MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Sadaasa 2016

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Muddee 26, 2016 hanga Amajjii 29, 2017⁠tti qoʼataman kan qabate dha

Jecha Hiika Guddaa Qabu!

Yesuus jecha kabaja argisiisuu caalaa hiika guddaa qabu isa kam fayyadame?

“Guyyaa Hundumaa Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa”

Namoota jajjabeessuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoota jajjabeessuu ilaalchisee Yihowaa, Yesuusii fi Phaawulos irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? Ati hoo akka gaariitti namoota jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti?

Dubbii Waaqayyoo Wajjin Haala Wal Simuun Gurmaaʼuu

Gurmeessuu irratti qaamni Yihowaadhaan qixxaatu hin jiru. Waaqeffattoonni isaas gurmaaʼuu qabu jennee eeguu hin qabnuu ree?

Dubbii Yihowaatiif Iddoo Guddaa ni Kennituu?

Sabni Waaqayyoo gorsa Dubbii isaa keessa jiru hojii irra ni oolchu, akkasumas jaarmiyaa isaa amanamummaadhaan ni deggeru.

“Hojiin Isaa Guddaa Dha”

Deggeruuf mirga argatteetta.

Dukkana Keessaa Waamamuu

Sabni Waaqayyoo Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti dukkana keessa seenan kan jennu maal irraa kaanee ti? Ifa argachuu kan jalqaban akkamitti? Kan argatan hoo Yoomi?

Amantii Sobaa Jalaa Bilisa Baʼaniiru

Sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalaa guutummaatti bilisa kan baʼan yoomi?

“Babalʼistoonni Mootummichaa Biritaaniyaa Keessa Jirtan—Dammaqaa!!”

Biritaaniyaa keessatti waggoota kudhaniif lakkoofsa babalʼistootaa irratti guddinni hin argamne! Wanti xumura irratti haalli isaa akka jijjiiramu godhe maali dha?