Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Israaʼelonni Durii Waraanarratti Hirmaataniiru Erga Taʼee, Nuti Maaliif hin Hirmaannu?

Israaʼelonni Durii Waraanarratti Hirmaataniiru Erga Taʼee, Nuti Maaliif hin Hirmaannu?

YEROO Waraana Addunyaa Lammaffaatti qondaalli Naazii tokko Dhugaa Baatota Yihowaa muraasaan, “Faransaayiin ykn Ingilaandiin loluu yoo diddan ni ajjeefamtu” jedhee ture. Loltoonni Naazii akka gaariitti hidhatan kan jiran taʼus, obboloota sana keessaa ejjennoo isaa kan laaffise hin jiru. Kun ija jabina guddaa gaafata. Wanti obboloonni kun godhan ilaalcha nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa Qabnu akka gaariitti kan ibsu dha; waraana addunyaa kanaarratti hin hirmaannu. Akka nu ajjeesan yoo nu doorsisanillee walitti buʼiinsa addunyaa keessatti kaʼu kamiyyuu hin deggerru.

Yaada kanarratti kan walii galan namoota Kiristiyaanota ofiin jedhan hunda miti. Baayʼeen isaanii Kiristiyaanni tokko biyya isaatiif loluu akka dandaʼuu fi akka isarraa eegamu amanu. Tarii, ‘Israaʼelonni durii saba Waaqayyoo turan waraanarratti hirmaataniiru; Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran kan hin hirmaanne maaliifiree?’ jedhanii sababii dhiheessu taʼa. Maarree, ati gaaffii kanaaf deebii akkamii kennita? Haalli Israaʼelota durii haala saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranirraa baayʼee adda akka taʼe ibsuu ni dandeessa. Mee garaa garummaa jiru shan haa ilaallu.

1. SABNI WAAQAYYOO HUNDI KUTAA SABA TOKKOOTI

Bara duriitti, Yihowaan saba isaa akka taʼan kan filate saba tokko, jechuunis saba Israaʼeli. Isaan ‘saboota hundumaa keessaa isaaf qabeenya addaa’ akka taʼan ibseera. (Bau. 19:5) Waaqayyo daangaa isaanii adda baaseera. Kanaafuu, Waaqayyo Israaʼelonni saboota kan biroo akka lolan yeroo ajaju isaan obboloota isaanii hin lolan ykn hin ajjeesan jechuudha. *

Yeroo harʼaatti, namoonni Yihowaa waaqeffatan, “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa” kan dhufani dha. (Mul. 7:9) Kanaafuu, sabni Waaqayyoo yoo waraanarratti hirmaatan kan lolan ykn kan ajjeesan obboloota isaaniiti.

2. YIHOWAAN ISRAAʼELONNI WARAANARRATTI AKKA HIRMAATAN AJAJEERA

Bara duriitti, Israaʼelonni yoomii fi maaliif waraanarratti akka hirmaatan kan murteessu Yihowaa ture. Fakkeenyaaf, Kanaʼaanonni jinnii waan waaqeffataniif, gocha halalummaa suukanneessaa taʼe waan raawwatanii fi ijoollee isaanii aarsaa waan godhaniif, Israaʼelotatti fayyadamee isaan adabeera. Yihowaan Israaʼelonni biyya waadaa isaaniif gale keessaa gocha dhiibbaa gadhee geessisu akkasii akka balleessan isaan ajajeera. (Lew. 18:24, 25) Israaʼelonni biyyatti abdachiifamtetti erga galanii boodas Waaqayyo diinota isaan cunqursanirraa of eeguuf waraanarratti akka hirmaatan isaaniif heyyameera. (2 Sam. 5:17-25) Taʼus, Yihowaan Israaʼelonni murtoo mataa isaaniitiin waraanarratti akka hirmaatan isaaniif heyyamee hin beeku. Ofuma isaaniitiin kakaʼanii yeroo waraanarratti hirmaatan yeroo baayʼee miidhaatu isaanirra gaʼa.—Lak. 14:41-45; 2 Sen. 35:20-24.

