Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 41

Yeroo ‘Rakkina Guddaatti’ Amanamoo Taʼaa Jiraadhaa

Yeroo ‘Rakkina Guddaatti’ Amanamoo Taʼaa Jiraadhaa

“Isin warri isaaf of kennitan hundinuu Waaqayyoon jaalladhaa! Waaqayyo warra amanamoo in eega.”—FAR. 31:23.

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

QABIYYEE *

1-2. (a) Dhiheenyatti geggeessitoonni addunyaa labsii akkamii labsu? (b) Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

GEGGEESSITOONNI addunyaa labsii “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhuu fi yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture yommuu labsan yaadaan ilaali. Addunyaan kun matumaa nageenya akkasii argatee hin beeku jedhanii of jaju taʼa. Nutis haalli addunyaa kanaa toʼannoo isaanii jala akka gale goonee akka yaannu barbaadu. Taʼus, wanta itti aansee taʼu matumaa toʼachuu hin dandaʼan! Maaliif? Raajiin Kitaaba Qulqulluu akka argisiisutti, “badiisni itti hin yaadamne battaluma sanatti isaan irra gaʼa; isaanis matumaa jalaa hin miliqan.”—1 Tas. 5:3.

2 Gaaffiiwwan barbaachisoo kanatti aananii jiraniif deebii argachuu barbaanna: Yeroo ‘rakkina guddaatti’ maaltu raawwatama? Yeroo sanatti Yihowaan maal akka goonu nu irraa eega? Rakkinni guddaan yeroo dhufu amanamoo taanee jiraachuuf amma of qopheessuu kan dandeenyu hoo akkamitti?—Mat. 24:21.

YEROO ‘RAKKINA GUDDAATTI’ MAALTU RAAWWATAMA?

3. Mulʼanni 17:5, 15-18 akka jedhutti Waaqayyo “Baabilon Guddittii” kan balleessu akkamitti?

3 Mulʼata 17:5, 15-18 dubbisi. ‘Baabilon Guddittiin’ ni balleeffamti! Akkuma olitti ibsame saboonni wantoota yeroo kanatti raawwataman toʼachuu hin dandaʼan. Maaliifi? Sababiin isaas “Waaqayyo yaada isaa akka raawwataniif garaa isaanii keessa kaaʼeera.” Yaadni kun maali dha? Saba Kiristiyaanaa * dabalatee amantiiwwan sobaa addunyaa irra jiran hunda balleessuu dha. Waaqayyo yaada isaa garaa ‘bineensa diimaa dhiiga fakkaatuu’ fi “gaanfa kudhan” qabuu keessa kaaʼa. Gaanfonni kurnan kun humnoota siyaasaa ‘bineensa’ sana jechuunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggaran hunda argisiisu. (Mul. 17:3, 11-13; 18:8) Humnoonni siyaasaa kun amantii sobaatti garagaluun isaanii mallattoo rakkinni guddaan akka jalqabe argisiisu taʼa. Kun taʼee sodaachisaa akka tasaa raawwatamuu fi namoota lafa irra jiraatan hunda irratti dhiibbaa geessisu dha.

4. (a) Saboonni amantii sobaa balleessuuf sababii akkamii dhiheessuu dandaʼu? (b) Namoonni miseensota amantii kanaa turan maal gochuun isaanii hin oolu?

4 Saboonni Baabilon Guddittii balleessuuf sababii isaan dhiheessan hin beeknu. Tarii amantiiwwan addunyaa irra jiran nageenyaaf gufuu akka taʼanii fi yeroo hunda siyaasa keessa akka galan dubbachuu dandaʼu. Yookiin immoo dhaabbileen amantii kun maallaqaa fi qabeenya hedduu akka kuufatan dubbatu taʼa. (Mul. 18:3, 7) Kana jechuun garuu miseensonni amantiiwwan kanaa hundi ni balleeffamu jechuu miti jedhanii yaaduun sirrii dha. Kanaa mannaa, saboonni dhaabbilee amantii waan balleessan fakkaata. Dhaabbileen kun erga badanii booda warri miseensota dhaabbilee kanaa turan geggeessitoonni amantii isaanii waadaa galan akka isaaniif hin raawwanne ni hubatu, akkasumas dhaabbilee kanneen irraa fagaachuuf yaaluun isaanii hin oolu.

