Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bara 1919⁠tti obboleessi keenya Raazarfoordi walgaʼii guddaa Seedaar Pooyinti Ohaayootti godhame irratti yommuu haasaa kennu

1919—Waggoota Dhibba Tokkoon Dura

1919—Waggoota Dhibba Tokkoon Dura

BARA 1919⁠tti Waraanni Guddaan (yeroo booda Waraana Addunyaa 1⁠ffaa jedhame) inni waggoota 4 oliif geggeeffamaa ture ni xumurame. Dhuma waggaa sana dura turetti saboonni wal waraanuu kan dhiisan siʼa taʼu, Amajjii 18, 1919⁠tti Walgaʼiin Nageenyaa Paaris keessatti godhamu ni jalqabe. Buʼaa guddaan walgaʼichi argamsiise keessaa tokko, Waliigaltee Nagaa Veersaayi siʼa taʼu, innis waraanni Jarmanii fi Mootummoota Waltaʼan gidduutti geggeeffamaa ture akka dhaabbatu godheera. Waliigalteen kun kan mallatteeffame Waxabajjii 28, bara 1919⁠tti ture.

Kana malees, Waliigalteen kun dhaabbanni haaraan Waldaa Mootummoota Addunyaa jedhamu akka hundeeffamu godheera. Kaayyoon Waldaa kanaa “addunyaa maratti nageenyii fi tasgabbiin akka jiraatu gochuu, akkasumas tokkummaan akka dagaagu jajjabeessuu dha.” Dhaabbileen amantii Saba Kiristiyaanaa hedduun Waldaa kana deeggaraniiru. Gumiin Fedaraalaa Waldaa Kiristoos inni Ameerikaatti argamu, “jaarmiyaa siyaasaa lafa irratti Mootummaa Waaqayyoo bakka buʼu” jechuudhaan Waldaa Mootummoota Addunyaa kana jajateera. Waldaan kun bakka buutota isaanii Walgaʼii Nageenyaa Paarisitti geggeeffamee ture irratti erguudhaan deeggarsa isaanii argisiisaniiru. Bakka Buutota sana keessaa inni tokko walgaʼiin kun “seenaa addunyaa keessatti jalqaba bara adda taʼee ti” jedheera.

Eeyyee, barri haaraan jalqabeera, kun kan taʼe garuu namoota waliigaltee nageenyaa kana irratti hirmaataniin kan kaʼe miti. Yommuu Yihowaan bara 1919⁠tti haala kanaan dura taʼee hin beekneen sabni isaa akka lallaban isaan jajjabeessetti, hojii lallabaa irratti barri haaraan jalqabeera. Haa taʼu malee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu jalqaba haala keessa jiran irratti jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachisee ture.

MURTOO ULFAATAA TAʼE

Joseef Raazarfoordi

Filannoon waggaa, nama hogganaa Waldaa Masaraa Eegumsaa, Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktii taʼe itti filatamu Sanbadduraa, Amajjii 4, 1919⁠tti akka geggeeffamu beellamni qabamee ture. Yeroo sanatti Joseef Raazarfoordi inni saba Yihowaa gidduutti namoota hojicha geggeessan keessaa tokko ture Ameerikaa magaalaa Atlaantaa Joorjiyaatti obboloota torba wajjin karaa seeraan ala taʼeen hidhamee ture. Obboloonni hojicha dursa fudhatanii hojjechaa turanii fi mana hidhaa jiran ‘Deebiʼanii filatamu moo nama kan biraatiin bakka buufamuu qabu?’ isa jedhu obboloonni murteessuu qabu turan.

