Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 43

Ogummaa Dhugaan Sagalee Ishii Ol Kaastee Iyyiti

Ogummaa Dhugaan Sagalee Ishii Ol Kaastee Iyyiti

“Ogummaa dhugaan daandii irratti sagalee ishii ol kaastee iyyiti. Addabaabayii keessattis sagalee ishii ittuma dabaltee iyyiti.”—FAK. 1:20.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

QABIYYEE *

1. Namoonni hedduun gorsa Kitaaba Qulqulluu ogummaarratti hundaaʼeef ilaalcha akkamii qabu? (Fakkeenya 1:20, 21)

 BIYYOOTA hedduu keessatti babalʼistoonni Mootummichaa gammadoo taʼan daandii namoonni itti baayʼatanirra dhaabbatanii namootaaf yommuu barreeffamoota kennan yeroo baayʼee argineerra. Ati gosa tajaajilaa gammachiisaa taʼe kanarratti hirmaattee beektaa? Taanaan, fakkeenya kitaaba Fakkeenyaa keessatti argamuu fi ogummaan namoonni gorsa ishii akka dhagaʼaniif addabaabayiirratti sagalee ishii ol kaastee akka iyyitu ibsu yaaddee beekta taʼa. (Fakkeenya 1:20, 21 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni keenya “ogummaa dhugaa,” jechuunis ogummaa Yihowaa of keessatti kan qabatanidha. Ogummaan kun wanta namoonni jireenya bara baraa argachuuf isaan barbaachisudha. Namni tokko yommuu barreeffama keenya fudhatu baayʼee gammanna. Taʼus, barreeffama keenya kan fudhatu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu dhagaʼuuf fedhii hin qaban. Kaanimmoo nutti kolfu. Kitaabni Qulqulluun yeroon kan itti darbe akka taʼetti yaadu. Namoonni kan biroonimmoo barumsa Kitaabni Qulqulluun naamusa ilaalchisee kennu qeequ. Warra ulaagaa kana hordofanis gara jabeeyyii fi garmalee qajeeloo kan of godhan akka taʼanitti ilaalu. Taʼus, Yihowaan namni hundi ogummaa dhugaa akka argatuuf carraa baneera. Kana kan godhe karaawwan kamiini?

2. Yeroo harʼaatti ogummaa dhugaa eessaa argachuu dandeenya? Namoonni hedduun hoo maal gochuuf filataniiru?

2 Yihowaan Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee namoonni karaa itti ogummaa dhugaa dhagaʼan baneera. Kitaaba kana namoonni hundi argachuu ni dandaʼu jechuun ni dandaʼama. Waaʼee barreeffamoota keenyaa hoo maal jechuu dandeenya? Yihowaa galanni haa gaʼuutii, barreeffamoonni keenya afaanota 1,000oliin ni argamu. Namoonni barreeffamoota keenya dubbisanii fi wanta baratan hojiirra oolchan faayidaa guddaa argatu. Haa taʼu malee, namoonni hedduun sagalee ogummaa dhugaa dhagaʼuu hin barbaadan. Yommuu murtoo godhan miiruma isaanii ykn yaada namaa dhaggeeffachuu filatu. Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu waan hordofnuuf nu tuffachuullee dandaʼu. Mata dureen kun namoonni filannaa akkasii kan godhan maaliif akka taʼe ibsa. Jalqaba garuu Yihowaa biraa ogummaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

YIHOWAA BEEKUUN OGUMMAA ARGAMSIISA

3. Ogummaa dhugaan maal dabalata?

3 Ogummaan dandeettii beekumsatti fayyadamanii murtoo gaarii gochuu argisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ogummaa dhugaan kana caalaa wanta dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti, Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana beekuunis hubannaa dha.” (Fak. 9:10) Kanaafuu, yommuu murtoo barbaachisaa taʼe tokko goonu murtoon keenya ilaalcha Yihowaarratti, jechuunis beekumsa “isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe” sanaarratti akka hundaaʼu gochuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanirratti qorannoo gochuudhaani. Yommuu akkas goonu ogummaa dhugaa akka qabnu argisiisna.—Fak. 2:5-7.

