Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 40

“Guyyoota Dhumaa” Kanatti Hojiidhaan kan Qabamtan Taʼaa

“Guyyoota Dhumaa” Kanatti Hojiidhaan kan Qabamtan Taʼaa

“Jabaadhaa dhaabadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼatu taʼaa.”—1 QOR. 15:58.

FAARFANNAA 58 Warra Nagaa Jaallatan Barbaaduu

QABIYYEE *

1. “Guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru mirkanaaʼoo kan nu taasise maali dha?

KAN DHALATTE bara 1914 booda yoo taʼe, jireenya kee guutuu “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessa jiraachaa jirta jechuu dha. (2 Xim. 3:1) Hundi keenya taʼeewwan Yesuus yeroo kana ilaalchisee raajiidhaan dubbate dhageenyeerra. Kunis waraana, hanqina nyaataa, kirkira lafaa, golfaa, hamminni dabalaa deemuu fi ariʼatama saba Yihowaa irra gaʼu dabalata. (Mat. 24:3, 7-9, 12; Luq. 21:10-12) Kana malees namoonni amaloota Phaawulos ergamaan raajiidhaan dubbate yommuu argisiisan argaa jirra. (Saanduqa “ Amaloota Yeroo Ammaatti Namoonni Argisiisan” jedhu ilaali.) Nuti waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru mirkanaaʼoo dha.

2. Gaaffiiwwan kamiif deebii argachuu nu barbaachisa?

2 Bara 1914 kaasee yeroo dheeraan waan darbeef amma kan jiraannu dhuma “guyyoota dhumaa” keessa taʼuu qaba. Dhumni baayʼee waan dhihaateef deebii gaaffiiwwan barbaachisoo tokko tokkoo beekuu nu barbaachisa: Dhuma “guyyoota dhumaatti” taʼeewwan akkamiitu raawwatama? Yeroo taʼeewwan kun itti raawwataman yommuu eegaa jirru kanatti hoo Yihowaan maal akka goonu nu irraa eega?

DHUMA “GUYYOOTA DHUMAATTI” MAALTU RAAWWATAMA?

3. Raajiin 1 Tasalonqee 5:1-3 akka ibsutti saboonni labsii akkamii labsu?

3 1 Tasalonqee 5:1-3 dubbisi. Phaawulos waaʼee ‘guyyaa Yihowaa’ caqaseera. Caqasa kana irratti guyyaan Yihowaa yeroo badiisa “Baabilon Guddittii” ishii amantii sobaa addunyaa irra jiran hunda argisiistu irra gaʼuu kaasee hanga Armaagedoonitti jiru argisiisa. (Mulʼata 16:14, 16; 17:5) “Guyyaan” sun jalqabuu isaa dura saboonni labsii “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhu ni labsu. Geggeessitoonni addunyaa yeroo tokko tokko waaʼee hariiroo biyyoota gidduu jiru fooyyessuu yommuu dubbatan ibsa wal fakkaatutti fayyadamu. * Labsiin “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame garuu kana irraa adda dha. Maaliifi? Yommuu labsiin kun labsamu namoonni, geggeessitoonni addunyaa, addunyaan kun caalaatti iddoo tasgabbii qabu gochuu irratti milkaaʼina akka argatan yaaduu dandaʼu. Haa taʼu malee, jalqaba “rakkinni guddaan” achiis, “badiisni itti hin yaadamne” isaan irra gaʼa.—Mat. 24:21.

Labsii sobaa saboonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jechuudhaan labsaniin hin gowwoominaa (Keeyyata 3-6 ilaali) *

4. (a) Labsii “Nagaa dha tasgabbii dhas” jedhu ilaalchisee wanti nuti hin beekne maal faʼi? (b) Waaʼee labsii kanaa wanti nuti beeknu hoo maali dha?

4 Labsii “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhu ilaalchisee wanti beeknu jira. Haa taʼu malee, wantoonni kan biraan nuti hin beeknes jiru. Labsi kana labsuuf wanta isaan kakaasu ykn akkamitti akka labsamu hin beeknu. Akkasumas labsii yeruma tokko labsamu ykn labsii walitti aansee labsamu taʼuu fi dhiisuu isaas hin beeknu. Sanas taʼe kana, wanta kana ni beekna: Geggeessitoonni addunyaa nagaa addunyaa irratti ni fidu jennee yaaduudhaan gowwoomuu hin qabnu. Kanaa mannaa labsiin kun labsii Kitaabni Qulqulluun xiyyeeffannaadhaan akka hordofnu nutti himu dha. Akkasumas, labsiin kun mallattoo “guyyaan Yihowaa” jalqabuuf akka jedhu argisiisu dha.

