Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 42

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

Obboloota “Kennaa” Taʼan Akka Dinqisiifattan Argisiisaa

Obboloota “Kennaa” Taʼan Akka Dinqisiifattan Argisiisaa

‘Inni yommuu gara iddoo ol kaʼaatti ol baʼe namoota kennaa godhee kenne.’EFE. 4:8.

YAADA IJOO

Tajaajiltoonni gumii, jaarsoliinii fi ilaaltonni olaanaa aanaa kan nu gargaaran akkamitti akka taʼee fi hojii obboloonni amanamoon kun hojjetan akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Kennaawwan Yesuusirraa arganne tokko tokko kamfaʼi?

 NAMNI hamma Yesuus arjaa taʼe hin jiru. Yesuus yeroo lafarra turetti dandeettii dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamee namoota gargaareera. (Luq. 9:12-17) Nuuf jecha lubbuusaa dabarsee kennuudhaan kennaa hundarra caalu nuuf kenneera. (Yoh. 15:13) Yesuus duʼaa erga kaʼee boodas arjummaa argisiisuusaa itti fufeera. Akkuma waadaa galetti hafuura qulqulluu isa nu barsiisuu fi nu jajjabeessu akka nuuf ergu Yihowaa kadhateera. (Yoh. 14:16, 17, milj.; 16:13) Walgaʼiiwwan gumiitti fayyadamuudhaanis addunyaa maratti hojii barattoota gochuu hojjechuuf gaʼumsa akka qabaannu nu gargaaruusaa itti fufeera.—Mat. 28:18-20.

2. Obboloonni “kennaa” taʼanii fi Efesoon 4:7, 8 irratti ibsaman eenyufaʼi?

2 Mee kennaa Yesuus nuuf kenne kan biraa haa ilaallu. Phaawulos ergamaan Yesuus gara samiitti erga ol baʼee booda, ‘namoota kennaa godhee akka kenne’ barreesseera. (Efesoon 4:7, 8 dubbisi.) Phaawulos, Yesuus obboloota kana kan kenne gumicha karaa garaagaraatiin deggeruuf akka taʼe ibseera. (Efe. 1:22, 23; 4:11-13) Yeroo harʼaatti obboloonni “kennaa” taʼan, tajaajiltoota gumii, jaarsolii gumii fi ilaaltota olaanaa aanaa dabalatu. a Obboloonni kun mudaa waan qabaniif, dogoggora akka raawwatan ifadha. (Yaq. 3:2) Taʼus, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos nu gargaaruuf isaanitti fayyadama; isaan kennaa inni nuuf kennedha.

3. Hundi keenyayyuu hojii obboloonni “kennaa” taʼan hojjetan deggeruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

3 Yesuus gumicha akka ijaaraniif obboloota “kennaa” taʼan muudeera. (Efe. 4:12) Nutis itti gaafatamummaa barbaachisaa taʼe kana akka raawwatan isaan gargaaruu dandeenya. Fakkeenyaaf, nuti ijaarsa Galma Walgaʼii tokkorratti hirmaannee taʼuu dandaʼa. Warri kaanimmoo nyaata qopheessuudhaan, tajaajila geejjibaa kennuudhaan, akkasumas karaa kan biraatiin hojicha deggeru. Haaluma wal fakkaatuun, hundi keenyayyuu wanta dubbannuu fi raawwannuun carraaqqii tajaajiltoonni gumii, jaarsoliin gumii fi ilaaltonni olaanaa aanaa godhan akka deggerru argisiisuu ni dandeenya. Hojii isaan jabaatanii hojjetanirraa faayidaa argachuu kan dandeenyuu fi isaaniinis taʼe Yesuus isa isaaniin “kennaa” godhee nuuf kenne akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

TAJAAJILTOONNI GUMII ‘NAMOOTA KAAN TAJAAJILU’

4. Karaawwan jaarraa jalqabaatti tajaajiltoonni gumii ‘namoota kaan itti tajaajilan’ keessaa tokko tokko kamfaʼi?

4 Jaarraa jalqabaatti obboloonni tokko tokko tajaajiltoota gumii taʼanii muudamanii turan. (1 Xim. 3:8) Phaawulos, “Warra namoota kaan tajaajilan” jedhee kan barreesse waaʼeesaanii taʼuu hin oolu. (1 Qor. 12:28) Haalasaarraa hubachuu akka dandeenyutti, jaarsoliin barsiisuu fi tika gochuurratti xiyyeeffachuu akka dandaʼaniif, tajaajiltoonni gumii wantoota barbaachisoo taʼan kan biroo hojjechaa turan. Fakkeenyaaf, tajaajiltoonni gumii Kitaabota Qulqulluu garagalchuurratti gargaarsa godhanii ykn wantoota garagalchiiwwan kana qopheessuuf barbaachisan bitanii taʼuu dandaʼa.