5. Rakkina guddaa ilaalchisee Yihowaan waadaa akkamii galeera? Maaliifi?

5 Kitaabni Qulqulluun badiisni Baabilon Guddittii yeroo hammamii akka fudhatu hin dubbatu, taʼus yeroo dheeraa akka hin fudhanne beekna. (Mul. 18:10, 21) Yihowaan “warra filateef jedhee,” akkasumas amantii dhugaa oolchuuf ‘guyyoota sana akka gabaabsu’ waadaa galeera. (Mar. 13:19, 20) Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo rakkina guddaa fi waraana Armaagedoon gidduu jiru keessatti maal akka goonu barbaada?

WAAQEFFANNAA YIHOWAA ISA QULQULLUU DEEGGARAA

6. Hariiroo amantii sobaa wajjin qabnu addaan kutuun qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?

6 Mata duree darbe irratti akkuma ibsame Yihowaan waaqeffattoonni isaa Baabilon Guddittii irraa akka fagaatan isaan irraa eega. Haa taʼu malee, kun hariiroo amantii sobaa wajjin qabnu addaan kutuu caalaa wanta dabalatu qaba. Amantii dhugaa, jechuunis waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluu deeggaruuf murtoo cimaa gochuu qabna. Mee karaawwan kana gochuu itti dandeenyu lama haa ilaallu.

Yeroo rakkisaa taʼetti illee walitti qabamuu keenya hin dhiisnu (Keeyyata 7 ilaali) *

7. (a) Ulaagaalee naamusaa Yihowaan qajeelinaaf baaseef ajajamuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Ibroonni 10:24, 25 keessumaa yeroo ammaatti walitti qabamuun keenya barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

7 Tokkoffaa, ulaagaawwan naamusaa Yihowaan qajeelinaaf baaseef ajajamuu qabna. Nuti ulaagaalee addunyaa kanaa matumaa hin fudhannu. Fakkeenyaaf, gaaʼelaa fi akkaataa jireenyaa namoota saala wal fakkaatu qabanii dabalatee halalummaa gosa akkamii iyyuu hin deeggarru. (Mat. 19:4, 5; Rom. 1:26, 27) Lammaffaa, obboloota keenyaa wajjin waaqeffachuu keenya itti fufuu qabna. Galmawwan Walgaʼii keenyatti, barbaachisaa taanaan mana dhuunfaatti yookiin immoo dhoksaatti illee haa taʼu, bakka dandeenyu hundatti kana ni goona. Wanti kam iyyuu yoo taʼe, waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu keenya addaan hin kunnu. Siruma iyyuu, “guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti” walitti qabamuu nu barbaachisa.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

8. Ergaan lallabnu gara fuulduraatti jijjiiramuu kan dandaʼu akkamitti?

8 Yeroo rakkina guddaatti ergaan nuti labsinu jijjiiramuun isaa hin oolu. Yeroo ammaatti misiraachoo Mootummichaa lallabaa jirra, akkasumas barattoota gochuuf carraaqqii gochaa jirra. Haa taʼu malee, yeroo sanatti ergaa cimaa akka cabbii guguddaa taʼe labsuu dandeenya. (Mulʼata 16:21) Tarii addunyaan Seexanaa yeroo dhihootti guutummaatti akka badu labsina taʼa. Ergaan keenya maal akka taʼee fi akkamitti akka labsinu yeroo sana kan hubannu taʼa. Malawwan waggoota dhibba tokkoo oliif tajaajila keenya raawwachuuf itti fayyadamaa turretti ni fayyadamnaa laata? Moo malawwan kan biraatti fayyadamna? Kun yeroon isaa yommuu gaʼu kan arginu taʼa. Kanas taʼe sana, ija jabinaan ergaa murtii Yihowaa labsuuf mirga waan argannu fakkaata!—His. 2:3-5.

9. Saboonni ergaa keenyaaf deebii akkamii kennuu dandaʼu? Taʼus waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

9 Ergaan keenya saboota waan aarsuuf guutummaatti cal nu jechisiisuuf yaaluun isaanii hin oolu. Yeroo ammaatti tajaajila keenya irratti deeggarsa Yihowaa argachuuf akkuma isatti amanamnu, yeroo sanattis deeggarsa isaa ni barbaanna. Waaqni keenya humna fedhii isaa raawwachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mik. 3:8.

HALEELLAA SABA WAAQAYYOO IRRA GAʼUUF QOPHAAʼAA

10. Raajiin Luqaas 21:25-28 irra jiru akka argisiisutti ilmaan namootaa hedduun wantoota yeroo rakkina guddaatti raawwatamaniif deebii akkamii kennu?

