Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 40

FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo

Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”

Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”

“Warra garaan isaanii cabe ni fayyisa; madaa isaaniis isaaniif ni hidha.”FAR. 147:3.

YAADA IJOO

Yihowaan namoota miirri isaanii madaaʼeef baayʼee yaada. Mata dureen kun Yihowaan yeroo gaddinu kan nu jajjabeessuu fi warra kaan akka jajjabeessinu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

1. Yihowaan tajaajiltootasaa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

 YIHOWAAN wanta tajaajiltootasaa mudatu hundumaa ni arga. Gammachuu keenyas taʼe gadda keenya beeka. (Far. 37:18) Dhiphina garaagaraa wajjin walʼaansoo gochaa, hamma dandeenye isa tajaajilaa akka jirru yeroo argu baayʼee nutti gammada! Kana malees, nu deggeruu fi nu jajjabeessuuf baayʼee hawwa.

2. Yihowaan namoota garaansaanii cabeef maal godha? Kunuunsasaarraa fayyadamuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

2 Faarfannaan 147:3 Yihowaan ‘madaa warra garaan isaanii cabee akka hidhu’ dubbata. Caqasni kun Yihowaan namoota miirrisaanii madaaʼe suuta jedhee akka kunuunsu ibsa. Maarree, kunuunsa Yihowaarraa fayyadamuuf maal gochuu qabna? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Doktarri dandeettii qabu tokko nama madaaʼe tokko fayyisuuf wanta baayʼee gochuu dandaʼa. Namni madaaʼe sun gargaarsasaarraa fayyadamuuf garuu qajeelfama doktarichi isaaf kennu of eeggannoodhaan hordofuu qaba. Mata duree kana keessatti, Yihowaan namoota karaa miiraa miidhamaniin Dubbiisaa keessatti maal akka jedhee fi gorsasaa isa jaalalarratti hundaaʼe hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

YIHOWAAN GATII GUDDAA AKKA QABNU NUUF MIRKANEESSEERA

3. Namoonni tokko tokko gatii akka hin qabne kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi?

3 Kan jiraannu addunyaa jaalala hin qabne keessadha; kan nama gaddisiisu namoonni baayʼeen miidhaa isaanirra gaʼeen kan kaʼe gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Obboleettiin Heelan a jedhamtu akkana jetteetti: “Kanan guddadhe maatii jaalala hin qabne keessattidha. Abbaan keenya nama gara jabeessa waan taʼeef, yeroo hunda gatii akka hin qabne nutti hima ture.” Tarii atis akkuma Heelan, namni tokko si miidhee, yeroo baayʼee si qeeqee ykn gatii akka hin qabne akka sitti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa. Taanaan, namni garaadhaa siif yaadu akka jiru amanuun sitti ulfaachuu dandaʼa.

4. Faarfannaa 34:18 irratti Yihowaan maal nuuf mirkaneesseera?

4 Warri kaan yoo si miidhanillee Yihowaan akka si jaallatuu fi iddoo guddaa akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Inni “warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha.” (Faarfannaa 34:18 dubbisi.) “Hafuurri [kee akka] caccabe” yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan keessa keetti wanta gaarii argee dhuunfaatti akka ofitti si harkise yaadadhu. (Yoh. 6:44) Isa biratti iddoo guddaa waan qabduuf yeroo hunda si gargaaruuf qophaaʼaadha.

5. Akkaataa Yesuus namoota warra kaan biratti tuffataman itti qaberraa maal baranna?

5 Fakkeenya Yesuus qoruudhaan miira Yihowaan nuuf qabu hubachuu dandeenya. Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti namoota warra kaan biratti tuffatamaniif xiyyeeffannaa kenneera, akkasumas gara laafinaan isaan qabeera. (Mat. 9:9-12) Dubartiin dhukkuba cimaadhaan dhiphachaa turte takka akka fayyitu abdachuudhaan uffatasaa yeroo tuqxetti ishii jajjabeesseera, akkasumas amantii ishiitiif ishii dinqisiifateera. (Mar. 5:25-34) Yesuus amala Abbaasaa guutummaatti calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, Yihowaan iddoo guddaa akka siif kennu, akkasumas amantii kee fi jaalala isaaf qabdu dabalatee amaloota gaggaarii qabdu akka hubatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