5. Hojiiwwan barbaachisoon tajaajiltoonni gumii yeroo harʼaatti hojjetan tokko tokko maalfaʼi?

5 Mee hojiiwwan barbaachisoo tajaajiltoonni gumii, gumii keessan keessatti raawwatan tokko tokko haa ilaallu. (1 Phe. 4:10) Tajaajiltoonni gumii herreega ykn naannoo tajaajilaa gumiirratti akka hojjetan, barreeffamoota akka ajajanii fi babalʼistootaaf akka dhiheessan, meeshaalee sagalee fi viidiyoorratti akka hojjetan, akka keessummeessan ykn Galma Walgaʼii suphuurratti gargaarsa akka godhan ramadamuu dandaʼu. Gumichi qindoomina akka qabaatuuf hojiin kun hundi barbaachisaadha. (1 Qor. 14:40) Tajaajiltoonni gumii tokko tokkommoo Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaarratti kutaa ni dhiheessu, akkasumas haasaa sabaa ni kennu. Tajaajilaan gumii tokko ilaaltuu olaanaa garee tokkoo akka gargaaru ramadamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, tajaajiltoonni gumii gaʼumsa qaban jaarsolii wajjin obbolootaaf tika gochuu dandaʼu.

6. Sababiin tajaajiltoota gumii jabaatanii hojjetan itti dinqisiifannu tokko tokko maalfaʼi?

6 Hojiin tajaajiltoonni gumii hojjetan gumicha kan fayyadu akkamitti? Obboleettiin Booliiviyaa keessa jiraattuu fi Beebarlii b jedhamtu akkana jetteetti: “Tajaajiltoota gumii keenyaaf galanni haa taʼuutii, walgaʼiiwwan keenyarraa faayidaa guutuun argadha. Hojii isaan raawwataniin kan kaʼe, gumii keessatti faarfachuu, deebii deebisuu, haasaa dhihaatu dhaggeeffachuu, akkasumas viidiyoo fi fakkiirraa barumsa argachuu dandaʼeera. Haalli nageenya keenya jeequ akka hin uumamne haala naannoo keenyaa hordofu, akkasumas obboloota viidiyoo konfiransiidhaan gumii hordofan ni gargaaru. Walgaʼiin yeroo xumuramu dursa fudhatanii galma qulqulleessu, hojii herreegaa hojjetu, barreeffama nu barbaachisu akka argannus nu gargaaru. Baayʼeen isaan galateeffadha!” Leesliin ishiin Kolombiyaa keessa jiraattu abbaan manaa ishii jaarsa gumiiti; akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo hojii garaagaraa hojjechuuf gargaarsi tajaajiltoota gumii isa barbaachisa. Utuu gargaarsa isaanii argachuu baatee, hojiin garmalee itti baayʼata ture; hinaaffaa isaan argisiisanii fi warra kaan gargaaruuf fedhii qabaachuusaaniitiif baayʼeen isaan galateeffadha.” Atis akkasuma akka sitti dhagaʼamu hin shakkisiisu.—1 Xim. 3:13.

7. Tajaajiltoota gumii akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

7 Keessa keenyatti tajaajiltoota gumii kan galateeffannu taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jedhee nu jajjabeessa. (Qol. 3:15) Jaarsi gumii Fiinlaandi keessa jiraatuu fi Kiristoof jedhamu dinqisiifannaasaa akkamitti akka argisiisu yeroo ibsu akkana jedheera: “Kaardii ykn ergaa gabaabaa caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko qabatee fi tajaajilaan gumii sun kan na jajjabeesse akkamitti akka taʼe ykn tajaajila inni raawwatu kanan dinqisiifadhu maaliif akka taʼe ibsu isaaf nan erga.” Paaskaalii fi Jaaʼel warri Niiwu Kaalidooniyaa keessa jiraatan yeroo baayʼee tajaajiltoota gumiitiif ni kadhatu. Paaskaal akkana jedheera: “Yeroo dhihoodhaa asitti waaʼee tajaajiltoota gumii, gumii keenya keessa jiranii irra deddeebinee kadhanna; waan isaan nuu kenneef Yihowaa ni galateeffanna, akkasumas akka isaan wajjin taʼuu fi akka isaan gargaaru isa kadhanna.” Yihowaan kadhannaa akkasii ni dhagaʼa, kunimmoo guutummaa gumichaa fayyada.—2 Qor. 1:11.

