Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 44

Abdii Kee Cimsadhu

Abdii Kee Cimsadhu

“Yihowaa abdadhu.”—FAR. 27:14.

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

QABIYYEE *

1. Yihowaan abdii akkamii nuuf kenneera?

 YIHOWAAN abdii jireenya bara baraa nuuf kenneera. Nu keessaa namoonni tokko tokko samiirra uumama hafuuraa hin duune taʼanii bara baraaf jiraachuuf abdatu. (1 Qor. 15:50, 53) Baayʼeen keenya garuu fayyaa guutuu fi gammachuu qabaannee bara baraaf lafarra jiraachuuf abdanna. (Mul. 21:3, 4) Bara baraaf jiraachuuf kan abdannu samiirras taʼe lafarra abdii keenyaaf iddoo guddaa kennina.

2. Abdiin keenya maalirratti hundaaʼe? Akkas kan jennu hoo maaliifi?

2 Jechi “abdii” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti akka itti hojjetametti “wantoonni gaariin ni dhufu jedhanii eeguu” argisiisuu dandaʼa. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii kan arganne Yihowaa biraa waan taʼeef, abdiin keenya amansiisaadha. (Rom. 15:13) Wantoota inni waadaa nuuf gale beekna; waadaa gale yeroo hundumaa akka eegus beekna. (Lak. 23:19) Yihowaan waadaa gale raawwachuuf fedhiis taʼe humna waan qabuuf, waadaa gale akka eegu mirkanaaʼoodha. Kanaafuu, abdiin keenya kan hundaaʼe abjuu ykn hawwiirratti utuu hin taʼin, ragaa qabatamaa taʼerrattidha.

3. Mata duree kana keessattii maal ilaalla? (Faarfannaa 27:14)

3 Abbaan keenya inni samii nu jaallata, akkasumas akka isatti amanamnu barbaada. (Faarfannaa 27:14 dubbisi.) Abdiin Yihowaarratti qabnu cimaa yoo taʼe qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuu, akkasumas gara fuulduraatti haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate ija jabeeyyii taanee fi gammachuu qabaannee itti fufuu dandeenya. Abdiin keenya eegumsa kan nuuf godhu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Jalqaba garuu abdiin keenya qofoo doonii fi baarmeexaa sibiilaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti akka taʼe ilaalla. Achiis akkamitti abdii keenya cimsachuu akka dandeenyu mariʼanna.

ABDIIN KEENYA AKKUMA QOFOO DONIITI

4. Abdiin qofoo doonii wajjin kan walfakaatu akkamitti? (Ibroota 6:19)

4 Phaawulos ergamaan xalayaa warra Ibrootaaf barreesserratti abdii keenya qofoo dooniitti fakkeesseera. (Ibroota 6:19 dubbisi.) Phaawulos yeroo baayʼee galaanarra waan imaluuf, qofoon doonii doonichi akka hin sochoone gochuuf akka fayyadu beeka. Yeroo tokko utuu galaanarra imalaa jiruu obomboleettii cimaan kaʼee ture. Yeroo sanatti dooniin isaanii kattaatti akka hin rukutamneef, namoonni dooniirratti hojjetan qofoo doonichaa bishaan keessa akka gad buusan argeera. (HoE. 27:29, 39-41) Akkuma qofoon doonii dooniin tokko iddoo isaatii akka hin sochoone godhu, abdiin keenyas yommuu rakkoowwan akka obomboleettii cimaa taʼan nu mudatanitti Yihowaarraa akka hin fagaanne nu gargaara. Yeroon rakkina keenya keessaa itti baanu akka dhufu mirkanaaʼoo waan taaneef, qorumsa ulfaataa keessattillee abdiin keenya inni cimaan tasgabbaaʼuuf nu gargaara. Yesuus ariʼatamni akka nurra gaʼu dubbachuu isaa yaadadhu. (Yoh. 15:20) Kanaafuu, waadaa Yihowaan nuuf galerratti xiinxaluun keenya isa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaara.

