Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 43

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

Shakkii Kee Balleessuu kan Dandeessu Akkamitti?

Shakkii Kee Balleessuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa.”1 TAS. 5:21.

YAADA IJOO

Shakkii buʼuura hin qabnee fi tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinurratti dhiibbaa gochuu dandaʼu balleessuu kan dandeenyu akkamitti?

1-2. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa shakkiin akkamii isaanitti uumamuu dandaʼa? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

 NAMOONNI hundi darbee darbee shakkiin a isaanitti uumamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, mee waaʼee dargaggeessa Yihowaan dhuguma akka isaaf yaadu shakku tokkoo yaadi. Tarii dargaggeessi kun cuuphamuurraa duubatti jedha taʼa. Yookiin waaʼee obboleessa gaʼeessa yeroo dargaggummaasaatti hojii maallaqa hedduu isaaf argamsiisu argachuurratti xiyyeeffachuu mannaa fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf filate tokkoo yaadi. Amma kan qabu wantuma maatiisaatiif barbaachisu qofa waan taʼeef, murtoon dargaggummaasaatti godhe sirrii taʼuusaa shakka taʼa. Waaʼee obboleettii maanguddoo humni ishii daangeffamees yaadi. Obboleettiin kun amma wanta kanaan dura gochaa turte gochuu waan hin dandeenyeef abdii kutatti taʼa. Atoo, ‘Yihowaan dhuguma xiyyeeffannaa naaf kennaa? Yihowaadhaaf jedhee hamma kana aarsaa kaffaluun koo sirriidhaa? Ammayyuu Yihowaa nan fayyadaa?’ jettee yaaddee beektaa?

2 Gaaffileen kun utuu deebii hin argatin yoo hafan, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinurratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Mata duree kana keessatti, (1) Yihowaan kan nuuf yaadu taʼuusaa, (2) murtoon kanaan dura goone sirrii taʼuusaa ykn (3) ammayyuu Yihowaa kan fayyadnu taʼuu keenya kan shakkinu yoo taʼe dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kan nu gargaaran akkamitti akka taʼe ilaalla.

SHAKKII KEE BALLEESSUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

3. Karaan shakkii keenya balleessuu itti dandeenyu tokko maalidha?

3 Karaan shakkii keenya balleessuu itti dandeenyu inni tokko gaaffilee keenyaaf Dubbii Waaqayyoorraa deebii argachuuf yaaluudha. Akkas yoo goone, amantiin Yihowaarratti qabnuu fi michummaan isa wajjin qabnu ni cima, akkasumas ‘amantiitti cimnee dhaabbachuuf’ qophaaʼoo taana.—1 Qor. 16:13.

4. ‘Waan hundumaa qorree mirkaneeffachuu’ kan dandeenyu akkamitti? (1 Tasalonqee 5:21)

4 1 Tasalonqee 5:21 dubbisi. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa” jedhee akka nu jajjabeessu yaadadhu. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta itti amannu Kitaaba Qulqulluu wajjin wal bira qabuudhaan dhugaa taʼuusaa mirkaneeffachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, waaʼee dargaggeessa Yihowaan kan isaaf yaadu taʼuusaa shakku sanaa yaadi. Ilaalchi kun sirrii akka taʼetti fudhachuu qabaa? Lakki, ilaalcha Yihowaan isaaf qabu ‘qoree mirkaneeffachuu’ qaba.

5. Yihowaan gaaffii keenya yeroo nuu deebisu dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Dubbii Waaqayyoo yeroo dubbisnu Yihowaan yeroo nu haasofsiisu dhaggeeffanna. Haa taʼu malee, inni wanta gaaffii nutti taʼe sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu beekuuf carraaqqii gochuu qabna. Dubbisni Kitaaba Qulqulluu keenya dhimmoota nu yaaddessanirratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna. Meeshaalee qorannaa garaagaraa jaarmiyaan Yihowaa qopheessetti fayyadamnee dhimmicharratti qorannaa gochuu dandeenya. (Fak. 2:3-6) Yihowaan akka nu qajeelchuu fi wanta gaaffii nutti taʼe sanaaf deebii argachuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya. Achiis dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu fi odeeffannoowwan haala keenyaaf taʼan argachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Seenaa namoota haalli akkasii isaan mudatee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii ilaaluunis nu fayyada.