Evaandeer Koowaardi

Obboleessi keenya Raazarfoordi mana hidhaa yeroo turetti, ‘Gara fuulduraatti jaarmiyichi maal taʼa laata?’ jedhee yaaddaʼee ture. Obboloonni tokko tokko ‘Namni kan biraan pireezidaantii taʼee utuu filatamee gaarii dha’ jedhanii akka yaadan beekee ture. Kanaan kan kaʼes, warra walgaʼii irratti walitti qabamaniif Evaandeer Koowaardi pireezidaantii taʼee akka muudamu xalayaa barreessee erge. Raazarfoordi, Koowaardi nama “tasgabbaaʼaa,” “ogeessa,” akkasumas “Gooftaadhaaf amanamaa” taʼuu isaa dubbatee ture. Haa taʼu malee, obboloonni hedduun furmaata kan biraa, jechuunis filannoon isaa jiʼa jaʼaaf akka turu barbaadanii turan. Gareen seeraa obboloota hidhamaniif falmaa tures yaada kana irratti walii gale. Yeroo dhimma kana irratti mariʼatanitti obboloonni tokko tokko baayʼee aaranii turan.

Riichaardi Baarbar

Achiis obboleessi keenya Riichaardi Baarbar yeroo booda akka ibsetti wanti haala rakkisaa taʼe kana tasgabbeessu uumamee ture. Obboloota achitti argaman keessaa inni tokko sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Ani hayyuu seeraa miti, haalli isaa karaa seeraatiin yommuu ilaalamu garuu, amanamaa taʼuun maalfaa akka dabalatu beeka. Amanamummaan wanta Waaqayyo nu irraa eegu dha. Karaan amanamummaa Waaqayyoof qabnu itti argisiisnu keessaa inni guddaan, filannoo gochuu fi obboleessi keenya Raazarfoordi deebiʼee pireezidaantii akka taʼu filachuu dha.”—Far. 18:25.

Aleeksaandar Maakmiilaan

Obboleessi isaanii wajjin hidhamee turee fi Aleeksaandar Maakmiilaan jedhamu haala yeroo sanatti ture yommuu yaadatu, guyyaa itti aanutti obboleessi keenya Raazarfoordi girgiddaa kutaa mana hidhaa keessa ture rurukkutee, “harka kee ol baasi” isaan jedhe. Achiis obboleessi keenya Raazarfoordi teelegiraamii itti kenne. Maakmiilaan ergaa gabaabaa sana erga ilaalee booda, maal jechuu akka taʼe yeruma sana hubate. Ergaan isaa akkas jedha: “RAAZARFOORDI WAAYIS VAAN BAARBAR ANDERSAN BUULII FI ISPIIL DAAYIREKTAROONNI SADAN JAALALLI HUNDAAF HAA TAʼU.” Kana jechuun daayirektaroonni hundi lammaffaa filatamuu qabu; isaanis Joseef Raazarfoordii fi Wiiliyaam Vaan Aambargi hoggantoota taʼanii itti fufu jechuu dha. Kanaafuu, obboleessi keenya Raazarfoordi pireezidaantii taʼee itti fufa jechuu dha.

MANA HIDHAATII GADHIIFAMAN!

Yeroo obboloonni saddeet hidhamanitti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu amanamoo taʼan obboloonni kun akka gadhiifamaniif mallattoo walitti qabaa turan. Obboloonnii fi obboleettonni onnatoo taʼan kun mallattoo 700,000 ol taʼu walitti qabaniiru. Roobii, Bitootessa 26, bara 1919⁠tti mallattoo walitti qaban sana galchuu isaanii dura obboleessi keenya Raazarfoordii fi obboloonni itti gaafatamummaa qaban kaan mana hidhaatii gadhiifaman.

Obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa obboloota mana isaatti isa simatan wajjin godhee irratti akkana jedhee ture: “Haalli rakkisaan keessa darbine kun hundi, yeroo caalaatti ulfaataa gara fuulduraatti nu mudatuuf nu qopheessaa akka jiru nan amana. . . . Lolli keessan obboloonni mana hidhaatii akka hiikaman gochuu taʼuu hin qabu. Kaayyoon hojii kanaa inni guddaan kana miti. . . . Lolli isin gochaa jirtan Yihowaadhaaf ulfina argamsiisuufi; kunis warra kana raawwataniif eebba guddaa argamsiisa.”

