Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 41

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

Guyyoota Dhumaa 40n Yesuus Lafarratti Dabarserraa Maal Baranna?

Guyyoota Dhumaa 40n Yesuus Lafarratti Dabarserraa Maal Baranna?

“Guyyaa 40f yeroo baayʼee isaanitti mulʼatee . . . waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachaa ture.”—HOE. 1:3.

YAADA IJOO

Wanta Yesuus guyyoota dhumaa 40n lafarratti dabarse keessatti godhe qoruudhaan fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

1-2. Barattoonni Yesuus lama yommuu gara Emaahus deemaa turanitti maaltu taʼe?

 YEROONSAA Niisaan 16, Dh.K.B. bara 33dha. Barattoonni Yesuus sodaa fi gaddaan liqimfamaniiru. Isaan keessaa barattoonni lama Yerusaalemii gara ganda Emaahus jedhamtuu fi naannoo kiilomeetira 11 fagaattee argamtuu deemaa jiru. Namoonni kun Yesuus inni isaan duukaa buʼaa turan waan ajjeefameef baayʼee gaddaniiru. Wanti Masiihichi akka raawwatu abdatan waan fashalaaʼe fakkaata ture. Haa taʼu malee, wanti hin eegamne tokko ni uumame.

2 Namichi tokko isaaniitti dhihaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. Barattoonni sunis wanta Yesuusirra gaʼetti baayʼee akka gaddan isatti himan. Achiis namichi sun wanta jireenyasaanii guutummaatti jijjiiru tokko isaanitti himuu jalqabe. Masiihichi dhiphatee duʼuun kan isa barbaachise maaliif akka taʼe “Musee fi Raajota hunda irraa jalqabee” isaaniif ibse. Yommuu Emaahus gaʼanis namichi isaan faana ture sun Yesuus Kiristoos isa duʼaa kaʼe akka taʼe isaan beeksise! Barattoonni kun Masiihichi duʼaa akka kaʼe beekuusaaniitti hammam akka gammadan tilmaamuu dandeenya!—Luq. 24:13-35.

3-4. Jajjabinni Yesuus barattootasaatiif kenne kan isaan fayyade akkamitti? Mata duree kana keessatti maal ilaalla? (Hojii Ergamootaa 1:3)

3 Yesuus guyyoota dhumaa 40n lafarratti dabarse keessatti siʼa hedduu barattootasaatti mulʼateera. (Hojii Ergamootaa 1:3 dubbisi.) Yeroo sanatti, duuka buutonni Yesuus gaddaa fi sodaadhaan liqimfamanii turan, labsitootaa fi barsiisota Mootummichaa gammachuu, ofitti amanannaa fi ija jabina qaban taʼaniiru. a

4 Wanta Yesuus yeroo kanatti godhe qoʼachuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Mata duree kana keessatti Yesuus (1) barattootasaa jajjabeessuuf, (2) Kitaabota Qulqulluu caalaatti akka hubatan isaan gargaaruuf, akkasumas (3) itti gaafatamummaa guguddaa akka fudhatan isaan leenjisuuf yeroo sanatti kan fayyadame akkamitti akka taʼe qorra. Kallattiiwwan sadan kanarratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

WARRA KAAN JAJJABEESSAA

5. Barattoonni Yesuus jajjabinni kan isaan barbaachise maaliifi?

5 Barattoonni Yesuus jajjabinni isaan barbaachisee ture. Maaliif? Isaan keessaa tokko tokko yeroosaanii guutuu Yesuus duukaa buʼuuf jedhanii manasaanii, maatiisaanii fi hojiisaanii dhiisanii turan. (Mat. 19:27) Kaanimmoo barattoota Yesuus taʼuusaaniitti jalʼinni haqaa isaanirratti raawwatameera. (Yoh. 9:22) Aarsaa akkasii kan kaffalan Yesuus Masiihicha abdachiifame akka taʼe waan amananiifi. (Mat. 16:16) Yeroo Yesuus ajjeefamu garuu sana booda maaltu akka isaan mudatu waan hin beekneef, baayʼee gaddanii fi abdii kutatanii turan.

6. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda maal raawwate?