5. Yesuus yommuu duʼuuf akka jedhu beeketti abdii qabaachuun isaa jabaatee dhaabbachuuf kan isa gargaare akkamitti?

5 Yesuus duuti suukanneessaa taʼe akka isa eeggatu kan beeku taʼus, abdii qabaachuun isaa jabaatee dhaabbachuuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Pheexiros ergamaan raajii kitaaba Faarfannaarratti argamuu fi Yesuus baayʼee akka tasgabbaaʼuu fi amanannaa cimaa akka qabaatu ibsu caqasee ture. Akkana jedheera: “Ani abdiidhaan nan jiraadha; sababiin isaas ati Awwaala keessatti na hin dhiistu; inni siif amanamaa taʼe akka tortoru hin heyyamtu. . . . Fuula kee duratti gammachuu na quubsita.” (HoE. 2:25-28; Far. 16:8-11) Yesuus akka duʼu kan beeku taʼus, Waaqayyo duʼaa akka isa kaasuu fi gara samiitti deebiʼee Abbaa isaa wajjin gammachuudhaan akka jiraatu abdii cimaa qaba ture.—Ibr. 12:2, 3.

6. Obboleessi tokko abdii ilaalchisee maal jedhe?

6 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun abdiin qaban jabaatanii akka dhaabbatan isaan gargaareera. Mee fakkeenya obboleessa amanamaa Lenaardi Chiin jedhamuu fi Ingilaandi jiraachaa turee haa ilaallu. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti raayyaa waraanaatti makamuu waan dideef hidhamee ture. Jiʼa lamaaf kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu galee ture; achiis hojii humnaa baayʼee ulfaataa taʼe akka hojjetu dirqisiifame. Yeroo booda akkana jedhee barreesseera: “Haalli na mudate kun abdii qabaachuun jabaatanii dhaabbachuuf baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubachuuf na gargaareera. Gama kanaan Yesuus, ergamoonnii fi raajonni fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Waadaa dinqisiisaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamus baayʼee nu gargaara. Wantoonni kun hundi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii guddaa akka qabaannuu fi jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaru.” Abdiin Lenaardiif akka qofoo doonii taʼeera, nuufis akkasuma taʼuu dandaʼa.

7. Qorumsi abdii keenya kan cimsu akkamitti? (Roomaa 5:3-5; Yaaqoob 1:12)

7 Qorumsa keessatti jabaannee yommuu dhaabbannuu fi Yihowaan jireenya keenya keessatti akkamitti akka nu gargaare yommuu arginu isa biratti fudhatama akka arganne hubanna; kun immoo abdii keenya nuuf cimsa. (Roomaa 5:3-5; Yaaqoob 1:12 dubbisi.) Kanaafuu, abdiin keenya isa yeroo misiraachicha fudhanne caalaa cimaa taʼaa deema. Seexanni qorumsa nu mudatuuf akka harka kenninu kan barbaadu taʼus, gargaarsa Yihowaatiin qorumsa kamiyyuu milkaaʼinaan dandamachuu ni dandeenya.

ABDIIN KEENYA AKKUMA BAARMEEXAA SIBIILAATI

8. Abdiin keenya baarmeexaa sibiilaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? (1 Tasalonqee 5:8)

8 Kitaabni Qulqulluun abdii keenya baarmeexaa sibiilaattis ni fakkeessa. (1 Tasalonqee 5:8 dubbisi.) Loltuun tokko baarmeexaa sibiilaa kan kaawwatu wantoota diinonni isatti darbatanirraa mataa isaa eeguufi. Lola Seexana wajjin goonurrattis sammuu keenya haleellaa isaarraa eeguu qabna. Seexanni nu qoruu fi ilaalcha keenya mancaasuuf wantoota garaa garaatti fayyadama. Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkoof eegumsa godhu, abdiin keenyas Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuu akka dandeenyuuf sammuu keenyaaf eegumsa godha.

9. Namoonni abdii hin qabne maal godhu?

9 Abdii jireenya bara baraa qabaachuun keenya ogummaa fi hubannaadhaan deddeebiʼuuf nu gargaara. Gama biraatiin abdiin keenya yoo laafee fi ilaalchi foonii akka nu toʼatu yoo heyyamne galma keenya isa guddaa, jechuunis jireenya bara baraarratti xiyyeeffachuu dhiisna. Kiristiyaanota gumii Qorontos durii keessa jiraachaa turan tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Isaan waadaa Waaqayyo gale isa guddaa, jechuunis abdii duʼaa kaʼuurratti amantii dhabanii turan. (1 Qor. 15:12) Phaawulos namoonni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii hin qabne fedhii foonii isaanii guuttachuurratti akka xiyyeeffatan dubbateera. (1 Qor. 15:32) Yeroo harʼaatti namoonni waadaawwan Waaqayyo galerratti amantii hin qabne hedduun gammachuu argachuuf wanta kamiiyyuu gochuurraa duubatti hin jedhan. Nuti garuu waadaa Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galerratti amantii qabna. Abdiin keenya inni akkuma baarmeexaa sibiilaa taʼe sammuu keenyaaf eegumsa godha, akkasumas garmalee ofirratti xiyyeeffachuudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balaadhaaf akka hin saaxille nu gargaara.—1 Qor. 15:33, 34.