Wanti obboloonni keenya mana murtiitti dhihaachuu isaanii wajjin wal qabatee raawwatame, Yihowaan haala isaa mijeessaa akka ture kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Caamsaa 14, bara 1919⁠tti manni murtii ol iyyannoon itti dhihaatu akkana jedhee murteesse: “Himatamtoonni haala kana ilaalchisee karaa sirrii taʼeen . . . waan hin ilaalamneef murtiin isaan irratti darbee ture jijjiirameera.” Obboloonni kun yakka cimaa raawwataniiru jedhamanii waan himatamaniif, yoo isaan dhiifama gaafatan ykn himanni isaan irratti dhihaatu kun yoo irraa hirʼifame malee murtiin isaan irratti murteeffame kun akkuma jirutti hafa ture. Himanni isaan irratti dhihaate kan biraa hin jiru. Kanaan kan kaʼes, Jaj (Abbaan Seeraa) Raazarfoordi erga gadhiifamee booda yeroo baayʼee akkuma gochaa ture dandeettii seeraa isaatti fayyadamuudhaan Mana Murtii Ol Aanaa Yunaayitid Isteetis duratti saba Yihowaatiif falmuu isaa itti fufeera.

LALLABUUF MURTEESSANIIRU

Obboleessi keenya Maakmiilaan wanta yaadatu yommuu dubbatu, “Harka keenya marannee teenyee hamma gooftaan dhufee gara samiitti nu fudhatutti hin eegnu. Fedhiin Gooftaa maal akka taʼe beekuudhaaf, wanta taʼe tokko gochuu akka qabnu hubannee turre” jedheera.

Haa taʼu malee, obboloonni waajjira muummee keessa hojjetan kun yeruma sana hojii waggoota hedduudhaaf hojjechaa turan kana itti fufuu hin dandeenye. Maaliif? Sababni isaas yeroo hidhamanii turanitti meeshaaleen isaan barreeffamoota gara garaa maxxansuuf itti fayyadamaa turan hundi balleeffamaniiru. Kun wanta abdii nama kutachiisu taʼuu isaa irra iyyuu, obboloonni tokko tokko hojiin lallabaa akka xumurame isaanitti dhagaʼamee ture.

Namoonni ergaa Mootummichaa Barattoonni Kitaaba Qulqulluu lallaban fudhachuuf ammas fedhii ni qabaatuu laata? Gaaffii kanaaf deebii kennuuf, obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa dhiheessuuf murteesse. Namni hundis ni affeerama. Obboleessi keenya Maakmiilaan,“Namni tokkichi illee gara walgaʼii sanaa yoo dhufuu baate, hojiin lallabaa akka xumurame ni beekna” jechuudhaan dubbatee ture.

Beeksisa haasaa, “Abdii Ilmaan Namootaa Dhiphataniif Taʼu” jedhuu fi obboleessi keenya Raazarfoordi Loos Aanjalas Kaalifoorniyaatti bara 1919⁠tti dhiheesse beeksisu

Kanaafuu, Dilbata, Caamsaa 4, bara 1919⁠tti, obboleessi keenya Raazarfoordi utuu baayʼee dhukkubsatee jiruu haasaa,“Abdii Ilmaan Namootaa Dhiphataniif Taʼu” jedhu Loos Aanjalas, Kaalifoorniyaatti kenne. Haasicha irratti namoonni gara 3,500 kan argaman siʼa taʼu, namoonni dhibbaan lakkaʼaman immoo iddoon waan isaan hin geenyeef utuu hin hirmaatin deebiʼan. Guyyaa itti aanutti, namoonni kan biroon 1,500 taʼan argamaniiru. Kanaaf obboloonni gaaffii isaaniitiif deebii argataniiru; eeyyee, namoonni fedhii qabu turan!