6 Yesuus barattoonnisaa duʼuusaatti gadduunsaanii dogoggora akka hin taanee fi mallattoo karaa hafuuraa akka dadhaban argisiisu akka hin taane beeka. Guyyuma duʼaa kaafametti isaan jajjabeessuu kan jalqabe kanaafi. Fakkeenyaaf, Maariyaam ishiin Magdalaa yeroo iddoo awwaalchaasaa biratti booʼaa turtetti ishiitti mulʼateera. (Yoh. 20:11, 16) Akkasumas, akkuma olitti ilaalle barattootasaa lamatti mulʼateera. Pheexiros ergamaattis mulʼateera. (Luq. 24:34) Nutoo fakkeenya Yesuusirraa maal baranna? Mee wanta yeroo jalqaba mulʼatetti taʼe haa ilaallu.

7. Akkuma Yohaannis 20:11-16 irratti ibsametti, Yesuus Niisaan 16 ganama barii Maariyaam utuu maal gootuu arge? Kunoo maal gochuuf isa kakaase? (Fakkichas ilaali.)

7 Yohaannis 20:11-16 dubbisi. Niisaan 16 ganama barii dubartoonni amanamoon muraasni bakka reeffi Yesuus kaaʼamee ture dhaqan. (Luq. 24:1, 10) Mee dubartoota kana keessaa wanta Maariyaam ishii Magdalaa muudate haa ilaallu. Maariyaam yeroo achi geessu bakki awwaalchaasaa duwwaa ture. Achiis fiigdee gara Pheexirosii fi Yohaannis dhaqxee waaʼee kanaa isaanitti himte; yommuu isaan fiiganii gara bakka awwaalchaa sana deeman ishiinis isaan duukaa buute. Pheexirosii fi Yohaannis iddoon awwaalchaa sun duwwaa taʼuusaa yommuu argan gara manaatti deebiʼan. Maariyaam garuu hin deebine. Achuma teessee booʼaa turte. Yeroo kanatti ishiin beekuu baattus Yesuus ishii ilaalaa ture. Yesuus imimmaan dubartiin amanamtuun kun dhangalaastu yeroo argu garaansaa baayʼee tuqame. Kanaafuu, ishiitti mulʼatee wanta salphaa garuummoo baayʼee ishii jajjabeessu tokko godhe. Misiraachoo akka inni duʼaa kaʼe ibsu obbolootasaatti akka himtu ishii erguudhaan hojii barbaachisaa taʼe tokko ishiidhaaf kenne.—Yoh. 20:17, 18.

Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan haala warri dhiphatan keessatti argaman hubadhaa, akkasumas gara laafina isaanitti argisiisaa (Keeyyata 7 ilaali)


8. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nutis akkuma Yesuus dhiphina obboloota keenyatti dhagaʼamu hubannee gara laafinaan yoo isaan haasofsiisne, Yihowaa tajaajiluusaanii akka itti fufan isaan jajjabeessuuf wanta hedduu raawwachuu dandeenya. Mee muuxannoo Joosiliin ishii obboleettiin ishii balaadhaan jalaa duutee haa ilaallu. Joosiliin, “Jiʼoota hedduudhaaf, gadda cimaa walirraa hin cinnetu natti dhagaʼamaa ture” jetteetti. Haa taʼu malee, obboleessi tokkoo fi haati manaasaa manasaaniitti ishii affeeranii gara laafinaan ishii dhaggeeffatan, akkasumas Yihowaa duratti iddoo guddaa akka qabdu ishiidhaaf mirkaneessan. Joosiliin akkana jetteetti: “Yihowaan isaanitti fayyadamee galaana raafamaa jiru keessaa akka na baase natti dhagaʼama. Yihowaa tajaajiluu koo itti fufuuf deebiʼee fedhii akkan qabaadhu na gargaaraniiru.” Nutis yommuu warri kaan miirasaanii nutti himan xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuudhaan, akkasumas gara laafinaan isaan haasofsiisuudhaan Yihowaa tajaajiluusaanii akka itti fufan isaan jajjabeessuu dandeenya.—Rom. 12:15.

