Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 42

Yihowaan Maal Akka Taatu Si Gargaara?

Yihowaan Maal Akka Taatu Si Gargaara?

“Waaqayyo . . . fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif humna isiniif kenna.”—FILP. 2:13.

FAARFANNAA 104 Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Nuu Kenna

QABIYYEE *

1. Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf maal gochuu dandaʼa?

YIHOWAAN kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu hunda taʼuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan Barsiisaa, Madda Jajjabinaa fi Labsaa Wangeelaa taʼuu dandaʼeera. Kunneen wantoota hedduu Yihowaan taʼuu dandaʼu keessaa muraasa isaanii ti. (Isa. 48:17; 2 Qor. 7:6; Gal. 3:8) Taʼus, yeroo baayʼee kaayyoo isaa raawwachuuf ilmaan namootaattis ni fayyadama. (Mat. 24:14; 28:19, 20; 2 Qor. 1:3, 4) Kana malees, Yihowaan fedha isaa raawwachuuf wanta barbaachisu hunda taʼuu akka dandeenyuuf ogummaa fi cimina nu barbaachisu hunda keenyaaf kennuu dandaʼa. Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti hiikaan maqaa Yihowaas kana dha.

2. (a) Yeroo tokko tokko Yihowaan akka nutti fayyadamu kan shakkinu maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

2 Hundi keenya Yihowaan akka nutti fayyadamu barbaanna, taʼus namoonni tokko tokko Yihowaan isaanitti fayyadamuu isaa ni shakku taʼa. Maaliifi? Sababiin isaas umurii isaaniitiin, haala keessa jiraniin ykn dandeettii isaaniitiin kan kaʼe hamma barbaadan hojjechuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Gama biraatiin immoo namoonni tokko tokko wanti gochaa jiran gaʼaa akka taʼee fi wanta dabalataa gochuun akka isaan hin barbaachisne isaanitti dhagaʼama. Mata duree kana keessatti Yihowaan wanta kaayyoo isaa raawwachuuf nu barbaachisu, hunda keenyaaf kan kennu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Achiis seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan dhiironnii fi dubartoonni tajaajiltoota isaa taʼan fedhii akka qabaatanii fi hojiidhaaf akka kakaʼan kan godhe akkamitti akka taʼe ibsan qorra. Dhuma irrattis Yihowaan akka nutti fayyadamu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

YIHOWAAN WANTA NU BARBAACHISU KAN NUUF KENNU AKKAMITTI?

3. Filiphisiyus 2:13 irratti akka ibsametti Yihowaan fedhii akka qabaannu kan nu taasisu akkamitti taʼuu dandaʼa?

3 Filiphisiyus 2:13 dubbisi. * Yihowaan fedhii akka qabaannu nu taasisa. Kana kan godhu akkamitti taʼuu dandaʼa? Tarii gumii keessatti gargaarsi akka barbaachisu hubachuu dandeenya. Yookiin immoo jaarsoliin xalayaa waajjira damee irraa ergamee fi naannoo tajaajilaa gumii keenyaa alatti gargaarsi akka barbaachisu ibsu nuu dubbisanii taʼuu dandaʼa. Kunis, ‘Ani gargaarsa gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee akka of gaafannu nu gochuu dandaʼa. Yookiin hojii ulfaataa tokko akka hojjennu kan nuu kenname taʼus, hojicha sirriitti hojjechuu fi dhiisuun keenya nu yaaddessa taʼa. Yookiin immoo Dubbii Waaqayyoo irraa caqasoota muraasa erga dubbisnee booda, ‘Yaada Kitaaba Qulqulluu kana hojii irra oolchuudhaan warra kaan gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ gaaffiin jedhu nutti uumamuu dandaʼa. Yihowaan wanta kam iyyuu akka goonu nu hin dirqisiisu. Taʼus, waaʼee wantoota gochuu dandeenyuu yaadaa akka jirru yommuu argu, wanta yaadne sana raawwachuuf fedhii akka qabaannu nu gargaara.