10. Abdiin yaada dogoggoraarraa kan nu eegu akkamitti?

10 Abdiin keenya Yihowaa gammachiisuun gatii akka hin qabnetti yaaduurraas nu eega. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko akkana jedhanii yaadu taʼa: ‘Ani matumaa namoota bara baraaf jiraatan keessaa tokko taʼuu hin dandaʼu. Ani nama gaarii miti. Yoomiyyuu ulaagaa Waaqayyo narraa barbaadu guutuu hin dandaʼu.’ Eliifaaz wantuma kana wajjin wal fakkaatu Iyoobitti himee akka ture yaadadhu. Eliifaaz, “Namni duʼu qulqulluu taʼuu . . . ni dandaʼaa?” jedheera. Yeroo waaʼee Waaqayyoo dubbatu, “Kunoo, inni qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu, samiin illee ija isaa duratti qulqulluu miti” jedheera. (Iyo. 15:14, 15) Kun soba guddaadha! Yaada akkasii duuba kan jiru Seexana akka taʼe yaadadhu. Seexanni yaada akkasiirratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe abdiin kee akka badu beeka. Kanaafuu, soba akkasiirraa fagaachuudhaan waadaawwan Yihowaan galerratti xiyyeeffadhu. Yihowaan bara baraaf akka jiraattu akka barbaaduu fi galma kanarra akka geessu akka si gargaaru matumaa hin shakkin.—1 Xim. 2:3, 4.

ABDII KEE CIMSADHU

11. Hanga abdiin keenya raawwatamutti obsaan eeggachuu kan qabnu maaliifi?

11 Abdiin keenya cimaa taʼe akka itti fufu gochuun yeroo hunda salphaa miti. Waaqayyo waadaawwan gale hamma raawwatutti eeguun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hundumaa waan jiruuf, ilaalchi inni yeroodhaaf qabu kan keenyarraa addadha. (2 Phe. 3:8, 9) Kaayyoo isaa kan raawwatu karaa hundarra wayyuun taʼus, yeroo nuti eegnetti taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo waadaawwan Waaqayyo gale itti raawwataman obsaan eeggachaa jirru kanatti abdii keenya cimsachuuf maaltu nu gargaara?—Yaq. 5:7, 8.

12. Akka Ibroota 11:1, 6 irratti ibsametti abdiin amantii wajjin kan wal qabatu akkamitti?

12 Yihowaa isa abdii amansiisaa nuuf kennetti yeroo caalaatti dhihaannu abdiin keenya caalaatti cimaa deema. Kitaabni Qulqulluun abdii qabaachuuf Yihowaan akka jiruu fi “warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu” amanuu akka qabnu ibsa. (Ibroota 11:1, 6 dubbisi.) Yommuu Yihowaan caalaatti nuuf dhugoomaa deemu waadaa gale hundumaa akka raawwatu amanannaan qabnus cimaa deema. Mee karaawwan hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuudhaan abdii keenya jabeeffachuu itti dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.

Kadhachuu fi xiinxaluun abdii keenya cimsachuuf nu gargaara (Keeyyata 13-15 ilaali) *

13. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Yihowaatti kadhannaa dhiheessi, Kitaaba Qulqulluus dubbisi. Yihowaa arguu kan hin dandeenye taʼus, isatti dhihaachuu ni dandeenya. Akka nu dhagaʼu amanannaa qabaachuudhaan kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dandeenya. (Er. 29:11, 12) Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan immoo isa dhagaʼuu dandeenya. Yihowaan bara duriitti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan kan kunuunse akkamitti akka taʼe yommuu dubbisnu abdiin keenya caalaatti cimaa deema. Wantoonni Dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffaman hundi “jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, . . . barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”—Rom. 15:4.