10 Luqaas 21:25-28 dubbisi. Yeroo rakkina guddaatti namoonni wantoonni isaan bara baraaf ni jiraatu jedhanii yaadan baduu yommuu jalqaban ni rifatu. Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo baayʼee sodaachisaa taʼe kanatti jireenya isaaniitiif waan sodaataniif ‘yaaddoon’ isaanitti dhagaʼama. (Sef. 1:14, 15, NW) Yeroo sanatti saba Yihowaatti illee jireenyi baayʼee ulfaachuun isaa hin oolu. Sababiin isaas nuti kutaa addunyaa kanaa waan hin taaneef, rakkinoonni tokko tokko nu mudachuu dandaʼu. Wantoota jireenyaaf barbaachisan tokko tokkos dhabuu dandeenya.

11. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa xiyyeeffannaa keessa kan galan maaliifi? (b) Rakkina guddaa sodaachuun kan nu hin barbaachisne maaliifi?

11 Oolee bulee namoonni amantiin isaanii balleeffame amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa ammas jiraachuun isaa isaan aarsuu dandaʼa. Kun immoo miidiyaalee hawaasaa irratti dabalatee jeequmsa akkamii akka inni uumuu dandaʼu tilmaamuu dandeenya. Saboonnii fi Seexanni inni geggeessaa isaanii taʼe amantiin hin balleeffamne keenya qofa waan taʼeef nu jibbu. Isaan kaayyoo amantii hunda lafa irraa balleessuuf qaban galmaan hin geenye. Kanaaf nuti xiyyeeffannaa isaanii keessa galla. Yeroo kanatti saboonni Goog isa biyya Maagoog * taʼu jechuu dha. Humna qaban hundatti fayyadamuudhaan saba Yihowaa irratti haleellaa cimaa geessisuuf tokkummaa uumu. (His. 38:2, 14-16) Wantoota raawwataman hunda sirriitti waan hin beekneef waaʼee kanaa yaaduun keenya hamma tokko nu sodaachisuu dandaʼa. Taʼus, waaʼee wanta tokkoo mirkanaaʼoo dha: Rakkina guddaa sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan qajeelfama lubbuu keenya oolchu nuuf kenna. (Far. 34:19) ‘Fayyinni keenya akka dhihaate’ waan beeknuuf, ‘kaanee dhaabachuu fi mataa keenya ol qabachuu’ dandeenya. *

12. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” wantoota gara fuulduraatti dhufaniif nu qopheessaa kan jiru akkamitti?

12 “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” yeroo rakkina guddaatti amanamoo taanee akka jiraannu nu qopheessaa jira. (Mat. 24:45) Kana gochaa kan jiru karaa baayʼeedhaan taʼus, walgaʼiiwwan guguddaa bara 2016-2018⁠tti qophaaʼan akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandaʼama. Karaa walgaʼiiwwan kanaa guyyaa Yihowaatti dhihaachaa yommuu jirru kanatti amaloota nu barbaachisan akka cimsannu jajjabeeffamneerra. Mee amaloota kana gabaabaatti irra deebinee haa ilaallu.

AMANAMUMMAA, JABAATANII DHAABBACHUU FI IJA JABINA KEESSAN CIMSADHAA

“Rakkina guddaa” jalaa ooluuf ammuma qophaaʼaa (Keeyyata 13-16 ilaali) *

13. Amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Ammuma kana gochuu kan qabnu hoo maaliifi?

13 Amanamummaa: Mata dureen walgaʼii naannoo bara 2016 “Yihowaadhaaf Amanamoo Taʼaa Jiraadhaa!” kan jedhu ture. Walgaʼiin kun Yihowaa wajjin hariiroo cimaa yoo qabaanne isaaf amanamoo akka taanu nu barsiiseera. Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu fi Dubbii isaa dhimminee qoʼachuudhaan Yihowaatti dhihaachuu akka dandeenyu nu yaadachiiseera. Kana gochuun keenya cimina gufuuwwan baayʼee ciccimoo taʼan injifachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. Dhumni sirna Seexanaa waan dhihaateef, amanamummaan Waaqayyoo fi Mootummaa isaatiif qabnu caalaatti akka qoramu eeguu dandeenya. Namoonnis nutti qoosuun isaanii hin oolu. (2 Phe. 3:3, 4) Wantoota kanaaf sababii taʼan keessaa inni guddaan nuti kutaa addunyaa Seexanaa kam iyyuu kan hin deeggarre taʼuu isaa ti. Yeroo rakkina guddaatti amanamoo taanee jiraachuuf amanamummaa keenya ammuma cimsachuu qabna.