4. Yihowaan hojiidhaaf akka kakaanu kan nu godhu akkamitti taʼuu dandaʼa?

4 Kana malees Yihowaan hojiidhaaf akka kakaanu nu gochuu dandaʼa. (Isa. 40:29) Inni hafuura qulqulluu isaatiin dandeettii uumamaa keenya akka guddifannu gochuu dandaʼa. (Bau. 35:30-35) Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa hojiiwwan tokko tokko akkamitti hojjechuu akka dandeenyu nu barsiisa. Hojiin tokko akkamitti akka hojjetamu mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte gargaarsa gaafadhu. Akkasumas Abbaan keenya inni arjaa taʼe ‘humna humna caalu’ akka sii kennu yeroo kamitti iyyuu isa gaafachuu dandeessa. (2 Qor. 4:7; Luq. 11:13) Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota hedduu Yihowaan namoonni fedha akka qabaatanii fi hojiidhaaf akka kakaʼan gochuudhaan akkamitti akka isaan hidhachiise ibsan qabateera. Fakkeenyota kana keessaa tokko tokko yommuu ilaallu karaawwan itti Yihowaan sittis fayyadamuu dandaʼu yaadi.

YIHOWAAN DHIIRONNI MAAL AKKA TAʼAN GARGAAREERA?

5. Akkaataa fi yeroo itti Yihowaan saba isaa bilisa baasuuf Museetti fayyadame irraa maal baranna?

5 Yihowaan Museen Israaʼeloota bilisa akka baasu isa godheera. Haa taʼu malee, Yihowaan kan isatti fayyadame yoomi? Yeroo ‘ogummaa warra Gibxii hunda baratee’ gaʼumsa akka qabu isatti dhagaʼametti turee? (HoE. 7:22-25) Lakki, kanaa mannaa kan isatti fayyadame Museen kan gad of qabuu fi garraamii akka taʼu erga isa gargaaree booda ture. (HoE. 7:30, 34-36) Yihowaan ija jabina mootii Gibxii isa aangoo guddaa qabu dura dhaabbachuuf isa dandeessisu Museedhaaf kenneera. (Bau. 9:13-19) Akkaataa fi yeroo itti Yihowaan Museetti fayyadame irraa maal baranna? Yihowaan namoota amaloota isaa calaqqisiisanii fi jabina argachuuf isatti amanamanitti ni fayyadama.—Filp. 4:13.

6. Akkaataa itti Yihowaan Daawit Mooticha gargaaruuf Baarzilaayitti fayyadame irraa maal baranna?

6 Jaarraawwan hedduu booda Yihowaan Daawit Mooticha gargaaruuf Baarzilaayitti fayyadameera. Daawitii fi namoonni isa wajjin jiran Abiishaalom ilma Daawit jalaa yeroo baqachaa turanitti, ‘beelaʼanii, dadhabanii, akkasumas dheebotanii, NW’ turan. Baarzilaayi inni yeroo kanatti maanguddoo ture namoota kan biraa wajjin taʼee Daawitii fi warra isa wajjin jiran gargaaruuf jecha lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Baarzilaayi waan dulloomeef Yihowaan kana booda akka isatti hin fayyadamne isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa tajaajiltoota Waaqayyoo warra gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf arjummaadhaan wanta qabutti fayyadameera. (2 Sam. 17:27-29) Kana irraa maal baranna? Umuriin keenya hammam iyyuu yoo taʼe Yihowaan obboloota naannoo keenyattis taʼe biyya kan biraatti argamanii fi wantoota buʼuuraa dhaban gargaaruuf nutti fayyadamuu dandaʼa. (Fak. 3:27, 28; 19:17) Kallattiidhaan isaan gargaaruu kan hin dandeenye taʼus, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuu dandeenya; buusiin nuti goonus yeroo fi bakka barbaachisutti gargaarsa gochuuf oola.—2 Qor. 8:14, 15; 9:11.

7. Yihowaan Simiʼoonitti kan fayyadame akkamitti? Kana beekuun keenya nu jajjabeessuu kan dandaʼu hoo akkamitti?

7 Yihowaan maanguddoon amanamaan Yerusaalem keessa jiraatuu fi Simiʼoon jedhamu duʼuu isaa dura Masiihicha akka argu waadaa galeefii ture. Simiʼoon waggoota hedduudhaaf Masiihicha eegaa waan tureef waadaan Yihowaan galeef kun baayʼee isa jajjabeessee taʼuu qaba. Yihowaan amantii fi jabaatee dhaabbachuu isaatiif isa badhaaseera. Gaaf tokko “hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee” gara mana qulqullummaa dhufe. Achittis Yesuus isa daaʼima ture kan arge siʼa taʼu, Yihowaan waaʼee mucaa isa yeroo booda Kiristoos taʼu kanaa raajii dubbachuuf Simiʼoonitti fayyadameera. (Luq. 2:25-35) Simiʼoon Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa utuu hin jalqabin duʼee taʼuu dandaʼa; taʼus, mirga argateef dinqisiifannaa qaba ture, gara fuulduraattis wantoota gaggaarii hedduutu isa eeggata. Addunyaa haaraa keessatti namni amanamaan kun bulchiinsi Yesuus maatiiwwan lafa irra jiran hundaaf akkamitti eebba akka argamsiise ni arga. (Uma. 22:18) Nutis mirga Yihowaan tajaajila isaa keessatti nuu kenne kamiif iyyuu dinqisiifannaa qabaachuu dandeenya.

