Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Suuraa waltajjichaa fi baanarii gubbaatti fannifamee jiru akka gaariitti argisiisu

1922—Waggaa Dhibba Tokko Dura

1922—Waggaa Dhibba Tokko Dura

“WAAQAYYO karaa . . . Yesuus Kiristoos injifannoo . . . nuu kenne.” (1 Qor. 15:57) Caqasni waggaa bara 1922f filatame kun barattoonni Kitaaba Qulqulluu amanamoo taʼuun isaanii badhaasa akka isaaniif argamsiisu mirkanaaʼoo akka taʼan godheera. Waggaa sanatti Yihowaan labsitoota hinaaffaa qaban kana eebbiseera. Yeroo kitaabota isaanii ofuma isaaniitiin maxxanfachuu fi dhugaa Mootummichaa babalʼisuuf raadiyootti fayyadamuu jalqabanitti isaan eebbiseera. Bara 1922 gara boodaarra, Yihowaan saba isaa eebbisaa akka jiru ammas ifatti mulʼate. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii guddaa seena qabeessa Seedaar Pooyinti, Ohaayoo, Yuunaayitid Isteetisitti godhamurratti walitti qabamanii turan. Walgaʼiin sun hojii jaarmiyaa Yihowaa yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti hojjetamerratti jijjiirama fideera.

“YAADA BAAYʼEE NAMA GAMMACHIISU”

Hojiin lallabaa babalʼachaa yeroo deemu barreeffamoonni dabalataa ni barbaachisu. Obboloonni Biruukiliin Beetelitti tajaajilan barruulee qopheessaa kan turan taʼus, kitaabota qola fufurdaa qaban maxxansuuf garuu kaampaanii hojii maxxansaa hojjetutti fayyadamu turan. Booda garuu kaampaaniin sun jiʼoota hedduudhaaf kitaabota hojii lallabaatiif barbaachisan gaʼaa taʼan maxxansuu hin dandeenye; kanaafuu, obboleessi keenya Raazarfoordi kitaabota mataa keenyaa maxxanfachuu kan dandeenyu taʼuu isaa itti gaafatamaa warshaa kan taʼe Roobarti Maartiin gaafate.

Warshaa Konkoordi Istiriit Biruukiliin, Niiwu Yoorki ture

Obboleessi keenya Maartiinis akkana jedhe: “Kun yaada baayʼee nama gammachiisudha; warshaa kitaaba maxxansuu dandaʼu bananna jechuudha.” Obboloonnis Biruukiliin keessatti naannoo 18 Konkoordi Istiriit jedhamu biratti iddoo kireeffatan; meeshaalee isaan barbaachisanis argatanii turan.

Guddina kanatti kan gammade garuu nama hunda hin turre. Pireezidaantiin kaampaanii kitaabota keenya maxxansaa turee warshaa keenya isa haaraa daawwate. Innis akkana jedhe: “Maashinii kitaaba maxxansu baayʼee gaarii taʼe qabdu; garuu isin keessaa namni itti fayyadama isaa beeku tokkollee hin jiru. Maashiniin qabdan hundi jiʼa jaʼa keessatti faayidaadhaa ala taʼa.”

Obboleessi keenya Maartiin, “Yaanni isaa sirrii fakkaata ture; taʼus, Gooftaan akka nu gargaaru beekna; inni yeroo hunda nu wajjin jira” jedheera. Wanti obboleessi keenya Maartiin dubbate sirriidha. Warshaa haaraan sun utuma baayʼee hin turin guyyaatti kitaaba 2,000 maxxansuu jalqabe.

Warshaa keessa maashinii maxxansaa isaanii bira dhaabbatanii

RAADIYOODHAAN NAMOOTA KUMAAN LAKKAAʼAMANIIF LALLABUU

Sabni Yihowaa kitaabota ofii isaanii maxxansuu qofa utuu hin taʼin, misiraachicha babalʼisuuf mala haaraatti, jechuunis tamsaasa raadiyootti fayyadamuu jalqabanii turan. Guraandhala 26, 1922 Dilbata waaree booda, obboleessi keenya Raazarfoordi yeroo jalqabaatiif raadiyoodhaan dubbate. Karaa buufata raadiyoo KOG Loos Anjalas, Kaalifoorniyaa, Yuunaayitid Isteetis keessatti argamuu haasaa, “Namoonni Yeroo Harʼaa Jiranii fi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa Hin Duʼan” jedhu dhiheessee ture.