14. (a) Obboloota lafa irratti dursa fudhatanii qajeelfama kennan wajjin haala wal qabateen jijjiirama akkamiitu godhama? (b) Yeroo sanatti amanamoo taʼuu kan qabnu maaliifi?

14 Yeroo rakkina guddaatti obboloota lafa irratti dursa fudhatanii qajeelfama kennan wajjin haala wal qabateen jijjiiramni ni godhama. Yeroo taʼe tokkotti dibamtoonni lafa irra jiran hundi waraana Armaagedoon irratti hirmaachuuf samii irratti walitti qabamu. (Mat. 24:31; Mul. 2:26, 27) Kana jechuun Qaamni Ol Aanaan sana booda nu waliin lafa irra hin jiraatu jechuu dha. Taʼus, tuutni uummataa guddaan bifa gurmaaʼina qabuun itti fufu. Obboloonni hoolota kan biraa keessaa gaʼumsa qaban dursa fudhatanii qajeelfama kennu. Obboloota kana deeggaruudhaan, akkasumas qajeelfama Waaqayyo biraa dhufee fi isaan nuuf kennan hordofuudhaan amanamummaa keenya argisiisuu qabna. Badiisa irraa ooluun keenya kana gochuu keenya irratti kan hundaaʼe dha!

15. Amala jabaatanii dhaabbachuu keenya cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Ammuma kana gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

15 Jabaatanii dhaabbachuu: Mata dureen walgaʼii naannoo bara 2017 “Abdii hin Kutatinaa!” kan jedhu ture. Walgaʼiin kun dandeettii rakkinoota dandamachuuf qabnu akka cimsannu nu gargaareera. Jabaannee dhaabbachuun keenya haalawwan mijataa taʼan irratti akka hin hundoofne baranneerra. Yihowaatti amanamuudhaan amala jabaatanii dhaabbachuu keenya cimsachuu dandeenya. (Rom. 12:12) Abdii Yesuus, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya” jechuudhaan kenne yeroo hunda haa yaadannu. (Mat. 24:13) Akka abdii kanaatti, rakkinoota nu mudatan kam iyyuu keessatti amanamoo taanee jiraachuu qabna jechuu dha. Yeroo ammaatti rakkina nu mudatu hundumaa keessatti jabaannee dhaabbachuudhaan rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura cimoo taʼuu dandeenya.

16. Ija jabeeyyii taʼuu fi dhiisuu keenya kan murteessu maali dha? Ija jabina keenya ammuma cimsachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

16 Ija jabina: Mata dureen walgaʼii naannoo bara 2018 immoo “Ija Jabeeyyii Taʼaa!” kan jedhu ture. Walgaʼiin kun ija jabeeyyii taʼuu fi dhiisuu keenya kan murteessu dandeettii keenya akka hin taane nu yaadachiiseera. Akkuma jabaatanii dhaabbachuu ija jabinni dhugaanis Yihowaatti amanamuudhaan argama. Maarree amanannaa isa irratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii isaa guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi Yihowaan bara duriitti saba isaa kan oolche akkamitti akka taʼe xiinxaluudhaan kana gochuu dandeenya. (Far. 68:20; 2 Phe. 2:9) Yeroo rakkina guddaatti saboonni yommuu haleellaa nu irratti banan, yeroo kam iyyuu caalaa ija jabeeyyii taʼuu fi Yihowaatti amanamuu nu barbaachisa. (Far. 112:7, 8; Ibr. 13:6) Amma Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe ija jabina haleellaa Goog dandamachuuf nu dandeessisu ni qabaanna. *

FAYYINA KEESSAN HAWWIIDHAAN EEGGADHAA

Yesuusii fi raayyaan isaa inni samii diinota Waaqayyoo balleessuuf yeroo dhihootti gara waraana Armaagedoonitti ni gulufu! (Keeyyata 17 ilaali)

17. Armaagedooniin sodaachuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

17 Mata duree darbe irratti akkuma ibsame baayʼeen keenya jireenya keenya guutuu guyyoota dhumaa keessa jiraachaa jirra. Taʼus, rakkina guddaa jalaa ooluufis abdii qabna. Waraanni Armaagedoon xumura dhuma sirna kanaa taʼa. Haa taʼu malee, wanti nu sodaachisu hin jiru. Maaliif? Sababiin isaas kun waraana Waaqayyoo ti. (Fak. 1:33; His. 38:18-20; Zak. 14:3) Yesuus Kiristoos yommuu Yihowaan isa ajaju raayyaa Waaqayyoo gara waraanaatti geggeessa. Dibamtoonni duʼaa kaafamanii fi maleekonni kumaatamaan lakkaaʼamanis isa wajjin jiru. Isaanis waliin taʼanii Seexana, jinniiwwan isaa fi humnoota isaanii warra lafa irra jiran irratti waraana banu.—Dan. 12:1; Mul. 6:2; 17:14.