6. Namni tokko gatii akka hin qabne yoo isatti dhagaʼame maal gochuu dandaʼa?

6 Gatii akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa? Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan iddoo guddaa akka siif kennu siif mirkaneessan dubbisiitii irratti xiinxali. b (Far. 94:19) Galma tokkorra gaʼuu ykn hamma warra kaanii hojjechuu yoo dadhabde ofitti hin murteessin. Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Far. 103:13, 14) Kanaan dura miidhaan sirra gaʼee ture taanaan, balleessaa nama si miidhe sanaatiif of hin ceephaʼin. Kun balleessaa kee miti! Yihowaan kan gaafatu nama miidhaan irra gaʼe utuu hin taʼin nama miidhaa geessise akka taʼe yaadadhu. (1 Phe. 3:12) Saandiraan ishiin ijoollummaa ishiitti miidhaan irra gaʼe, “Yihowaan ilaalcha madaalamaa akkan ofiif qabaadhuu fi akka inni na ilaalutti of ilaaluuf akka na gargaaru yeroo hundan isa kadhadha” jetteetti.

7. Muuxannoo keenya tajaajila Yihowaa keessatti akka gaariitti itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Yihowaan warra kaan gargaaruuf sitti fayyadamuu akka dandaʼu matumaa hin shakkin. Tajaajilasaarratti isa faana akka hojjettu mirga sii kennuudhaan si kabajeera. (1 Qor. 3:9) Wanti jireenya kee keessatti si muudate warra kaaniif garaa akka laaftuu fi miira isaaniitti dhagaʼamu hubachuun akka siif salphatu godhee taʼuu dandaʼa. Namoota akkasii gargaaruuf wanta baayʼee gochuu dandeessa. Heelan ishiin olitti ibsamte gargaarsa argatteetti; amma ishiinis warra kaan gargaaruu dandeesseetti. “Kanaan dura gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture; Yihowaan garuu akkan jaallatamu akka natti dhagaʼamu godheera; warra kaan gargaaruufis natti fayyadamaa jira” jetteetti. Heelan qajeelchituu yeroo hundaa taatee gammachuudhaan tajaajilaa jirti.

YIHOWAAN DHIIFAMASAA AKKA FUDHANNU BARBAADA

8. Yihowaan Isaayyaas 1:18 irratti maal nuuf mirkaneesseera?

8 Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko wanta cuuphamuusaanii duras taʼe erga cuuphamanii booda raawwataniin kan kaʼe miira gaabbii cimaa taʼe wajjin walʼaansoo godhu. Taʼus, Yihowaan baayʼee waan nu jaallatuuf furicha akka nuuf qopheesse yaadachuu qabna. Kennaasaa kana akka fudhannu akka barbaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan ‘rakkina nuu fi isa gidduutti uumameef furmaata erga kenninee’ c booda cubbuu raawwanneef akka nu hin gaafanne nuuf mirkaneesseera. (Isaayyaas 1:18 dubbisi.) Yihowaan cubbuu kanaan dura raawwanne kan hin yaadanne taʼuunsaa baayʼee akka nu jaallatu argisiisa! Wanta gaarii kanaan dura hojjennemmoo matumaa hin irraanfatu.—Far. 103:9, 12; Ibr. 6:10.