4. Ogummaa dhugaa nuuf kennu kan dandaʼu Yihowaa qofadha kan jennu maaliifi?

4 Ogummaa dhugaa nuuf kennuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. (Rom. 16:27) Yihowaan madda ogummaati kan jennu maaliifi? Tokkoffaa, Uumaa waan taʼeef, waaʼee uumamawwan isaa beekumsaa fi hubannaa daangaa hin qabne qaba. (Far. 104:24) Lammaffaa, gochi Yihowaa hundi ogummaa isaa calaqqisiisa. (Rom. 11:33) Sadaffaa, namoonni gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼe hojiirra oolchan yeroo hundumaa faayidaa argatu. (Fak. 2:10-12) Ogummaa dhugaa argachuu yoo barbaanne dhugaawwan buʼuuraa kana amannee fudhachuu, akkasumas murtoo fi gocha keenya akka nuuf qajeelchan heyyamuu qabna.

5. Yommuu namoonni Yihowaan Madda ogummaa dhugaa akka taʼe amananii fudhachuu didan maaltu taʼa?

5 Namoonni tajaajilarratti argannu hedduun uumama ni dinqisiifatu; taʼus, Uumaan jiraachuu isaa ni haalu. Namoonni kaanimmoo Waaqayyotti akka amanan kan dubbatan taʼus, ulaagaan Kitaaba Qulqulluu yeroon kan itti darbe akka taʼetti ilaalu, akkasumas akkaataa jireenyaa mataa isaanii hordofuuf filatu. Garuu kun buʼaa argamsiiseeraa? Ogummaa Waaqayyoo mannaa, kan ofii isaanitti amanamuun isaanii addunyaan kun bakka gaarii akka taʼu taasiseeraa? Gammachuu fi abdii amansiisaa qabuu? Wanti naannoo keenyatti arginu yaadni, “Ogummaan, hubannaan yookiin gorsi Yihowaa mormu gatii hin qabu” jedhu dhugaa taʼuu isaa nuuf mirkaneessa. (Fak. 21:30) Kunis Yihowaan ogummaa akka nuuf kennuu gaafachuu keenya akka itti fufnu nu kakaasa. Kan nama gaddisiisu garuu namoonni hedduun akkas hin godhan. Maaliif?

NAMOONNI OGUMMAA DHUGAA FUDHACHUU KAN DIDAN MAALIIFI?

6. Akka Fakkeenyi 1:22-25 jedhutti, namoonni ogummaa dhugaa dhagaʼuu hin barbaanne eenyufaʼi?

6 Namoonni heduun ogummaa dhugaan ‘daandii irratti sagalee ishii ol kaastee yommuu iyyitu’ dhagaʼuu hin barbaadan. Akka Kitaaba Qulqulluutti gareewwan namootaa ogummaa dhagaʼuu didan sadi jiru; isaanis, ‘warra muuxannoo hin qabne’ ‘warra qoosanii’ fi ‘gowwoota’ dha. (Fakkeenya 1:22-25 dubbisi.) Mee amaloota namoonni kun ogummaa Waaqayyoo akka hin fudhanne taasisan gadi fageenyaan haa ilaallu; achiis amaloota kana horachuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

7. Namoonni tokko tokko ‘muuxannoo kan hin qabne’ taʼanii itti fufuuf kan filatan maaliifi?

7 ‘Warri muuxannoo hin qabne’ namoota wanta dhagaʼan hunda amananii fi salphaatti gowwoomfamanidha. (Fak. 14:15, milj.) Namoonni akkasii yeroo baayʼee tajaajilarratti nu mudatu. Fakkeenyaaf, waaʼee namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi geggeessitoota amantaa ykn siyaasaatiin gowwoomfamanii yaadi. Isaan keessaa tokko tokko geggeessitoonni kun akka isaan gowwoomsan yommuu hubatan baayʼee naʼu. Warri Fakkeenya 1:22 irratti ibsaman garuu, amalli isaanii kun waan isaanitti toluuf muuxannoo kan hin qabne taʼanii itti fufuu filatu. (Er. 5:31) Wanta barbaadan gochuun isaanitti tola; wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuus taʼe hojiirra oolchuu hin barbaadan. Namoonni hedduun akka dubartii amantaa cimsituu fi Kuubeek Kaanaadaa jiraattu tokkoo isaanitti dhagaʼama; dubartii kun Dhugaa Baatota ishii haasofsiisaniin, “Qeesiin keenya yoo nu dogoggorse, balleessaa isaati male balleessaa keenya miti” jetteetti. Nuti garuu akka namoota taʼe jedhanii daandii gowwummaa hordofanii taʼu hin barbaannu.—Fak. 1:32; 27:12.