DUBBII WAAQAYYOO AKKA HUBATAN ISAAN GARGAARAA

9. Barattoonni Yesuus haala rakkisaa akkamiitu isaan mudate? Yesuus kan isaan gargaarehoo akkamitti?

9 Barattoonni Yesuus Dubbii Waaqayyoo fudhatanii jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. (Yoh. 17:6) Taʼus, Yesuus yakkamaa akka taʼetti ilaalamee muka dhiphinaarratti fannifamee ajjeefamuunsaa isaan burjaajessee ture. Yesuus shakkiin akkasii kan isaanitti uumame garaansaanii hamaa waan taʼeef utuu hin taʼin, hubannaan waan isaanitti hirʼateef akka taʼe beeka. (Luq. 9:44, 45; Yoh. 20:9) Kanaafuu, Kitaabota Qulqulluu akka hubatan isaan gargaareera. Barattootasaa lamaan gara Emaahus deemaa turanitti yeroo mulʼatetti akkas kan godhe akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

10. Yesuus inni dhuguma Masiihicha taʼuusaa barattootasaatiif kan mirkaneesse akkamitti? (Luqaas 24:18-27)

10 Luqaas 24:18-27 dubbisi. Yesuus eenyummaasaa kan isaanitti hime akkuma isaan argeen akka hin taane hubadhu. Jalqabarratti, gaaffii isaan gaafateera. Maaliif? Tarii wanta garaasaanii keessa jiru akka ibsan barbaadee taʼuu dandaʼa. Isaanis wanta isaanitti dhagaʼamu isatti himan. Israaʼeliin cunqursaa warra Roomaa jalaa bilisa akka baasu eeganii akka turan isatti himan. Yaaddoo qaban ifatti erga dubbatanii booda, wanta uumame akka hubatan isaan gargaaruuf Kitaabota Qulqulluutti fayyadameera. b Boodas galgaluma sana, barattoota kaan wajjin wal argee dhugaa kana isaaniif ibse. (Luq. 24:33-48) Seenaa kanarraa maal baranna?

11-12. (a) Akkaataa Yesuus dhugaa Kitaaba Qulqulluu itti barsiiserraa maal baranna? (Fakkiiwwanis ilaali.) (b) Obboleessi, Noortii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise kan isa gargaare akkamitti?

11 Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba, yommuu barattoota keessan Kitaaba Qulqulluu barsiistan malaan gaaffii wanta garaasaanii keessa jiru hubachuuf isin gargaaru isaan gaafadhaa. (Fak. 20:5) Miirasaanii erga hubattanii booda caqasoota haalasaaniitiif taʼan argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaanitti argisiisaa. Maal gochuu akka qaban akka isaanitti hin himne of eeggadhaa. Kanaa mannaa, Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan gaaffii tokko tokko isaan gaafadhaa, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa. Mee muuxannoo obboleessa Gaanaa keessa jiraatuu fi Noortii jedhamuu haa ilaallu.

12 Noortiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabe yeroo waggaa 16 turettidha. Utuma baayʼee hin turin garuu, maatiinsaa isa mormuu jalqaban. Maarree qoʼannaasaa itti fufuuf maaltu isa gargaare? Obboleessi Kitaaba Qulqulluu isa qoʼachiisu Maatewos boqonnaa 10​tti fayyadamee Kiristiyaanota dhugaarra ariʼatamni akka gaʼu isaaf ibse. Noortiin, “Kanaafuu, yeroo ariʼatamni jalqabu, dhugaa akkan argadhe mirkanaaʼaan taʼe” jedheera. Barsiisaan Noortii yeroo inni dhimmoota amantaarratti maatiisaa wajjin mariʼatu of eeggachuu fi kabaja argisiisuu akka qabu Maatewos 10:16​tti fayyadamee isaaf ibse. Noortiin erga cuuphamee booda qajeelchaa taʼuu barbaadee kan ture taʼus, abbaansaa garuu yunivarsiitii akka galu barbaada ture. Obboleessi isa qoʼachiisu wanta gochuu qabu isatti himuu mannaa, gaaffii dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti yaaduuf isa gargaaru tokko tokko isa gaafate. Kun buʼaa akkamii argamsiise? Noortiin tajaajila yeroo guutuu keessa galuuf murteesse. Yeroo kanatti abbaansaa manaa isa ariʼe. Noortiin kun taʼuusaatti maaltu isatti dhagaʼame? “Filannaa sirrii akkan godhe mirkanaaʼaan taʼe” jedheera. Nutis yeroo fudhannee warri kaan caqasoota Kitaaba Qulqulluurratti akka yaadan kan jajjabeessinu yoo taʼe amantiisaanii akka cimsatanii fi Yihowaa tajaajiluusaanii akka itti fufan isaan gargaarra.—Efe. 3:16-19.

Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan warri kaan Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaraa (Keeyyata 11 ilaali) e


OBBOLOONNI “KENNAA” AKKA TAʼAN LEENJISAA

13. Yesuus hojiin Abbaasaa hojjetamuusaa akka itti fufu gochuuf maal godhe? (Efesoon 4:8)

13 Yesuus yeroo lafarra turetti hojii Abbaansaa akka hojjetu isaaf kenne guutummaatti raawwateera. (Yoh. 17:4) Taʼus, Yesuus ilaalcha, ‘Wanti tokko karaa sirrii taʼeen akka hojjetamu yoo barbaadde ofuma keetiin hojjechuu qabda’ jedhu hin qabu. Waggaa sadii fi walakkaa lafarratti tajaajile keessatti namoota hojicha hojjetan leenjiseera. Yesuus gara samiitti deebiʼuusaa dura, hoolota Yihowaa warra iddoo guddaa qaban akka kunuunsanii fi hojii lallabuu fi barsiisuurratti dursa fudhatanii akka geggeessaniif barattootasaatiif itti gaafatamummaa kenneera; yeroo sanatti muraasnisaanii umurii waggoota digdammanii keessa taʼuu hin oolan. (Efesoon 4:8 dubbisi.) Yesuus guyyoota dhumaa 40n lafarratti dabarse keessatti, dhiironni amanamoon jabaatanii hojjetan kun “kennaa” taʼuuf gaʼumsa akka qabaatan kan isaan gargaare akkamitti?—Efe. 4:8.

14. Yesuus guyyoota dhumaa 40n lafarratti dabarse keessatti barattoonnisaa karaa hafuuraa akka ciman kan gargaare akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

14 Yesuus barattootasaatiif ifatti garuummoo jaalalaan gorsa kenneera. Fakkeenyaaf, isaan keessaa tokko tokko shakkii akka qaban waan hubateef isaan gorseera. (Luq. 24:25-27; Yoh. 20:27) Hojii ofiisaanii caalaa hoolota Yihowaa kunuunsuurratti xiyyeeffachuu akka qaban isaanitti himeera. (Yoh. 21:15) Wanta isaan tajaajila Yihowaa keessatti raawwatan wanta warri kaan raawwachaa jiran wajjin wal bira qabuu akka hin qabnes isaan yaadachiiseera. (Yoh. 21:20-22) Mootummicha ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa qaban tokko tokkos sirreesseera, akkasumas misiraachicha lallabuurratti akka xiyyeeffatan isaan gargaareera. (HoE. 1:6-8) Jaarsoliin Yesuusirraa maal baratu?

Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan dhiironni itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan leenjisaa (Keeyyata 14 ilaali)


15-16. (a) Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan karaawwan kamiini? (b) Paatriik gorsa isaaf kennamerraa kan fayyadame akkamitti?

15 Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Jaarsoliin dargaggoota dabalatee dhiironni itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf gaʼumsa akka qabaataniif isaan leenjisuu fi isaan gargaaruu qabu. c Jaarsoliin obboloonni leenjiʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan isaanirraa eeguu hin qaban. Obboloonni dargaggoota taʼan muuxannoo akka horatan, akkasumas gad of qabuun, amanamoo taʼuunii fi warra kaan tajaajiluuf fedhii qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa akka hubataniif gorsa jaalalarratti hundaaʼe isaaniif kennuu qabu.—1 Xim. 3:1; 2 Xim. 2:2; 1 Phe. 5:5.

16 Obboleessi Paatriik jedhamu gorsa isaaf kennamerraa kan fayyadame akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Paatriik dargaggummaasaatti dubbii nama miidhu dubbachuu fi wanta gaarii hin taane namarratti raawwachuu amaleeffatee ture; wanta akkasii obboleettota irrattillee ni raawwata ture. Jaarsi bilchina qabu tokko dadhabina Paatriik qabu kana waan hubateef, gaarummaadhaan, garuummoo kallattiidhaan gorsa isaaf kenne. Paatriik akkana jedheera: “Akkas gochuusaatti gammadeera. Obboloonni kaan mirga tajaajilaa ani argachuu barbaadu yeroo argatan abdiin kutadha ture. Gorsi jaarsi sun naaf kenne garuu gumii keessatti iddoo ykn mirga argachuurratti utuu hin taʼin, gad of qabuudhaan obbolootaa fi obboleettota koo tajaajiluurratti xiyyeeffachuu akkan qabu hubachuuf na gargaareera.” Kanaan kan kaʼes, Paatriik utuma umurii jalqaba waggoota 20​nii keessa jiruu jaarsa taʼee muudamuu dandaʼeera.—Fak. 27:9.