Yeroo harʼaatti, Yihowaan namoonni waraanarratti akka hirmaatan hin ajajne. Mootummoonni waraanarratti kan hirmaatan fedhii Waaqayyoo utuu hin taʼin, fedhii namootaa raawwachuufi. Waraana kan jalqaban daangaa isaanii balʼifachuuf, faayidaa dinagdee argachuuf ykn ilaalcha siyaasaa isaanii babalʼisuufi. Waaʼee namoota waaqeffannaa isaaniitiif eegumsa gochuuf ykn diinota Waaqayyoo balleessuuf jecha maqaa Waaqayyootiin waraana akka geggeessan dubbatanii hoo maal jechuu dandeenya? Yihowaan gara fuulduraatti waraana Armaagedoonirratti waaqeffattoota isaatiif eegumsa ni godha, diinota isaammoo ni balleessa. (Mul. 16:14, 16) Raayyaan Waaqayyoo waraana sanarratti hirmaatu guutummaa humnoota samii malee, namoota lafarratti Yihowaa waaqeffatan kan dabalatu miti.—Mul. 19:11-15.

3. ISRAAʼELONNI NAMOOTA AMANTII AKKA QABAN ARGISIISAN HIN MIINE

Yihowaan akkuma waraana Yerikoorratti Rahaabii fi maatii ishii oolche waraanni yeroo harʼaatti geggeeffamu namoota Yihowaaf amanaman ni oolchaa?

Bara duriitti, Israaʼelonni yeroo baayʼee namoota amantii akka qaban argisiisanitti gara laafina argisiisaniiru; kan ajjeesan namoota Waaqayyo akka balleeffaman isaanitti murteesse qofadha. Mee fakkeenya lama haa ilaallu. Yihowaan Yerikoon akka balleeffamtu ajaja kan kenne taʼus, Israaʼelonni Rahaab amantii akka qabdu waan argisiisteef ishii fi maatii ishii oolchaniiru. (Iya. 2:9-16; 6:16, 17) Yeroo boodas, Giibeʼononni garaadhaa Waaqayyoon akka sodaatan yeroo argisiisanitti magaalaan isaanii badiisarraa oolteetti.—Iya. 9:3-9, 17-19.

Yeroo harʼaatti, mootummoonni waraana geggeessan namoota amantii akka qaban argisiisan hin oolchan. Yeroo tokko tokko waraana mootummoota gidduutti geggeeffamurratti namoonni balleessaa hin qabne ni ajjeefamu.

4. ISRAAʼELONNI SEERA WAAQAYYO WARAANA ILAALCHISEE BAASEEF AJAJAMUU QABU TURAN

Bara duriitti, Yihowaan loltoonni Israaʼel yeroo waraanarratti hirmaatan qajeelfama isaa akka eegan isaanirraa eega ture. Fakkeenyaaf, magaalaa tokkorratti waraana banuu isaanii dura “dhaamsa nagaa” akka ergan isaan ajajee ture. (Kes. 20:10) Kana malees, loltoonni Israaʼel karaa qaamaas taʼe, karaa naamusaa qulqulluu akka taʼan isaanirraa eega ture. (Kes. 23:9-14) Loltoonni saboota naannoo isaanii turanii naannoo toʼatanitti dubartoota kan gudeedan taʼus, Yihowaan Israaʼelonni gocha akkasii akka hin raawwanne isaan ajajeera. Namni tokko shamarree boojiʼamte takka fuudhuu kan dandaʼu magaalaa tokko qabatanii jiʼa tokko boodadha.—Kes. 21:10-13.

Yeroo harʼaatti, biyyoonni hedduun waraana ilaalchisee waliigaltee qabu. Waliigaltee kana kan godhan namoota waraanarratti hin hirmaanneef eegumsa gochuuf taʼus, kan nama gaddisiisu yeroo baayʼee waliigaltee kana ni cabsu.