5. 1 Tasalonqee 5:4-6 ‘guyyaa Yihowaatiif’ akka qophoofnu kan nu gargaaru akkamitti?

5 1 Tasalonqee 5:4-6 dubbisi. Gorsi Phaawulos kenne ‘guyyaa Yihowaatiif’ qophaaʼuuf maal gochuu akka qabnu nutti hima. “Akka warri kaan godhan rafuu” hin qabnu. Kanaa mannaa ‘dammaqinaan jiraachuu’ qabna. Fakkeenyaaf, dhimmoota siyaasaa addunyaa keessa matumaa akka hin galle of eeggannoo gochuu qabna. Dhimmoota akkasii keessa kan seennu yoo taʼe “kutaa addunyaa” taʼuu dandeenya. (Yoh. 15:19) Nageenya addunyaatiif abdiin jiru Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beekna.

6. Namoonni maal akka godhan gargaaruu barbaanna? Maaliifi?

6 Ofii keenyaa dammaqinaan jiraachuu malees warri kaan waaʼee wantoota addunyaa irratti raawwatamanii fi Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbatuu akka baratan gargaaruu barbaanna. Rakkinni guddaan erga jalqabee booda namoonni gara Yihowaatti deebiʼuuf yeroo akka hin qabaanne haa yaadannu. Hojiin lallabaa keenyas baayʼee ariifachiisaa kan taʼe kanaafi! *

HOJII LALLABAATIIN QABAMAA

Yeroo harʼaa yommuu lallabnu, addunyaa kana irratti nagaa fi tasgabbii fiduu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe argisiisna (Keeyyata 7-9 ilaali)

7. Yihowaan yeroo ammaatti maal akka goonu nu irraa eega?

7 Yihowaan “guyyaan” isaa jalqabuu isaa dura yeroo muraasa hafe kanatti hojii lallabaatiin akka qabamnu nu irraa eega. ‘Hojiin Gooftaa kan nuuf baayʼatu taʼuu’ keenya mirkanaaʼoo taʼuu nu barbaachisa. (1 Qor. 15:58) Yesuus maal akka goonu dursee dubbateera. Waaʼee wantoota guguddaa guyyoota dhumaatti raawwatamanii yeroo dubbatetti akkana jedheera: “Kana malees, jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.” (Mar. 13:4, 8, 10; Mat. 24:14) Mee yaadi: Yeroo gara tajaajilaa deemtu hundatti raajii Kitaaba Qulqulluu kana raawwachuu irratti gumaacha gochaa jirta!

8. Hojiin lallabaa guddachuu isaa kan itti fufe akkamitti?

8 Guddina hojii lallabaa ilaalchisee hoo maal jechuu dandeenya? Waggaa waggaadhaan namoonni baayʼeen misiraachoo Mootummichaa dhagaʼaa jiru. Fakkeenyaaf, guyyoota dhumaa kanatti lakkoofsi labsitoota Mootummichaa addunyaa maratti argamanii akkamitti akka dabale mee yaadaa. Bara 1914⁠tti biyyoota 43 keessa babalʼistoota 5,155tu jira ture. Yeroo harʼaa garuu biyyoota 240 keessa babalʼistoota gara miliyoona 8.5tu jira. Taʼus, hojiin keenya ammas hin xumuramne. Rakkina ilmaan namootaa hundaaf furmaata kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa taʼuu isaa labsuu keenya itti fufuu qabna.—Far. 145:11-13.

9. Ergaa Mootummichaa lallabuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

9 Hojiin lallabaa keenya hamma Yihowaan ni gaʼa jedhutti itti fufa. Namoonni waaʼee Yihowaa fi Yesuus Kiristoos beekuuf yeroo hammamiitu isaan hafa? (Yoh. 17:3) Nuti hin beeknu. Rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura “warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” hundi misiraachicha fudhachuu dandaʼu. (HoE. 13:48) Maarree yeroon isaa utuu hin darbin namoota kana gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

10. Yihowaan namoota dhugaa akka barsiisnuuf gargaarsa akkamii nuu godheera?

10 Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa wantoota namoota dhugaa barsiisuuf nu barbaachisan hunda nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, walgaʼii torbee gidduutti godhamu irratti torban torbaniin leenjii ni arganna. Walgaʼiin kun dhugaa baʼuu fi deddeebii gaaffii gochuuf maal jechuu akka qabnu beekuuf nu gargaara. Akkasumas akkamitti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka geggeessinu nu barsiisa. Jaarmiyaan Yihowaa Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnus nuu qopheesseera. Meeshaaleen kunneen wantoota armaan gadii gochuuf nu gargaaru:

  • marii jalqabuuf,

  • fedhii namootaa kakaasuuf,

  • namoonni caalaatti barachuuf fedhii akka qabaatan gargaaruuf,

  • qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu irratti dhugaa barsiisuuf, akkasumas

  • namoonni fedhii qaban weebsaayitii keenyaa fi Galma Walgaʼii keenya akka daawwatan affeeruuf.

