Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni ‘obomboleettiin’ Waaqayyoo yeroo dhihaate kanatti akeekkachiisa Waaqayyoo dhagaʼuun isaan barbaachisa!

Murtii Waaqayyoo—Waaqayyo Yeroo Hunda Akeekkachiisa Gaʼaa Taʼe ni Kennaa?

Murtii Waaqayyoo—Waaqayyo Yeroo Hunda Akeekkachiisa Gaʼaa Taʼe ni Kennaa?

NAMNI haala qilleensaa ilaalchisee dursee gabaasu tokko fakkii meeshaan raadaar jedhamu uumu irratti qorannoo godha. Obomboleettii rooba cimaa of keessaa qabuu fi naannoo uummanni baayʼinaan jiraatanitti dhufuuf jedhu ni arga. Nageenyi namootaa waan isa yaaddessuuf utuu yeroon hin darbin isaan akeekkachiisuuf waan isaaf dandaʼame hunda ni godha.

Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo ammaatti namoonni lafa irra jiraatan “obomboleettii” isa odeeffannoo haala qilleensaa irraa namoonni dhaggeeffatan caalaa badiisa guddaa geessisu akeekkachiisaa jira. Kana gochaa kan jiru akkamitti? Namoonni tarkaanfii akka fudhataniif yeroo gaʼaa akka isaaniif kennaa jiru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf, mee jalqaba akeekkachiisa muraasa Yihowaan bara duriitti kenne haa ilaallu.

YEROO YIHOWAAN AKEEKKACHIISAWWAN ITTI KENNE

Bara duriitti, Yihowaan “obomboleettii,” ykn tarkaanfiiwwan murtii namoota taʼe jedhanii ajaja isaa hin eegne irratti fudhatu ilaalchisee akeekkachiisawwan adda addaa kenneera. (Fak. 10:25; Er. 30:23) Tarkaanfii fudhachuu isaa dura namoota isaaf hin ajajamne akeekkachiiseera, akkasumas isaaf ajajamuuf maal gochuu akka qaban isaanitti himaa tureera. (2 Mot. 17:12-15; Nah. 9:29, 30) Namoonni jijjiirama akka godhan jajjabeessuuf, inni yeroo baayʼee tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanii fi lafa irratti argamanitti fayyadamee murtii isaa beeksisa, akkasumas miira ariitiitiin tarkaanfii akka fudhatan isaan hubachiisa.—Amo. 3:7.

Noh tajaajiltoota amanamoo akkasii keessaa tokko dha. Waggoota hedduudhaaf, bara isaatti namoota naamusa gadhee qabanii fi hamoo taʼaniif sodaa malee Bishaan Badiisaa akka dhufu isaan akeekkachiiseera. (Uma. 6:9-13, 17) Akkasumas, badiisa sana irraa ooluuf maal gochuu akka qaban kan isaanitti hime siʼa taʼu, yeroo booda “isa qajeelummaa lallabu” jedhamee waamameera.—2 Phe. 2:5.

Noh carraaqqii godhus, namoonni Bishaan Badiisaa dura jiraachaa turan ergaa Waaqayyo kenne fudhachuu didaniiru. Isaan amantii akka hin qabne argisiisaniiru. Kanaan kan kaʼes, yeroo Bishaan Badiisaa “dhufee hunduma isaanii haree sokketti” lubbuu isaanii dhabaniiru. (Mat. 24:39; Ibr. 11:7) Dhumni isaanii yommuu dhihaatutti, Waaqayyo akka isaan hin akeekkachiisne dubbachuudhaan matumaa isa komachuu hin dandaʼan.

Yeroo kan biraatti immoo, Yihowaan ‘obomboleettiin’ murtii isaa dhufuuf yeroon muraasni yeroo hafutti namootaaf akeekkachiisa kennaa tureera. Taʼus, namoonni miidhamuu dandaʼan tarkaanfii fudhachuuf yeroon gaʼaan akka isaaniif kennamu mirkanaaʼaa taʼuu barbaada. Fakkeenyaaf, yeroo Dhaʼichi Kurnan Gibxii durii irra gaʼetti akeekkachiisa isaaniif kennee ture. Akka fakkeenyaatti, Yihowaan dhaʼicha isa torbaffaa irratti roobni yandoon cabbii makate akka roobu Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa akeekkachiisuuf Musee fi Aaron ergeera. Dhaʼichi sun guyyaa itti aanutti waan jalqabuuf, Waaqayyo dawoo akka argatanii fi rooba cimaa cabbii makate sana jalaa akka baqataniif yeroo gaʼaa taʼe isaaniif kenneeraa? Kitaabni Qulqulluun: “Hojjetoota mootichaa keessaa warri isa Waaqayyo dubbate sodaatan hojjetoota isaanii fi horii isaanii mana manatti baqachiisan. Warri wanti Waaqayyo dubbate garaa isaanii hin rukutin hafe garuu, hojjetoota isaanii, horii isaaniis alatti in dhiisan” jechuudhaan dubbata. (Bau. 9:18-21) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan akeekkachiisa gaʼaa waan kenneef, ariitiidhaan akeekkachiisa sana warri hojii irra oolchan miidhaan akka warra kaanii isaan irra hin geenye ture.

