseensa Saanhediriin ture.—Yoh. 3:1-10; 7:50-52.

Yoseef garuu barataa ture, taʼus ifatti baasee dubbatee hin beeku. Kun rakkina guddaa ture; sababiin isaas Yesuus “Nama namoota duratti dhugaa anaaf baʼu hundumaatiif, ani immoo Abbaa koo isa samii duratti dhugaa nan baʼaaf. Nama namoota duratti na ganu hunda garuu, anis Abbaa koo isa samii duratti isa nan gana” jechuudhaan dubbatee ture. (Mat. 10:32, 33) Yoseef Yesuusiin hin beeku jedhee hin ganne, taʼus akka isatti amanu ija jabinaan dubbatee hin beeku. Ati hoo?

Kitaabni Qulqulluun, Yoseef daba Saanhediriin Yesuus irratti qopheesse akka hin deggere dubbachuudhaan wanta gaarii akka godhe dubbata. (Luq. 23:51) Tarii akka namoonni tokko tokko dubbatanitti, Yoseef yeroo Yesuus murtiitti dhihaatetti achi hin turre. Kanas taʼe sana Yoseef, jalʼinni haqaa jibbisiisaan kun isa dhiphisee kan hin oolle taʼus, wanta kana hambisuuf homaa gochuu hin dandaʼu ture!

MURTEESSUU DANDAʼUU

Yeroo Yesuus duʼetti Yoseef sodaa isaa moʼuudhaan, duuka buutota Yesuus cina dhaabachuuf kan murteesse fakkaata. Murtoo kana akka godhe yaadni Maarqos 15:43 irratti, “Ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate” jedhu ni argisiisa.

Yommuu Yesuus duʼetti Yoseef bakka sana waan ture fakkaata. Dhugaa dubbachuuf Philaaxos dura Yesuus akka duʼe beekee ture. Yeroo Yoseef reeffa Yesuus gaafatetti, bulchaan sun, “akka duʼee fi akka hin duune” kan gaafate kanaaf ture. (Mar. 15:44) Yoseef yeroo Yesuus muka dhiphinaa irratti dhiphatu ilaalaa ture yoo taʼe, haalli sodaachisaan kun qalbii isaa akka qoruu fi dhuma irrattis dhugaa cina dhaabachuuf akka murteessu isa taasisee turee laata? Taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, Yoseef amma tarkaanfii fudhachuuf kakaʼeera. Kana booda dhoksaatti barataa hin taʼu.

YOSEEF YESUUSIIN NI AWWAALE

Seerri Yihudootaa namoonni duuti itti murteeffame utuu aduun hin lixin awwaalamuu akka qaban ajaja. (Kes. 21:22, 23) Akka warra Roomaatti garuu, reeffi yakkamtoota ajjeefamanii muka irratti tortora ykn awwaala namoota hiyyeeyyii taʼanii keessatti gatama. Wanti Yoseef yaade garuu kana hin turre. Yoseef bakka Yesuus itti fannifamee turetti dhihoodhaa awwaala haaraa dhagaa keessatti bocame qaba. Iddoo kanatti namni awwaalamee kan hin beekne taʼuun isaa Yoseef Armaatiyaadhaa * gara Yerusaalemitti kan gale dhiheenya akka taʼee fi iddoo kana bakka awwaalaa maatii isaa godhachuuf akka yaade argisiisa. (Luq. 23:53; Yoh. 19:41) Yoseef Yesuusiin awwaala ofii isaatiif qopheesse keessatti awwaaluun isaa arjummaa guddaa taʼuu isaa irra iyyuu, raajii Masiihiin ‘warra sooressootaa’ wajjin akka awwaalamu dubbatame akka raawwatamu godheera.—Isa. 53:5, 8, 9.

Wanti walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu caalaa iddoo guddaa kennituuf kan biraan jiraa?

Wangeelonni arfanuu reeffi Yesuus erga muka irraa buufamee booda, Yoseef uffata quncee talbaa baʼeessaan akka maree fi awwaala ofii isaa keessa akka kaaʼe ibsu. (Mat. 27:59-61; Mar. 15:46, 47; Luq. 23:53, 55; Yoh. 19:38-40) Yeroo kanatti namni Yoseefiin akka gargaare ibsame, Niqoodemos isa urgooftuu reeffa ittiin awwaalan fide qofa ture. Aangoo namoonni lamaan kun qabanii wajjin haala wal qabateen, reefficha ofuma isaaniitii achitti geessaniiru jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne dha. Reefficha baachuu fi awwaaluu irratti garbootatti fayyadamaniiru jedhanii yaaduun waan fakkaatu dha. Taʼus garbootatti yoo fayyadaman iyyuu hojiin namoonni lamaan kun hojjetan salphaa hin turre. Namni reeffa tuqu kam iyyuu karaa waaqeffannaa hamma guyyaa torbaatti xuraaʼaa waan taʼuuf, wanti isaan tuqan hundi xuraaʼaa taʼa. (Lak. 19:11; Hag. 2:13) Haalli akkasii kun torban ayyaana Faasikaatti namoota irraa addaan akka baʼan, qophii fi gammachuu yeroo kanatti argamu hundumaa akka dhaban isaan godha. (Lak. 9:6) Kana malees Yoseef, Yesuus akka awwaalamu gochuun isaa namoonni isaa wajjin hojjetan akka isatti qoosan taasisa. Taʼus yeroo kanatti wanta Yesuusiin ulfinaan awwaaluun isatti fidu fudhachuu fi barattoota Kiristoos keessaa tokko akka taʼe ifatti argisiisuuf qophaaʼaa ture.

XUMURA SEENAA YOSEEF

Seena awwaalcha Yesuus Wangeelota keessatti ibsaman irraa kan hafe Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yoseef isa nama Armaatiyaa hin ibsu; kunis gaaffii, ‘Yoseef sana booda maal taʼe?’ jedhu kaasa. Dhugaan isaa garuu waaʼee kanaa hin beeknu. Yaada olitti ilaalle irraa kaʼuudhaan garuu, namni kun Kiristiyaana taʼuu isaa ifatti mulʼiseera jedhanii yaaduun waan fakkaatu dha. Kana malees, yeroo qorumsii fi rakkinni turetti amantii fi ija jabinni isaa itti caale malee hin xinnaanne ture. Kun immoo mallattoo gaarii dha.

Seenaan kun gaaffii hundi keenya irratti yaaduu qabnu tokko kaasa: Aangoo, hojii, qabeenya, jaalala maatii ykn bilisummaa keenya illee yoo taʼe, wanti walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu caalaa iddoo guddaa kenninuuf jiraa?

^ key. 18 Armaatiyaan Raamaa ishii yeroo harʼaatti Reentiis (Raantius) jedhamtu taʼuu hin ooltu. Bakki kun biyya dhalootaa Saamuʼel siʼa taʼu, Yerusaalem irraa gara kaaba dhihaatiin kiilomeetira 35 fagaatee argama.—1 Sam. 1:19, 20.