Dhugaadha, meeshaalee kana qabaachuun qofti gaʼaa miti. Itti fayyadamuu qabna. * Fakkeenyaaf, nama fedhii qabu tokko wajjin marii gaarii erga gootee booda tiraaktii ykn barruu tokko kan isaaf kennitu yoo taʼe, hamma ati deebitee isa argattutti qorannaa gochuu dandaʼa. Jiʼa jiʼaan hamma dandeenyu hojii lallabaatiin qabamuun itti gaafatamummaa dhuunfaa keenya dha.

11. Barumsawwan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Intarneetii Irraa kan qophaaʼan maaliifi?

11 Karaan Yihowaan namoonni dhugaa akka baratan itti gargaaraa jiru inni kan biraan immoo Barumsawwan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Intarneetii Irraa isa jw.org® irratti argamu dha. Barumsawwan kun kan qophaaʼan maaliifi? Jiʼa jiʼaan namoonni hedduun addunyaa mara irratti argaman barumsawwan Kitaaba Qulqulluu Intarneetii irraa ni barbaadu. Barumsawwan weebsaayitii keenya irratti baʼan kun namoonni kunneen dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru barachuu akka jalqaban isaan gargaaruu dandaʼa. Namoonni haasofsiistan tokko tokko affeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼataniif isaaniif dhiheessitan fudhachuu irraa duubatti jedhu taʼa. Taanaan, qabiyyee weebsaayitii keenya irra jiru kana itti argisiisaa ykn liinkii gara barumsawwan kanaatti isaan geessu isaaniif ergaa. *

12. Barumsawwan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Intarneetii Irraa namni tokko maal barachuu dandaʼa?

12 Barumsawwan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Intarneetii Irraa mata dureewwan armaan gadii ibsu: “Kitaaba Qulqulluu fi Abbaa Kitaabichaa,” “Taatota Guguddoo Kitaaba Qulqulluu” fi “Abdii Kitaaba Qulqulluu Keessatti Argamu.” Mata dureewwan kun barumsawwan armaan gadii barsiisu:

  • Kitaabni Qulqulluun namoota kan gargaaru akkamitti akka taʼe

  • Yihowaan, Yesuusii fi maleekonni eenyu akka taʼan

  • Waaqayyo ilmaan namootaa kan uume maaliif akka taʼe

  • Rakkinnii fi hammeenyi kan jiraate maaliif akka taʼe

Kana malees sagantaan barumsaa kun Yihowaan . . .

  • rakkinaa fi duʼa akkamitti akka balleessu,

  • warra duʼan akkamitti akka duʼaa kaasuu fi

  • bulchiinsa ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin akkamitti akka bakka buusu ibsa.

13. Barumsi intarneetii irraa qophii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan bakka buʼu dhaa? Ibsi.

13 Barumsi intarneetii irraa kun qophii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan bakka buʼu miti. Yesuus mirga namoota barattoota gochuu nuuf kenneera. Namoonni fedhii qaban barumsawwan intarneetii irraa kana akka dubbisan, wanta baratan akka dinqisiifatanii fi caalaatti barachuuf fedhii akka qabaatan ni abdanna. Taanaan, tarii affeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼataniif isaaniif dhihaatu fudhachuu dandaʼu. Tokkoon tokkoon dhuma barumsichaa irratti namni dubbisu sun nama dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu isa qoʼachiisu akka gaafatu ni affeerama. Karaa weebsaayitii keenyaa guyyaa guyyaadhaan namoonni giddu galeessaan 230 ol taʼan addunyaa mara irraa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf ni gaafatu! Bifa kanaan barumsi dhuunfaatti kennamu baayʼee barbaachisaa dha.