17. Yesuus barattootasaa akka amanu kan argisiise akkamitti?

17 Yesuus akka lallaban qofa utuu hin taʼin akka barsiisanis barattootasaatiif itti gaafatamummaa kenneera. (Mat. 28:20) Tarii barattoonnisaa itti gaafatamummaa kanaaf gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yesuus hojicha hojjechuu akka dandaʼan shakkii hin qabu ture; kanas isaanitti himeera. Yesuus, “Akkuma Abbaan ana erge, anis isin nan erga” isaaniin jechuudhaan amantii guutuu akka isaanirratti qabu ibseera.—Yoh. 20:21.

18. Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Jaarsoliin muuxannoo qaban warra kaaniif itti gaafatamummaa ni kennu. (Filp. 2:19-22) Fakkeenyaaf, jaarsoliin, dargaggoonni Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuurratti akka hirmaatan gochuu dandaʼu. Hojii tokko erga isaaniif kennanii booda, hojii sana akka hojjetan amantii isaanirratti qaban ibsuu dandaʼu; jalqaba garuu isaan leenjisuu fi hojicha karaa sirrii taʼeen akka hojjetan isaanitti amanamuu qabu. Jaarsi haaraan Maatiwu jedhamu jaarsoliin muuxannoo qaban hojii isaaf kenname akkamitti akka hojjetu sirriitti isa leenjisuusaanii fi hojicha hojjetee akka xumuru isatti amanamuusaanii garaadhaa akka dinqisiifatu dubbateera. “Yommuun dogoggora raawwadhu dogoggora koorraa barachuu fi fooyyaʼiinsa gochuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe akkan hubadhu na gargaaraniiru” jedheera. d

19. Maal gochuuf kutachuu qabna?

19 Yesuus guyyoota dhumaa 40n lafarratti dabarse warra kaan jajjabeessuuf, barsiisuu fi leenjisuuf itti fayyadameera. Nutis fakkeenyasaa dhiheenyatti hordofuuf haa kutannu. (1 Phe. 2:21) Yesuus akkas akka goonu nu gargaara. “Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jedhee waadaa nuuf galeera.—Mat. 28:20.

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

a Wangeelonnii fi kitaabonni Kitaaba Qulqulluu kan biroon Yesuus erga duʼaa kaafamee booda siʼa hedduu namootatti akka mulʼate ibsu; fakkeenyaaf, Maariyaam ishii Magdalaatti (Yoh. 20:11-18); dubartoota kan birootti (Mat. 28:8-10; Luq. 24:8-11); barattoota 2​tti (Luq. 24:13-15); Pheexirositti (Luq. 24:34); Toomaasiin ala ergamootatti (Yoh. 20:19-24); Toomaasiin dabalatee ergamootatti (Yoh. 20:26); barattoota 7​tti (Yoh. 21:1, 2); barattoota 500 ol taʼanitti (Mat. 28:16; 1 Qor. 15:6); obboleessasaa Yaaqoobitti (1 Qor. 15:7); ergamoota hundatti (HoE. 1:4); akkasumas Bitaaniyaa biratti ergamootatti. (Luq. 24:50-52) Galmeeffamuu baatus Yesuus yeroowwan kan biroottis namootatti mulʼatee taʼuu dandaʼa.—Yoh. 21:25.

b Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatan argachuuf jw.org irraa mata duree, “Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman Yesuus Masiihicha Taʼuu Isaa Mirkaneessuu?” jedhu ilaali.

c Haalawwan tokko tokko keessatti, obboloonni gaʼumsa qaban utuma walakkeessa ykn dhuma umurii waggoota 20mmaniirra jiranii ilaaltota olaanaa aanaa taʼanii muudamuu dandaʼu. Haa taʼu malee, obboloonni kun jalqaba jaarsolii taʼanii tajaajiluudhaan muuxannoo horachuu qabu.

d Yaada dabalataa obboloonni dargaggoonni itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa akka qabaatan gargaaruun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsu argachuuf Masaraa Eegumsaa Hagayya 2018, ful. 11-12, key. 15-17, akkasumas Ebla 15, 2015, ful. 3-13 ilaali.

e IBSA FAKKII: Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko Kitaaba Qulqulluu akka hubatu gargaarsa erga argatee booda wantoota Ayyaana Qillee kabajuuf itti fayyadamu gataa jira.