8. Wanti muuxannoo sirrii argachuuf nu gargaaru maalidha?

8 Kitaabni Qulqulluun muuxannoo kan hin qabne taʼu mannaa, ‘hubannaa keenyaan gaʼeessota akka taanu’ kan nu jajjabeessu taʼuun isaa sirriidha. (1 Qor. 14:20) Muuxannoo sirrii kan argannu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuudhaani. Dhugaawwan buʼuuraa kun rakkinarraa kan nu eeganii fi murtoo gaarii gochuuf kan nu gargaaran akkamitti akka taʼe suutuma suuta hubachaa deemna. Gama kanaan guddina goone gamaaggamuun keenya barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu kan qoʼattuu fi walgaʼiirratti kan argamtu taʼus jireenya kee Yihowaadhaaf murteessitee hin cuuphamne taanaan, galma kanarra gaʼuuf wanta gochuu dandeessurratti yaaduu qabda. Cuuphamteetta taanaanimmoo, misiraachicha lallabuu fi barsiisuurratti guddina gochaa jirtaa? Murtoon gootu qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin akka geggeeffamtu ni argisiisaa? Hariiroo namoota kaan wajjin qabdurratti amaloota Kiristiyaanaa ni argisiistaa? Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu akka qabdu yoo hubatte ‘yaadachiisa Yihowaa isa nama muuxannoo hin qabne ogeessa godhuuf’ xiyyeeffannaa kenni.—Far. 19:7.

9. ‘Qoostonni’ ogummaa fudhachuu akka hin barbaanne kan argisiisan akkamitti?

9 Gareen namootaa ogummaa Waaqayyoo fudhachuu didan inni lammaffaan ‘qoostota’ dha. Yeroo tokko tokko tajaajilarratti namoonni akkasii nu mudatu. Namoonni kun warra kaanitti qoosuu jaallatu. (Far. 123:4) Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti qoostonni hedduun akka jiraatan dubbata. (2 Phe. 3:3, 4) Akkuma soddoota Loox isa nama qajeelaa taʼe sanaa namoonni yeroo harʼaatti argaman tokko tokko akeekkachiisa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa hin kennan. (Uma. 19:14) Namoota ulaagaa Kitaaba Qulqulluu hordofanitti ni qoosu. Akkas kan godhan “fedhii isaanii isa hamaa” hordofuu waan barbaadaniifi. (Yih. 7, 17, 18) Wanti Kitaabni Qulqulluun qoostota ilaalchisee dubbatu, ilaalcha gantoonnii fi namoonni Yihowaa dhagaʼuu hin barbaanne kan biroon qaban akka gaariitti ibsa.

10. Akka Faarfannaa 1:1 irratti ibsametti daandii qoostotaarraa fagaachuu kan dandeenyuu akkamitti?

10 Daandii qoostotaa hordofuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko, namoota warra kaan qeequu amaleeffatanirraa fagaachuudha. (Faarfannaa 1:1 dubbisi.) Kana jechuun, wanta gantoonni qopheessan hin dhaggeeffannu ykn hin dubbisnu jechuudha. Yoo of eeggachuu baanne salphaadhumatti warra kaan qeequu amaleeffachuu fi Yihowaa fi qajeelfama karaa jaarmiyaa isaa argannu shakkuu jalqabuu akka dandeenyu beekna. Daandii akkasiirraa fagaachuuf akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yeroo baayʼee qajeelfama ykn ibsa haaraa nuuf kennamu nan komadhaa? Warra dura buutota taʼanirratti dogoggora nan funaanaa?’ Ilaalcha dogoggoraa qabnu akkasii dafnee kan sirreessinu yoo taʼe Yihowaan nutti gammada.—Fak. 3:34, 35.

11. ‘Gowwoonni’ ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiif ilaalcha akkamii qabu?

11 Gareen namootaa ogummaa dhagaʼuu hin barbaanne warri sadaffaanimmoo “gowwoota” dha. Namoonni kun ulaagaalee naamusaa Yihowaatiin jiraachuu waan hin barbaanneef gowwootadha. Wantuma sirrii isaanitti fakkaatu raawwatu. (Fak. 12:15) Yihowaa isa Madda ogummaa taʼe dhagaʼuu hin barbaadan. (Far. 53:1) Tajaajilarratti ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu waan kabajnuuf cimsanii nu qeequ. Taʼus, wanta kanarra wayyuu nuu kennuu hin dandaʼani. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan ogummaa dhugaa argachuu hin dandaʼu” jedha. (Fak. 24:7) Gowwoonni gorsa ogummaarratti hudaaʼe nuuf kennuu hin dandaʼani. Yihowaan, “Nama gowwaa irraa fagaadhu” jedhee kan nu akeekkachiise kanaafi.—Fak. 14:7.