BARATTOOTA GOCHUUF CARRAAQUU KEESSAN ITTI FUFAA

14. Akka qajeelfama Yesuus isa Maatewos 28:19, 20 irratti galmeeffamee jiruutti maal gochuuf carraaquu qabna? Maaliifi?

14 Maatewos 28:19, 20 dubbisi. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessinu ‘barattoota gochuu fi wanta [Yesuus] ajaje hunda akka eegan isaan barsiisuuf’ hamma dandeenyu carraaquu qabna. Namoonni Yihowaa fi Mootummaa isaa cinaa dhaabbachuun isaanii hammam barbaachisaa akka taʼe akka hubatan isaan gargaaruu qabna. Kana jechuun namoonni wanta baratan hojii irra oolchuudhaan dhugaa kan ofii isaanii akka godhatan, jireenya isaanii Yihowaadhaaf akka murteessanii fi akka cuuphaman kakaasuuf carraaquu qabna jechuu dha. Guyyaa Yihowaa jalaa ooluu kan dandaʼan akkas yoo godhan qofa dha.—1 Phe. 3:21.

15. Maal gochuuf yeroo hin qabnu? Maaliifi?

15 Jalqaba irratti akkuma caqasame, yeroon ammaa fi dhuma sirna kanaa gidduu jiru baayʼee xinnoo dha. Kanaafuu, namoota barattoota Kiristoos taʼuuf fedhii akka hin qabne argisiisan wajjin qoʼachuu keenya itti fufuuf yeroo hin qabnu. (1 Qor. 9:26) Hojiin keenya baayʼee ariifachiisaa dha. Yeroon isaa utuu hin darbin namoonni ergaa Mootummichaa dhagaʼuun isaan barbaachisu hedduun jiru.

AMANTII SOBAA HUNDA IRRAA FAGAADHAA

16. Mulʼanni 18:2, 4, 58 akka jedhutti hundi keenya maal gochuu qabna? (Miiljalees ilaali.)

16 Mulʼata 18:2, 4, 5, 8 dubbisi. Caqasni kun wanta Yihowaan waaqeffatoota isaa irraa eegu kan biraa ibsa. Kiristiyaanonni dhugaan hundi karaa kamiin iyyuu amantii sobaa wajjin hariiroo akka hin qabaanne mirkanaaʼoo taʼuu qabu. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko dhugaa barachuu isaa dura miseensa dhaabbata amantii sobaa kan ture taʼuu dandaʼa. Tarii tajaajilaa fi sochiiwwan amantii irratti hirmaachaa ture taʼa. Yookiin immoo dhaabbata sanaaf buusii qarshii gochaa ture taʼa. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko babalʼisaa hin cuuphamne taʼee tajaajiluu isaa dura hariiroo amantii sobaa wajjin qabu hunda addaan kutuu qaba. Xalayaa miseensa amantii sanaa akka hin taane ibsu barreessuu ykn hariiroo waldaa sanaa fi dhaabbata kan biraa kutaa Baabilon Guddittii taʼe kam iyyuu wajjin qabu addaan kutuu qaba. *

17. Kiristiyaanni tokko gosa hojii akkamii irratti hirmaachuu hin qabu? Maaliif?

17 Kiristiyaanni dhugaan tokko hojiin isaa karaa kamiin iyyuu amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya akka hin qabaanne mirkanaaʼaa taʼuu qaba. (2 Qor. 6:14-17) Fakkeenyaaf, waldaa amantii tokko keessatti qacaramee hin hojjetu. Kana malees Kiristiyaanni hojii kan biraa irratti qacaramee hojjetu tokko manneen amantii sobaa babalʼisuuf oolan keessatti hojii hedduu hojjechuu hin barbaadu. Akkasumas hojii dhuunfaa isaa yoo qabaate dhaabbata amantii kutaa Baabilon guddittii taʼe kam iyyuu keessatti hojii argachuuf hin yaalu ykn affeerraa isaaf dhihaatu hin fudhatu. Ejjennoo cimaa akkasii kan fudhannu maaliifi? Sababiin isaas hojiiwwanii fi cubbuu dhaabbileen amantii raawwatanii fi Waaqayyo fuulduratti xuraaʼaa taʼan irratti hirmaachuu hin barbaannu.—Isa. 52:11. *

18. Obboleessi tokko hojii isaa irratti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kan hordofe akkamitti?

18 Waggoota muraasa dura abbaan kontiraataa tokko jaarsi gumii hojii dhuunfaa qabu tokko magaalaa jiraatu keessatti waldaa amantii tokkoof hojii mukaa xinnoo akka hojjetu isa gaafate. Abbaan kontiraataa kun obboleessi kun waldaa amantii keessatti akka hin hojjenne yeroo hunda akka dubbatu beeka. Yeroo kanatti garuu nama hojii kana hojjetu argachuu hin dandeenye. Taʼus, obboleessi kun dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan hojicha fudhachuu dide. Torban itti aanutti gaazexaan naannoo sanaa suuraa namni kan biraan tokko mana waaqeffannaa sanatti fannoo yommuu maxxansu argisiisu qabatee baʼe. Obboleessi keenya ejjennoo isaa laaffiseera utuu taʼee suuraan gaazexaa sana irratti baʼu kan isaa taʼa ture. Kun maqaa inni obbolootaa fi obboleettota biratti qabu hammam akka jalaa balleessu yaaduu dandeessu! Akkasumas Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu mee yaadaa.