Tilmaamaan namoonni 25,000 taʼan sagantaa kana dhaggeeffataniiru. Isaan keessaa tokko tokko dinqisiifannaa tamsaasa kanaaf qaban ibsuuf xalayaa erganiiru. Namoota xalayaa ergan keessaa tokko jiraataa Saantaa Aanaa, Kaalifoorniyaa kan taʼe Wiilaardi Ashfoordi. “Haasaa namatti toluu fi nama hawwatu” waan dhiheesseef obboleessa keenya Raazarfoordiin galateeffateera. Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Mana koo keessa namoonni sadii dhukkubsatanii ciisaniiru; kanaafuu, haasaa kee kan dhiheessitu naannoo nutti dhihaatuttillee utuu taʼee dhufuu hin dandeenyu turre.”

Torbeewwan itti aananii jiranittis tamsaasawwan dabalataa dhihaataniiru. Dhuma waggichaatti, Masaraan Eegumsaa tilmaamaan “namoonni 300,000 taʼan karaa raadiyoo ergicha akka dhagaʼan” gabaaseera.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu deebiin argatan baayʼee waan isaan jajjabeesseef, lafa Isteetan Aaylaandi keessatti argamuu fi Biruukiliin Beetelirraa fagoo hin taanetti buufata raadiyoo mataa isaanii ijaaruuf murteessan. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu waggoota sana booda jiranitti ergaa Mootummichaa babalʼisuuf buufata raadiyoo WBBR jedhamu kanatti fayyadamaniiru.

“ADV”

Maxxansi Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1922 Seedaar Pooyinti Ohaayootti Fulbaana 5 hanga 13, 1922​tti walgaʼii guddaan akka geggeeffamu beeksisee ture. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu yommuu Seedaar Pooyinti gaʼan baayʼee gammadanii turan.

Obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa jalqabarratti dhiheesserratti namoota walitti qabamanii turaniin, “Gooftaan . . . walgaʼii kana akka eebbisuu fi lafa kanarratti isa kanaan duraa caalaa dhuga baʼiinsi guddaan akka kennamu akka godhu amanannaa guddaan qaba” jedhe. Obboloonni walgaʼicharratti haasaa dhiheessan hojii lallabaarratti akka hirmaatan irra deddeebiʼanii obboloota jajjabeessaniiru.

Tuuta namootaa bara 1922​tti Seedaar Pooyinti, Ohaayootti walgaʼii guddaarratti argaman

Achiis Jimaata, Fulbaana 8 namoonni 8,000 taʼanii fi galmicha keessatti argaman haasaa obboleessi keenya Raazarfoordi dhiheessu hawwiidhaan eeggachaa turan. Hiika qubeen “ADV” jedhuu fi waraqaa affeerrii isaaniirratti argamuu akka ibsu abdatanii turan. Namoonni hedduun yeroo taaʼaan maraa guddaa waltajjicha gubbaatti argamu akka ilaalan hin shakkisiisu. Aartar Kilaawus, inni walgaʼii sanarratti argamuuf Tulsaa, Oklaahomaa, Yuunaayitid Isteetisirraa dhufe bakka haasicha akka gaariitti dhaggeeffachuu dandaʼu taaʼee ture; yeroo sanatti maayikiraafooniin ykn ispiikariin sagalee guddisu waan hin jirreef iddoo akkasii argachuun salphaa hin turre.

“Wanta dubbatamu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa turre”

Dura taaʼaan walgaʼichaa eenyuyyuu haasicha akka hin jeeqneef, yeroo obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa dhiheessutti barfatanii gara galmichaatti seenuun akka hin heyyamamne beeksisa dubbatee ture. Ganama saʼaatii 3:30​tti obboleessi keenya Raazarfoordi wanta Yesuus Maatewos 4:17 irratti dubbatee fi ‘Mootummaan samii dhihaateera’ jedhu caqasuudhaan haasaa dhiheessuu jalqabe. Namoonni waaʼee Mootummaa kanaa dhagaʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Yesuus yeroo makaraatti hojii makaraa sabni isaa hojjetan akka geggeessu dubbateera; yeroo kanatti namoota dhugumaan amanamoo taʼan akka sassaabu ibseera.”

Obboleessi keenya Kilaawus inni galmicha keessa taaʼee ture, “Wanta dubbatamu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa turre” jedheera. Taʼus, akkuma tasaa waan dhukkubsateef galmicha keessaa baʼuun isa barbaachisee ture. Kilaawus deebiʼee akka seenu akka isaaf hin heyyamamne waan beekuuf baʼuu hin barbaanne; taʼus ni baʼe.