8. Yihowaan akkuma Barnaabaas nutti fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti?

8 DH.K.B. jaarraa jalqabaatti namni arjaan Yoseef jedhamu Yihowaan akka isatti fayyadamu of dhiheessee ture. (HoE. 4:36, 37) Yoseef warra kaan jajjabeessuu irratti cimaa waan tureef ergamoonni Barnaabaas jedhanii isa waamu turan; hiikni isaas “Ilma Jajjabinaa” jechuu dha. Fakkeenyaaf, Saaʼol gumiiwwan ariʼachaa waan tureef erga Kiristiyaana taʼee booda obboloonni hedduun isatti dhihaachuu sodaatanii turan. Haa taʼu malee, Barnaabaas Saaʼoliin jajjabeesseera, akkasumas isa gargaareera; Saaʼolis gaarummaa isaatiif isa galateeffatee taʼuu qaba. (HoE. 9:21, 26-28) Yeroo booda jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran obboloota isaan irraa fagaatanii Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatan jajjabeessuu barbaadan. Maarree eenyu ergan? Kan isaan ergan Barnaabaas waan tureef filannaan isaan godhan sirrii ture! Sababiin isaas seenaan isaa Barnaabaas, “hundi isaanii Gooftaadhaaf amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan jajjabeessuu jalqabe” jedha. (HoE. 11:22-24) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo harʼaas obboloota keenya akka jajjabeessinu nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, warra namoota jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessuuf nutti fayyadamuu dandaʼa. Yookiin immoo nama dhukkubsatee fi dhiphate tokko dhaqnee gaafachuudhaan ykn isaaf bilbiluudhaan jechoota gaarummaa argisiisan akka dubbannu nu kakaasuu dandaʼa. Ati hoo Yihowaan akkuma Barnaabaas akka sitti fayyadamu ni heyyamtaa?—1 Tas. 5:14.

9. Karaa itti Yihowaan obboleessi Vaasiilii jedhamu karaa hafuuraa tiksee gaʼumsa qabu akka taʼu isa gargaare irraa maal baranna?

9 Yihowaan obboleessi Vaasiilii jedhamu karaa hafuuraa tiksee gaʼumsa qabu akka taʼu isa gargaareera. Vaasiiliin waggaa 26⁠tti jaarsa gumii taʼee yeroo muudametti karaa hafuuraa gumicha gargaaruuf gaʼumsa akka hin qabne, keessumaa immoo warra rakkina keessa jiran gargaaruu akka hin dandeenye itti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, obboloota muuxannoo qaban irraa, akkasumas Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa irratti hirmaachuudhaan leenjii gaarii argate. Kana malees, Vaasiiliin fooyyaʼiinsa gochuuf cimee hojjeteera. Fakkeenyaaf, galmawwan xixinnoo baafate. Galmawwan kana irra tokko tokkoon yommuu gaʼu suutuma suuta sodaa isaa injifachuu dandaʼe. Amma akkana jedheera: “Wanti yeroo sana na sodaachisaa ture amma gammachuu guddaa naaf argamsiisa. Yihowaan caqasa sirrii obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiran jajjabeessuuf na dandeessisu akkan argadhu yommuu na gargaarutti baayʼeen gammada.” Obboloota, isinis akkuma Vaasiilii Yihowaan akka isinitti fayyadamu yoo of dhiheessitan, inni dandeettii itti gaafatamummaa gumii baʼuuf isin dandeessisu isiniif kennuu dandaʼa.

YIHOWAAN DUBARTOONNI MAAL AKKA TAʼAN GARGAAREERA?