BARUMSA AKKAMII ARGANNE?

19-20. (a) Barumsa akkamii arganneerra? (b) Waaʼee maalii barachuu nu barbaachisa?

19 Kitaabni Qulqulluun akka dubbatutti raajiin yeroo dhihootti raawwatamu inni guddaan labsii geggeessitoonni addunyaa “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jechuudhaan labsani dha. Wanta Yihowaan nu barsiiseef galanni haa taʼuutii saboonni nagaa dhugaa fi itti fufiinsa qabu fiduu akka hin dandeenye beekna. Taʼeen kun raawwatamuu isaa fi badiisni akka tasaa itti aansee dhufuu isaa dura maal gochuu qabna? Yihowaan ergaa Mootummichaa lallabuudhaan akka qabamnuu fi namoota dabalataa barattoota gochuuf akka carraaqnu nu irraa eega. Akkasumas amantii sobaa hunda irraa fagaachuu qabna. Kunis amantii sobaa keessaa baʼuu fi hojii Baabilon Guddittii wajjin walitti dhufeenya qabu hojjechuu irraa fagaachuu dabalata.

20 Taʼeewwan dhuma “guyyoota dhumaatti” raawwataman kan biroonis jiru. Akkasumas wantoonni Yihowaan akka goonu nu irraa eegu kan biroon jiru. Wantoonni kunneen maal faʼi? Wantoota dhiheenyatti raawwataman hundaaf of qopheessuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Waaʼee kanaa mata duree itti aanu irratti ilaalla.

FAARFANNAA 71 Nu Raayyaa Yihowaa Ti!

^ key. 5 Dhiheenyatti geggeessitoonni addunyaa ‘nagaa fi tasgabbii’ akka argatan yeroo dubbatan ni dhageenya. Kunis mallattoo rakkinni guddaan jalqabuuf akka jedhu argisiisu dha. Hanga labsiin sun labsamutti Yihowaan maal akka goonu nu irraa eega? Mata dureen kun deebii gaaffii kanaa argachuuf nu gargaara.

^ key. 3 Fakkeenyaaf, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii weebsaayitii isaanii irratti “nagaa fi tasgabbii addunyaa irratti fiduu ni dandeenya” jedhanii dubbataniiru.

^ key. 6 Mata duree, “Murtii Waaqayyoo—Waaqayyo Yeroo Hunda Akeekkachiisa Gaʼaa Taʼe ni Kennaa?” jedhuu fi maxxansa kana keessa jiru ilaali.

^ key. 10 Wantoota Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiran akkamitti itti fayyadamuun akka dandaʼamu ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf mata duree “Dhugaa Barsiisuu” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 2018 irratti baʼe ilaali.

^ key. 11 Barumsawwan kun yeroo ammaa Afaan Ingiliffaa fi Poortugaaliin kan argamu siʼa taʼu, gara fuulduraatti immoo afaanota dabalataatiin ni qophaaʼa.

^ key. 16 Kana malees dhaabbilee amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kan akka giddu gala bashannanaa dargaggootaa irraa fagaachuu qabna. Fakkeenyaaf, iddoo tokko tokkotti dhaabbileen amantii wiirtuu ispoortii, iddoo itti bishaan daakan, ykn kilaboota fayyaa wajjin wal qabatan hundeessu. Dhaabbileen kun gochi isaanii amantii wajjin akka wal hin qabanne kan dubbatan taʼus, dhugaan isaa garuu dhaabbileen kun ilaalcha amantii kan babalʼisanii fi kaayyoo amantii kan qabani dha.

^ key. 17 Hojiiwwan dhaabbilee amantii wajjin walitti dhufeenya qaban ilaalchisee ibsa balʼaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1999, (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

^ key. 83 IBSA FAKKII: Maamiltoonni mana bunaa tokko keessa jiran oduun waaʼee labsii “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhu yommuu televijiniidhaan darbu xiyyeeffannaan isaanii harkifameera. Hiriyoonni gaaʼelaa tajaajilaa dhufanii boqochaa jiran tokko garuu oduu kanaan hin gowwoomfamne.