Wanti obboloonni itti aansanii hojjetan hojii lallabaa Dhugaa Baatonni Yihowaa hamma harʼaatti hojjetaniif karaa baneera.

GUDDINA GARA FUULDURAATIIF QOPHAAʼUU

Masaraan Eegumsaa Hagayya 1, bara 1919⁠tti baʼe walgaʼii guddaan jalqaba Fulbaanaatti, Seedaar Pooyinti Ohaayoo keessatti akka godhamu beeksisee ture. Dargaggeessi Kilaareensi Beetii jedhamuu fi Barataa Kitaaba Qulqulluu biyya Miizuurii taʼe wanta yaadatu yommuu dubbatu, “Namoonni hundi achitti argamuu akka qaban isaanitti dhagaʼamee ture” jedheera. Walgaʼii sana irratti obboloonni fi obboleettonni 6,000 ol taʼan kan hirmaatan siʼa taʼu, kunis hamma isaan eeganii ol ture. Wanti gammachuun isaanii akka dabalu godhu immoo, namoonni 200 ol taʼan Haroo Eerii jedhamuu fi dhihoo jirutti cuuphamuu isaaniiti.

Onkoloolessa 1, 1919⁠tti qola barreeffama The Golden Age jedhamu isa jalqabaa

Fulbaana 5, 1919⁠tti gaafa walgaʼii guyyaa 5⁠ffaatti “Waamicha Hojjettoota Gargaartota Taʼaniif Dhihaate” jedhu irratti obboleessi keenya Raazarfoordi barreeffamni haaraan The Golden Age * jedhamu akka maxxanfamu beeksisee ture. Barreeffamichi “oduuwwan waqtaawaa fi baayʼee barbaachisoo taʼan kan qabate siʼa taʼu, taʼeewwan guguddaan kun kan taʼan maaliif akka taʼe ilaalchisee ibsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kenna ture.”

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hundi barreeffama haaraa baʼe kanatti fayyadamanii ija jabinaan akka lallaban jajjabeeffamanii turan. Xalayaan hojichi akkamitti gurmaaʼuu akka qabu ibsu tokko akkana jedha: “Namni cuuphame hundi tajaajiluun, akkasumas yeroo ammaatti carraa argatetti fayyadamuu fi addunyaa maratti lallabuun mirga guddaa akka taʼe hubachuudhaan hamma dandaʼe hunda hojicha irratti hirmaachuu qaba” jedheera. Namoonni hedduun affeerraa lallabaa isaaniif dhihaate kana fudhataniiru! Jiʼa Muddeetti, babalʼistoonni Mootummichaa hinaaffaa qaban, namoota 50,000 ol taʼanii fi barreeffama haaraa kana argachuuf kontiraata galan argataniiru.

Obboloonni Biruukiliin Niwuu Yoorki jiran konkolaataa barreeffama The Golden Age jedhamu feʼee jiru wajjin

Dhuma bara 1919⁠tti, sabni Yihowaa deebiʼanii gurmaaʼaniiru, akkasumas humni isaanii haaromeera. Kana malees, raajiiwwan barbaachisoo taʼanii fi guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbataman raawwatamaniiru. Qoramuu fi qulqulleeffamuun saba Waaqayyoo Miilkiyaas 3:1-4 irratti raajiidhaan dubbatamee ture xumurameera. Kana malees, sabni Yihowaa boojuu “Baabilon Guddittii” ishii fakkeenyaan ibsamte jalaa bilisa baʼaniiru; akkasumas Yesuus ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ muudeera. * (Mul. 18:2, 4; Mat. 24:45) Amma Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hojii Yihowaan akka hojjetan barbaadu hojjechuuf qophaaʼoo dha.

^ key. 22 Barruun The Golden Age (Bara Gaarii) jedhamu kun, bara 1937⁠tti Consolation (Jajjabina), bara 1946⁠tti immoo Awake! (Dammaqaa!) jedhameera.