18. (a) Yihowaan waadaa akkamii galeera? (b) Mulʼanni 7:9, 13-17 waaʼee gara fuulduraa amanannaa akka qabaannu kan nu taasisu akkamitti?

18 Yihowaan, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jechuudhaan waadaa galeera. (Isa. 54:17) ‘Tuutni uummataa guddaan’ jechuunis waaqeffattoonni Yihowaa warri amanamoon “rakkina guddaa keessa” lubbuudhaan ni darbu! Achiis, tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessuu isaanii itti fufu. (Mulʼata 7:9, 13-17 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun sababiiwwan waaʼee gara fuulduraa amanannaa akka qabaannu nu taasisan hedduu nuuf kenna. ‘Waaqayyo warra amanamoo akka eegu’ beekna. (Far. 31:23) Warri Yihowaa jaallatanii fi isa jajatan hundi maqaan isaa inni qulqulluun himata irraa walaba taʼee arguun isaan gammachiisa.—His. 38:23.

19. Yeroo dhihootti abdii dinqisiisaa akkamiitu nu eeggata?

19 Mee 2 Ximotewos 3:2-5 waaʼee namoota addunyaa haaraa dhiibbaa Seexanaa irraa bilisa taʼe keessa jiranii kan dubbatu utuu taʼee akkamitti akka barreeffamuu dandaʼu yaadi. (Saanduqa “ Amaloota Yeroo Sana Namoonni Argisiisan” jedhu ilaali.) Obboleessi keenya Joorji Gaangas, * inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajile akkana jedhee ibseera: “Namoonni hundi obboloota ykn obboleettota yommuu taʼan addunyaan kun iddoo baayʼee nama gammachiisu taʼa! Yeroo dhihootti mirga sirna haaraa keessa jiraachuu argatta. Hammuma Yihowaan jiraatu jiraatta. Bara baraaf jiraachuuf jenna.” Kun dhuguma iyyuu abdii dinqisiisaa dha!

FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

^ key. 5 Yeroo dhihootti “rakkinni guddaan” ilmaan namootaatti akka dhufu ni beekna. Yeroo sanatti tajaajiltoota Yihowaa maaltu isaan mudata? Yihowaan hoo maal akka goonu nu irraa eega? Amanamoo taanee jiraachuuf amaloonni yeroo ammaatti cimsachuu qabnu kam faʼi? Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.

^ key. 3 IBSA JECHAA: Sabni Kiristiyaanaa amantiiwwan Kiristiyaana akka taʼan dubbatan, garuu immoo namoonni akka ulaagaa isaatti Yihowaa akka waaqeffatan hin barsiisne argisiisa.

^ key. 11 IBSA JECHAA: Jechi Goog isa biyya Maagoog (yeroo gabaabfamu, Goog) jedhu saboota wal taʼiinsa uumanii yeroo rakkina guddaatti waaqeffattoota Yihowaa irratti haleellaa geessisan argisiisa.

^ key. 11 MIILJALEE: Taʼeewwan gara waraana Armaagedoonitti geessan hunda ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhu boqonnaa 21 ilaali. Haleellaa Goog inni biyya Maagoog geessisuu fi Yihowaan akkamitti saba isaa akka eegu ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013 fuula 3-8 fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2015 fuula 14-19 ilaali.

^ key. 16 Mata dureen walgaʼii naannoo bara 2019 “Jaalalli Matumaa hin Badu” kan jedhu siʼa taʼu, eegumsa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe jala jiraachuu akka dandeenyu nuu mirkaneessa.—1 Qor. 13:8.

^ key. 19 Mata duree “Wanti Inni Hojjete Isa Duukaa Buʼe” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 1994 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

^ key. 65 IBSA FAKKII: Yeroo rakkina guddaatti gareen xinnoon Dhugaa Baatotaa tokko walgaʼii gumii godhachuuf bosona keessatti ija jabinaan walitti qabamanii jiru.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Tuutni uummataa guddaan waaqeffattoota Yihowaa amanamoo taʼan rakkina guddaa lubbuudhaan darbanii yommuu gammadan!