JAARSOLIIN GUMII “WARRA ISIN GIDDUUTTI JABAATANII HOJJETANI” DHA

8. Phaawulos jaarsoliin jaarraa jalqabaatti turan, ‘jabaatanii akka hojjetan’ kan ibse maaliifi? (1 Tasalonqee 5:12, 13)

8 Jaarsoliin jaarraa jalqabaatti turan gumicha gargaaruuf jabaatanii hojjetaniiru. (1 Tasalonqee 5:12, 13 dubbisi; 1 Xim. 5:17) Walgaʼiirratti barsiisuu fi qaama jaarsolii keessatti murtoo dabarsuudhaan gumicha “geggeessu” turan. Obboloonnisaanii amantiitti cimoo taʼanii akka itti fufaniif “gorsa” jaalalarratti hundaaʼe isaaniif ni kennu turan. (1 Tas. 2:11, 12; 2 Xim. 4:2) Obboloonni kun wanta maatiisaanii barbaachisu dhiheessuuf, akkasumas karaa hafuuraa cimoo taʼanii itti fufuufis carraaqqii gochuun isaan barbaachisa ture.—1 Xim. 3:2, 4; Tit. 1:6-9.

9. Itti gaafatamummaan yeroo harʼaatti jaarsoliin qaban tokko tokko maalfaʼi?

9 Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran hojiin isaanitti baayʼata. Labsitoota wangeelaa taʼanii ni tajaajilu. (2 Xim. 4:5) Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatu, hojii lallabaa naannoosaanii keessatti raawwatamu ni qindeessu, akkasumas lallabuu fi barsiisuurratti buʼa qabeeyyii akka taanu nu leenjisu. Abbootii murtii gara laafeyyii murtii loogiirraa bilisa taʼe kennan taʼaniis ni tajaajilu. Jaarsoliin, Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa yeroo raawwatu hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka haareffatu isa gargaaru. Yeroo kana godhanitti, qulqullina gumichaa eeguuf of eeggannoo godhu. (1 Qor. 5:12, 13; Gal. 6:1) Jaarsoliin adda durummaadhaan tiksitoota taʼuusaaniitiin beekamu. (1 Phe. 5:1-3) Haasaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe sirriitti qophaaʼanii dhiheessu, obboloota gumii keessa jiran hunda beekuuf carraaqqii ni godhu, akkasumas tika isaaniif ni godhu. Jaarsoliin tokko tokko hojii hojjetan kanaan alattis Galma Walgaʼii ijaaruu fi suphuurratti, akkasumas walgaʼiiwwan guguddaa qindeessuurratti gargaarsa ni godhu; Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu fi Garee Namoota Dhukkubsatan Gaafatu keessattis ni tajaajilu. Eeyyee, jaarsoliin nu gargaaruuf jabaatanii hojjetu!

10. Sababiiwwan jaarsolii jabaatanii hojjetan itti dinqisiifannu tokko tokko maalfaʼi?

10 Yihowaan tiksitoonni sirriitti akka nu kunuunsanii fi kanaan kan kaʼes nuti ‘akka hin sodaannee ykn akka hin jeeqamne’ raajii dubbateera. (Er. 23:4) Obboleettiin Fiinlaandi keessa jiraattuu fi Johaanaa jedhamtu yeroo haati ishii baayʼee dhukkubsattee turtetti kun dhugaa taʼuusaa argiteetti. Akkana jetteetti: “Wanta natti dhagaʼamu warra kaanitti himuun kan natti ulfaatu taʼus, jaarsi ani baayʼee hin beekne tokko obsa guddaa natti argisiiseera, na wajjin kadhateera, akkasumas Yihowaan akka na jaallatu naaf mirkaneesseera. Wanta inni naan jedhe sirriitti yaadachuu baadhus, tasgabbii guddaan natti dhagaʼamee akka ture nan yaadadha. Yihowaan yeruma na barbaachisutti na gargaaruuf akka isa erge nan amana.” Jaarsoliin gumii kee keessa jiran kan si gargaaran akkamitti?