6. Walgaʼiiwwan gumii shakkii keenya balleessuuf kan nu gargaaran akkamitti?

6 Walgaʼiiwwan keenyarrattis Yihowaan yeroo nutti dubbatu “dhaggeeffachuu” dandeenya. Yeroo hunda walgaʼiirratti kan argamnu yoo taʼe haasaa dhihaate tokkorraa ykn yaada namni tokko kennerraa wanta shakkii keenya balleessuuf nu barbaachisu argachuu dandeenya. (Fak. 27:17) Mee amma shakkii keenya tokko tokko balleessuuf maal gochuu akka dandeenyu haa ilaallu.

YIHOWAAN AKKA SIIF YAADU YEROO SHAKKITU

7. Namoonni tokko tokko gaaffiin akkamii isaanitti uumamuu dandaʼa?

7 ‘Yihowaan dhuguma xiyyeeffannaa naaf kennaa?’ jettee gaafattee beektaa? Gatii akka hin qabne kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe Uumaa wantoota hundumaa wajjin michummaa uumuun wanta hin dandaʼamne akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Daawit Mootichatti miirri akkasii dhagaʼamee ture. Daawit Yihowaan namootaaf xiyyeeffannaa kennuunsaa baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, “Yaa Yihowaa, akka isa yaadattuuf namni maali dha? Akka xiyyeeffannaa isaaf kennituufis ilmi nama duʼuu maali dha?” jedhee gaafateera. (Far. 144:3) Gaaffii kanaaf eessaa deebii argachuu dandeessa?

8. Saamuʼel Tokkoffaa 16:6, 7, 10-12 irraa akka hubannutti, Yihowaan namoota yeroo ilaalu maalirratti xiyyeeffata?

8 Yihowaan namoota warra kaan biratti iddoo guddaa hin qabneef xiyyeeffannaa akka kennu Kitaaba Qulqulluurraa baranneerra. Fakkeenyaaf, Yihowaan ilmaan Issey keessaa isa tokko mootii Israaʼel godhee akka muudu Saamuʼeliin ergee ture. Issey ilmaansaa saddeettan keessaa torbansaanii Saamuʼel duratti kan dhiheesse taʼus, Daawit isa quxusuusaanii taʼe garuu hin waamne. b Yihowaan garuu kan filate Daawitiin ture. (1 Saamuʼel 16:6, 7, 10-12 dubbisi.) Yihowaan garaa Daawit yeroo ilaalu nama wantoota hafuuraatiif iddoo guddaa kennu akka taʼe hubateera.

9. Yihowaan akka siif yaadu mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

9 Yihowaan xiyyeeffannaa akka siif kennu kan argisiise akkamitti akka taʼe yaadi. Yeroo si barbaachisutti gorsa haala keessa jirtuuf taʼu sii kenneera. (Far. 32:8) Sirriitti si hin beeku utuu taʼee kana gochuu ni dandaʼa turee? (Far. 139:1) Gorsasaa yeroo hojiirra oolchituu fi akkamitti akka si gargaare yeroo hubattu Yihowaan akka siif yaadu mirkanaaʼaa taata. (1 Sen. 28:9; HoE. 17:26, 27) Yihowaan carraaqqii kee ni arga. Amaloota gaggaarii ati qabdu waan hubatuuf sitti dhihaachuu barbaada. (Er. 17:10) Atis michuusaa taʼuuf fedhii yoo qabaatte baayʼee gammada.—1 Yoh. 4:19.

“Ati yoo [Yihowaa] barbaadde innis siif ni argama.”—1 Sen. 28:9 (Keeyyata 9 ilaali) c


MURTOON KANAAN DURA GOOTE SIRRII TAʼUUSAA YEROO SHAKKITU

10. Murtoo kanaan dura goonerratti yommuu yaannu gaaffiin akkamii nutti uumamuu dandaʼa?

10 Namoonni tokko tokko, murtoo kanaan dura godhanirratti duubatti deebiʼanii yeroo yaadan filannaa sirrii gochuusaanii ni shakku taʼa. Yihowaa caalaatti tajaajiluuf jedhanii hojii maallaqa hedduu isaaniif argamsiisu dhiisanii taʼuu dandaʼa. Murtoo kana erga godhanii waggoonni hedduun darbanii taʼuu dandaʼa. Namoonni murtoo isaanirraa adda taʼe godhan tokko tokko maallaqa hedduu argachaa fi jireenya mijataa jiraachaa jiru taʼa. Kanaan kan kaʼes, ‘Yihowaadhaaf jedhee aarsaa akkasii kaffaluun koo sirriidhaa? Moo maallaqa hedduu argachuu akkan dandaʼuuf jabaadhee hojjechuun qaba ture?’ jedhanii yaadu taʼa.