14. Wanta Yihowaan warra kaaniif godherratti xiinxaluun kan nu fayyadu akkamitti?

14 Yihowaan waadaa gale kan raawwate akkamitti akka taʼe xiinxali. Mee wanta Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraadhaaf raawwate haa ilaallu. Umurii ijoollee godhachuu itti dandaʼanirra darbanii kan turan taʼus, Waaqayyo mucaa akka godhatan waadaa isaaniif gale. (Uma. 18:10) Garuu Abrahaam waadaa kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Kitaabni Qulqulluun, “Abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera” jedha. (Rom. 4:18) Akka ilaalcha namaatti haalli isaa abdii kan hin qabne fakkaatus, Abrahaam Yihowaan waadaa gale akka eegu amanannaa qaba ture. Wanti inni abdate kunis utuu hin raawwatamiin hin hafne. (Rom. 4:19-21) Seenaawwan akkasii yeroo haalli isaa kan hin dandaʼamne fakkaatuttillee, Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale akka raawwatu amanannaa qabaachuu akka dandeenyu nu barsiisu.

15. Wantoota Waaqayyo nuuf godherratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi?

15 Wanta Yihowaan siif godherratti yaadi. Waadaa Waaqayyo galee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu raawwatamuu isaatti dhuunfaatti kan fayyadamte akkamitti akka taʼe yaadi. Fakkeenyaaf, Yesuus Abbaan isaa wanta si barbaachisu akka siif guutu dubbateera. (Mat. 6:32, 33) Kana malees, Yihowaan hafuura qulqulluu yoo isa kadhatte akka siif kennu siif mirkaneesseera. (Luq. 11:13) Yihowaan waadaawwan kana nuuf raawwateera. Waaʼee waadaawwan kan biroo inni siif raawwatees yaaduu dandeessa. Fakkeenyaaf, dhiifama siif gochuuf, si jajjabeessuu fi karaa hafuuraa si sooruuf waadaa siif galeera. (Mat. 6:14; 24:45; 2 Qor. 1:3) Wanta Waaqayyo hamma yoonaatti siif godherratti yeroo xiinxaltu yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii qabdu jabeeffatta.

ABDICHATTI GAMADI

16. Abdiin kennaa dinqisiisaadha kan jennu maaliifi?

16 Abdiin jireenya bara baraa kennaa dinqisiisaa Waaqayyo nuuf kennedha. Gara fuulduraatti yeroo baayʼee dinqisiisaa taʼetu nu eeggata; yeroon kun akka dhufus mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Abdiin keenya inni qofoo dooniitti fakkeeffame qorumsa keessatti jabaannee akka dhaabbannu, ariʼatama akka dandamannuu fi duʼa akka hin sodaanne jabina nuuf kenna. Abdiin keenya baarmeexaa sibiilaattis kan fakkeeffame yeroo taʼu, sammuu keenyaaf eegumsa gochuudhaan wanta dogoggora taʼerraa fagaannee wanta gaariitti akka maxxannu nu gargaara. Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kun Waaqayyootti dhihaachuu fi jaalalli inni nuuf qabu hammam guddaa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Abdiin keenya ifaa fi cimaa taʼee akka itti fufu yommuu goonu faayidaa guddaa arganna.

17. Abdiin keenya gammachuu kan nuuf argamsiisu akkamitti?

17 Phaawulos ergamaan xalayaa warra Roomaaf barreesserratti, “Abdichatti gammadaa” jedheera. (Rom. 12:12) Phaawulos kan gammade yoo amanamaa taʼee itti fufe samii keessatti jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa waan taʼeefi. Nutis Yihowaan waadaa gale akka eegu mirkanaaʼaa waan taaneef, abdii keenyatti gammaduu ni dandeenya. Faarfatichi akka barreessetti, ‘namni Waaqa isaa Yihowaa abdatu gammadaa dha; inni yeroo hundumaa amanamaa dha.’—Far. 146:5, 6.

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

^ Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii dinqisiisaa nuu kenneera. Abdiin kun jireenyi keenya gammachiisaa akka taʼuu fi rakkina yeroo ammaatti nu mudaturratti akka hin xiyyeeffanne nu gargaara. Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate humna amanamoo taanee itti fufuuf nu gargaara nuuf kenna. Yaadawwan sammuu keenya mancaasanirraas nu eega. Akkuma mata duree kana keessatti ilaallu, sababiiwwan kun abdii keenya cimsachuuf nu kakaasu.

^ IBSA FAKKII: Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkootiif eegumsa godhu, akkasumas akkuma qofoon doonii dooniin tokko iddoo isaatii akka hin sochoone godhu, abdiin keenyas yommuu qorumsi nu mudatu sammuu keenyaaf eegumsa godha, akkasumas jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. Obboleettiin takka amanannaadhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa jirti. Obboleessi tokko Waaqayyo waadaa Abrahaamiif gale akkamitti akka raawwate xiinxalaa jira. Obboleessi kan biraanimmoo eebbawwan argaterratti xiinxalaa jira.