11. Jaarsolii akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

11 Yihowaan “hojii isaaniitiin kan kaʼe” dinqisiifannaa guddaa jaarsoliidhaaf qabnu akka argisiisnu barbaada. (1 Tas. 5:12, 13) Henriittaan ishiin Fiinlaandi keessa jiraattu akkana jetteetti: “Jaarsoliin fedhiisaaniitiin kakaʼanii warra kaan gargaaru; kana jechuun garuu, yeroon ykn humni isaanirraa hafa ykn jireenyasaanii keessatti rakkinni isaan hin mudatu jechuu miti. Yeroo tokko tokko akkanan isaaniin jedha: ‘Ati dhuguma jaarsa gaariidha. Kana akka beektun barbaada.’” Obboleettiin Turkiyee c keessa jiraattuu fi Seeraa jedhamtu akkana jetteetti: “Jaarsoliin tajaajilasaanii itti fufuuf jajjabinni isaan barbaachisa. Kanaafuu, kaardii isaaniif barreessuu, mana keenyatti nyaata isaan affeeruu ykn isaan wajjin tajaajiluu dandeenya.” Jaarsi baayʼee dinqisiifattu jiraa? Karaa dinqisiifannaa kee ibsuu itti dandeessu barbaadi.—1 Qor. 16:18.

Obboloonni muudaman tajaajilasaanii akka itti fufan jajjabeessuu ni dandeessa (Keeyyata 7, 11, 15 ilaali)


ILAALTONNI OLAANAA AANAA GUMIIWWAN KEENYA CIMSU

12. Qophiin jaarraa jalqabaatti turee fi gumiiwwan akka ciman godhe maalidha? (1 Tasalonqee 2:7, 8)

12 Yesuus Kiristoos obboloota karaa kan biraatiin tajaajilanis gumichaaf “kennaa godhee” kenneera. Jaarsoliin Yerusaalem keessa turan qajeelfama Yesuus hordofuudhaan Phaawulos, Barnaabaasii fi obboloota kan biroo daawwattoota olaanaa godhanii erganiiru. (HoE. 11:22) Maaliif? Akkuma tajaajiltoota gumii fi jaarsolii daawwattoonni olaanaanis kan muudaman gumiiwwan cimsuuf ture. (HoE. 15:40, 41) Obboloonni kun warra kaan barsiisuu fi jajjabeessuuf aarsaa hedduu kaffalaniiru, darbees lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru.—1 Tasalonqee 2:7, 8 dubbisi.

13. Itti gaafatamummaan ilaaltonni olaanaa aanaa qaban tokko tokko maalfaʼi?

13 Ilaaltonni olaanaa aanaa yeroo hundumaa imaluun isaan barbaachisa. Isaan keessaa tokko tokko gumii isa tokkoo gara gumii kan biraatti imaluuf kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu deemu. Ilaaltuun olaanaa aanaa tokko torban torbaniin haasaawwan garaagaraa ni dhiheessa, obbolootaaf tika ni godha, akkasumas walgaʼii qajeelchitootaa, walgaʼii jaarsolii fi walgaʼii tajaajila dirree ni geggeessa. Haasaa hedduu ni qophaaʼa, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoos ni qindeessa. Manneen barumsaa qajeelchitootaarratti ni barsiisa, walgaʼii addaa qajeelchitoota aanaasaa keessa jiran wajjin godhamuuf qophii ni godha, akkasumas hojii waajjirri damee isaaf kennuu fi tarii ariifachiisaa taʼuu dandaʼu ni hojjeta.

14. Sababiiwwan ilaaltota olaanaa aanaa jabaatanii hojjetan itti dinqisiifannu tokko tokko kamfaʼi?

14 Gumiiwwan ilaaltota olaanaa aanaa “kennaa” taʼanirraa kan fayyadaman akkamitti? Obboleessi Turkiyee keessa jiraatu tokko akkana jedheera: “Yeroo isaan nu daawwatan hundatti obbolootaa fi obboleettota koo gargaaruuf yeroo dabalataa ramaduufan kakaʼa. Ilaaltota olaanaa aanaa hedduu wajjin wal argeera; taʼus, isaan keessaa namni itti dhihaachuun ulfaatu ykn hojiin kan itti baayʼatu fakkaatee mulʼatu hin jiru.” Johaanaan ishiin olitti ibsamte ilaaltuu olaanaa aanaa tokko wajjin tajaajilarratti yeroo hirmaattee turtetti nama tokkollee manatti hin arganne. Akkana jetteetti: “Taʼus, guyyaa sana yeroo hundan yaadadha. Yeroo sanatti obboleettonni koo lamaanuu reefu manaa baʼuusaanii waan taʼeef, baayʼee isaan yaadeen ture. Ilaaltuun olaanaa aanaa sunis baayʼee na jajjabeesse; yeroo ammaatti tarii naannoo maatii fi michoonni keenya jiran jiraachuu kan hin dandeenye taʼus, addunyaa haaraa keessatti daangaa malee yeroo dheeraa waliin dabarsuu akka dandeenyu hubachuuf na gargaareera.” Baayʼeen keenya ilaaltota olaanaa aanaa keenya faana yeroo gammachiisaa akkasii dabarsineerra.—HoE. 20:37–21:1.