Daqiiqaa muraasa booda garuu isatti wayyaaʼuu jalqabe. Utuma gara galmichaatti deemaa jiruu namoonni yeroo harka walitti rukutan akka dhagaʼe dubbateera. Kunis wanta taʼaa jiru beekuuf akka hawwu isa taasise. Kutaa haasichaa isa hafe dhagaʼuu akka dandaʼuuf baaxiirra ol baʼuun kan isa barbaachisu taʼus akkas gochuuf murteesse. Obboleessi keenya Kilaawus inni yeroo sanatti dargaggeessa waggaa 23 ture baaxichatti ol baʼuu dandaʼeera. Iddoon isaa gaaddisa kan hin qabne taʼus “sagaleen akka gaariitti akka dhagaʼamu” hubateera.

Taʼus Kilaawus kophaa isaa hin turre. Hiriyoonni isaa tokko tokkos baaxicharra jiru turan. Isaan keessaa tokko kan taʼe Firaanki Joonsan, “Albee xinnoo qabdaa?” jedhee isa gaafate.

Kilaawusis “Eeyyee, qaba” jedhee deebise.

Achiis Firaanki, “Kun deebii kadhannaa keenyaati” jedhee deebise. Achiis akkana jedhe: “Maraa guddaa kana ni argitaa? Baanarii mismaaratti hidhamee jirudha. Yeroo Abbaan Murtii dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. * Yeroo inni, ‘beeksisaa, beeksisaa’ jedhu wadaroowwan arfan kana kuti.”

Kanaafuu, Kilaawus albee isaa harkatti qabatee warra kaan wajjin taʼuudhaan mallattoo isatti himame eeggachuu jalqabe. Achiis obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa isaa keessaa kutaa baayʼee barbaachisaa taʼerra gaʼe. Obboleessi keenya Raazarfoordi nama hinaaffaa cimaa qabu waan taʼeef, yeroo yaada kana dubbatetti sagalee guddaadhaan akka dubbate hin shakkisiisu: “Gooftaadhaaf dhugaa baatota amanamoo taʼaa. Hanga Baabilon haxaaʼamtee balleeffamtutti lolicharratti hirmaachuu keessan itti fufaa. Ergicha iddoo hundumaatti lallabaa. Yihowaan Waaqa akka taʼe, Yesuus Kiristoos immoo Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa akka taʼe addunyaan beekuu qaba. Guyyaan kun guyyaa hundarra caaludha. Kunoo, Mootichi bulchuu jalqabeera! Isin waaʼee kanaa nama hundatti akka himtaniif muudamtaniittu. Kanaafuu, Mootichaa fi Mootummaa isaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa!”

Kilaawus akka dubbatetti innii fi obboloonni kaan wadaroowwan sana yeroo kutan baanarichi suuta jedhee gadi diriire. Baanarichi qubee “ADV” * jedhu wajjin haala wal simuun, “Mootichaa fi Mootummicha Beeksisaa” jedha ture.

HOJII BAAYʼEE BARBAACHISAA TAʼE

Walgaʼii guddaan Seedaar Pooyintitti geggeeffame obboloonni hojii Mootummicha lallabuu isa baayʼee barbaachisaa taʼerratti akka xiyyeeffatan gargaareera; warri fedhii qaban hojicharratti gammachuudhaan hirmaataniiru. Kolportariin (amma qajeelchaa jedhama) Oklaahomaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatu tokko, “Naannoo nuti lallabaa turre keessa namoonni hedduun kasala kan baasanii fi baayʼee hiyyeeyyii turan” jedhee barreesseera. Yeroo baayʼee namoonni ergaa barruu Golden Age jedhamurratti argamu yeroo dubbisan “akka booʼan” dubbateera. Obboleessi kun, “Isaan jajjabeessuun mirga guddaadha” jedheera.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kun wanti Yesuus Luqaas 10:2 irratti, “Hojiin makarichaa guddaa dha, hojjettoonni garuu muraasa” jechuudhaan dubbate hammam iddoo guddaa akka qabu hubataniiru. Dhuma waggichaarratti ergaa Mootummichaa caalaatti balʼinaan labsuuf kutatanii turan.

^ Obboleessi keenya Raazarfoordi Mizoorii, Yuunaayitid Isteetis keessatti darbee darbee abbaa murtii taʼee waan hojjetuuf, yeroo tokko tokko “Abbaa Murtii” jedhamee waamama ture.

^ Qubeen ‘ADV’ jedhu gabaajee jecha Ingiliffaa ‘advertise’ jedhuuti; jechi kun hiika ‘lallabuu’ ykn ‘dhugaa baʼuu’ jedhu qaba.