10. Abigaayil tarkaanfii akkamii fudhatte? Fakkeenya ishii irraa hoo maal barattan?

10 Daawitii fi warra isaaf amanamoo taʼan Saaʼol Mootichi isaan ariʼachaa waan tureef gargaarsi isaan barbaachisa ture. Namoonni Daawit wajjin turan namni Israaʼel maqaan isaa Naabaal jedhamuu fi sooressa ture tokko nyaata muraasa akka isaaniif kennu gaafatanii turan. Lafa onaatti hoolota isaa eegaa waan turaniif nyaata akka isaaniif kennu isa gaafachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼamee ture. Naabaal inni nama ofittoo taʼe garuu waan tokko iyyuu isaaniif kennuu dide. Achiis Daawit baayʼee waan aareef Naabaalii fi dhiirota mana isaa jiran hunda ajjeesuuf yaade. (1 Sam. 25:3-13, 22) Haa taʼu malee, Abigaayil haati manaa Naabaal akkuma bareedina ishii dubartii hubannaa qabdu turte. Ija jabina guddaadhaan miila Daawit irratti kuftee haaloo baʼuudhaan dhiiga dhangalaasee akka itti hin gaafatamne isa kadhatte. Akkasumas dhimma kana Yihowaadhaaf akka inni dhiisu malaan isa gorsite. Jechoonni Abigaayil gad of qabuudhaan dubbattee fi tarkaanfiin ishiin ogummaadhaan fudhatte garaa Daawit ni tuqe. Daawit Yihowaan akka ishii erges hubatee ture. (1 Sam. 25:23-28, 32-34) Abigaayil amaloota Yihowaan akka ishiitti fayyadamu taasisan horattee turte. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan obboleettonni malaa fi hubannaa qaban maatii isaanii fi warra gumii keessa jiran kaan akka cimsan isaanitti fayyadamuu dandaʼa.—Fak. 24:3; Tit. 2:3-5.

11. Intaloonni Shaalum maal hojjetan? Yeroo harʼaa fakkeenya isaanii hordofaa kan jiran hoo eenyu faʼi?

11 Jaarraawwan hedduu booda intaloonni Shaalum namoota Yihowaan dallaa Yerusaalem suphuuf itti fayyadame keessaa tokko turan. (Nah. 2:20; 3:12) Abbaan isaanii bulchaa kan ture taʼus, intaloonni Shaalum hojii ulfaataa fi balaadhaaf nama saaxilu kana hojjechuuf fedhii qabu turan. (Nah. 4:15-18) Isaan namoota beekamoo Teqoʼaa warra ‘hojii kana keessa lixanii hojjechuu didan’ irraa adda turan! (Nah. 3:5) Hojichi guyyaa 52 keessatti yommuu xumuramu gammachuu intaloota Shaalumitti dhagaʼamee ture tilmaamuu dandeessu! (Nah. 6:15) Yeroo harʼaattis obboleettonni fedhii qaban gosa tajaajila qulqulluu adda taʼe, jechuunis galmawwan Yihowaadhaaf murteeffaman ijaaruu fi suphuu irratti gargaarsa gochuun isaan gammachiisa. Dandeettiin, hamileenii fi amanamummaan isaanii milkaaʼina hojichaatiif baayʼee barbaachisaa dha.

12. Yihowaan akkuma Xaabiitaa nuttis fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Yihowaan Xaabiitaan keessumaa dubartoota abbootiin manaa irraa duʼaniif ‘hojiiwwan gaggaarii hedduu akka hojjettuu fi hiyyeeyyii akka gargaartu’ ishii kakaaseera. (HoE. 9:36) Arjummaa fi gaarummaa guddaa argisiisuudhaan waan beekamtuuf yeroo ishiin duutu namoonni hedduun gaddaniiru. Yommuu Pheexiros ergamaan duʼaa ishii kaasu garuu baayʼee gammadan. (HoE. 9:39-41) Xaabiitaa irraa maal baranna? Dargaggoonnis taane maanguddoonni ykn dhiironnis taane dubartoonni, hundi keenya obbolootaa fi obboleettota keenyaaf gargaarsa qabatamaa gochuu dandeenya.—Ibr. 13:16.