9. Cubbuu kanaan dura raawwannerratti utuu hin taʼin yeroo ammaa fi yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

9 Wanta kanaan dura raawwatteen kan kaʼe baayʼee gaabbaa jirta taanaan, wanta darberratti utuu hin taʼin yeroo ammaa fi yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuuf carraaqqii godhi. Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Phaawulos Kiristiyaanota gara jabinaan ariʼachuusaatti baayʼee kan gaabbe taʼus, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhe beeka. (1 Xim. 1:12-15) Maarree, cubbuu kanaan dura raawwaterratti yaaduusaa itti fufeeraa? Milkaaʼina amantaa Yihudii keessatti argaterratti akkuma hin yaanne, cubbuu duraan hojjeterratti yaaduu isaas itti hin fufne. (Filp. 3:4-8, 13-15) Kanaa mannaa, hinaaffaadhaan tajaajiluusaa fi yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuusaa itti fufeera. Atis akkuma Phaawulos wanta darbe jijjiiruu hin dandeessu. Taʼus haala amma jirtu keessatti Yihowaadhaaf ulfina kennuu fi addunyaa haaraa inni fiduuf waadaa galerratti xiyyeeffachuu dandeessa.

10. Wanti kanaan dura raawwanne warra kaan miidheera yoo taʼe maal gochuu dandeenya?

10 Wanti kanaan dura raawwatte warra kaan miidhuunsaa si yaaddessa taʼa. Haala kana dandamachuuf maaltu si gargaara? Garaadhaa dhiifama gaafachuu dabalatee miidhaa geessiste sirreessuuf wanta dandeessu hunda godhi. (2 Qor. 7:11) Yihowaan namoota gocha keetiin miidhaman akka gargaaru kadhadhu. Inni atis taate namoonni ati miite jabaattanii akka dhaabbattanii fi deebitanii nagaa akka qabaattan isin gargaaruu dandaʼa.

11. Fakkeenya Yoonaas raajichaarraa maal baranna? (Fakkii jirus ilaali.)

11 Dogoggora keerraa baradhu, akkasumas Yihowaan karaa barbaadeen akka sitti fayyadamu isaaf heyyami. Mee fakkeenya Yoonaas raajichaa haa ilaallu. Yoonaas akkuma Waaqayyo isa ajajetti gara Nanawwee deemuu mannaa kallattii Nanawweerraa faallaa taʼeen baqate. Yihowaan Yoonaasiin adabeera, innis dogoggorasaarraa barateera. (Yon. 1:1-4, 15-17; 2:7-10) Yihowaan Yoonaasitti abdii hin kutanne. Gara Nanawwee akka deemu carraa kan biraa isaaf kenne, Yoonaasis yeroo kanatti dafee ajajameera. Gaabbiin dogoggora kanaan dura raawwateen isatti dhagaʼame ramaddii Yihowaan isaaf kenne fudhachuu akka isa dhoowwu hin heyyamne.—Yon. 3:1-3.

Yihowaan Yoonaasiin qurxummii guddaa tokkorraa erga oolchee booda, ammas gara Nanawwee dhaqee ergaasaa akka labsu isatti himeera (Keeyyata 11 ilaali)


YIHOWAAN HAFUURA QULQULLUUTTI FAYYADAMEE NU JAJJABEESSA

12. Yihowaan miidhaa cimaan ykn gaddi yeroo nurra gaʼu nagaa kan nuuf kennu akkamitti? (Filiphisiyus 4:6, 7)

12 Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee miidhaa cimaan ykn gaddi yeroo nurra gaʼu nu jajjabeessa. Mee muuxannoo Roonii fi Kaarool haa ilaallu. Kan nama gaddisiisu, mucaansaanii of ajjeese. Akkana jedhaniiru: “Kanaan dura qorumsi garaagaraa nu mudateera, inni kun garuu hundarra hammaata. Guyyoota hedduu hirriiba malee bulleerra; yeroo kanatti Yihowaan akka nu gargaaru kadhanneerra; innis nagaa Filiphisiyus 4:6, 7 irratti ibsame nuu kenneera.” (Dubbisi.) Rakkina sirra gaʼeen kan kaʼe baayʼee dhiphachaa jirta taanaan wanta sitti dhagaʼamu hunda kadhannaadhaan Yihowaatti himuu dandeessa; hamma barbaadde irra deddeebitee isa haasofsiisuu dandeessa. (Far. 86:3; 88:1) Hafuura qulqulluu akka siif kennu irra deddeebiʼii kadhadhu. Yihowaan yeroo hunda si gargaaruuf qophaaʼaadha.—Luq. 11:9-13.