11. Wanti barreessaa Faarfannaa 73 jeeqe maalidha?

11 Gaaffiin akkasii si jeeqaa jira taanaan miira nama Faarfannaa 73 barreessetti dhagaʼamerratti yaadi. Faarfataan kun warri kaan fayya buleeyyii fi sooreyyii akka taʼan, akkasumas jireenya dhiphina hin qabne jiraachaa akka turan argee ture. (Far. 73:3-5, 12) Jireenya gaarii fakkaatu akka jiraatan yeroo argu carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf godhe gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. Yaada nama jeequ kanaan kan kaʼe ‘guyyaa guutuu rakkatee’ ture. (Far. 73:13, 14) Maarree, miira kana kan injifate akkamitti?

12. Faarfannaan 73:16-18 akka jedhutti, faarfatichi yaaddoosaatiif furmaata kan kenne akkamitti?

12 Faarfannaa 73:16-18 dubbisi. Faarfatichi gara godoo qulqulluu Yihowaa deemeera. Achitti sirriitti yaaduu dandaʼa ture. Namoonni tokko tokko jireenya gaarii jiraachaa kan jiran fakkaatus, egereensaanii gaarii akka hin taane hubateera. Wantoota hafuuraatiif dursa kennuun murtoo hundarra wayyu taʼuusaa waan hubateef nagaa sammuu argateera. Kanaan kan kaʼe, kutannoo Yihowaa tajaajiluusaa itti fufuuf godhe haareffateera.—Far. 73:23-28.

13. Murtoon kanaan dura goote sirrii taʼuusaa yoo shakkite nagaa sammuu argachuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

13 Dubbiin Waaqayyoo akkuma faarfatichaa nagaa sammuu argachuuf si gargaara. Akkamitti? Eebba Yihowaarraa argatte dabalatee wantoota gaggaarii argatterratti xiinxali, wanta namoota Yihowaa hin tajaajillerra gaʼu wajjin wal bira qabi. Namoonni kun wanta abdiidhaan eeggatan waan hin qabneef, milkaaʼina addunyaa kana keessatti argamutti amanamu. Ati garuu yeroo ammaatti wantoota gaggaarii Yihowaarraa argatte qabda, gara fuulduraattis Yihowaan wantoota dinqisiisoo hedduu sii gochuuf waadaa galeera. (Far. 145:16) Kanarrattis yaadi: Murtoo kanarraa adda taʼe gootetta utuu taʼee yeroo ammaatti jireenyi kee maal akka fakkaatu hin beektu. Wanti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessu tokko jira: Namoonni jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabaniin kakaʼanii filannaa godhan wanti dhugumaan gaarii taʼe tokkollee isaanitti hin hirʼatu.

Eebbawwan Yihowaan waadaa galerratti xiyyeeffadhu (Keeyyata 13 ilaali) d


YIHOWAA KAN FAYYADDU TAʼUU KEE YEROO SHAKKITU

14. Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko haala akkamii keessatti argamu? Gaaffiin akkamii isaanitti uumamuu dandaʼa?

14 Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko waan dulloomaniif, haalli fayyaasaanii gaarii waan hin taaneef ykn hirʼina qaamaa waan qabaniif hamma barbaadan Yihowaa tajaajiluu hin dandaʼan. Kunis Yihowaa kan fayyadan taʼuusaanii akka shakkan godha. Tarii, ‘Ammayyuu Yihowaa nan fayyadaa?’ jedhanii gaafatu taʼa.

15. Barreessaan Faarfannaa 71 waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture?

15 Barreessaan Faarfannaa 71 yaaddoo akkasii akka qabu dubbateera. “Yommuu humni koo dhumu na hin dhiisin” jedhee kadhateera. (Far. 71:9, 18) Taʼus, faarfatichi amanamummaadhaan Waaqayyoon yoo tajaajile inni akka isa qajeelchuu fi akka isa deggeru mirkanaaʼaa taʼee itti fufeera. Yihowaan namoota humnisaanii kan daangeffame taʼus, isa tajaajiluuf wanta dandaʼan hunda godhanitti akka gammadu hubateera.—Far. 37:23-25.