12. Daandii gowwootaarraa fagaachuuf maaltu nu gargaara?

12 Namoota gorsa Waaqayyoo jibbanirraa haala faallaa taʼeen, ulaagaalee isaa dabalatee karaa Waaqayyo hundaaf jaalala ni horanna. Jaalala kanas buʼaa ajajamuun argamsiisuu fi miidhaa ajajamuu diduun geessisu wal bira qabuudhaan cimsachuu dandeenya. Namoota gowwoota gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hudaaʼe fudhachuu didanirra rakkinni akkamii akka gaʼu hubadhu. Achiis Waaqayyoof ajajamuu keetiin kan kaʼe jireenyi kee hammam akka fooyyaʼe yaadi.—Far. 32:8, 10.

13. Yihowaan gorsa isaa isa ogummaarratti hundaaʼe akka fudhannu nu dirqisiisaa?

13 Yihowaan namni hundi ogummaa akka argatuuf carraa baneera. Taʼus, ogummaa isaa akka fudhatu eenyuuniyyuu hin dirqisiisu. (Fak. 1:29-32) Haa taʼu malee, miidhaa ogummaa isaa dhagaʼuu diduun geessisu nutti himeera. Namoonni Yihowaadhaaf ajajamuu didan “miidhaa daandiin isaanii isaanitti fidu ni baatu.” Akkaataan jireenyaa isaanii dhiphina, rakkina, yeroo boodammoo badiisa isaanirraan geessisa. Karaa kanarraa adda taʼeen, warra gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼe dhagaʼanii fi hojiirra oolchaniif waadaan, “Namni na dhagaʼu garuu tasgabbiidhaan jiraata, balaan na irra gaʼa jedhees hin jeeqamu” jedhu galameera.—Fak. 1:33.

OGGUMMAA DHUGAAN FAAYIDAA NUUF ARGAMSIISA

Walgaʼiirratti hirmaachuun karaa hafuuraa nu cimsa (Keeyyata 15 ilaali)

14-15. Fakkeenya 4:23 irraa maal baranna?

14 Ogummaa Waaqayyoo yommuu hojiirra oolchinu yeroo hunda faayidaa arganna. Akkuma olitti ilaalle Yihowaan namni hundi gorsa isaa isa ogummaarratti hundaaʼe akka argatuuf carraa baneera. Fakkeenyaaf, guutummaa kitaaba Fakkeenyaa keessatti gorsa yeroon itti hin darbinee fi yoo hojiirra oolchine jireenya keenya nuuf fooyyessu nuuf kenneera. Mee isaan keessaa arfan isaanii qofa haa ilaallu.

15 Garaa kee eeggadhu. Kitaabni Qulqulluun gorsa akkas jedhu nuuf kenna: “Maddi jireenyaa isa keessaa waan argamuuf, wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu.” (Fak. 4:23) Fakkeenyaaf, fayyaa keenya eeggachuuf wantoonni gochuu qabnu jiru. Nyaata madaalamaa ni nyaanna, sochii qaamaa ni goona, akkasumas barsiifata gadheerraa ni fagaanna. Garaa keenyaaf eegumsa gochuufis wantuma kanaa wajjin wal fakkaatu goona. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisna. Walgaʼii Kiristiyaanaatiif ni qophoofna, irratti ni argamna, akkasumas hirmaannaa ni goona. Tajaajilarratti dhaabbataadhaan hirmaachuudhaanis karaa hafuuraa dammaqoo taanee itti fufna. Bashannana naamusaan ala taʼee fi michummaa gadhee dabalatee, wantoota sammuu keenya mancaasanirraa fagaachuudhaan barsiifata gadhee horachuurraa of eegna.

Maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun wanta qabnutti gammannee jiraachuuf nu gargaara (Keeyyata 16 ilaali)

16. Gorsi Fakkeenya 23:4, 5 irratti argamu yeroo harʼaatti kan nu gargaaru akkamitti?

16 Wanta qabdutti gammadii jiraadhu. Kitaabni Qulqulluun gorsa akkana jedhu nuuf kenna: “Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin. . . . Ija kee yommuu irra buufattu, inni achitti hin argamu, sababiin isaas, inni qoochoo akka risaa baasee gara samiitti barrisa.” (Fak. 23:4, 5) Maallaqaa fi qabeenya keenya salphaatti dhabuu dandeenya. Taʼus, sooreyyiinis taʼan hiyyeeyyiin waaʼee maallaqa baayʼee dhiphatu. Yeroo baayʼee wanta maqaa isaanii balleessu, hariiroo namoota wajjin qaban mancaasuu fi fayyaa isaaniillee miidhu kan raawwatan kanaafi. (Fak. 28:20; 1 Xim. 6:9, 10) Ogummaa qabaachuun keenya garuu, maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf nu gargaara. Ilaalchi akkasiimmoo sassatarraa nu eega, akkasumas wanta qabnutti gammannee jiraachuuf nu gargaara.—Lal. 7:12.

Dubbachuu keenya dura irratti yaaduun dubbiidhaan warra kaan miidhuurraa nu eega (Keeyyata 17 ilaali)

17. ‘Arraba ogeessotaa’ Fakkeenya 12:18 irratti caqasame qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Dubbachuu kee dura irratti yaadi. Of hin eeggannu taanaan, wanta dubbannuun miidhaa guddaa geessisuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana, arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.” (Fak. 12:18) Dogoggora warri kaan raawwatan namoota kaanitti himuudhaan babalʼisuurraa yommuu of qusannu nagaa uumna. (Fak. 20:19) Wanti dubbannu warra kaan kan miidhu utuu hin taʼin, kan ijaaru akka taʼu gochuuf, garaa keenya beekumsa Dubbii Waaqayyootiin guutuu qabna. (Luq. 6:45) Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhurratti yoomuu xiinxallu, wanti dubbannu ‘burqaa ogummaa’ warra kaan haaromsu taʼa.—Fak. 18:4.

Qajeelfama jaarmiyichaa hordofuun keenya tajaajila keenya fooyyessuuf nu gargaara (Keeyyata 18 ilaali)

18. Yaanni Fakkeenya 24:6 irratti argamu tajaajilarratti milkaaʼina argachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

18 Qajeelfama hordofi. Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii akkana jedhu nuuf kenna: “Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeen waraana kee ni geggeessita, gorsitoota hedduudhaanis milkaaʼinni ni argama.” (Fak. 24:6, milj.) Mee yaada kana hojiirra oolchuun keenya hojii lallabuu fi barsiisuurratti milkaaʼina akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Karaa mataa keenyaan tajaajila keenya raawwachuuf yaaluu mannaa, yaadawwan nuuf kennaman hojiirra oolchuuf yaalla. Walgaʼii keenyarraa qajeelfamoota ogummaarratti hundaaʼan ni arganna. Obboloonni muuxannoo qabanis haasaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi kutaa nu leenjisu nuuf dhiiheessu. Dabalataanis, jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee nu fayyadan, jechuunis barreeffamootaa fi viidiyoowwan namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaran nuuf qopheessa. Maarree, meeshaawwan kanatti fayyadamuu baratteettaa?

19. Ogummaa Yihowaan kennu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? (Fakkeenya 3:13-18)

19 Fakkeenya 3:13-18 dubbisi. Gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluurraa argannuuf Yihowaa baayʼee galateeffanna. Gorsa Yihowaa malee jiraachuu ykn gammachuu qabaachuu hin dandeenyu. Mata duree kana keessatti gorsawwan gaggaarii kitaaba Fakkeenyaa keessaa argachuu dandeenyu tokko tokko ilaalleerra. Dhugaadha, Dubbiin Waaqayyoo gorsa Yihowaatiin kan guutamedha. Gorsa Yihowaan nuuf kenne jireenya keenya hundumaa keessatti hojiirra oolchuuf haa murteessinu. Namoonni hedduun ogummaa Waaqayyootiif iddoo hin kennan; nuti garuu ‘warri cimsanii ogummaa qabatan gammadoo akka jedhaman’ beekna.

FAARFANNAA 36 Yaada Keenya ni Eegganna

^ Ogummaan Yihowaan kennu ogummaa addunyaan kennurra baayʼee caala. Mata duree kana keessatti fakkeenya kitaaba Fakkeenyaa keessatti argamuu fi ogummaan addabaabayii keessatti sagalee ishii ol kaastee akka iyyitu ibsu qorra. Kana malees, ogummaa dhugaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe, namoonni tokko tokko ogummaa dhugaa dhagaʼuu kan didan maaliif akka taʼee fi yommuu ogummaa dhaggeeffannu faayidaa akkamii akka argannu ilaalla.