13. Yihowaan obboleettii ija laafettii Ruut jedhamtutti kan fayyadame akkamitti? Ishiin hoo maal jetteetti?

13 Obboleettiin ija laafettii taatee fi Ruut jedhamtu misiyoonii taʼuu barbaaddi turte. Yeroo xinnoo turtetti ariitiidhaan manaa gara manaa deemtee namootaaf tiraaktii raabsiti turte. Ruut, “Hojiin kun baayʼee na gammachiisa ture” jechuudhaan dubbatteetti. Taʼus, namoota balbala irratti haasofsiisuunii fi dhuunfaatti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaanitti himuun ishiitti ulfaata ture. Ruut ija laafettii kan turte taʼus yeroo umuriin ishii waggaa 18 taʼu qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu jalqabde. Bara 1946⁠tti Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad kan galte yommuu taʼu, yeroo booda Hawaayii fi Jaappaanitti tajaajilteetti. Yihowaan biyyoota kanatti misiraachicha babalʼisuuf akka gaariitti ishiitti fayyadameera. Gara waggaa 80tiif tajaajila irratti erga hirmaattee booda akkana jetteetti: “Yihowaan anaaf madda jajjabinaa naa taʼeera. Ija laafina koo injifachuu akkan dandaʼu na gargaareera. Yihowaan nama isatti amanamu kamitti iyyuu fayyadamuu akka dandaʼu cimseen amana.”

YIHOWAAN AKKA SITTI FAYYADAMU HEYYAMI

14. Qolosaayis 1:29 akka jedhutti Yihowaan akka nutti fayyadamu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

14 Guutummaa seenaa keessatti Yihowaan tajaajiltoonni isaa gaʼee adda addaa akka taphatan gochaa tureera. Yihowaan ati hoo maal akka taatu si godha? Kun baayʼinaan carraaqqii ati gootu irratti hundaaʼa. (Qolosaayis 1:29 dubbisi.) Ati yoo of dhiheessite, Yihowaan labsaa wangeelaa hinaaffaa qabu, barsiisaa buʼa qabeessa, jajjabina kennuu kan dandeessu, hojjetaa dandeettii qabu, michuu gaarii ykn fedha isaa raawwachuuf wanta barbaachisu kam iyyuu akka taatu si gochuu dandaʼa.

15. Akka 1 Ximotewos 4:12, 15 jedhutti obboloonni dargaggoota taʼan Yihowaan maal gochuuf akka isaan gargaaru kadhachuu qabu?

15 Obboloota dargaggoota gara gaʼeessummaatti dhihaachaa jiran ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Dhiironni humna qabanii fi tajaajiltoota gumii taʼanii gumii gargaaruu dandaʼan baayʼinaan ni barbaadamu. Gumiiwwan hedduu keessatti baayʼinni jaarsolii kan tajaajiltoota gumii irra ni caala. Obboloonni dargaggoota taatan fedhii gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf qabdan guddifachuu dandeessuu? Obboloonni tokko tokko, “Ani babalʼisaa taʼee tajaajiluun koo qofti na gammachiisa” jedhu. Atis akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan tajaajilaa gumii taʼuuf fedhii akka qabaattu akka si gargaaruu fi humna tajaajila isaa keessatti wanta dandeessu hunda gochuuf si dandeessisu akka sii kennu kadhadhu. (Lal. 12:1) Gargaarsi kee nu barbaachisa!—1 Ximotewos 4:12, 15 dubbisi.

16. Yihowaa maal kadhachuu qabna? Maaliifi?

16 Yihowaan fedha isaa raawwachuuf wanta inni barbaade hunda akka taatu si gochuu dandaʼa. Kanaaf hojii isaa hojjechuuf fedhii akka qabaattu isa gaafadhu, akkasumas humna si barbaachisu akka sii kennu kadhadhu. Dargaggeessas taate maanguddoo, ammuma Yihowaadhaaf ulfina fiduuf yeroo kee, humna kee fi wanta qabdu kan biraatti fayyadami. (Lal. 9:10) Sodaa fi miirri gaʼumsa hin qabu jedhu carraa tajaajila Yihowaa keessatti wanta dandeessu hunda gochuuf qabdu akka si jala dabarsu matumaa hin heyyamin. Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina isaaf malu fiduuf wanta dandeenyu hunda gochuun keenya mirga guddaa dha!

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

^ key. 5 Tajaajilli Yihowaadhaaf dhiheessitu akka si jalaa daangeffame sitti dhagaʼamaa? Yihowaan ammas natti fayyadamaa laata jettee ni yaaddoftaa? Yookiin immoo hamma Yihowaan barbaadu isa tajaajiluuf wanta dabalataa gochuun akka si hin barbaachisne sitti dhagaʼamaa? Mata dureen kun karaawwan itti Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf fedhii fi humna wanta barbaachisu hunda taʼuuf si dandeessisu sii kennu ibsa.

^ key. 3 Phaawulos xalayaa isaa kan barreesse Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif taʼus, dhugaan buʼuuraa isaa tajaajiltoota Yihowaa hundaaf ni hojjeta.