Haaluma wal fakkaatuun, Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaa dhaʼichi kurnaffaan gaʼuu isaa dura akeekkachiisni isaaniif kennamee ture. Haa taʼuu malee, isaan gowwummaadhaan akeekkachiisa sana fudhachuu didan. (Bau. 4:22, 23) Kanaan kan kaʼes, ijoollee isaanii angafaa duʼaan dhaban. Haalli kun baayʼee nama gaddisiisa! (Bau. 11:4-10; 12:29) Utuu yeroon hin darbin akeekkachiisa isaanii kenname fudhachuu dandaʼu turee? Eeyyee! Museen dhaʼicha kurnaffaa isa dhufuuf jedhu ilaalchisee Israaʼelootaaf ariitiidhaan akeekkachiisa kenneera, akkasumas maatii isaanii akkamitti oolchuu akka dandaʼan isaanitti himeera. (Bau. 12:21-28) Akeekkachiisa Museen kenneef kan ajajaman namoota meeqa ture? Tilmaamni tokko tokko akka argisiisutti Israaʼelootaa fi ‘tuuta saba garaa garaa’ Israaʼeloota hin taane, akkasumas warra Gibxoota taʼan dabalatee namoonni miliyoona sadi taʼan murtii Waaqayyoo jalaa ooluuf biyya Gibxii gadhiisanii baʼaniiru.—Bau. 12:38.

Fakkeenyota kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan namoonni akeekkachiisa isaa akka fudhataniif yeroo gaʼaa isaaniif ni kenna. (Kes. 32:4) Waaqayyo kana gochuuf kan isa kakaase maal ture? Pheexiros Ergamaan, Yihowaan ‘hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneefi’ jechuudhaan dubbateera. (2 Phe. 3:9) Eeyyee, Waaqayyo waaʼeen namootaa isa yaaddessa. Inni murtiin isaa gaʼuu isaa dura namoonni yaada akka geddaratanii fi jijjiirama barbaachisaa taʼe akka godhan barbaada.—Isa. 48:17, 18; Rom. 2:4.

YEROO HARʼAATTI AKEEKKACHIISA WAAQAYYOOTIIF DEEBII KENNUU

Yeroo harʼaattis, namoonni hundi akeekkachiisa ariifachiisaa yeroo ammaa guutummaa lafaatti lallabamaa jiruuf deebii kennuu qabu. Yesuus yeroo lafa irra turetti, sirni ammaa kun booda yeroo ‘rakkina guddaatti’ akka balleeffamu akeekkachiisee ture. (Mat. 24:21) Murtii gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee, yeroon sun yommuu dhihaatutti duuka buutonni isaa maal akka arganii fi maal akka isaan mudatu raajii ifa taʼe dubbateera. Yesuus waaʼee taʼeewwan guguddaa yeroo ammaa addunyaa irratti yommuu raawwataman arginuu dubbatee ture.—Mat. 24:3-12; Luq. 21:10-13.

Raajiiwwan dubbataman wajjin haala wal simuun, Yihowaan yeroo harʼaatti namoonni hundi bulchiinsa isaa isa jaalala irratti hundaaʼeef akka ajajaman isaan gorsaa jira. Inni namoonni ajajamoon yeroo harʼaatti jireenya gaarii akka qabaatan, akkasumas addunyaa haaraa keessatti eebbawwan hedduu akka argatan barbaada. (2 Phe. 3:13) Yihowaan namoonni abdii inni kenne irratti amantii akka qabaatan isaan gargaaruu barbaada. Kanas kan godhu ergaa lubbuu isaanii oolfachuuf isaan gargaaru isaaniif kennuudhaani. Ergaan kunis ‘misiraachoo Mootummichaa’ isa Yesuus dursee ‘Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf guutummaa lafaa irratti akka lallabamu’ dubbate dha. (Mat. 24:14) Waaqayyo waaqeffattoonni isaa warri dhugaan gurmaaʼanii akka, ‘dhugaa baʼan’ ykn ergaa Waaqayyo biraa dhufe biyyoota 240 keessatti akka lallaban gochaa jira. Yihowaan namoonni hedduun akeekkachiisa isaa akka dhagaʼanii fi murtii qajeelummaa isaa fudhachuudhaan “obomboleettii” dhufaa jiru jalaa akka oolan barbaada.—Sef. 1:14, 15; 2:2, 3.

Kanaafuu, gaaffiin inni guddaan, Yihowaan namoonni akeekkachiisa isaatiif deebii akka kennaniif yeroo gaʼaa ni kenna moo hin kennu isa jedhu miti. Ragaawwan akka argisiisanitti inni yeroo hunda akkas ni godha. Kanaa mannaa gaaffiin kaʼu: Namoonni yeroon utuu jiruu akeekkachiisa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa ni kennuu? isa jedhu dha. Nuti akka namoota ergaa Waaqayyoo himuutti hamma nuuf dandaʼame namoonni baayʼeen dhuma sirna kanaa irraa akka oolan isaan gargaaruu keenya itti haa fufnu.