13. Hafuurri qulqulluun amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu keenya akka itti fufnu kan nu gargaaru akkamitti? (Efesoon 3:16)

13 Qorumsa cimaa sirra gaʼeen kan kaʼe humni kee akka dhume sitti dhagaʼamaa? Hafuurri qulqulluun amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu kee itti fufuuf si gargaara. (Efesoon 3:16 dubbisi.) Mee muuxannoo obboleettii Filooraa jedhamtuu haa ilaallu. Filooraa fi abbaan manaa ishii misiyoonota taʼanii tajaajilaa utuu jiranii, abbaan manaa ishii ishiidhaaf amanamaa utuu hin taʼin waan hafeef wal hiikan. Akkana jetteetti: “Gantummaa inni narratti raawwateen kan kaʼe gaddaan liqimfameen ture. Yihowaan jabaadhee akkan dhaabbadhuuf hafuurasaa akka naa kennun kadhadhe. Innis miirri koo akka fayyuu fi rakkina humnaa ol fakkaatu sana akkan mooʼu na gargaareera.” Filooraan Waaqayyo caalaatti akka isatti amanamtu akka ishii gargaare ishiitti dhagaʼama; gara fuulduraattis qorumsa akkamiiyyuu keessatti akka ishii gargaaru mirkanaaʼaa taateetti. Itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Yaanni Faarfannaa 119:32 irratti argamuu fi ‘Ati garaa koo keessatti iddoo waan isaaf kenniteef, daandii ajajawwan keetii hawwiidhaan nan hordofa’ jedhu haala koo akka gaariitti ibsa.”

14. Hafuurri Waaqayyoo nu keessatti akka hojjetu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Tarkaanfii kadhannaa hafuura qulqulluu argachuuf dhiheessite wajjin wal simu fudhachuu kan dandeessu akkamitti? Sochiiwwan hafuura Waaqayyoo siif argamsiisanirratti hirmaadhu. Kunis walgaʼiiwwan gumiirratti argamuu fi warra kaaniif dhugaa baʼuu dabalata. Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan sammuu kee yaadasaatiin guuti. (Filp. 4:8, 9) Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu seenaa namoota qorumsi isaan mudateerratti xiyyeeffadhu, Yihowaan jabaatanii akka dhaabbatan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe xiinxali. Saandiraan ishiin olitti ibsamte, qorumsi ciccimaan walitti aansee ishiirra gaʼeera. Akkana jetteetti: “Seenaan Yoseef baayʼee na tuqeera. Yoseef qorumsii fi jalʼinni haqaa isarra gaʼe hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka isa jalaa laaffisu hin heyyamne.”—Uma. 39:21-23.

YIHOWAAN OBBOLOOTA KEENYATTI FAYYADAMEE NU JAJJABEESSA

15. Eenyufaarraa jajjabina argachuu dandeenya? Nu gargaaruu kan dandaʼanoo akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

15 Yeroo rakkinni nurra gaʼu obboloonni keenya “madda jajjabinaa guddaa” nuuf taʼuu dandaʼu. (Qol. 4:11) Jaalala Yihowaan nuuf qabu obbolootaa fi obboleettota keenyarraa ifatti argina. Obboloonni keenya gara laafinaan nu dhaggeeffachuudhaan nu jajjabeessuu ykn nu wajjin yeroo dabarsuudhaan nu deggeruu dandaʼu. Caqasa Kitaaba Qulqulluu nu jajjabeessu nuuf dubbisuu ykn nu wajjin kadhachuu dandaʼu. d (Rom. 15:4) Yeroo tokko tokko, obboleessi ykn obboleettiin tokko ilaalcha Yihowaan nuuf qabu nu yaadachiisuu fi madaallii keenya akka eeggannu nu gargaaruu dandaʼu. Obboloonni keenya karaa qabatamaa taʼe kan biraatiin, fakkeenyaaf, yeroo dhiphannutti nyaata nuu qopheessuudhaan nu gargaaruu dandaʼu.