5. WAAQAYYO SABA ISAATIIF LOLEERA

Yihowaan akkuma Yerikootti Israaʼelotaaf lole yeroo harʼaatti sabootaaf ni lolaa?

Bara duriitti, Yihowaan saba isaatiif loleera; yeroo baayʼee karaa dinqii taʼeen injifannoo isaaniif argamsiiseera. Fakkeenyaaf, Yihowaan Israaʼelonni Yerikoo akka toʼatan kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Qajeelfama Yihowaatiin sabichi “akkuma iyya waraanaa dhageessiseen dallichi ni jige,” sana booda magaalicha salphaatti qabachuu dandaʼaniiru. (Iya. 6:20) Amoorota kan injifatanoo akkamitti? “Yihowaan . . . samii irraa cabbii guguddaa isaan irratti roobse; isaanis ni dhuman. Warra goraadee Israaʼelotaatiin duʼan irra warra cabbii sanaan duʼantu caala ture.”—Iya. 10:6-11.

Yeroo harʼaatti, Yihowaan saba lafarra jiru kamiifiyyuu hin lolu. Mootummaan isaa “kutaa addunyaa kanaa miti.” Mootiin Mootummaa kanaa Yesuusi. (Yoh. 18:36) Mootummoota ilmaan namootaa hundumaarratti aangoo kan qabu garuu Seexanadha. Waraanni suukanneessaan addunyaarratti geggeeffamu eenyummaa isaa isa hamaa akka gaariitti ibsa.—Luq. 4:5, 6; 1 Yoh. 5:19.

KIRISTIYAANONNI DHUGAAN NAGAA UUMUUF CARAAQU

Akkuma olitti ilaalle haalli keenya haala Israaʼelota duriirraa baayʼee addadha. Taʼus, waraanarratti kan hin hirmaanne sababii kanaan qofa miti. Sababiiwwan kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, Waaqayyo bara dhumaatti warri isarraa baratan ‘waraana akka hin baranne’ raajii dubbateera; kanaafuu, waraanarratti hin hirmaatan jechuudha. (Isa. 2:2-4) Kiristoosis barattoonni isaa, ‘kutaa addunyaa akka hin taanee’ raajii dubbateera; kanaafuu, walitti buʼiinsa addunyaa keessatti kaʼu kamiyyuu hin deggeran.—Yoh. 15:19.

Kiristoos duuka buutonni isaa wanta dabalataa akka godhan isaan jajjabeesseera. Ilaalcha haaloo qabachuu, aarii fi waraanatti geessurraa akka fagaatan isaan ajajeera. (Mat. 5:21, 22) Kana malees, ‘nagaa akka uumanii’ fi diinota isaanii akka jaallatan isaan barsiiseera.—Mat. 5:9, 44.

Nutoo dhuunfaatti kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Waraana kamirrattiyyuu hirmaachuuf fedhii akka hin qabne beekamaadha; taʼus, jibbi gumii keessatti walitti buʼiinsi ykn wal qoqqoodinsi akka uumamu godhu garaa keenya keessa jiraa laata? Miira akkasii guutummaatti of keessaa balleessuuf carraaqqii gochuu keenya itti haa fufnu.—Yaq. 4:1, 11.

Waraana sabootaarratti hirmaachuu mannaa nagaa fi jaalalli akka babalʼatu goona. (Yoh. 13:34, 35) Yeroo Yihowaan waraana hunda bara baraaf itti balleessu eeggachaa jirru kanatti siyaasarraa walaba taanee itti fufuuf haa murteessinu.—Far. 46:9.

^ Darbee darbee gosoota Israaʼel keessatti lolli ni kaʼa ture; taʼus Yihowaan kanatti hin gammadu. (1 Mot. 12:24) Waraana gosoota isa ganan ykn cubbuu cimaa kan biraa raawwatanirratti godhamu yeroo itti deggere garuu qaba.—Abo. 20:3-35; 2 Sen. 13:3-18; 25:14-22; 28:1-8.