16. Maanguddoonni Yihowaa fayyaduu kan dandaʼan karaawwan kamiini? (Faarfannaa 92:12-15)

16 Maanguddootaa, haala keessa jirtaniif ilaalcha Yihowaan qabu qabaadhaa. Humni keessan daangeffamaa yoo taʼellee inni karaa hafuuraa akka lalistan isin gargaaruu dandaʼa. (Faarfannaa 92:12-15 dubbisi.) Wanta gochuu hin dandeenyerratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeessanirratti xiyyeeffadhaa. Fakkeenyaaf, warra kaaniif fakkeenya taʼuudhaan, akkasumas akka isaaniif yaaddan argisiisuudhaan isaan jajjabeessuu dandeessu. Yihowaan waggoota hedduudhaaf kan isin kunuunse akkamitti akka taʼee fi amantii cimaa waadaa inni galerratti qabdan isaaniif hiruu dandeessu. Humna kadhannaan warra kaaniif dhiheessitan qabus salphistanii hin ilaalinaa. (1 Phe. 3:12) Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe hundi keenyayyuu wanta Yihowaafis taʼe warra kaaniif kennuu dandeenyu qabna.

17. Warra kaan wajjin wal bira of qabuu kan hin qabne maaliifi?

17 Tajaajila Yihowaa keessatti akka kanaan duraa wanta baayʼee hojjechuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame, inni wanta gochuu dandeessu kamiifiyyuu iddoo guddaa akka kennu yaadadhu. Tarii wanta gochaa jirtu wanta warri kaan gochaa jiran wajjin wal bira qabuuf qoramta taʼa. Garuu akkas hin godhin! Maaliif? Yihowaan akkas waan hin gooneefi. (Gal. 6:4) Fakkeenyaaf, Maariyaam zayitii urgaaʼaa gatii guddaa qabu Yesuusiif kennitee turte. (Yoh. 12:3-5) Faallaa kanaatiin, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe sun mana qulqullummaadhaaf buusii kan goote saantima xixinnoo gatii gadaanaa qaban lamadha. (Luq. 21:1-4) Taʼus, Yesuus kennaan lamaanuu amantii isaan qaban akka ibsu hubateera. Abbaansaa Yihowaanis wanti kennite tokko baayʼee xinnoo akka taʼe yoo sitti dhagaʼamellee, wanta amantii fi jaalala isaaf qabduun kakaatee goote kamiifiyyuu iddoo guddaa kenna.

18. Shakkii keenya balleessuuf maaltu nu gargaara? (Saanduqa, “ Dubbiin Waaqayyoo Shakkii Kee Balleessuuf Si Gargaara” jedhus ilaali.)

18 Hundi keenyayyuu darbee darbee shakkii ni qabaanna. Taʼus, akkuma olitti ilaalle, Kitaabni Qulqulluun inni Dubbii dhugaa amansiisaa taʼe shakkii keenya balleessuuf nu gargaara. Kanaafuu, shakkii kee amanannaadhaan bakka buusuuf carraaqqii godhi. Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa siif kenna. Aarsaa kaffalte baayʼee dinqisiifata, waadaa si badhaasuuf gales ni raawwata. Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo taʼan hunda akka jaallatuu fi akka isaaniif yaadu mirkanaaʼaa taʼi.

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

a IBSA JECHAA: Mata duree kana keessatti kan ilaallu, waaʼee shakkii Yihowaa duratti gatii guddaa qabaachuu keenya ykn murtoon kanaan dura goone sirrii taʼuusaa ilaalchisee nutti dhagaʼamuuti. Shakkiin as keessatti ibsame Yihowaarratti ykn waadaasaarratti amantii dhabuu kan argisiisu miti.

b Kitaabni Qulqulluun yeroo Yihowaan isa filatetti umuriin Daawit meeqa akka ture dubbachuu baatus, Daawit yeroo sanatti umurii waggoota kurnanii keessa taʼuu dandaʼa.—Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2011, ful. 29, key. 2 ilaali.

c IBSA FAKKII: Obboleettiin dargaggeettiin takka Yihowaan haala ishiin keessa jirtuuf ilaalcha akkamii akka qabu beekuuf, Kitaaba Qulqulluurraa gorsa argachuuf carraaqqii gochaa jirti.

d IBSA FAKKII: Obboleessi tokko hojii maatiisaa deggeruuf isa dandeessisu hojjechaa, waaʼee Jannata gara fuulduraatti dhufuu xiinxalaa jira.