15. (a) Yohaannis Sadaffaa 5-8 wajjin haala wal simuun, ilaaltota olaanaa aanaa akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.) (b) Haadhotii manaa obboloota muudamaniitiif akka yaannu argisiisuu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti? (Saanduqa, “ Haadhotii Manaasaanii Yaadadhaa” jedhu ilaali.)

15 Yohaannis obboloota daawwatan manasaatti akka simatuu fi ‘karaa Waaqayyoon gammachiisuun akka isaan geggeessu’ Gaayosiin jajjabeesseera. (3 Yohaannis 5-8 dubbisi.) Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko ilaaltuu olaanaa aanaa keenya nyaata affeeruudha. Karaan kan biraanimmoo yeroo daawwannaasaatti walgaʼii tajaajila dirreerratti argamuudha. Leesliin ishiin olitti ibsamte dinqisiifannaa ishii karaa kan biraatiin ibsiteetti. Akkana jetteetti: “Wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu Yihowaa isaaniif nan kadhadha. Anii fi abbaan manaa koo xalayaa daawwannaansaanii hammam akka nu fayyade ibsu isaaniif ni barreessina.” Ilaaltonni olaanaa aanaa akkuma keenya nama akka taʼan yaadadhaa. Isaanis darbee darbee ni dhukkubsatu, ni dhiphatu, darbees abdii ni kutatu. Tarii dubbii gaariin isin dubbattan ykn kennaan isaaniif kennitan deebii kadhannaasaanii taʼuu dandaʼa!—Fak. 12:25.

OBBOLOONNI “KENNAA” TAʼAN NU BARBAACHISU

16. Fakkeenya 3:27 wajjin haala wal simuun, obboloonni tokko tokko maal jedhanii of gaafachuu dandaʼu?

16 Addunyaa maratti, obboloonni “kennaa” taʼanii tajaajilan dabalataa nu barbaachisu. Obboleessa cuuphamte yoo taate, ‘gargaaruuf humna qabdaa?’ (Fakkeenya 3:27 dubbisi.) Tajaajilaa gumii taʼuuf ulaagaa barbaachisu guutuuf fedhii qabdaa? Jaarsa gumii taatee obboloota kee tajaajiluuf carraaqqii gochuuf fedhii qabdaa? d Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaarratti hirmaachuuf haala kee mijeessuu ni dandeessaa? Manni barumsaa kun Yesuus caalaatti akka sitti fayyadamuuf gaʼumsa qabaachuuf si gargaara. Galmawwan kanarra gaʼuuf gaʼumsa akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Hojii siif kennamu kamiyyuu hojjechuu akka dandeessuuf hafuura qulqulluu akka siif kennu isa kadhadhu.—Luq. 11:13; HoE. 20:28.

17. Obboloonni “kennaa” taʼan waaʼee Mootii keenya Yesuus Kiristoos maal nuuf mirkaneessu?

17 Obboloonni Yesuus “kennaa” godhee muude guyyoota dhumaa kana keessatti Yesuus nu geggeessaa akka jiru nuuf mirkaneessu. (Mat. 28:20) Mootii jaalala qabeessa, arjaa, wanta nu barbaachisu beekuu fi obboloota nu kunuunsuuf gaʼumsa qaban nuuf muudu qabaachuu keenya hin dinqisiifattuu? Taanaan, obboloota jabaatanii hojjetan kana akka dinqisiifattu argisiisuuf carraa barbaaddadhu. Yihowaa isa Madda ‘kennaa gaarii fi kennaa guutuu hundaa’ taʼe galateeffachuus hin dagatin.—Yaq. 1:17.

FAARFANNAA 99 Obboloota Kumaatama

a Jaarsoliin miseensota Qaama Olaanaa, gargaartota Qaama Olaanaa fi miseensota Koree Waajjira Damee taʼanii tajaajilan, akkasumas jaarsoliin ramaddii tajaajilaa kan biroo keessatti tajaajilanis obboloota “kennaa” taʼanidha.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Duraan Turkii jedhama ture.

d Tajaajilaa gumii ykn jaarsa taʼanii tajaajiluuf carraaquun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Sadaasa 2024 irraa mata dureewwan, “Obbolootaa—Tajaajilaa Gumii Taʼuuf Carraaqaa Jirtuu?” fi “Obbolootaa—Jaarsa Taatanii Tajaajiluuf Carraaqaa Jirtuu?” jedhan ilaali.