Michoonni amanamoon bilchina qaban nu jajjabeessuu fi deggersa guddaa nuuf gochuu dandaʼu (Keeyyata 15 ilaali)


16. Gargaarsa warra kaanii argachuuf maal gochuun nu barbaachisuu dandaʼa?

16 Gargaarsa warra kaanii argachuuf gaafachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni keenya waan nu jaallataniif nu gargaaruu barbaadu. (Fak. 17:17) Haa taʼu malee, miira nutti dhagaʼamu ykn wanta nu barbaachisu beekuu dhiisuu dandaʼu. (Fak. 14:10) Miirri kee miidhameera taanaan wanta sitti dhagaʼamu obboloota bilchina qabanitti himi. Gargaarsa akkamii akka barbaaddus itti himi. Jaarsa gumii itti dhihaachuun sitti salphatu tokko ykn lama haasofsiisuus ni dandeessa. Obboleettonni tokko tokko obboleettota bilchina qaban haasofsiisuun akka isaan gargaare hubataniiru.

17. Haalawwan rakkisoon jajjabina warra kaanii fudhachuun akka nutti ulfaatu godhan tokko tokko maalfaʼi? Injifachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

17 Warra kaanirraa adda of hin baasin. Tarii miirri kee waan miidhameef, warra kaan wajjin yeroo dabarsuu hin barbaaddu taʼa. Yeroo tokko tokko obboloonnii fi obboleettonni kee dogoggoraan si hubachuu ykn wanta si miidhu dubbachuu dandaʼu. (Yaq. 3:2) Haalli akkasii jajjabina si barbaachisu fudhachuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Jaarsi gumii Gaaviin jedhamuu fi dhiphina sammuu wajjin walʼaansoo godhu, “Yeroo baayʼee michoota koo wajjin haasaʼuuf ykn isaan wajjin yeroo dabarsuuf fedhii hin qabaadhu” jedheera. Taʼus, Gaaviin miirri kun akka isa injifatu hin heyyamne; warra kaan wajjin yeroo dabarsuunsaa isa fayyadeera. Obboleettiin Eemii jedhamtu akkana jetteetti: “Wanta kanaan dura na mudateen kan kaʼe namoota amanuun natti ulfaata. Taʼus, akkuma Yihowaatti obbolootaa fi obboleettota koo jaallachuu fi amanuu barachaan jira. Akkas gochuun koo Yihowaa akka gammachiisu beeka, anas na gammachiisa.”

WAADAAN YIHOWAAN GALE NU JAJJABEESSA

18. Wanta akkamii abdiidhaan eeggachuu dandeenya? Ammahoo maal gochuu dandeenya?

18 Yihowaan yeroo dhihootti miidhaa karaa qaamaas taʼe karaa miiraa nurra gaʼe guutummaatti akka fayyisu waan beeknuuf yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuu dandeenya. (Mul. 21:3, 4) Yeroo sanatti, wantoonni nu miidhanii turan “garaa [keessa] hin taaʼan.” (Isa. 65:17) Akkuma olitti ilaalaa dhufne Yihowaan ammumayyuu ‘madaa keenya nuuf hidha.’ Qophiiwwan Yihowaan jaalalaan kakaʼee jajjabinaa fi boqonnaa akka argattuuf godherraa guutummaatti fayyadami. Inni ‘akka siif yaadu’ matumaa hin shakkin.—1 Phe. 5:7.

FAARFANNAA 7 Yihowaa, Jabina Keenya

a Maqaawwan jijjiiramaniiru.

b Saanduqa, “ Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna” jedhu ilaali.

c “Rakkina [nuu fi Yihowaa] gidduutti uumameef furmaata” kennuuf cubbuu keenya akka nuuf dhiisu isa kadhachuudhaan, akkasumas amala keenya sirreessuudhaan yaada akka geddaranne argisiisuu qabna. Cubbuu cimaa yoo raawwannemmoo, jaarsolii gumii gargaarsa gaafachuu qabna.—Yaq. 5:14, 15.

d Fakkeenyaaf, barreeffama Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamurraa caqasoota mata duree “Yaaddoo” fi “Jajjabina” jedhu jalatti tarreeffaman ilaali.